Mana Murtii Aanaa Waayyuu Tuqaa

Directions Contact the business

Mana Murtii Aanaa Waayyuu Tuqaa Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Mana Murtii Aanaa Waayyuu Tuqaa, Legal, Guutee, Nek'emte.

Marii karooraa fi walharkaa fuudhinsi hojii bara 2019 mana murtii Aanaa Waayyuu Tuqaa gaggeeffameera.Hagayya 28/2018 Guu...
03/09/2026

Marii karooraa fi walharkaa fuudhinsi hojii bara 2019 mana murtii Aanaa Waayyuu Tuqaa gaggeeffameera.
Hagayya 28/2018
Guutee
mariin karoora hojii bara 2019 mana murtii Aanaa Waayyuu Tuqaa bakka hawwaasni mana murtii Aanichaa fi qooda fudhattootnii karoora kanaa argamanitti gaggeeffameera.Qophii fi maalummaa karooraa irratti karaa dursaa garee karoora MM Olaanaa Godina Wal/Bahaa Obbo Caalaa seegootiin hubannoon kennameera.karoorri hojii mana murtichaas karaa dursaa garee karoora MMA W/Tuqaa obbo Malaakuu Olqabaatiin dhiyaatee booda irratti mari'atameera.Namni kamuu karoora qabame milkeessuuf hunduu kutannoon hojjechuu akka qabuu,qaamoleen alaas karoora kana raawwachuudhaaf tumsa barbaachisu sirnaan taasisuu fi qophaa'uu akka qaban akkasumas imala mana murtii gara waraqaa maleessaatti ceesisuudhaaf mojaasii bulchiinsa dhangala'insa dhimmaa sirnaan hubachuun hojiirra olchuun dhimma filannoo otoo hin taane dirqama mana keenyaati jechuudhaan pirezadaantiin mana murtii Aanichaa obbo Tokkummaan dhaamaniiru.kallattiin hojii waliigalaa karaa pirezidaantii Mana murtichaa fi Afyaa'ii Aanichaa Obbo Yemaanee Taaddasaan kennameera.dhumarrattis sirni walkaa fuudhinsa karoora manaa fi dursitoota jidduutti godhameera.

15/08/2026
Adoolessa 14/2018Sagantaa boqonnaa yeroo gannaa abbootii seeraa sababeeffachuun mariin hojiilee mana murtii Aanaa W/Tuqa...
21/07/2026

Adoolessa 14/2018
Sagantaa boqonnaa yeroo gannaa abbootii seeraa sababeeffachuun mariin hojiilee mana murtii Aanaa W/Tuqaa Eessaa garamitti jedhu gaggeeffameera.
Dhiyeessii qophaa'ee karaa porezidaantii Mana murtichaa Obbo Tokkummaan Kooruun dhiyaatee irratti mari'atameera.Sagantaa karoora hojii gannaa xiyyeeffannoo olaanaan hojjetamuu akka qabu kallattiin karaa obbo Tokkummaan Kennameera.dhumattis hojjettoota raawwii hojii daran olaanaa gama qulqullinaa fi si'oominaan galmeessaniif beekamtii,badhaasaa fi waraqaan ragaa galateeffannaa kennameera.hojjettoota Soorama bahanii fi jijjiirraan bakka biraa deemaniif gaggeessaan godhameera.

Waxabajji 26/2018Hawwaasni Mana murtii Aanaa Waayyuu Tuqaa hojii kenninsa tajaajila abbaa seerummaa bukkeetti biqiltuu b...
03/07/2026

Waxabajji 26/2018
Hawwaasni Mana murtii Aanaa Waayyuu Tuqaa hojii kenninsa tajaajila abbaa seerummaa bukkeetti biqiltuu bunaa fi muuzii mooraa mana murtii keessa dhaabaniiru.Mooraa mana murtii kana keessatti yeroo garaagaraatti biqiltuuwwan nyaataaf oolanii fi kanneen biroon dhaabamaa turaniiru.biqiltuuwwan kunniin hawwaasa mana murtii kanaan kunuunfamaa kan jiranidha.guyyaa har'as biqiltuun bunaa fi muuziin hawwaasa mana murtii kanaan dhabamaniiru.

02/07/2026

Dhimmoota Yeroo Gannaa (Yeroo boqonnaa Abbootii Seeraa Manneen Murtii Oromiyaa bara kanaa) keessummeeffaman toora telegraamii keenyaa seenuun 👉 https://t.me/MMWO2020 cuqaastanii argachuu kan danseessan ta'uu ni beeksifna.

Waxabajji 23/2018Gamaggamni raawwii hojii MMA W/Tuqaa kurmaana 4ffaa bara 2018 gaggeeffameera.Gabaasni hojii waggaa kara...
30/06/2026

Waxabajji 23/2018
Gamaggamni raawwii hojii MMA W/Tuqaa kurmaana 4ffaa bara 2018 gaggeeffameera.
Gabaasni hojii waggaa karaa dursaa garee karooraa obbo Malaakuu Olqabaatiin dhiyaateera.Bara kana karoora qabame milkeessuuf hojii bal'aan hojjetamaa kan ture ta'uu fi baroota darban waliin yoo ilaalamu roga maraan raawwii olaanaaan bara itti galmaa'e ta'uu fi addattimmoo gama qulqullinaan galmee diigamuun,fooyya'uu fi qabxiin gad deebi'uun 23.6% tti hir'isuun,hanqina ol'iyyannoo mana murtii itti aanurratti mul'ate 0%/duwwaatti fiduun,hanqinni qulqullina KTAS 2.5&tti hir'isuun fi gama si'oominaan raawwiin galmee 99.8% ta'uun jaarsummaan 94.5% xumuruu fi galmeen 35 perseentiin 100% jaarsummaan manuma murtii keessatti xumuruun,hojii TQO mana murtii gara waraqaa maleessaatti ceesisuuf hojjetame daran olaanaa ta'uun hojii bara kanaa adda kan taasisuu ta'uu isaatiin pirezidaantiin mana murtichaa obbo Tokkummaan kooruu hawwasa mana murtii kana raawwatan galateeffatanii jiru.gabasaa kanarrattis mariin irratti erga godhamee booda kallattii hojii itti aanu karaa perezidaantii mana murtichaan kennameera.

Waxabajji 02 bara 2018---‐---------------------------------Yaa'iin jaarsolii manneen murtii Aadaa Aanaa Waayyuu tuqaa fi...
09/06/2026

Waxabajji 02 bara 2018
---‐---------------------------------
Yaa'iin jaarsolii manneen murtii Aadaa Aanaa Waayyuu tuqaa fi hubannoon tarsimoon ittisa ragaa sobaa gaggeefameera.
Sagantaa kanarratti pirezidaantii Mana Murtii Olaanaa Godina Wallagga Bahaa obbo Zaaraabzaa Goobasaa, jaarsoolee Mana Murtii Aadaa, Abbootii Gadaa, Haadhoolee Siiqee, Abbootii Amantaa, qaamoolee mootummaa argamanitti gaggeeffameera. Hubannoon tarsiimoo ittisa ragaa sobaa irratti karaa kabajamoo Obbo Kabbadaa Mallasaa Abbaa seeraa Mana Murtii Olaanaa kannameera.sochii fi raawwii waliigalaa Manneen Murtii Aadaa immoo Karaa kabajamoo Obbo Tokkummaan Kooruu Pirezidaantii Mana Murtii Aanichaan dhiyaateera.dhiyeessii kanarrattis mariin bal'aan hirmaattota waliin erga godhamee booda kallattiin hojii itti aanu kennameera. Dhuma irratti beekamtii fi waraqaan ragaa galataa manneen murtii aadaa sadarkaa 1ffaa hanga 3ffaa bahaniif kan kenname yoo ta'u deeggarsa meeshaalee hojii Manneen Murtii Aadaaf kennameera.

Address

Guutee
Nek'emte
-

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Mana Murtii Aanaa Waayyuu Tuqaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Mana Murtii Aanaa Waayyuu Tuqaa:

Shortcuts

Share

Category