Waajjira Abbaa Alangaa Kutaa Magaalaa Sabbataa

Waajjira Abbaa Alangaa Kutaa Magaalaa Sabbataa This Government organization works to maintain justice!

28/08/2026
  20-12-2018 # Guyyaa har'aa gamaaggama raawwii hojii karoora bara 2017-2018 Tajaajila Qindaa'a Iddoo Tokkoo   akka Orom...
26/08/2026

20-12-2018

# Guyyaa har'aa gamaaggama raawwii hojii karoora bara 2017-2018 Tajaajila Qindaa'a Iddoo Tokkoo akka Oromiyaatti Biiroon Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa gaggeesse irratti gabaasa raawwii hojii Tajaajila Qindaa'aa Iddoo Tokkoo Kutaa Magaalaa Sabbataa Hospitaalaa Jalqabaa Diimaa dhiyaatera.
kanaan raawwiin jiru gaarii ta'uu fi fuulduraaf waltajjii kana irraa muuxannoon adda addaa argameera.

  9-12-2018  har'aa mata duree " Mirga Walqixxummaa Dubartoota fi Gahee Dargaggoonni Yakka BMG bu'uureffatanii Dubartoot...
15/08/2026

9-12-2018

har'aa mata duree " Mirga Walqixxummaa Dubartoota fi Gahee Dargaggoonni Yakka BMG bu'uureffatanii Dubartoota fi Daa'imman irratti raawwatamu ittisuu keessatti qaban" jedhu akkasumaas "Godaansa Seeraan alaa ittisuu keessatti Gahee Dargaggoota" jedhu irratti qindoomina Waajjira Abbaa Alangaa Kutaa Magaalaa Sabbataa fi Waajjira Dargaggoo fi Ispoortii Kutaa Magaalaa Sabbataatiin leenjiin dargaggoota Kutaa Magaalaa Sabbataa tiif kennameera.

  03/11/2018 har'aa Abbootii Alangaa fi hojjattoota Bulchiinsa hunda waliin Gabaasa raawwii karoora hojii bara 2018 , du...
11/07/2026

03/11/2018

har'aa Abbootii Alangaa fi hojjattoota Bulchiinsa hunda waliin Gabaasa raawwii karoora hojii bara 2018 , dub-deebii BAAWO fi WAAMSh akkasumaas qophii karoora bara 2019 fi Karoora Gannaa irratti marii taasifneerra.

  26-10-2018 # Leenjiin Kennameera. # Haaluma kanaan   Mata duree "Eegumsa Mirga Daa'immanii fi Yakkoota Barmaatilee bu'...
03/07/2026

26-10-2018

# Leenjiin Kennameera.
# Haaluma kanaan Mata duree "Eegumsa Mirga Daa'immanii fi Yakkoota Barmaatilee bu'uureffqchuun Dubartoota fi Daa'imman irratti leenjiin Miseensoota Giddu Gala Tajaajila Qindaa'aa Iddoo Tokkoo Hospitaalaa Diimaa fi Kutaalee hawaasaa adda addaa tiif Eegumsa Mirgaa Daa'imanii fi akkaataa Yakkoota barmaatilee bu'uureffatanii dubartoota fi daa'imman irratti raawwataman ittisuun danda'amu irratti gara Waajjira Abbaa Alangaa Kutaa Magaalaa Sabbataan kennameera.
irrattis dhaddachi daa'immanii Mana Murtii Kutaa Magaalaa Sabbataa keessatti qophaa'e hirmaattootan daawwatameera.

  25-10-2018 Gammaddan baga gammanne!@ Guyyaa har'aa akka Waajjira Abbaa Alangaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggariitti Gamaag...
02/07/2026

25-10-2018
Gammaddan baga gammanne!
@ Guyyaa har'aa akka Waajjira Abbaa Alangaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggariitti Gamaaggamni raawwii karoora hojii bara 2018 gaggeeffameera.
irratti sirni beekkamtii fi Badhaasaa kan gaggeeffame yoo ta'u , Waajjirri Abbaa Alangaa Kutaa Magaalaa Sabbataas beekkamtii argachuun Geebaa fi Laptop 1 badhaafameera.
biroon Abbaan Adeemsa Hariiroo Hawaasaa Kutaa Magaalaa Sabbataa obb.Kadiir Ahmad raawwii addaa galmeessiseen badhaafamaa addaa ta'uun waraqaa ragaa fi badhaasni Bilbila smartphone kennameefira.
Waajjira akkasumaas qaamoleen Haqaa fi bulchiinsaa waliin hojjachaa turre gumaacha nuuf taasiftaniif galatoomaa.

Address

Addis Abebe
Sebeta

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waajjira Abbaa Alangaa Kutaa Magaalaa Sabbataa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Waajjira Abbaa Alangaa Kutaa Magaalaa Sabbataa:

Shortcuts

Share

Category