Yadano

Yadano Seera. qabeessa

01/06/2022

WoLajaabeefaanu

01/06/2022

Send a message to learn more

Waa'een kee nu raasaAmmayyuu nu gubaMadaa yaala dhabeAmmas nu dhukkubaGoota gootaan oliiHadheeffataa Roorroohundumaan ya...
01/06/2022

Waa'een kee nu raasa
Ammayyuu nu guba
Madaa yaala dhabe
Ammas nu dhukkuba

Goota gootaan olii
Hadheeffataa Roorroo
hundumaan yaamamaa
Jabaa akka feerroo

Daawwitii Saba saa
Yaa Urgeessaa aartii
Isa qooduun beekne
Alagaa fi aantii

"Jirra jedhaa" keettu
Har'as nu utubaa
Bukkeedhaa si dhabuun
Hedduu nu dhukkuba!

Silaas goonnin du'uu
Hojii keen dhaaddanna
Baraa hamma jaarraa
Maqaa kee yaadanna

Ammas nu boonsita
Boqatteef hin baddu
Gumaa kee dhabuudha
Sabni kee kee gaddu!

Baraan bara eegnus
Gumaan kee hin hafu
Maqaan kees ol ka'a
Yoomuu gadin laafu.

Waa'een kee hin dhumu
Buleetuu Yoon oolee
Dhalootatu eegaa
Seenaa kan kee kuulee
Giiftii Jaalalaa Jaalalaa

Address

Baarii
Khartoum
GO

Telephone

+249116797235

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Yadano posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category