13/10/2026
โ๐ฅ Himatamaan Quraanaa Qulqulluu Cire Hidhaan Adabame
โโ๏ธOolmaa dhadachaa guyyaa arraa
โ๐
Onkolooleessa 3/2019
โโ๏ธHimatamaan maqaan isaa Ahmadziyaad Mahammadamiin Mangashaa jedhamu gaafa guyyaa 02/01/2019 ganama irraa tilmaaman toraa sa`aatii 3:00 irraa hanga gaafa guyyaa 09/01/2019 tii, Godina Baha Oromiyaa Aanaa Gurawaa Ganda Diree Gammachuu zooni Qudur jedhamu keessatti Kitaaba Amantaa Musilimaa Qurana Qulqulluu kan hanga juuzii aammaatti qabu Kitaaba Xiqqaa(Kitaaba aliifaa) kan jedhamu cicciree/tarsasee tamboo ittin xuuxxee jechun eeruun kan nuuf dhiyaate yo tahu Abbaan Alangaa Aanaa Gurawaatiis eeruu laatameef bu'uura godhachuun eeruu guutuun Qorataa poolisiif qajeelchuun galmeen qoratamtee erga xumuramtee booda Seera Yakkaa Bara 1996 Fooyyaโe Bahe Keewwata 492(B) bira darbuun yakka yakkaa miโa sirna amantaaaf tajaajiluu xureessuun himanni irratti hundaahuun Mana Murtii Aanaa Gurawaatiif kan dhiyaate yo tahu himatamaaniis dhiyaachuun eenyumaan isaas qulqullaahee mirgi isaas hundi eega eeggameefiin booda himannaa irratti dhiyaate guutummaa guututti kan waakkate tahuus ragaan Abbaa Alangaa irratti dhagahamuun himataan kun yakka ittiin himatame raawwachuu isaa waan irratti mirkaneesseef akka if irraa ittisu jedhamuus sababa ragaa ittisaa hin qabuu jedheef Manni Murtiis dhadachaa gaafa guyyaa 03/02/2019 ooleen adabbii himatamaa kana ni barsiisaa akkasumas namoota biroos ni akeekkachiisaa jechuun itti amane adabbii hidhaa salphaa ji'a 8 adabee jira.
โ
via โWaajjira Abbaa Alangaa Aanaa Gurawaa
Telegrama keenya๐https://t.me/Ardaaseeraa