Ofseerota Seeraa Naannoo Oromiyaa

Ofseerota Seeraa Naannoo Oromiyaa we will raise Our Voises in unity በአንድነት ድምጻችንን እናሰማለን።

05/06/2026


Hanga ammaatti Namni Unka iyyannoo kana guutee nuuf erge nama 50 qofaadha
Afaaniin komii odeessuun qofti maal Gatii qaba.
Yoo haala kanaan hin ta'uu jettan yaada biraa nuuf kennaa haala ittiin komii dhiyeeffannu kanaan achi Unka kana guuta keessan nuuf deebisa.

 Manni Murtii Waliigalaa furmaata Kan kennuu yoo ta'ee unka iyyannoo kana guutaa Kara telegram keenyaa keessan nuuf Erga...
21/05/2026


Manni Murtii Waliigalaa furmaata Kan kennuu yoo ta'ee unka iyyannoo kana guutaa Kara telegram keenyaa keessan nuuf Erga walitti qabne mana Murtii Waliigala Oromiyaatiif ergina.
Furmaati achiin hin jiru yoo ta'e federaalatti darbina.

13/05/2026

Perisidaantii mana Murtii Aanaa 19,000 ji'a tti argatuu fi Ofiseera Seeraa ji'a tti qarshii 6,919 argatuuf Wal qixxee ilaalanii %79.5 dabaluun nama akkamitti baratetu kana qorate qopheesse?
Dhuguma Sammuudhaan yaadamo?

12/05/2026

Utuma ta'ee Nama qarshii 15,500 argatuuf nama qarshii 6,919 argatu akkamitti Wal qixxee %79.5 dabalu?
Sivilsarvisiin federaalaa gaafa miindaa hojjettootaa dabale bara 2017 Warra miindaa xiqqaa %322 dabale.
Qajeelummaa yoo yaadan akkas Ture Garu warri mana Murtii Waliigala Oromiyaa Kun ilaalcha isaan Gita hojii ofiseeraaf qaban baayyee nama gaddisiisa

Daballii miindaa Ofiseera Seeraa mana Murtii AanaaHaalli qaxarri  6,919x 79.5%=5500.605kana jechuun 6,919 irratti 5,500....
11/05/2026

Daballii miindaa Ofiseera Seeraa mana Murtii Aanaa
Haalli qaxarri
6,919x 79.5%=5500.605
kana jechuun 6,919 irratti 5,500.605tu dabalameef jechuudha.
Miindaan Ofiseera Seera Muudama ta'ee argatu 12,419.605 jechuudha.
Amma egaa Kun garbummmaadha moo? Qaxaramuudha?
Mee Kan warra kaanii gaafa ilaallu immoo
15,500x79.5=12,322.5
Kan dabalame 12,322.5
Waliigalatti miindaan abbootii Seeraa
27,822.5.
Hojjetaan deggersaa 18,000dha .
Manni murtii Waliigala egaa amma kanuma ofiseeraf dabaluuf jedhee waggaa lama hojjettootaa biraa nu hambisee isumayyuu Kan warra fooyya'ee dhoksuuf jedhanii poostaadhaan gadi ergu amma gitumti Ofiseera Kun mana Murtii keessa yoo haqame maal ta'a?
Yoo Faayidaan isaa hin kabajamuuf ta'e?

25/04/2026

Manni Murtii Waliigala Oromiyaa Foyyee qaba jecha turre. Garuu adeemsa keessa tortoraa dhufeera.
Miindaa Hundaaf yeroo lama dabale dadhabina MMWO tiin yeroo lama Abbotii Seeraa jala dabarsa.
Suufii Qr.50,000 gale isallee waanuma T-Shert hinbinne dabalanii callisan
Gerjiba Abbotiin Seeraa Guyyattuu Qr. 100 ol baasn dabaluu dadhabanii J'atti Qr.300 hanga 500 kanfalaa jiru.
Durgoo oolmaa gonkuma Abbotii Seeraa hinfayyanne ,kan Namoota Muraasa higgansarra jiran kannee akka Muraasa Presedantii , KATS qofa fayyadu dhoksaan dabaltanii jiru.
Abbotiin Seeraa afuura isaanii dhiksatanii, otoo akka garbaatti hslkanii fi guyyaa bowinnaa tokko malee hojjechaa jiranii Mirga Hojjettota Mootummaa hundaaf eegamelle dhabanii jiru.
Judges has been denied their equality right in many respects 🙏
Sagalee Haqaa -Voice of Justice -የፍትህ ድምፅ 🙏🙏

Muudamtoota mana murtii keessa immoo maqaa muudama jedhuun baayyee kan miidhame Ofiseera seerati.rakkoo guddaa keessa ji...
19/02/2026

Muudamtoota mana murtii keessa immoo maqaa muudama jedhuun baayyee kan miidhame Ofiseera seerati.
rakkoo guddaa keessa jirra.
miidiyaan dhimma keenya qaama dhimmi ilaalu biraan nuuf gahuuf nu deggeruu keessaniif galatoomaa.

Mindaan hojjattoota mootummaaf dabalame abbootii seeraa dabalatee muudamtoota manneen murtiif hanga ammaa waanti dabalame akka hin jirre abbootiin seeraa himan.

Abbootiin seeraa yaada isaanii OMN’f kennan, hojiin hojjataa jirru hojii akkaan ulfaataa dha jedhan.

Garuu gatii hojii hojjataa jirru hin argannu kan jedhan abbootiin seeraa, rakkoo hamaa keessa jiraachuu dubbatan.

Durgoon hojjetaa hundaaf fooyya'ellee nu hin ilaallatu jedhan.

Haalli kun abbootii seeraa dabalatee muudamtoota manneen murtii biratti guungummii ol'aanaa uumaa jiraachuus eeraniiru.

“Hooggantoota keessaa maaliif kuni ta'a jedhee kan gaafatu hin jiru. Abbootiin seeraa hundinuu ni aaru, ni gubatu, garuu baasanii dubbachuuf adabbii naamusaa sodaatu” jedhan abbootii seeraa OMN dubbise gidduudhaan abbaan seeraa tokko.

Biirokiraasiin mannichaa walxaxaa fi iftoomina kan hin qabne ta'uus dubbataniiru abbootiin seeraa.

Barbaachisummaa hojiitiif jechuun abbaa barbaadan sababa gahaa malee gammoojjii fagoo irra naanneessaa oolu jedhan.

Akka waan abbaan seeraa malaammaltummaa hojjatuutti ilaalamna, kun dogoggora guddaadha kan jedhan abbootiin seeraa, akkuma waajjira mootummaa mara keessa namoonni malaammaltummaa raawwatan jiran mana murtii keessa jiraachuu malu jedhan.

Garuu ija tokkoon abbootii seeraa mara ilaaluun warra haqaaf dhaabbatu hamilee kan cabsu ta’uu himan.

Namni muraasni malaammaltummaa raawwateef abbootii seeraa lakkoofsaan wayyabaa waan nyaatanii bulaniifuu rakkatan jumlaan ilaaluun sirrachuu akka qabu dhaaman.

Mootummaan komii keenya nuuf dhagahuu qabaa jechuun OMNtti dubbatan.

15/02/2026

Mootummaan Naannoo Oromiyaa dhimma Faayidaa fi miindaa keenyaa keessa galee akka nuuf ilaalu kabajaan gaafanna.
Ammas kaffaltiin Uffannaaf kaffalamu kanuma Abbootii seeraa fi koree bulchiinsaa dabaluuf yaadanii kan Keenya qarshii lama dabalan maal jechuudha ilaalcha gadi Aanaa gita kanaaf qaban yoom jijjiurama?

08/02/2026

Mootummaa Naannoo Oromiyaatiif
Finfinnee
Komii
Ofiiserri Seeraa Sadarkaa Manneen Murtii Oromiyaa fi Federaalaa Hundaatti kan jiruu fi Manneen Murtii Federaalaa fi Naannoolee biraa Keessatti Registaara jedhamanii kan waamaman yoo ta’uu Gaheen Hojii isaanii Galmee banuu irraa eegalee hanga inni murtaa’uutti galmee ni bulchu.Dambii ittiin Bulmataas akka Naannoo Oromiyaatti ni qabu.
Haaluma kanaan Ofiseerri Seeraa Hojjettoota manneen murtii keessaa garee tokko yoo ta’uu muudamaa gumii godina ta’ee dambii isaaf ba’een alatti Labsii lakk.216/2011 labsii lakk.217/2011, D.BASO lakk.7/2012nis ni bula. Haa ta’u malee Qajeelffama Faayidaa Manneen jireenyaa fi yaalumsa Abbootii Seeraa fi Muudamtoota Manneen murtii Oromiyaa lakk.10/2012 yoo ilaallee Magaalaa Aanaa tokko keessatti Abbaa Seeraatiif qar.2662 Abukaatoo ittisaatiif qar.1253 Ofiseera Seeraatiif qar.511 ji’aan kaffaltiin kiraa manaa kaffalama.
Abbaa seeraa tokkoof Kaffaltii yaala maatii isaa waliin qar.7500 manatsirii (iglass) ijaatiif abbaa seeraa tokkoof qar.2500tu kaffalama. kanamales miindaan Abbootii seeraa qar.15000dha.kiraan manaa 2662 waliigaa 17662 kaffaltii yaalaa fi iglass malee jechuudha. Kan ofiseeraa Seeraa manni kiraa qar.511 ; miindaan qar.6919 waliigala qar.7430 yoo baayyate kan harka isa gahu qar.5800 ta’a.
Sadarkaa barnoota isaanii yoo ilaalle Abbaan Seeraa barnoota Diploomaa qabus ni jira kan digirii qabus ni jira. Ofiseerri Seeraas Kan digirii qabu ni jira kan diploomaa qabus ni jira. Haala Hojii yoo ilaalle Ofiseerri Seeraa ganama sa’a 2-2:30tti biirootti argamu qaba yoo ariifate ba’ee galgala sa’a 11:30 booda ba’uu qaba. Abbaan Seeraa ganama hanga sa’a 3:00tti biiroo Seenuuf mirga qaba. Galgalas hojii yoo hin qabaanne ba’uu akka danda’uutti amanu.
Haa ta’uu Malee qajeelffamoota kanaa Olitti faayidaa ilaalchisee tumame hunda irratti Namni qajeelffamni kun mirkanaa’ee ba’uu isaatiin dura qoratee dhiheessee Nama barnoota Seeraa baratee Hojii itti kenname Amanamummaa fi itti gaafatamumm

08/02/2026

Mootummaatu nuuf Dabaluu didemo Mana murtii Waliigalaatu Nu biraan ga'uu dide Daballii miindaa kana
Eenyuun Haa komannu?

Adresse

Oromiyaa
Paris

Téléphone

+251948356616

Notifications

Soyez le premier à savoir et laissez-nous vous envoyer un courriel lorsque Ofseerota Seeraa Naannoo Oromiyaa publie des nouvelles et des promotions. Votre adresse e-mail ne sera pas utilisée à d'autres fins, et vous pouvez vous désabonner à tout moment.

Partager