20/09/2026
Loltoonni Eertiraa erga daangaa Itiyoophiyaa ce'anii booda haleellaa dirooniin irratti xiyyeeffatamuu isaanii gabaafame..
Naannoo Tigraayitti haleellaan diroonii haaraan kan mudate yoo ta’u, loltoonni Eertiraa naannolee naannichaa akka seenan gabaafameera. Naannichatti waldhibdeen hammaataa akka jiru himama.
Guyyaa har’aa, 10ffaa Meskerem 2019 T.I., haleellaan dirooniin biraa naannoo Adi Nebri’id akka mudate ganama barii gabaafame.
Gabaasni akka mul’isutti loltoonni Eertiraa naannoo sana seenaniiru, haleellaan kun sochii loltoota Eertiraa waliin kan walqabatu ta’uu gabaafameera.
Kaleessa, 9th Meskerem, naannoo sa'aatii 5:50tti haleellaan dirooniin magaalaa Maychew keessattis gabaafame. Akka gabaasa miidhaan namootaa adda addaatti kanneen armaan gadii irratti xiyyeeffachuun gabaafameera:
Kuusaa meeshaa waraanaa;
Haleellaa kanaan konkolaataan waraanaa tokko miidhaan guddaan akka qaqqabe himameera.
Gama kaaniin gabaasni biroon akka mul’isutti halkan edaa waraanni Eertiraa dukkana jirutti fayyadamuun Asgede Tsimbla irraa gara Naannoo Tigraayitti ce’uun naannoo Adi Daaroo, Adi Nebri’id, Adi Hageray, magaalaa Shiraroo fi Aanaa Tahtay Adiyaboo ga’uu isaati.
Haalli naannolee kanneenii baayyee walxaxaa ta’uun, waldhabdeen fi sochiin loltootaa itti fufee akka jiru himama.
Hubachiisa: Odeeffannoon kun odeeffannoo isin kennatan yoo ta'u gama Raayyaa ittisa biyya keenyaati odeeffannoo kennamu jiraachuu baatullee odeeffannoo fi injifannoo gammachiisa dhaga'uun keenya hin oolu..
Erga adeemsi Ertiraa biyya keenya sarbitee nutiis haga bahaara deeffachuuttti lolli itti fufa injifannoon kan ummata Itoophiyaatii.....💪💪🇪🇹🇪🇹