20/11/2023
๐๐ง๐ค๐ข๐ค๐ค๐ฃ ๐๐ค๐๐๐๐ฃ ๐ฌ๐๐ก ๐๐๐ ๐๐ค๐ง๐๐ค๐ข๐ช, ๐ค๐๐ช๐ช๐ฃ ๐ฌ๐๐ก ๐๐๐ฃ ๐๐ค๐ง๐๐ค๐ข๐๐๐ฃ'- ๐๐๐ง๐ง๐ค๐ค ๐ฟ๐๐ง๐ง๐๐๐๐
Ajajaa olaanaan ABO-WBO Marroo Dirribaa [Kumsaa Dirribaa] Taanzaaniyaatti marii nagaa irra jiran tibbana marii karaa Zoom bakka bu'oota deeggartoota ABO-WBO waliin taasisaniin โโOromoon hojiin ijaaramuu qaba,โโ jedhan.
Mariin nagaa mootummaa Itoophiyaa fi ABO-WBO gidduutti guyyoota kudhanii oliif Tanzaaniyaa magaalaa Daare Es Salaamitti gaggeeffamaa jira.
Mariin kun yoom xumurama kan jedhuu fi wal hubannaa akkamiirra gahameera kan jedhu ilaalchisee odeeffannoo gahaan hin kennamne.
Yeroo jalqabaaf marii nagaa irratti qaamaan argamuun kan hirmaataa jiru Marroo Dirribaa [Kumsaa] Sadaasa 18, bara 2023 โโsaโa shayee irrattan dubbachaa jiraโโ jechuun karaa Zoom ergaa dabarsan.
Garuu waaโee marii nagaa itti jiranii osoo hin ibsiin hafan.
''Warra siyaasa hin beektu, ijoolleedha, kaayyoo hin qabdu jedhamee tuffatamaa turetu har'a addunyaa kana dubbachiisaa jira. Waan hojjetameen nu madaalaa malee oduudhaan miti,'' jedhan.
''Waan amma deemaa jiru kana sana jechuu hin barbaadu. Naamusa isaas miti waan taheef. Garuu qormaata guddaatu fuuldura keenya jira. Kana beekaa.''
Ajajaa olaanaan ABO-WBO kun โโuummanni Oromoo hojiin wal haa dorgomu, arrabaan wal hin dorgomiin, mataa gadi qabachuun hojjedhaa, mulโachuun gatii hin qabu,โโ jedhe.
Yeroo dheeraaf carraa miidiyaa hawwaasaa fayyadamuu bal'aa akka hin qabne kan hime Marroon, dubbiin isaa kun maricha irraa ka'uun moo yaada hawwaasaa miidiyaa irraa hubachuun, kana dubate kan jedhu ifa miti.
Waaโee deeggarsa maallaqaa deeggartoota isaanii biyya alaarraa argamuu yoo dubbatan 'โani gamakoon maallaqniyyuu haa hafu jechaan jira, namuu ogummaa isaan haa ijaaramuu,โโ jedhan.
Dabalataan maqaa isaaniin akka hin daldalamne gaafachuun ''namni yoo waliigaluu dadhabe, waliigaluu dhabuu keenya irratti waliigallee taaโuun ni dandaโama,โโ jedhe.
โ'Sirna ijaarrachuu feena, dhaloota dhufuuf biyya akkamii, sirna akkamii ijaarra kan jedhudha. Nuyi ni daba