Woliso Woreda Court Office

Woliso Woreda Court Office Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Woliso Woreda Court Office, Lawyer & Law Firm, Southwest shoe, Woliso.

Manni Murtii Aanaa Walisoo bara baajata 2018 keessatti raawwii hojii olaanaa galmeessisuun manneen murtii Godina Shawaa ...
23/07/2026

Manni Murtii Aanaa Walisoo bara baajata 2018 keessatti raawwii hojii olaanaa galmeessisuun manneen murtii Godina Shawaa Kibba Lixaa keessaa badhaafamaa ta'eera.
Milkaa'inni kun hojii ciminaa, kutannoo fi tajaajila haqaa qulqulluu kennuuf taasifameen argame. Kanaaf, abbootii seeraa, hojjettoota mana murtii keenyaa, akkasumas hawaasa hojii keenya cinaa dhaabbatee deeggare hundaaf galata guddaa qabna.
Hawaasni Mana Murtii Aanaa Walisoo hundi baga gammaddan! Baga hojii keenya waliin milkoofne! Milkaa'ina caaluufis waliin ni hojjenna.

23/07/2026
Guyyaa 27/10/2018Hojjettoonni Mana Murtii Aanaa Walisoo sagantaa daawwannaa fi bashannanaa isaanii irratti hirmaachuun i...
04/07/2026

Guyyaa 27/10/2018
Hojjettoonni Mana Murtii Aanaa Walisoo sagantaa daawwannaa fi bashannanaa isaanii irratti hirmaachuun iddoowwan hawwata tuurizimii Wancii Daandii daawwataniiru. Daawwannaan kun hariiroo hojii cimsuu, dadhabina hojii hir'isuun hojii itti aanuuf kaka'umsa uumuu fi walitti dhufeenya hojjettootaa jabeessuuf kan qophaa'e ture.
Suuraaleen armaan gadiis yeroo hojjettoonni Mana Murtii Aanaa Walisoo iddoowwan hawwata tuurizimii Wancii Daandii daawwatanii fi yeroo bashannanaa isaanii dabarsan kan agarsiisan dha.

๐˜๐š๐š'๐ข๐ข ๐Ÿ๐ข ๐†๐š๐ฆ๐š๐š๐ ๐ ๐š๐ฆ๐ง๐ข ๐Œ๐š๐ง๐ง๐ž๐ž๐ง ๐Œ๐ฎ๐ซ๐ญ๐ข๐ข ๐€๐š๐๐š๐š Aanaa Walisoo๐†๐š๐ ๐ ๐ž๐ž๐Ÿ๐Ÿ๐š๐ฆ๐ž.      ๐‚๐š๐š๐ฆ๐ฌ๐š๐š 13, ๐Ÿ๐ŸŽ๐Ÿ๐Ÿ–            Walisoo           ...
21/05/2026

๐˜๐š๐š'๐ข๐ข ๐Ÿ๐ข ๐†๐š๐ฆ๐š๐š๐ ๐ ๐š๐ฆ๐ง๐ข ๐Œ๐š๐ง๐ง๐ž๐ž๐ง ๐Œ๐ฎ๐ซ๐ญ๐ข๐ข ๐€๐š๐๐š๐š Aanaa Walisoo๐†๐š๐ ๐ ๐ž๐ž๐Ÿ๐Ÿ๐š๐ฆ๐ž.
๐‚๐š๐š๐ฆ๐ฌ๐š๐š 13, ๐Ÿ๐ŸŽ๐Ÿ๐Ÿ–
Walisoo
โ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ขโ€ข
โ€ขYaa'ii fi Gamaaggamni Manneen Murtii Aadaa Aanaa walisoo Hojiiwwan Baatii Sagaliif hojjatamaa turan Dhiyaatanii jiru. Waltajjii kana irratti argamuun haasaa baniinsaa kan taasisaan Bulchaa Aanaa walisoo Obboo:Ayyaalaa Aangasuu yaada kennaniin Manneen murtii aadaa keenyaa haqaa baasuu keessatti cimanii gahee isaanii akka bahanii fi dhimmootni akka nagaa mirkaneessuu, araara uumuu fi aadaa gabbisuu irratti xiyyeeffachuun akka hojjatan dhaamsa dabarsaniiru.
Gamaaggami Manneen Murtii Aadaa baatii sagaliis karaa pirezidaantii Mana Murtii Aanaa Walisoo Kabajamoo Obbo Gammachuu Namarraa dhiyaateera.
Gabaasa dhiyaate kanaanis hojiin hojjatamaa ture,manneen Murtii Aadaa Aanaa Walisoo seera aadaa, duudhaa fi kabaja hawaasaa bu'uura godhachuudhaan waldhabdeewwan uumaman karaa nagaa fi araaraa xumuruuf hojii bal'aa hojjachaa jiru. Gabaasni kun hojiiwwan gurguddoo fi dhimmoota dhiyaatan furuu, akkasumas tajaajila haqa aadaa si'aayina qabu kennuu irratti adda baasee kan dhiyeessudha.

โ€ข Waldhabdeewwan dhuunfaa fi maatii gara mana murtii aadaatti dhiyaatan karaa jaarsummaa fi araaraatiin xumuramaniiru.
โ€ข Murtiiwwan seera aadaatiin kennaman haaloo duubatti kan hin dhiifne, gammadanii fi harka wal-qabatanii akka galan kan taasise ta'uun isaa hirmaattotni waltajjii taasisanii jiru.Hawaasni baasii kanneen birootiif osoo hin saaxilamin tajaajila argachaa jiraachuun haqa isaanii karaa mana murtii aadaa kanaan dhimma isaanii xumurataa jiru.
Dhuma irratti ciminni fi hanqinni erga adda baafame duubdeebiin erga irratti kenname booda Kallattii garaa fuulduraa kennameera.akkasumaas dhumarratti manneen murtii aadaa hojii isaanii irratti fakkeenyummaa olaanaa qabaniif beekamtiin kennamuun sagantichi goolbameera.

Guyyaa 09/08/2018Mana Murtii Aanaa WalisooGamaggamni raawwii hojii kurmaana 3ffaa gaggeeffameera.(Ebla 08/2018) Mana Mur...
17/04/2026

Guyyaa 09/08/2018
Mana Murtii Aanaa Walisoo
Gamaggamni raawwii hojii kurmaana 3ffaa gaggeeffameera.
(Ebla 08/2018) Mana Murtii Aanaa Walisoo keessatti gamaggamni raawwii hojii kurmaana 3ffaa haasawa baniinsaa kabajamoo Pirezidaantii mana murtiichaa, Obbo Gammaachuu Namaarraatiin taasifamuun eegalameera.
Gabaasni kurmaana kanaas karaa Abbaa Adeemsaa Karooraa fi Baajataa, Obbo Daraajjee Midhaaksaan dhiyaatee, hanqinaafi ciminoota irratti mariin balโ€™aan gaggeeffameera. Itti aansuunis ergaan barbaachisaan darbee, kallattiin hojii gara fuulduraatiif taโ€™u karaa Pirezidaantii mana murtiichaatiin kennameera.
Waltajiin kunis haala gaariin xumurameera.
Kominikeeshinii Mana Murtii Aanaa Walisoo irraa

06/02/2026
Manni Murtii Aanaa Walisoo Koridarii mooraa isaa keessatti hojjechuun iddoo hojii mijaataa fi hawwataa taasiseera.(Mudde...
19/12/2025

Manni Murtii Aanaa Walisoo Koridarii mooraa isaa keessatti hojjechuun iddoo hojii mijaataa fi hawwataa taasiseera.

(Mudde 10/2018, MMA Walisoo) Manni Murtii Aanaa Walisoo seensa mooraa isaa irraa kaasee daandii mooricha keessatti argamu kanaan dura deemsaaf mijaataa hin ture mooricha keessatti koriidarii miidhagaa ta'etti jijjiiruun,hojii moorichaa bifa miidhagaa fi hawwataa ta'een hojjateera.

AANAA WALISOO #
WALISOO

Koreen deeggarsaa fi hordoffii Kilaastara Walisoo haala kenniinsa tajaajila waliigalaa Mana Murtii Aanaa   Walisoo daaww...
03/12/2025

Koreen deeggarsaa fi hordoffii Kilaastara Walisoo haala kenniinsa tajaajila waliigalaa Mana Murtii Aanaa Walisoo daawwate.

(Sadaasa 24/2018, Walisoo) Manni Murtii Ol'aanaa Godina Shawaa kibba lixaatti Walitti qabaan Koree deeggarsaa fi hordoffii Pirezdaantii MMO Obbo Leencoo Camaraa fi Hoggansi hordoffii Kilaastara Walisoo itti gaafatamtuun Naamusaa fi Insipeekshinii Mana Murtii Ol'aanaa Godina Shawaa kibba lixaa kabajamoo Adde Hawwii Alamayyoo duurfamu Mana Murtii Aanaa Walisootti argamuun hojiiwwan kallattii Qulqullinaa, Dhaqqabamummaa, Si'aayinaa, Bu'aa qabeessummaa, Bilisummaa, iftoominaa fi itti gaafatamummaa, akkasumaas gaarummaa bulchiinsa keessoo Mana Murtii fi Manneen Murtii gara E-Court'tti ceesisuuf hojjatamaa turan daawwatee jira.
Dhuma irratti akka waliigalaatti kenniinsa tajaajila Mana Murtii Aanichaatiin kennamaa jiru erga daawwateen booda karaa pirezdaantii MMOtiin fi Hoggansa garichaan duub-deebii fi kallattii hojii itti aanuu kaa'uun saganticha xumuranii jiru.

MURTII AANAA WALISOO
WALISOO

Mana Murtii Aanaa Walisootti Leenjiin kennameera.========////////////=================Sadasa 19/03/2018 Mana Murtii Aana...
28/11/2025

Mana Murtii Aanaa Walisootti Leenjiin kennameera.
========////////////=================
Sadasa 19/03/2018 Mana Murtii Aanaa Walisootti Mata-duree Maanuwaalii TQO fi Qajeelfama sirna dhaddacha haaraa 23/2018 irratti karaa TQO mana murtii Aanaa walisoo Obbo:-Nagaa Baayyisaa fi B/B Of/Naamusaa Obbo-Addunyaa Raggaasaan Hawaasa Mana Murtiif leenjiin kennameera.
leenjicha irratti kan hirmaatan Abbootii Seeraa, Muudamtoota fi Hojjettoota Siviil Sarvaantii argamaniiru.
dabalataaniis hubannoon ittisa farra malaamaltummaa irratti kennameera.
dhuma leenjicha irratti Karaa Kabajamoo Pireezidaantii Mana Murtii Aanaa walisoo Obbo Gammachuu Namarraatiin Hawaasa Mana murtichaa irraa yaadaa fi gaaffii kaโ€™eef deebii itti kennuun leenjichi goolabameera.
Kominikeeshinii Mana Murtii Aanaa Walisoo

Address

Southwest Shoe
Woliso

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Woliso Woreda Court Office posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share