Ardaa Seeraa

Ardaa Seeraa Contact us 0949631885

08/06/2026

Anis Biyyaan qabaa....

Himatamaan Daa'ima waggaa 4-6 taatu irratti saalqunnamtii raawwate hidhaa cimaa waggaa 16tiin adabame.Himatamaan Maqaan ...
08/06/2026

Himatamaan Daa'ima waggaa 4-6 taatu irratti saalqunnamtii raawwate hidhaa cimaa waggaa 16tiin adabame.

Himatamaan Maqaan isaa Amaan Hajjii Shaakalii jedhamu seera yakkaa kewt 627(1)bira darbuun Magaalaa shaashamannee Kutaa Magaalaa Haruufaa Aanaa Aleeluu iddoo addaa naannoo mana Barumsaa Ajjaammoo jedhamuun beekkamuti miidhamtuu dhuunfaa XX jedhamtuu kan umuriin ishii waggaa 4-6 ta'ee jiraattuu ollaa isaa kan taate ijoollee isaa wajjiin taphachuuf yeroo mana isaa seentu ijoolleen raftee jirti koottu waliin taphannaa jechuun uffata ishee irraa baasee gocha saalqunnamtii akka waliin raawwattu taassisuun dhangala'aa dhiiraa (Ispee*mii) qaama saalaa ishee keessati dhangalaasee fedhii foonii isaa waan bahateef yakka miidhaa saalqunnamtii daa'ima irrati raawwateef Abbaan Alangaa Bulchiinsa Magaalaa Shaashamannee himata irrati hundeessuun Manni Murtii Olaanaa Bulchiinsa Magaalaa Shaashamannee falmii bitaa fi mirgaa gaggeessaa turuun dhaddacha gaafa 26/09/2018 ooleen himatamaa fi fakkaattota isaa barsiisuu danda'aa jechuun hidhaa cimaa waggaa kudha jahaa (16) adabeeraa.

yakkoota daa'imanii fi dubartoota irratti raawwatamu Ittisuuf Kutaaleen hawaasaa adda addaa fi Qaamoleen seeras dirqama keenya sirnaan haa baanuu.

Poolisiin  Magaalaa Finfinnee namoota lammiilee biyya alaa butanii maatii isaaniirraa maallaqa guddaa gaafataa turan jed...
07/06/2026

Poolisiin Magaalaa Finfinnee namoota lammiilee biyya alaa butanii maatii isaaniirraa maallaqa guddaa gaafataa turan jedhe to’annoo jala oolchuu beeksise.

Poolisiin Finfinnee akka ibsetti, bakka bu’aan Imbaasii Siriilaankaa Itoophiyaa keessa jiru Caamsaa 18, 2018'tti gabaasa mootummaa nageenyaaf dhiyeesseen, lammiileen Siriilaankaa sadii hojiif gara Itoophiyaa dhufan Caamsaa 15, 2018 irraa eegalee butamuu isaanii fi maatii isaanii Siriilaankaatti argaman irraa tokkoon tokkoon isaaniirraa doolaara Ameerikaa kuma 30 akka kaffalan gaafatamuu isaanii ibseera.

Gabaasa kana hordofuun Waajjirri Itti Aanaa Qorannoo Yakkaa Poolisii Finfinnee garee addaa hordoffii fi qorannoo hundeessuun hojii barbaacha yakkamtootaa jalqabuun, namoonni butaman buufata xiyyaaraa Boolee irraa konkolaataa Suzuki Dzire lakkoofsa gabatee 2C-40461 qabuun akka fudhataman Poolisichi ibseera.

Poolisiin Magaalaa Finfinnee hojii hordoffii fi odeeffannoo walitti qabuu gaggeesseen, konkolaachisaa lammii Itoophiyaa ta'e tokkofi, lammiilee Itoophiyaa biroo lama lammiilee Siriilaankaa afur ukkaamsaan magaalaa Shaashamannee, ganda Beqee 04 keessatti kutaa man tokkoo keessatti cufamanii turan keessaa bilisa baasuu Poolisiin Finfinnee beeksiseera.

Follow Ardaa Seeraa

Iraan keessatti namoonni lama dargaggeessa irratti yakka saal-qunnamtii (Maddiisummaa) dirqamsiisanii raawwatan Murtiin ...
06/06/2026

Iraan keessatti namoonni lama dargaggeessa irratti yakka saal-qunnamtii (Maddiisummaa) dirqamsiisanii raawwatan Murtiin du'aa itti mirtaa'e.

Iraan keessatti, magaalaa Qorveha jedhamtu keessatti namoonni lama dargaggeessa dhiiraa umurii waggaa 14 irratti yakka saal-qunnamtii dirqamaa raawwachan, murtii du'aa isaan irratti darbeen Wiixata darbe barii keessaa mana sirreessaa Qorveha keessatti fannifamuun ajjeefamaniiru.

Namoonni adabbii du'aa irratti raawwatame kun jiraattota magaalichaa kan ta'an yoo ta'u 1ffaan Taymabesi kan jedhmuu umurii waggaa 52 fi Kouhyar Abbasi umurii waggaa 37 dha. Namoonni kun Hagayya bara 2024 keessa to'annoo jala oolanii turan. Isaanis dargaggeessa umurii waggaa 14 kan maqaan isaa Farid Sadeghi jedhu irratti yakka saal-qunnamtii dirqamaa raawwachuu, viidiyoodhaan waraabuu, viidiyoo sanaan sodaachisuu fi maallaqa irraa fudhachuu jechuun himatamanii turan.
Akka dhaabbanni mirga namoomaa irratti hojjetu Hengaw jedhamu ibsetti, dargaggeessi sun miidhaa cimaa qaamaa fi miidhaa sammuu isa irra ga'e irraa kan ka'e Hagayya 12, 2024 lubbuu isaa ofii isaatiin balleesseera.

Maddi Tikvah
Biyyaa keenyattis yakkoonni akkanaa babal'achaa waan jiruuf adabbiin cimaa, baraiisaa fi akekkachiisaan kennamuu qaba.
Telegraama keenya join godhaa 👉https://t.me/Ardaaseeraa

Himatamaan Yakka Safuu fi Duudhaa Hawaasaa Faallessu Raawwatee Hidhaa Cimaa Waggaa Sagalii(9)n Adabame.Himatamaan Maqaan...
06/06/2026

Himatamaan Yakka Safuu fi Duudhaa Hawaasaa Faallessu Raawwatee Hidhaa Cimaa Waggaa Sagalii(9)n Adabame.

Himatamaan Maqaan isaa Muusee Fiqaaduu Mollaa jedhamuu gaafa guyyaa 04/06/2018 tilmaaman guyyaa keessaa Sa'aatii 7:00 yemmuu tahu Bulchiinsa Magaalaa Mattuu Ganda Gaaddisa Odaa iddoo addaa Naannoo Mardaafaa jedhamee beekamutti Miidhamaa dhuunfaa "xy" jedhamuu kan Rakkoo Sammuun waa dagachuu qabuun koottu Caatii bitnee dhufna jechuun Baajaajii keessa Seensisuun erga fuudhee deemee booda Miidhamaa dhuunfaa kana irratti Yakka Saala Walfakkaataa(Homosexual) raawwate jedhamee Eerun Abbaa Alangaaf Qajeelcha Poolisii Magaalaa Mattuu akkuma dhaqqabeen Abbaan Alangaaf Qajeelchi Poolisii Magaalaa Mattuu galmee qulqulleessun Abbaan Alangaa Magaalaa Mattuu Galmee Seera Yakkaa kwt 32(1A) 630(2A) jalatti himata Banuun Mana Murtii Aanaa Mattuuf dhiyeessee.

Manni Murtii Aanaa Mattuus Adeemsa keessa darbamuu qabu keessa darbuun ragaa bitaa mirgaa erga dhaggeeffatee booda gochi akkasii kun safuu, seera, duudhaa fi kabaja hawaasummaa biyya keenyaa guutummaatti kan diigu fi gonkumaa obsamuu kan hin dandeenyedha jechuun Adabbii Himatamaa kana ni Barsiisa fakkaattota isaa ni akeekkachisa jedhee yaade Adabbii hidhaa Cimaa Waggaa Sagalii(9)n Adabee Jira.

Gochaa safuu dhagahuufuu namatti ulfaatu kanaa hawaasni balaalefatuu qaba.

Yakka suukaneessaa 😭Abbaan dhimmaa tokko Mana Murtii Aanaa Walmaraa (Holottaatti) niitii isaa kan  dhaddacha irratti isa...
04/06/2026

Yakka suukaneessaa 😭
Abbaan dhimmaa tokko Mana Murtii Aanaa Walmaraa (Holottaatti) niitii isaa kan dhaddacha irratti isa waliin falmaa turtee fi abbaa murtii (daanyaa) dhimma isaanii dhagahaa ture rasaasaan rukutee ajjeeseera 😭
dhaddacha irratti eegumsi gahaan yoo hin jirre, Abbootii seeraattiif baay'ee sodaachisaa (balaafamaa) dha
Rabbii nu haa eegu 🙏!"

Himatamaan Yakkaa Ajjeecha Cimaa Raawwate Hidhaa Cimaan Adabame!Caamsaa 26/2018 Godina Iluu Abbaa Boor Aanaa Nadhii Noon...
03/06/2026

Himatamaan Yakkaa Ajjeecha Cimaa Raawwate Hidhaa Cimaan Adabame!

Caamsaa 26/2018 Godina Iluu Abbaa Boor Aanaa Nadhii Noonnoo Ganda Kombolchaa bakka adda Naannoo Buufata Fayyaa jedhaamee Wamaamutti Gaafa Guyyaa 21/08/2018 Waaree Booda Sa'aatii 9:30 Yommuu ta'uu Osoo midhaamtun Feneet Asaffaa kan jedhamtu Mana Barumsaa Ijoollee waliin deema jirtu Himatamaan Maqaan isaa Dabalee Baqqaala Dacaachoo jedhamuu Sababa Haati Mana isaa jalaa Baate garaa mana Maatii ishee galtee Situ na jalaa Gorsaa akka isheen mana isheettii hin galleef jechuun Haalo qabachun Midhaamtu kana Gajaara Shattaa jedhamuun Saggoo ishee ergaa Dhahee kuffiisee booda bakkaa isheen kufteetti immoo qaama ishee iddoo adda addaa rukuute Ajjeesee Garaa Wajjiira poolisiitti Harkaa isaa kennate booda Qorataa Poolisii fi Abbaa Alangaa Waliin ta'uun Galmee Ragaa namaa fi Ragaa Mana Yaalaatiin ergaa qorataani booda Galmee Abbaa Alangaa Godina Iluu Abbaa Boorif erguun,Abbaan Alangaa Godina Iluu Abbaa Booris Galmee qoraanno kana ergaa keessa isaa Ilaalee booda Seera Yakkaa 1996 bahee kewt 539(1)A irraa darbuun himatee Mana Murtii Godina Iluu Abbaa Boorittii dhiyeesse booda,Mannii MurtiiGodina Iluu Abbaa booris Galmee dhiyaate Himataa dhiyaate kana Ragaa Bitaaf Mirgaan ergaa qulquullefate booda dhaddacha Gaafa Guyyaa 26/09/2018 Oleen Himatamaa fi Fakkaatoota isaa ni barsiisa kan jedhe Hidhaa Cimaa Waggaa 21 Digdamii tokko Sagaale tokkon Murteesse jira.

Namni itti yaadee nama ajjeessee gara qaama seeraatti baqatuu akkamitti ilaaltu?

Adabbii hidhaa 👍Himatamaan Labsii Filannoo galmeessa paartilee Siyaasaa fi Naamusa  Filannoo Itoophiyaa  Lakk1162/2011 k...
03/06/2026

Adabbii hidhaa 👍
Himatamaan Labsii Filannoo galmeessa paartilee Siyaasaa fi Naamusa Filannoo Itoophiyaa Lakk1162/2011 kewt158 biraa darbuun Yakkaa Raawwatameedha .
Caamssa 25/9/2018
Himatamaan Hacaaluu Asfawu Ilikuu jedhamu Godina Iluu Abbaa Boor Aanaa Nadhii Ganda Kombolchaa bakkaa Adda zoonii yeesii garee Baabee jedhamee wamaamutti maxxaansa Mallattoo Paartti Badhaadhiina Buqqisee kaasuun daggaala keessa buusun Tajaajiilan alaa waan tasiiseef Eruun Qorata poolisiif Abbaa Alaanga waliin ta'uun galmee isaani Ragaa Namaatiin qulquullessun Mana Murtiif Aanaa Nadhiif dhiyeessun,Mannii murtiichas Himatamaaf Himannaa Abbaa Alangaa ergaa dubbiisee fi Himatamaanis Himannaa Abbaa Alangaa irraa mormii kan hin qabne fi Gochaa guutuumma Guutuutti Waan Amanef Mannii dhadachaa Aanaa Nadhii Dhadacha gaafa guyyaa 24/09/2018 Ooleen Hidhaa Salphaa Baatii 3 Sadii Murteesse jira.

01/06/2026

🤣

Address

Shashemene

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Ardaa Seeraa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Ardaa Seeraa:

Share