Nadhii A Adam

Nadhii A Adam Nadha nadhii

02/25/2026

Labsii gurmaa'ina aangoo fi hojii manneen murtii naannoo Oromiyaa murteessuf irra deebi'ee hundeffame lakk/216/2011 kwt 33 Dhaddachaa
1) Mana Murtii Waliigalaa fi Mana
Murtii Ol’aanatti dhimmi kamuu
dhaddacha yoo xiqqaate abbootiin
seeraa sadii itti moggaafamaniin
ilaalamee kanmurtaa’u ta’a.
2) Mana Murtii Aanaatti dhimmi ha-
riiroo hawaasaa tilmaamni maal-
laqaa isaa 300,000.00 (kuma dhib-
ba sadii) ol ta’e, dhimmi yakkaa
hidhaa baaxiin isaa waggaa 10 oliin
adabsiisuu danda’u dhaddacha Ab-
bootiin Seeraa sadii itti moggafa-
maniin ilaalamee kan murtaa’u ta’a.
3) Kan Keewwata kana Keewwata
Xiqqaa (2) jalatti tumame akkuma
eeggametti ta’ee, Pirezidaantiin Mana
Murtii Aanichaa baay’inni Abbaa
Seeraa gahaan Mana Murtichaa
keessa bakka hin jirretti Abbootii
Seeraa lamaa waliin Kadhimaamaa
yookiin Gargaaraan Abbaan Seeraa
moggaafamee dhimmicha akka ilaa-
lalu ajajuu ni danda’a.
4) Pirezidaantiin Mana Murtii Ol’aa-
naa yookiin Mana Murtii Aanaa
dhaddacha Mana Murtii itti hojj-
etutti dhimma kamirrattuu walit-
tiqabaa ta’ee moggaafamee hojja-
chuu ni danda’a.

02/25/2026

Qaamni seerummaa qabu (legal persons) galmee banachuu ni dandaha moo miti? Kan jedhu hiikko seeraa akka tahe ya hubanne. jildin 14ffaa L.g 79555 irratti immoo dambiin hiyyummaa nama dhuunfaaf(natural person) qofaaf osoo hin ta’in nama juridical persons ta’eef illee raawwatiinsa ni qabaata jette jechuu dhageenye .

raruun itti fufa !

01/30/2026

Namni Bu'uura Sdfs kwt 421tiin Qabeenyi Kabachiifame Kiyya Ta'uun Mirkanaa'ee Akka Naaf Labsamu Jechuun Himannaa Haarayaa Dhiyeessu Adeemsi Raawwii Qabeenyicha Irratti Eegalame Akka Naaf Dhorkamu (Yeroof Akka Dhaabbatu) Jechuun Gaafachuu Ni Danda'aa?

^^^^√√√^^^^^^√√√√√^^^^^^^^√√√√√√√√

Dhaddachi Ijibbaataa MMWF hiikkoo seeraa dhaddacha gaafa 15/04/2013 ooleen Lakk.Ga.184585 (Jildii 27ffaa) irratti sagalee caalmaatiin kenne keessatti:

👉Himannaa bu'uura sdfs kwt 421tiin dhiyaate irratti hanga murtiin kennamutti, murtiin iyyannoo akkaataa sdfs kwt 418tiin dhiyaate kufaa taasisuun kennamu ragga'ee kan turu ta'uun keewwaticha jalatti tumamee kan jiru ta'ullee, hanga murtiin qabeenya raawwiif kabajame irratti kennamutti galmee raawwii irratti murtiin ykn ajajni kennamu bu'aa falmii adeemsarra jiruu kan miidhu ta'uun isaa yoo mirkanaa'e, himannaan qabeenyicha ilaalchisee dhiyaate hanga xumura argatutti qabeenyicha ilaalchisee ajajni raawwii kennamu ykn kenname yeroodhaaf dhorkamee akka turu sababni hin taasifamneef hin jiru jedheera.

👉Kana malees, falmii adeemsarra jiru murteessuun kan danda'amu erga falmiin galmee biroo irratti adeemsifamaa jiru furmaata argatee booda ta'uun isaa yoo hubatame, manni murtichaa galmee harka isaa jiru beellamaan tursiisuu akka danda'u sdfs kwt 197(2) jalatti ibsameera.
👉Kaayyoon tumaa kanaa dhimma tokko irratti murtiiwwan addaa addaa ykn walfaallessan akka hin kennamne ykn murtii (ajajni) galmee tokko irratti kennamu falmii galmee biroo irratti adeemsifamu gatii akka hin dhabsiisne taasisuun qajeeltoowwan haqa adeemsaa, walfakkaattummaafi tilmaamamummaa mirkaneessuuf akka ta'e ni amanama jedheera.
👉Tumaan kun irra keessa wayita ilaalamu dhimma raawwii kan hin ilaallanne fakkaatullee sababa itti adeemsa raawwii irratti hojiirra hin oolleef hin qabu jedhaniiru.

✅Gama birootiin, abbaan seeraa sagalee caalmaa irraa yaadaan adda bahe: kaayyoon sdfs kwt 418fi 421 namni mirga hin qabne raawwii irratti danqaa akka hin taane ittisuufi namni mirga qabus carraa mirga qabeenyaa isaa kabachiifachuu akka hin dhabne taasisuudha.
✅Sdfs Keewwatni 197(2) dhimma raawwiifiif rogummaa hin qabu.
✅Kwt 421 jalatti hanga murtiin kennamutti ajajni bu'uura kwt 418tiin kenname ragga'ee tura kan jedhus himannaan dhiyaachuun adeemsa raawwii akka addaan hin kuchisiisne agarsiisa.
✅Garee 3ffaan mirga isaanii kabachiifachuuf himannaa dhiyeessan yoo mo'atan mirga qabeenyicha hordofuu waan qabaniif, nama adeemsa raawwiitiin bitate irraas deebisiifachuu ni danda'u jedheera. (Haalli kun akkaataa sdfs kwt 423(2)(e)tiin beeksisa caalbaasii keessatti waan ibsamuuf) Mee isin amansiisummaa murtii sagalee caalmaafi yaada addaa akkamitti ilaaltu❓

Join:-

Desalegn B

04/08/2024
Kitaaba kana dubbisaa yoo isinif mijate
01/18/2024

Kitaaba kana dubbisaa yoo isinif mijate

12/12/2023

Adabbii yakki hordofsiisu keessaa inni yakkamaaf balaafamaa ta'e adabbii bilisummaa mulqan warreen jedhamaniidha.

Qarshii yoo ta'e kaffaltiin raawwatamee gara hojiitti deebi'uu danda'a. Hojii humnaa yoo ta'es yeroo gabaabaa waan ta'eef xumuree hojiitti deebi'a.
Adabbiin bilisummaa mulqu garuu yakkamtichi bilisummaan isaa akka tuqamu godha.

Waan biraa miti, HIDHAADHA.

Seerichi hidhaa adabbii salphaafi hidhaa adabbii cimaa jechuun qoodee jira.

Kwt 106 fi 108

1. HIDHAA ADABBII SALPHAA( SIMPLE IMPRISONMENT)

Wantoota lama yeroo jiraatan adabbiin akkasii kennama;
1. Yakkichi cimaa (serious ) kan hin taaneefi
2. Yakkamtichi hawaasaaf balaafamaa yeroo hin taanettiidha.

haala addaa seerichi kaa'een haga waggaa shaniitti gahuu ha danda'uyyuu malee akka qajeeltootti Guyyaa 10 haga waggaa 3 tti adabbii kennamuu danda'uudha.

Adabbiin kun haalli mirkaneessu yeroo jiraatus gara qarshuufi gara adabbii dirqama hojiittis jijjiiramuu akka danda'u ilaalaa turree jirra.

2. HIDHAA ADABBII CIMAA( RIGOROUS IMPRISONMENT )

Faallaa adabbii hidhaa salphaa hidhaan adabbii cimaa,, yeroo yakkichi cimaafi yakkamtichi hawaasaaf balaafamaa ta'etti adabbii kennamuudha.

Akka qajeeltootti waggaa 1 haga waggaa 25 gahuu yeroo danda'u, haga hidhaa umurii guutuutti akka ta'es seerichi nii kaa'a.
Adabbiin akkasii yeroo murtaa'utti haalli raawwii isaa yakkamtichi bakka hawaasaaf sodaachisaa hin taane ykn hawaasaaf eegumsi bakka taasifamutti eegamuu qaba.
Kara biraa haalli raawwii adabbichaa kan hidhaa salphaa irra cimaa akka ta'e ifaadha.

3. ADABBII DU'AA ( Death penality) (capital punishement)

Adabbiin du'aa biyya ETH keessatti beekamtii heeraan nii qaba. Kwt 15 heera mootummaa.

Seera yakkaa kwt 117 ilaaluu nii dandaa'ama.

Yakkoota baayyee serious ta'aniifi yakkamtoota hawaasa keessatti baayyee balaafamoo ta'an kan ittiin adabamaniidha.

Waliigalatti, adabbiin du'aa kan murtaa'u.

1. Yakka baayyee cimaa yoo ta'e
2. Yakka raawwate,,completed
3. Yakkamaa hawaasaaf baayyee balaafamaa ta'e

12/12/2023

Haala Itti Himannaan Yakkaa Akka Fooyya'u Ajajamu Ilaalchisee
=====//======//=======//======
Dhaddachi Ijibbaataa MMWF, murtii dirqisiisaa dhaddacha gaafa 21/02/2011 ooleen Lakk.Ga.155789 (Jildii 23ffaa) ta’e irratti kenneen:

"Bu’uura sdfy kwt 119tiin himannaan yakkaa akka fooyya’u kan taasifamu tarreeffama himannaa keessatti dhimmi murteessaan ibsamuu qabu osoo hin ibsamin yoo hafe ykn dhimmi osoo hin ibsamin hafe ykn dhimmi dogoggoraan ibsame himatamaa dogoggorsiisuu danda’a jedhamee yoo amanamedha. Gama birootiin, abbaan alangaa firiiwwan dubbii himannaa isaa keessatti tarreesse ragaadhaan mirkaneessuu ykn mirkaneessuu dhabuun isaa, fi bu’aa isaa ilaalchisee manni murtii gudunfaa dhumaa irra kan gahu erga ragaan dhagahamee booda ta’uun isaa sdfy kwt 141 irraa ni hubatama. Seerri deemsa falmii yakkaa kwt 112 jalatti tarreeffamni ibsa yakkaafi haalli raawwii himannaa yakkaa keessatti ibsame haala tumaa seeraa gochicha yakka taasise waliin walitti dhiyaatuun qophaa’uu qaba kan jedhames manneen murtii gochi raawwatame ulaagaa tumaa ibsamee guutuufi dhabuu isaa ragaa irraa kan mirkaneeffatu ta’uu isaa nama hubachiisa. Haala kanaan, dhimmi dogoggoraan ibsame ykn dhimmi murteessaan hin ibsamin hafe osoo hin jiraatiin, ragaanis osoo hin dhagahamin manneen murtii keewwatni fi tarreeffamni himannichaa waan wal hin simneef himannaan akka fooyya’u jechuun ajajuunifi yoo kun hin raawwatamne ta’e galmee cufuun, kaayyoofi sababa seera qabeessa himannaan itti fooyya’u jedhamee seeraan ibsame hin guutu. Kana malees, Manni murtichaa himannaa 1ffaa ilaalchisee sababa akkaataa ajajaatti fooyya’uu dhabuutiin himannaa 1ffaa ilaalchisee tarkaanfii fudhachuun isaa sirriidha osoo jedhameeyyu sababni seera qabeessi himannaa 2ffaa irratti murtiin akka hin kennamne taasisu osoo hin jiraatin darbuun dogoggora bu’uura seeraati jedheera.

Desalegn B.

Akkam jirtu?↗️Akkuma waadaa isiniif gale "Seera Deemsa Falmii Yakkaa" gara Afaan Oromootti hiike kunoo kana bilisaan 🆓 h...
12/12/2023

Akkam jirtu?
↗️Akkuma waadaa isiniif gale "Seera Deemsa Falmii Yakkaa" gara Afaan Oromootti hiike kunoo kana bilisaan 🆓 hawaasa kiyya bal'aaf "Portable Document Format(PDF)" dhaan maxxanseera.

Kitaaba gara Afaan Oromootti hiike kana keessatti:-

Keewatni 80(3) tumaa hiikaa(version) Afaan Ingiliffaa keessatti tumame malee Afaan Amaariffaa keessatti hin tumamne.

Keewanni 153(2) tumaa hiikaa(version) Afaan Ingiliffaa keessatti tumame malee Afaan Amaariffaa keessatti hin tumamne.

Keewatni 161(3) tumaa hiikaa(version) Afaan Amaariffaa keessatti tumame malee Afaan Ingiliffaa keessatti hin tumamne.

Keewatni 223(3_A) tumaa hiikaa(version) Afaan Amaariffaa keessatti tumame maqaa himataa jedha Afaan Ingiliffaa keessatti immoo himatamaa jedhamee tumame fi kkf ifa taasiseedha waan ta'eef dubbisaa.

Kitaabicha karaa Telegiraama keessaa buufadhaa(down load godhadhaa).
👇
https://t.me/Mnure88

Haqaaf haqaan hojjanna✔⚖
Galatoomaa!!

Address

Minisota
New York, NY

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Nadhii A Adam posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Featured

Share