Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Liiban

Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Liiban Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Liiban, Legal Service, Nageellee Boorana, Negele.

Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa liiban Gaafa Guyyaa 14/9/2018  Mana Barumsa Sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa liiban qaaman argamuun...
22/05/2026

Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa liiban Gaafa Guyyaa 14/9/2018 Mana Barumsa Sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa liiban qaaman argamuun Mata_dureewwan yakkoota daa'imni fi dubartoota irratti raawwatamini fi adabbii isaani akkasumas labsii naman daldaluu fi nama seeran ala daangaa ceesisuu lakk.1178/2012 fi labsii filannoo 1160/2012 irratti hubannoo seera barattoota fi hawaasa mana barumsaaf kenname jira.

πŸ‘‰Seera beeku dhabuun itti gaafatamummaa irraa nama hin olchuu.

Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Liiban Koree GBAH wojjiin  marii taasiseera. Caamsa 14 2018Wajjiiri Abbaa Alangaa Aanaa li...
22/05/2026

Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Liiban Koree GBAH wojjiin marii taasiseera.
Caamsa 14 2018
Wajjiiri Abbaa Alangaa Aanaa liiban koree GBH woliin dhimmoota ol'aantummaa seeraa kabajuu fi kabachiisuu haqa lammiilees tiksuun fayyadamummaa uummataa mirkaneessuuf Mariin Qaamolee Haqaa barbaachisaadha Koreen kana bu'uura godhachuun marii godheera.

Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa liiban Gaafa Guyyaa 13/9/2018  Mana Barumsa Sadarkaa 2ffaa Nageellee Boorana lakk.2 qaaman...
21/05/2026

Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa liiban Gaafa Guyyaa 13/9/2018 Mana Barumsa Sadarkaa 2ffaa Nageellee Boorana lakk.2 qaaman argamuun Mata_dureewwan Seera yakkaa, labsii haasawa jibbinsaa fi odeeffannoo sobaa to'achuuf bahee labsii lakk.1185/2012 fi labsii naman daldaluu fi nama seeran ala daangaa ceesisuu lakk.1178/2012 akkasumas labsii filannoo 1160/2012 irratti hubannoo seera barattoota fi hawaasa mana barumsaaf kenname jira.

πŸ‘‰Seera beeku dhabuun itti gaafatamummaa irraa nama hin olchuu.

Guyyaa 12/9/2018  Nageellee BooranaπŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa liiban Mana Barumsa Ogooba qaaman argamu...
20/05/2026

Guyyaa 12/9/2018
Nageellee Boorana
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa liiban Mana Barumsa Ogooba qaaman argamuun Mata_dureewwan mirga daa'immani fi dubartoota, saamichaa humna daa'immani fi yakkaa naman daldaluu fi nama seeran ala dangaa ceesisuu akkasumas yakkoota daa'imni fi dubartoota irratti raawwatamani fi adabbii isaanii jedhuu irratti hubannoo seera barattoota fi hawaasa mana barumsaaf kenname jira.

πŸ‘‰Seera beeku dhabuun itti gaafatamummaa irraa nama hin olchuu.

Duula Hubannoo Seera Kutaa 1ffaa         Guyyaa 11/9/2018 Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa liiban Mana Barumsa Sadarkaa 2ff...
19/05/2026

Duula Hubannoo Seera Kutaa 1ffaa
Guyyaa 11/9/2018
Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa liiban Mana Barumsa Sadarkaa 2ffaa Nageellee Boorana lakk.1 qaaman argamuun Matadureewwan maalummaa ittigaafatamummaa yakkaa, labsii haasawa jibbinsaa fi odeeffannoo sobaa to'achuuf bahee labsii lakk.1185/2012 fi labsii naman daldaluu fi nama seeran ala daangaa ceesisuu irratti hubannoo seera barattoota fi hawaasa mana barumsaaf kenname jira.

πŸ‘‰Seera beeku dhabuun itti gaafatamummaa irraa nama hin olchuu.

Caamsa 5,  2018πŸ“•πŸ“”πŸ“•πŸ“”πŸ“”πŸ“•πŸ“”πŸ“”πŸ“•πŸ“”πŸ“”πŸ“•πŸ“”πŸ“•πŸ“”Waajjiiri Abbaa Alangaa Aanaa Liibaan  Abbooti Alangaafi Hojjaatoota Bulchinsa wajjiin erg...
13/05/2026

Caamsa 5, 2018
πŸ“•πŸ“”πŸ“•πŸ“”πŸ“”πŸ“•πŸ“”πŸ“”πŸ“•πŸ“”πŸ“”πŸ“•πŸ“”πŸ“•πŸ“”
Waajjiiri Abbaa Alangaa Aanaa Liibaan Abbooti Alangaafi Hojjaatoota Bulchinsa wajjiin erga siimanan baga nagaan dhuftanii hoggansa fi abbaa adeemsa haaraaf erga godhameen booda marii dhimmoota kenna tajaajilaa walqabate ciminoota fi hanqiinalee jiran irraati akkasumas qindoomina keessoo fi seektaraale biroo waliin hariiroon jiru maal akka fakkaatu irraati ergaa mariin baldhaan taasifameen booda akkaata hojiileen kurmaana 4ffaa yeroo muraasa keessaatti karaa milka'inaa qabuun itti raawwaatamu kallaati waliif ka'uudhaan xumurameera.

13/05/2026

Olmaa dhadachaa
Gaafa guyyaa 5/9/2018:
πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡πŸ‘‡
Himataman maqaan isaa Qananisaa Badeessaa Mii'eessaa jedhamu dhadachaa gaafa guyyaa 5/9/2018 Mana murtii Aanaa Liibanitti adabbii hidhaa cimaan adabameera.
Himataman maqaan isaa arman olitti ibsame yakkaa lama raawwachuun Abbaan Alangaa Aanaa Liiban himannaa irratti hundaa'e yemmuu ta'u: himannaa 1ffaa himataman Kun Seeraa yakkaa kwt 626(1) bira darbuun yakka ijoollee umuriin isaanii waggaa 13 ta'ani waggaa 18 hin guune irratti miidhaa saalqunnamtii raawwachuuf itti yaade ji'a 3, bara 2017 asuma Godina Boorana Baha Bulchinsa magaala Nagelle Boorana Ganda Daanisaa Oliyyee iddoo addaa mana barumsa Liiban dugda dubatii miidhamtu maqaan ishee 'X' jedhamu umuriin ishee 17 taate sii fuudha jechuun ergaa hayyama ishee argate booda saalqunnamtii ishee wajjiin waan rawwaateef kan himatame yemmuu ta'u, himannaa 2ffaan walqabate himataman kun seeraa yakkaa kwt.640(1)(a) irra darbuun yakkaa wantoota jibbisisoo ykn adagummaa qaban ykn amala gariif fallaa ta'an ummataf agarsiisuf yaade gaafa guyyaa 29/4/2018 asuma Bulchinsa magaala Nagelle Booranati suuraa miidhamtu dhuunfaa maqaan ishee arman olitti ibsamte qulla'aan jirtufi video ishee waliin saalqunnamtii yemmuu raawwatu agarsiisu waraabe toora Facebook isaatiin gadii lakkisuun akkasumaas nama biraf agarsiisu fi erguun ummatni Akka ilaallu waan godheef yakkaa himatame ergaa adeemsa seeraa hundaa keessaa darbee booda dhadachaa gaafa guyyaa 5/9/2018 oolen Manni murtii Aanaa Liiban adabbii himatama kana fi fakkatoota isaa ni barsiisa ni akeekkachisaa jedhu adabbii hidhaa cima waggaa 4(afuriin) adabameera.

πŸ‘‰ Seera beeku dhabuun itti gaafatamummaa yakka irraa nama hin oolchuu.

Address

Nageellee Boorana
Negele

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Liiban posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category