31/08/2026
Murtiilee Dirqisiisoo fi Murtiilee Barsiisoo
--------------------------------------
Ogeeyyii seeraa lakkoofsi isaanii xiqqaadha hin jedhamne biratti doggoggorri hubannaa garaagarummaa murtiiwwaan barsiisoo fi murtiiwwaan dirqisiisoo gama Mana Murtii Waliigala Oromiyaa Dhaddacha Ijjibbaataatiin kennaman irratti jiraachuu isaa kan hubatamudha. Kana irraa ka'uudhaadhan murtiilee lamaan wal jala dabarsuun yeroo akka wabiitti fayyadamanii ittiin falmaniifi darbee darbee yeroo ittiin murteessan jiraachuu isaa adda baafachuun danda'amee jira.
Akka Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaatti, hanga ammaatti murtiiwwan barsiisoo walitti qabuun hanga jildii 12ffaatti kan maxxanfaman yoo ta'u , murtiiwwaan dirqisiisaa immoo dhimmoota ykn galmeedhan 3 irratti kennamee jira.
Murtiin dirqisiisoon inni jalqaba, dhimmaa galmee lakk. 303547 irratti gaafa guyyaa 11/02/2012 murtaa'e yoo ta'u, seera yakkaa baasuun angoo mootummaa federaalaa ta'uu ibsuun, labsiin bosona Nannoo Oromiyaa lakk. 72/1995 bahe kwt 15 /1/, dhimma seeraa yakkaa motumaa federaalatiin ifatti haguuggii argatee seerri irratti bahe waan ta'eef, Naannoleen seera mootummaa federaalatiin haguuggii argatee ifatti baye irra deebiin seera baafachuu hin danda'an jechuun, dhimma yakka bosonaa wajjiin walqabatee, labsii bosona Federalaa malee, keewwatni labsii Oromiyaa armaan olittii caqafame raawwatiinsa kan hin qabne dha jechuun murtii kennamedha.Dhimmi 2ffaan murtii galmee lakk. 453487 ta'e irratti gaafa guyyaa 11/10/2016 kenname irratti dhimmi mana murtii aadaatii gara mana murtii idilee anaatti yoo ol iyyatame, kallattiin gara MMWO dhaddacha ijjibbaataa malee Manneen murtii olaanaafi Waliigalaatti oliyyatamuu akka hin qabne kan murtaa'edha.Dhimmi 3ffaan murtii lakk. Galmee 466000 ta'e irratti gaafa guyyaa 16/07/2017 kenname ta'ee,dhimmi maatii amala addaa kan qabu waan taeef, seerummaan gaafatame Qr. 300,000 olis yoo ta'e, abbaa seeraa tokkoon moggaafamee hojjatamuu akka danda'u kan murteeffame dha.
Garaagarummaan murtiilee Barsiisoo fi Murtii Dirqisiisoo gabaabumatti yoo ibsamu, lachanuu kaayyoo/ ergama Mana Murtii Waliigala Oromiyaa labsiin 216/2011 keessatti tumame, walfakkeenyummaa murtii guddisuu isa jedhu utubuuf murtiiwwan MMWO Dhaddacha Ijjibbaataatiin kennaman ta'uun isaanii akkuma eeggametti ta'ee, murtiileen barsiisoon abbootii seeraa 5/shaniin/ kan kennamnaniifii amala isaaniitiin dirqisiisummaa kan hin qabnedha. Murtiiwwan Dirqisiisoon immoo, murtii dhaddacha ijjibbaataataa abbootii seeraa fi Pireezdaantii fi Itti Aanaa Prezidaantii dabalatee namoota 7/torbaan/ kenaaman ta'ee, akkaataa lakk. Lakki 216/2011 kwt.29 /1/ tiin, manneen murtii jalaa jiran murticha kenname hordofuun murteessuuf kan dirqaman ta'uu isaa hubatamuu kan qabudha jenna.