21/10/2023
♥️Yooyyaa!! Akkam Jirtu? Hiikoo Seeraa Haaraa Jildiidhaan Hin Maxxanfamne Gara AFAAN OROMOOTTI Gabaabsee Hiike Kunoo Dubbisaa:
___________//___________
1️⃣.Dhaddacha Ijibbaataa Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakk.Galmee 208865 ta'e dhaddacha guyyaa 28/6/2014 ooleen "namni qabiyyee Lafaa iddoo Mana jireenya Waldaatiif kennamu argachuuf qophaa'ee osoo jiru hojiif iddoo biraa yoo jijjiirame,iddoo Lafa Mana jireenyaa hin argatu jechuun kan hin danda'amne ta'uu" hiikoo kennee ture.
2️⃣.DHaddachi Ijjibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakk.Galmee 232474 ta'e DHaddacha Caamsaa 29,bara 2015 ooleen "mirga abbaa qabeenyummaa gar-malee fayyadamu ilaalchisee; abbaan qabeenyaa tokko mirga isaatti yommuu fayyadamu gochoota m𝗶𝗿𝗴𝗮 i𝘁𝘁𝗶 f𝗮𝘆𝘆𝗮𝗱𝗮𝗺𝗮 q𝗮𝗯𝗲𝗲𝗻𝘆𝗮 n𝗮𝗺𝗮 𝗯𝗶𝗿𝗼𝗼(ollaa isaa) miidhuu malan(n𝘂𝗶𝘀𝗮𝗻𝗰𝗲) kamiyyuu irraa of qusachuu akka qabu;amni dhuunfaa yokiin dhaabbani tokko eeyyama daldalaa baafachuun hojii hojjataa hojjiiwwan isaanii kun ollaa yokiin jiraatoota naannoo irratti faalama keemikaalaa yookiin faalama sagalee yoo fidan himannaa dhiyeeffachuun beenyaa gaafachuun akka danda'amu" hiikoo kennee ture.
3️⃣.Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakkoofsa Galmee 184647 ta'e irratti "qabiyyee Lafa baadiyaa irratti Mana ijaarame yoo ta'eyyuu qabiyyee Lafa baadiyyaa irratti qabeenya hin sochoone horate qabeenya dhuunfaa waan ta'eef manicha gurguruun kan hin dhorkamnee fi gurgurtaanis seeraan ala kan hin jechisiifne ta'uu" Murtii kennee ture.
4️⃣.Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 24ffaa Lakk.Galmee 179827 ta'een "namni tokko qabiyyee Lafa baadiyaa karaa seera qabeessa ta'een qabachuu hanga hin mirkanoofnetti darbiinsa yeroo kaasuu hin danda'u" jechuun Labsii Bulchiinsaa fi Itti Fayyadama Lafa Baadiyaa Naannoo Amaaraa Lakk.252/2009 waliin wal qabsiisuun murteessee ture.
5️⃣.Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakk.Galmee 217195 ta'e irratti dhaddacha Caamsaa 30,bara 2014 ooleen qabiyyee Lafaa ilaalchisee qaamni Bulchiinsaa osoo Lafa bakka bu'iinsaa hin kennin beenyaa osoo hin kanfalin,Lafa baadiyaa abbaa qabiyyee irraa fuudhee nama biraatiif yoo kenne,Manni Murtii Aanaa himannaa abbaan qabiyyee Lafti bakka bu'iinsaa fi beenyaan akka kennamuuf dhiyeessu ofitti fuudhee ilaaluuf aangoo akka qabu" hiikoo kennuun murteesseera.
6️⃣.Dhaddachi Ijjibbaataa MMWF Lakk.Galmee 220782 dhaddacha gaafa 26/03/2015 ooleen murtii kenneen "himataan himannaa dhiheeffate jiru hordofuuf ykn addaan kutuuf mirga guutuu ni qaba, himannaa isaa akka addaan hin kutne(hin kaafanne) dirqisiisuun hin dandahamu.Bu'aan himannaa addaan kutuus:-qaamni himannaa isaa gartokko ykn guutumaan guutuutti addaan kute dhimma sana irratti himannaa haaraa hundeessuu hin danda'u(mirga himannaa haaraa hundeessuu isaa ni dhaba).Dhimma gartokkeen ykn guutumaan guutuutti adda cite sana irratti himannaa haaraa hundeessuuf,himatni sun hayyama Mana Murtiitiin kan addaan cite ta'uu qaba.Kanaaf,himannaa hayyama Mana Murtii malee kan adda citu yoo ta'ee mirga himannaa haaraa dhiyeeffachuu nama ni dhabsiisa" jechuun SDFHH Kwt. 278(2) waliin wal qabsiisuun hiikoo kennee jira.
7️⃣.Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigalaaa_Federaalaa Lakkoofsa Galmee 219736 ta'e irratti "maalummaa gocha jeequmsaa seera hariiroo hawaasaa keewwata 1149(1) jalatti tumameen ijoowwan jeequmsa jechisiisuuf taa'an malee maalummaa jeequmsaa ifatti hiikoo hin kennine.Tumaa seeraa kanarraa kan hubatamuu danda'u,gocha jeequmsaa kanneen hundeessuu danda'an lama akka ta'aniidha.Inni 1ffaa abbaan qabiyyee mirga nagaan fayyadamuu isaa irratti jeequmsi giddu seentummaan (interference) yoo uumameedha.Inni 2ffaa ammoo qabeenya abbaa qabiyyee harka ture guutummaan yookiin gartokkeen qabachuun abbaa qabiyyee qabeenyaan ala (dispossession) gochuu kan ilaallatuudha.Bu'uuruma kanaan abbaan qabiyyee qabeenya isaarratti jeequmsi uumame qabeenyi isaaf akka deebi'uuf yookiin jeequmsi ka'e irraa dhoorkamee akka dhaabbatuu fi gocha jeequmsaan miidhaa gaheef beenyaan akka kafalamuuf darbiinsa yeroo seeraan kaa'ame keessatti gaafachuu akka danda'uu fi abbootiin seeraa gochoonni kunneen raawwatamuu erga mirkaneeffatanii booda jeequmsi akka dhaabbatuu fi barbaachisaa ta'ee yoo argame beenyaan akka kanfalamu murteessuu akka danda'an tumaa waliigalaa SHH kwt 1149 irraa hubachuun ni danda'ama" jechuun hiikoo kennee ture.
8️⃣.Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigalaaa_Federaalaa Lakkoofsa Galmee 201235 ta'e irratti "seerummaa jeequmsi qabiyyee kiyya irratti uumame narraa haa dhaabatu jedhamee gaafatame,waliigaltee gurgurtaa qabiyyeef ka'umsa ta'e ykn waliigaltee biraa akka diigamu jedhamee seerummaa gaafatame bakka hin jirretti,waliigalteen diigamee bitaa mirgi bakka duraan turanitti haa deebi'an jedhamee murtiin kennamuu hin qabu;akkaataa seera hariiroo hawaasaa keewwata 1140 fi 1149 tiin jeequmsi qabiyyee nama tokko irratti uumame kan jedhamu qabiyyee tasgabbaa'aa hayyama(fedhii) abbaa qabiyyee malee gocha humnaan qabeenya abbaa qabiyyee irratti raawwatamu kan akka hin fayyadamne daangeessuu ykn gidduu lixuu fi buqqisuu ykn fudhachuu(dispossession) akka ta'e ni hubatama.Seerummaa jeequmsi uumame haa dhaabatu jedhamee gaafatame jeequmsi jiraachuu yoo mirkanaa'e,bu'uura shh keewwata 1149(3) tiin jeequmsi akka dhaabatu ajajama" jechuun sagalee caalmaan hiikoo kennee ture.
9️⃣.Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakk.Galmee 213835 ta'e dhaddacha guyyaa 27/07/2014 ooleen "kanfaltii Cheekii raawwachuu waliin wal qabatee,Baankiin mallattoo Cheekii irra jiru ijaan ilaalee mallattoo naamunaa siistema keessa jiru waliin gosa tokko ta'uu mirkaneessee kan kanfale ta'uu yoo mirkanaa'e;kanfaltiin kan raawwatame nama kanfalamuu hin qabneef yoo ta'es yookiin mallattoo fakkeeffamee dhiyaate bu'uura godhachuun ta'uu yoo mirkanaa'es itti gaafatamummaa hin qabu.Mallattoon Cheekii irratti mallattaa'e dhuguma mallattoo naamunaa waliin tokko ta'uu fi ta'uu dhabuu dhimmicha irratti Murtii kennuuf ijoo ragaan mirkanaa'uu qabuudha.Kana mirkaneessuuf dhiyaate Cheekii mataa isaa kaffaltiin ittiin raawwatame yoo ta'u,mallattoo Cheekii irra jiru mallattoo naamunaa waliin kan wal fakkaatu ta'uu fi ta'uu dhabuu qaama bilisa ta'een ilaalamee kan mirkanaa'u malee Manni Murtii ofii ilaalee tilmaama kan fudhatu miti" jechuun hiikoo kennee ture.
🔟.Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakkoofsa Galmee 215444 ta'e dhaddacha Onkoloolessa 2,bara 2015 ooleen "waliigaltee bittaa fi gurgurtaan MANAA qaama aangoo qabu biratti osoo hin galmaa'in karaa bakka bu'aatiin raawwatame,namni bakka buufate sun(bakka buufataan) waliigalticha yoo waakkate,waliigaltee karaa bakka bu'aan raawwatame jedhame diigamaa waan ta'eef,bu'aa seeraa hin qabaatu.Kanaaf,bakka duraan turanitti deebi'uu qabu" jechuun hiikoo kennee ture.(Murtii haaraadha).
1️⃣1️⃣.Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakk.Galmee 225080 ta'e irratti dhaddacha muddee 25 bara 2015 ooleen "namni qabeenya hin sochoone kireesse,turtii yeroo waliigaltee kiraa dhumeera qabeenyicha naaf naa deebisu jechuun mirga isaa gaafachuu kan danda'u(himannaa dhiheessee qabeenyicha gadi lakkisiifatee harkaan gahachuu kan danda'u),yeroon turtii kiraa erga xumurame irraa kaasee kan lakkaa'amu yeroo waggaa 10 keessattiidha;Manni Murtii falmii akkanaa irratti murtii kennu himannaan darbiinsa yerootiin daanga'a moo? Miti? Ijoo jedhu qabatee murteessuuf bu'uura godhachuu kan qabu sababa himannaa falmiif ka'umsa ta'e irratti ta'uu qaba" jechuun hiikoo kennee ture.(Murtii haaraa).
1️⃣2️⃣.Dhaddachi_Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakk.219887 ta'e irratti dhaddacha guyyaa 25/04/215 ooleen "dhiirri tokko dubartii lama fuudhee qaba yoo ta'e,gaa'elli du'aan ykn karaa biraa seera qabeessa ta'een kan diigame yoo ta'e,dubartoota lachuu keessaa takka adeemsa qabeenya horachuu keessatti shoora addaa(guddaa) taphattee xaarte ta'uu yoo mirkaneessite,qabeenya horatame keessaa walakkaa isaa qooddachuu akka dandeessu,fi dubartiin ishiin lammaffaan abbaa Manaa waliin walakkaa hafe qooddatti" jechuun hiikoo kennee ture(Jildiidhaan hin maxxanfamne hiikoo haaraa).
1️⃣3️⃣.Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigaa Federaalaa Lakkoofsa Galmee 221154 ta'e irratti "yeroo qallabni daa'imaa murtaa'uu,qallabni muramu sun dantaa kabachiisu ta'uu qaba,Fi maddi galii qallaba kennaas ilaalamuu qaba" jechuun murteessee ture(murtii Jildiidhaan hin maxxanfamne).
1️⃣4️⃣.Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakk.Galmee 196228 ta'e irratti "waliigalteen araaraa bitaa mirga irratti mirgaa fi dirqama kan gatu waldhabdee uumameef gama furmaata kennuutiin akka Murtiitti lakkaa'amee dhimma waliigalteen xumurame irra deebi'amee sababa himannaa ta'ee akka hin dhiyaanne dhoorkuuf bu'aa kan qabu ta'us,waliigalteen kun hanga Mana Murtii dhiyaatee bu'uura sdfhh keewwata 277 tiin hin mirkanoofnetti akka Murtiitti lakkaa'amee raawwiif hin dhiyaatu" jechuun hiikoo kennee ture(jildiidhaan Kan hin maxxanfamne).
1️⃣5️⃣.Dhaddachi_Ijibbaataa_MMWF Lakk.Galmee 230249 ta'e dhaddacha Bitootessa 26 bara 2015 ooleen "mallattoon sanada waliigaltee liqii irra jiru yoo mormame mallattoon waliigaltee irra jiru jedhame kun qorannoo forensikiitiin akka qoratamu ajajni kennamee qaamni qorannoo mallattoo gaggeessu mallattoon sanada waliigaltee irra jiru kan eenyuu akka ta'e mirkaneessuu(adda baasuu) hin danda'u jedhee deebii yoo kenne,waliigalteen liqii jiraachuu jecha ragoota waliigaltee irra jiru dhagahuun mirkaneessuun hin danda'amu" jechuun murteesseera.Kunis murtii haaraa Jildiidhaan hin maxxanfamneedha.
1️⃣6️⃣.Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakk.Galmee 208834 ta'e irratti "haati manaa fi abbaan manaa qabeenya dhaalaan argame waliigalteedhaan qabeenya waliinii isaanii gochuu akka danda'an" hiikoo Kennee ture(Jildiidhaan kan hin maxxanfamne).
1️⃣7️⃣.Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakkoofsa Galmee 215842 ta'e irratti dhaddacha baatii Ebla 25 bara 2014 ooleen "qooddii qabeenya dhirsaa fi niitii irratti bitaa mirgi yoo waliigaluu hin dandeenye,gaaffii mirga dursaa qabeenyicha bitachuu garee tokkoof hayyamamuu akka hin qabnee fi qabeenyichi caalbaasiin gurguramee qoodinsi taasifamuu akka qabu,garuu bitaa mirgi akka nama kamittuu caalbaasii irratti dorgomee qabeenya sana hambifachuu danda'a malee gaaffii mirga dursaa anaaf kennamuu qaba ture jedhamee dhiyaatu fudhatama hin qabu" jechuun sagalee caalmaan hiikoo kennee ture(Jildiidhaan hin maxxanfamne).
1️⃣8️⃣.Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakkoofsa Galmee 215444 ta'e dhaddacha Onkoloolessa 2,bara 2015 ooleen "waliigaltee bittaa fi gurgurtaan MANAA qaama aangoo qabu biratti osoo hin galmaa'in karaa bakka bu'aatiin raawwatame,namni bakka buufate sun(bakka buufataan) waliigalticha yoo waakkate,waliigaltee karaa bakka bu'aan raawwatame jedhame diigamaa waan ta'eef,bu'aa seeraa hin qabaatu.Kanaaf,bakka duraan turanitti deebi'uu qabu" jechuun hiikoo kennee ture.(Murtii haaraadha).
1️⃣9️⃣.Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakk.Galmee 238246 fi 240987 ta'an irratti "hojjachiisaan hojjetaa iddoodhaa gara iddoo birootti jijjiiree hojjechiisuuf aangoo kan qabu ta'us aangoon kun daangaa qaba,jijjiirraa iddoo hojii harka wayaa jalaan akka hojjetaa hojii irraa gaggeessutti fayyadamuu yookiin deemi ittiin hin jedhin akka deemu taasisi kan jedhamu sun(Constructive dismissal) gocha seeraan alaati" jechuun Labsii Lakk.1156/2011 waliin wal qabsiisuun hiikoo dirqisiisaa kenneera.(Murtiilee Jildiidhaan hin maxxanfamne haaraadha).
2️⃣0️⃣.Dhaddachi_Ijibbaataa_Mana_Murtii_Waliigalaaa_Federaalaa Lakkoofsa Galmee 211841 ta'e irratti "waliigaltee garee tokko qofaan haquu(unilateral cancellation of contract) raawwatiinsa kan qabaatu ulaagaalee shh keewwattoota 1786 hanga 1889 jalatti tumaman guutamanii yoo argamaniidha.Ulaagaaleen dursaa kunneenis:1.Jechi waliigaltee diigsisuu danda'u waliigaltee irratti ibsamee yoo argamee fi haalli kunis raawwatamee yoo argame,2.Waliigalteen dirqama raawwatamuu qaba jedhamee yeroon yoo ibsame,yeroo akeekkachiisaa irratti kennamee ykn yeroo kana keessatti raawwatamuu qaba jedhamee Mana Murtiitiin kennamee gareen waliigalticha dirqama isaa yoo hin baane,3.Waliigaltoota keessaa gareen tokko dirqama gale raawwachuu kan hin dandeenye ta'uu fi sababa kanaan bu'uurri waliigaltee yoo tuqame,fi 4.Waliigaltoota keessaa gareen tokko dirqama waliigaltee kan hin raawwanne ta'uu karaa ifa ta'een yoo ibseedha.Seerri ulaagaalee dursaa kanniin akka ulaagaatti kan kaa'eef,yoo danda'ame waliigalteen akkaataa seeraatiin taasifame akka raawwatamu eegumsa gochuufi;waliigaltee garee falmitootaa keessaa isa tokkoon haquun immoo haala addaatiin fala filannoo haalota murtaa'aniin qofa irratti raawwatiinsa akka qabaatu gochuufidha.Waliigaltee tokko garee tokkoon haqamuuf ulaagaawwan kaa'aman keessaa yoo xiqqaate ulaagaan tokko guutamuun dirqama" jechuun hiikoo kennee ture.(Murtii haaraa bara 2015 keessa kan murtaa'eedh
2️⃣1️⃣.Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakk.Galmee 230508 ta'e irratti dhaddacha Hagayya 30 bara 2014 ooleen "Abbaan Alangaa himannaa seera yakkaa keewwata 543(3) caqasuun dhiyeesse bakka karaa lafoo deemtotaatti lafoo deemaa daandii qaxxaamuuf dursa kennuu dhabuun miidhaa ajjeechaa lubbuu raawwate kan jedhu utuu hin taane duuchumatti daandii karaa deemaan qaxxaamuru dursa dhoorgate kan jedhu waan ta'eef,iddoon karaa deemtotaa hanga hin jirretti ulaagaa seera Yakkaa keewwata 543(3) kan guutu waan hin taaneef,keewwanni rogummaa qabu seera yakkaa keewwata 543(2) dha jechuun keewwata kana jalatti adabbii murteessee ture(hiikoo seeraa haarawa Jildiidhaan kan hin maxxanfamne).
2️⃣2️⃣.Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakk.Galmee 175578 ta'e irratti " hayyama konkolaachisummaa yookiin ogummaa konkolaachistummaa waan hin qabneef Seera yakkaa keewwata 543(3) jalatti itti gaafatamuu hin qabu Seera yakkaa keewwata 543(1) jalatti itti gaafatamuu qaba jedhamee falmiin ka'u fudhatama akka hin qabne" hiikoo kennee ture.
2️⃣3️⃣.Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakk.Galmee 233903
ta'e irratti "dhimma yakkaa irratti teessoon jireenya himatamtootaa iddoo biroo ta'uun isaa fi haala hojii isaatiin iddoo adda addaa socha'uun isaa qofti mirga wabii isaanii hin dhorkisiisu,Heera Mootummaa keewwata 32 jalatti namni kamuu mirga socho'uu qabu waliin ilaalamuu qaba,kanaaf,iyyattoonni(shakkamtoonni) jiraattota iddoo biraa ta'uun isaanii qofti mirga wabiitiin bahuu akkaataa Heera mootummaa keewwata 19(6) tiin mirkanaa'e akka mulqamu gochuun, fi akkaataa heera Mootummaa keewwata 25 tiin namni kamiyyuu seera fulduratti walqixa ta'uu fi eegumsa argachuu kan sarbu waan ta'eef,mirga wabii isaanii dhoorguun fudhatama kan qabu waan hin taaneef,shakkamtoonni dhimma biraatiin kan hin barbaadamne ta'uun mirkanaa'ee tokkoon tokkoon isaanii wabii qarshii 20,000 dhiyeeffatanii too'annaa jalaa Akka gadi lakkifaman jechuun mirga wabii eeguun" murtii kennee ture(Jildiidhaan hin maxxanfamne).
2️⃣4️⃣.Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakk.Galmee 230167 ta'e dhaddacha baatii Adoolessa 28 bara 2014 ooleen "iyyata qaama bilisa baasuuf dhiyaatu(Habeas Corpus)" ilaalchisee sadarkaa Federaalaatti dhimmicha ofitti fuudhee ilaaluuf aangoo kan qabu Mana Murtii Sadarkaa Jalqabaa Federaalaati" jechuun hiikoo seeraa kennee.
Dhimma kana Labsii Gurmaa'inaa fi Aangoo MM Oromiyaa Lakk.216/2011 keewwata 31(2) fi Labsii Manneen Murtii Federaalaa Lakk.1234/2013 fi sdfhh keewwata 177 waliin ilaaluu dandeessu.
2️⃣5️⃣.Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakkoofsa Galmee 211518 ta'e irratti "ragaan abbaa alangaa dhagahamee Galmeen jala murtii kennuuf qorannoof bule irratti himatamaan beellama irraa yoo bade,Galmeen cufamuu akka hin qabnee fi dhimmichi itti fufamee murtiin kennamuu akka qabu" hiikoo dirqisiisaa kenneerra.Sababni isaas:- ,himatamaan kun mirga ragaa abbaa alangaa gaaffii qaxxaamuraa gaafachuu heera Mootummaa keewwata 20(4) jalatti tumame fayyadamee waan badeef, ,mirga haqa argachuu miidhamaa heera Mootummaa keewwata 37 fi dirqama Mana Murtii mirga namaa kabachiisuu heera Mootummaa keewwata 13 waliin bal'ifamee ilaalamuu waan qabuufidha.
2️⃣6️⃣.Dhaddachi Ijjibbaataa MMWF Lakk.Galmee 245661 ta'e dhaddacha gaafa guyyaa 11/10/2015 ooleen "Manni Murtii gaaffii mirga wabii dhiyaate bu'uura SDFY kwt 67 tiin dhoorkuuf hamma qarshichaa himannaa keessatti ibsame, galmee biroo irratti himatamaan dhimma walfakkaatuun shakkamuu isaa fi haaloota adda addaa amala yakkichaa waliin walqabatan ilaaluuf aangoo qaba.Bu'uura SDFY kwt 67 tiin himatamaan dirqama wabummaa irratti ibsame kabajee dhiyaachuu akka hin dandeenye manni murtii yoo hubate mirga wabii dhoorkuu akka danda'u ni hubatama. Haa ta'u malee manni murtii haala kanaan mirga wabii yeroo dhoorkuu sababoota akkamii fudhachu akka danda'u seerichaan kan kaa'ame hin jiru.Kanaafuu,himatamaan tokko mirgi wabii yoo isaaf eeggamee dirqama isaa akka bahuu hin dandeenyee sababni gahaanii fi seera qabeessa ta'e yoo jiraatedha.Sababoonni kunniin haaloota adda addaa irraa fi amala addaa dhimmichaa irra kan hubatamudha. kuniis hamma qarshii yakkichaan walqabate jiru( fknf yakka gowwoomsuu S/Y kwt 692(1)),galmee biroo irratti yakka walfakkaatuun shakkamee jiraachuu isaanii yakkaan shakkamu amaleeffachu isaanii yeroo ilaallamus yoo wabiin bahan ta'e yakka biroo raawwachuuf carraa bal'aa qabaachuu isaanii agarsiisa.Waliigalatti Manneen Murtii bu'uura SDFY kwt 67 tiin mirga wabii dhoorkuuf sababoota fudhachuu qaban maal fa'a akka ta'an seeraan hanga hin dhoorkamneetti sababoota adda addaa haaluma dhimmichaatiin ilaaluuf aangoo kan qaban ta'u isaa hubachuun barbaachisaadha.Asitti garuu sirriitti xiyyeeffatamuu kan qabu sababoonni fudhataman sababa gahaa fi seera qabeessa kan qaban ta'ee sirnaan ibsamu qabu" jechuun hiikoo kennee ture.
2️⃣7️⃣.Dhaddachi Ijjibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakk.Galmee 231232 ta'e irratti "namni gochi gowwoomsuu narratti raawwatame jedhu firii bu'aa yakkichaatiin fayyadamaa ta'uuf yoo waliigale,gochi yakka gowwoomsuun narratti raawwatame jechuu hin danda'u.Dhimma harkaa qabnu irratti,Doolaara ilaalchisee gochi himatamaan raawwate jedhame Doolaara ni baay'isna jechuun miidhamaan dhuunfaa Mana Murtii jalaatti Doolaara himatamaa lammaffaaf akka kennu taasise kan jedhuudha.Kanas miidhamaan dhuunfaa Doolaarichi baay'ifamee yeroo dhufe yaadni isaa ijoon yakkichaan fayyadamuuf kan kaayyeeffate ta'uu kan agarsiisu malee himatamaan gocha yakka gowwoomsuu raawwachuu wanti mul'isu hin jiru" jechuun hiikoo kennee ture.(Murtii haarawa jildiidhaan hin maxxanfamne).
2️⃣8️⃣.Dhadddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakk.Galmee 220926 ta'e irratti "gochi yakkaa galgala sa'aatii 5:00 irratti yoo raawwatame,akkaataa dhimma kanaatiin himatamtoonni yakkicha halkan dawoo godhatanii kan raawwatan waan hin taaneef,bu'uura seera yakkaa keewwata 84(1)(c) tiin akka adabbii cimsutti fudhatamuu hin danda'u" jechuun murteessee ture.
2️⃣9️⃣.Dhaddachi_Ijjbbaata_Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakk.Galmee 220926 ta'e irratti "himatamtoonni hayyama daldalaa osoo hin qabaatin Magaalaa Burraayyuu keessatti halkan keessa sa'aatii 5:00 tti Simintoo konkolaataa irraa osoo buusan qabaman jedhamanii himataman ilaalchisee himatamtoonni yakkicha halkan dawoo godhatanii kan raawwatan waan hin taaneef,bu'uura seera yakkaa kew. 84(1)(c) tiin akka adabbii cimsutti fudhatamuu hin qabu" jechuun murteessee ture.(murtii haaraa kenname).
Murtii kanarraa kan hubatamu,yakkichi halkan ta'eef qofa akka sababa adabbii cimsutti kan fudhatamu osoo hin taane,yakkichi dukkana dawoo godhachuun eeggatee yoo raawwatame ta'uu yoo mirkanaa'eedha akka sababa adabbii cimsutti fudhatamu jechuudha.
⚖️Hiikoo Dhaddacha Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa kunniin jildiidhaan maxxanfamuu baatanis dirqisiisummaa qabu.Sababni isaas,Labsii Manneen Murtii Federaalaa Lakk.1234/2013 keewwata 10(2) jalatti "hiikoo seeraa Abbootii Seeraa baay'ina Shan(5) gadi hin taaneen kennan,guyyaa hiikoon(murtiin) kenname irraa eegalee Manneen Murtii Federaalaa fi Naannoolee hunda sadarkaa kamirrayyuu jiraniif dirqisiisummaa akka qabu" ifatti tumeera.Labsima kana keewwata 10(3) jalatti Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa hanga danda'ameen hiikoo dirqisiisaa kenname maxxansuu akka qabu tumee jira.
ogeessota seeraatiin yaadni addaa yoo jiraate haa dhiyaatu.
👉Warri nu iyyaafachaa turtanii fi jirtan galatoomaa!!♥️♥️
Haqaaf haqaan hojjanna! Kaayyoo fi galmi keenya haqa mirkaneessuudhaa!!
👇
https://t.me/Mnure88