Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Zeeybala Walashee

Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Zeeybala Walashee Haqaaf Haqaan Hojjenna!

07/08/2026
05/08/2026
ADOOLESSA 20 BARA 2018Manni Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Zeeybalaa Walashee Milkaa'ina Raawwii hojii bara 2018 fi cufiins...
27/07/2026

ADOOLESSA 20 BARA 2018

Manni Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Zeeybalaa Walashee Milkaa'ina Raawwii hojii bara 2018 fi cufiinsa yeroo hojii idilee mana murtii sababeeffachuun sagantaa walumatti dhufeenyaa hawaasa mana murtii fi galateeffannaa gaggeessee jira.

Sagantaan kun keessummoota kabajaa Mana Murtii Ol'aanaa Magaalaa Roobee, Manbeen Murtii Aanaa kutaalee Magaalaa, Qaamolee haqaa, qaamolee Bulchiinsaa, Abukaattota dhuunfaa, jaarsota Manneen Murtii Aadaa fi hawaasa irraa kan hirmaachiseedha.

Sagantaa kana irratti qaamolee Mana Murtiif deeggarsa taasusan, qaamolee haqaa fi bulchiinsaa mana murtii keenya waliin qindoominaan hojjetaniif waraqaan ragaa kan kenname yoo ta'u, hawaasa Mana murtii raawwii ol'aanaa galmeessisaniif, hojjettoota birootiif badhaasaa fi waraqaan ragaa kennamee jira.

Hirmaattotni sagantaa keenya irratti argamtan waamicha keenya kabajuun sagantaa keenya nuuf miidhagsitan maqaa Mana Murtii keenyaatiin galatoomaa jennee jirra.
Hawaasni Mana Murtiis milkaa'ina hojii hanga ammaatti argamiistaniif galatoomaa jechaa, yeroo boqonnaa Abbootii Seeraatti boqottanii miiraa fi kaka'umsa hojii gaarii ta'een akka deebitan dhaamsa isiniif dabrsina.
Yeroo boqonnaa gaarii!

Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaaaa Zeeybalaa Walashee

Hawaasni Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Zeeybalaa Walashee, Qaamoleen Haqaa,  Bulchiinsaa, Hawaasni Kutaa Magaalaa Zee...
25/07/2026

Hawaasni Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Zeeybalaa Walashee, Qaamoleen Haqaa, Bulchiinsaa, Hawaasni Kutaa Magaalaa Zeeybalaa Walashee Baga gammaddan, Baga Gammanne.
Manni Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Walashee Madaallii Raawwii Hojii bara 2018 kallattiilee hundaan gaggeeffameen Manneen Murtii Kutaalee Magaalaa jiran keessaa raawwii Ol'aanaa galmeessisuun sadarkaa 1ffaa bahuun geebaa fi waraqaa ragaa badhaafamee jira.
Dabalataan Abbootii seeraa Kutaalee Magaalaa keessa jiran keessaa madaallii raawwii hojii gaggeeffameen Abbootii Seeraa Mana Murtii keenyaa kan ta'an: 1ffaa Obbo Tamaam Jundii sadarkaa 1ffaa, Obbo Hayilee Aabbii sadarkaa 2ffaa bahuudhaan badhaasaa fi waraqaan ragaa kennameefii jira.
Manni Murtii keenya waggoota sadi'iif walitti aansuun raawwii ol'aanaa galmeessisuun sadarkaa 1ffaa kan qabate yoo ta'u, milkaa'ina raawwii hojii itti fufiinsa qabu argameef hawaasni MM keenyaa, MMO Magaalaa Roobee, qaamoleen haqaa, qaamoleen bulchiinsaa fi hawaasni Kutaa Magaalichaa gaheen keessan ol'aanaa waan ta'eef maqaa Mana Murtii keenyaatiin galatoomaa jennee jirra.
Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Zeeybalaa Walashee

Murtii barsiisaa MMO Magaalaa Roobee
26/06/2026

Murtii barsiisaa MMO Magaalaa Roobee

Guyyaa 11/10/2108Gamaggama Raawwii Hojii Waggaa Bara 2018Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Zeeybalaa Walasheetti  gamagga...
18/06/2026

Guyyaa 11/10/2108
Gamaggama Raawwii Hojii Waggaa Bara 2018
Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Zeeybalaa Walasheetti gamaggamni raawwi hojii waggaa bara 2018 hawaasa Mana Murtii hirmaachise gaafa guyyaa 11/10/2018 gaggeeffamee jira.

Gamaggama kanaan gabaasni raawwii hojii waggaa bara 2018 Garee KTAS, TQO, Garee Bulchiinsa Qabeenya Humna Namaa, Garee Bittaa Bulchiinsa Faayinaansii fi Qabeenyaa gaggeessitoota/Dursitoota gareetiin, akkasumas gabaasni hojii waggaa mana murtichaa Ogeessa Ol’aanaa KBHJ Obbo Nagaash Qilxuutiin erga dhiyaatee booda gabaasota dhiyaatan irratti mariin taasifamee jira.

Raawwiin bara kana kallattiilee hundaan galmaa’e ol’aanaa ta’uu isaatiin ciminoota mul’atan itti fufsiisuun hanqinoota mul’atan irratti karoorfachuun hojjetamuu akka qabu hirmaattonni kan kaasan yoo ta’u, yaadaa fi gaaffilee ka’an irratti ibsi dursitoota garee gabaasa dhiyeessaniin kennamee jira.

Dhuma irratti Pireezidaantii Manaa Murtichaa Obbo Buzaayyoo Katamaa kallattii xiyyeeffannoo gara fuulduraa kennaniin; raawwiin bara kanaa akka waliigalatti jiru ol’aanaa ta’uu ibsuun hanqinoota bara kana keessa mul’atan adda baasuun karoora bara itti aanu keessatti qabachuun irratti hojjetamuu akka qabu akeekanii jiru. Dabalataan qulqullina KTAS, si’oominaa fi dhaqqabamummaa KTAS keessattuu TQO fayyadamuun mana murtii gara mana murtii elektiroonikaatti ceesisuuf xiyyeeffannoon addaatiin hojjetamuu akka qabu, hojiin naamusa dagaagsuu, leenjii dandeettii fi hubannoo cimsuu fi bulchiinsa keessoo gaaromsuu hojjetamuu akka qabu kallattii kaa’uun waltajjiin xumuramee jira.
Mana Murtii Aanaa Kutaa magaalaa Zeeybalaa Walashee

Address

Robe

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Mana Murtii Aanaa Kutaa Magaalaa Zeeybala Walashee posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share

Category