Shumi Lawyer

Shumi Lawyer Legal awareness creation activist

06/09/2025
05/09/2025

QABIYYEEN LAFA BAADIYAA GARA MAGAALAATTI DAANGEFFAMUU FI MIRGA WABII ITTI FAYYADAMA QABIYYEE LAFA BAADIYAA
Kaayyoo seera lafa baadiyaa keessaa inni tokko wabii itti fayyadama qabiyyee lafa baadiyaa mirkaneessuu akka ta'e seensa labsii lafa baadiyaa oromiyaa duraanii labsii lakk 130/99 keewwata 6/10 fi 6/11 jalaatti tumamee kan argamuudha. Kanarraa immoo namni mirga itti fayyadama qabiyyee lafa baadiyaa qabu kamiiyyuu karaa seeraan tumameen ala qabiyyee lafa isaa irraa buqqa'uu kan hin dandeenyee ta'uun ifatti hubatama. Lafichi faayidaa ummataaf yoo barbaadames dursee lafichi faayida ummataaf kan barbaadamu ta'uun qaama aangoo qabuun murtaa'ee beenyaan madaalawaan dursee kanfalamee yoo ta'e malee namni mirga itti fayyadama qabiyyee lafa baadiyaa qabu mirga isaa dhabuu hin danda'u. bulchiinsi magaalaas qaamuma mootummaa waan ta'eef qabiyyee lafa baadiyaa sababa pilaaniin magaala jalatti daangeffame qofaaf lafa baadiyaa fudhachuu kan hin dandeenyee fi akkaataa seeraatiin dursee beenyaa madaalawaa kanfaluun laficha hanga hin fudhannetti mirgi itti fayyadama abbaa qabiyyee kan itti fufu akka ta'e seera lafa baadiyaa oromiyaa duraan turanii fi amma hojii irra jiran irraas ni hubatama. abbaa qabiyyee irraa hanga Lafti baadiyaa akkaataa kanaan hin fuudhamnetti osoodhuma akkaataa seeraatiin walharkaa fuudhiinsi taasifamee pilaaniin gara magaalattis daangeffamee hanga buchiinsi magaalaa abbaa qabiyyee harkaa akkaataa seeraan fudhatutti mirgi itti fayyadama abbaa qabiyyee kan itti fufuu fi seeruma lafa baadiyaatiin kan bulu akka ta'e labsii lafa baadiyaa mootummaa naannoo oromiyaa labsii lakk 248/2015 keewwata 4/2 jalatti ifatti tumameera. kanarraa immoo hanga lafti baadiyaa abbaa qabiyyee harkaa akkaataa seeraan fuudhamutti seeronni lafa magaalaa bulchuuf tumaman raawwatamummaa kan hin qabne ta'uu fi bulchiinsi magaalaa seerota lafa magaalaatiin laficha bulchuu kan hin dandeenye ta'uun kan hubatamuudha.

08/08/2025

በፍትሀብሄር ክርክር መዝገብ ላይ የእስር ትእዛዝ የሚታዘዝበተ ሁኔታወች
🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻🌻
1ኛ) በፍ/ስ/ህ/ቁ 156 ላይ አንደተደነገገው ተከሳሹ በፍርድ ቤት የተሰጠውን የማገጃ ትእዛዝ ያላከበረ ወይም በትእዛዞቹ ላይ የተሰጡት ውሳኔዎች ያልጠበቀና እግዱን የጣሰ ከሆነ ፍርድ ቤቱ የእስር ትእዛዝ ሊሰጥ እንደሚችል ያስቀምጣል፡፡
2ኛ) በፍ/ስ/ህ/ቁ 161(2) መሰረት
ፍ/ቤቱ ከፍርድ በፊት ክርክር የተነሳበትን ንብረት እንዳይበላሽ ለመጠበቅ የሚሰጠውን ማንኛውም ዓይነት ትእዛዝ የማይፈጽም አካል ላይ የእስር ትእዛዝ እንደሚሰጥ መረዳት ይቻላል፡፡
3ኛ) በፍ/ስ/ህ/ቁ 267 እና 268 ላይ እንደተገለጸው አንድ ምስክር ወይም ተከራካሪ ወገን በችሎት ቀርቦ እንዲመሰክር ወይም በእጁ ወይም በስልጣኑ ስር ማንኛውም ማስረጃ እንዲያቀርብ የፍርድ ቤት መጥሪያ ደርሶት ያለ በቂ ምክንያት ትእዛዙን ያልፈጸመ ወይም የማይፈጽምበትን ምክንያት ቀርቦ ያላስረዳ ከሆነ ፍ/ቤቱ የእስር ትእዛዝ እንደሚያወጣ ያስቀምጣል፡፡
4ኛ) በፍ/ስ/ህ/ቁ 386(4) ላይ እንደተመለከተው የአፈጻጸም ማመልከቻው የቀረበው አንድ የተወሰነን ገንዘብ ለማስከፈል ወይም የተፈረደው ፍርድ እንዲፈጸም ሆኖ የአፈጻጸም ተከሳሽ በመጥሪያው መሰረት ያልቀረበ ከሆነ ፍ/ቤቱ ታስሮ እንዲቀርብና እንደፍርዱ የማይፈጽምበትን ምክንያት ለመጠየቅ ይችላል በማለት ተደንድጓል፡፡
5ኛ) በፍ/ስ/ህ/ቁ 387 መሰረት የፍርድ ባለእደው ፍርዱ እንዳይፈጸም መሰናክል የፈጠረ ወይም የፍረዱን አፈጻጸም ለማዘግየት ንብረቱን ከፍርድ ቤቱ ስልጣን ክልል ውጪ ለማሸሸ፤ ለመደበቅ ወይም እራሱ ለመሰወር ያቀደ መሆኑን የሚያረጋገወጥ በቃለ መሀላ የተደገፈ አቤቱታ ከቀረበ ፍ/ቤቱ ባለእዳው በቀጥታ እንዲታሰር ትእዛዝ ሊሰጥ እንደሚችል ያስገነዝባል፡፡
6ኛ) በፍ/ስ/ህ/ቁ 389(1) ላይ እንደተመለከተው የፍርድ ባለእዳው ያለ በቂ ምክንያት ፍርዱን የማይፈጽም መሆኑ ሲረጋገጥ ወይም መፈጸም እየቻለ ለመፈጸም ፈቃደኛ ያልሆነ መሆኑን ሲረጋገጥ ፍ/ቤቱ የፍርድ ባለእደውን እስከ 6ወር ሊደርስ የሚችል እስራት ሊፈርድበት ይችላል፡፡
7ኛ) በፍ/ስ/ህ/ቁ 481 ላይ እንደተገለጸው ማንም ሰው የችሎት ስራ ዳኛው በሚሰራበት ጊዜ ዳኛው ስራውን እዳይሰራ ያወከው ከሆነ ወይም በችሎት የተከለከሉ ተግባራት የፈጸመ ወይም ሀሰተኛ የምስክርነት ቃል የሰጠ መሆኑን የተረጋገጠ በአጠቃላይ ችሎት ደፍሮ ከተገኘ እስከ 3 አመት እንደሚቀጣ ተደንግጓል።

Address

Shashemene City
Shashemene

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Shumi Lawyer posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category