01/07/2025
Egaa hojii Dinqii fi Ajaa'ibaa Waldaan kun hojjete cinatti immoo qormaatolee dubbatamee hin dhumne warra Tajaajilli kun isaan yaaddesse irraa Alaa osoo hin taane keessoodhaan karaa uummanni hin beekneen irra gahu hagana hin jedhamu.Keesumatti Boojuu hatuun duruma kan barame yoo ta'eyyuu namoonni baala gizeedha jechaa osoo hin jallatiin Tajaajila waldaan jedhu kanaan osoo hin jaallatiin garuu immoo sirriiti fakkeesanii hojjechaa jiran garaan hadubbatu irraan Ittin Uummata tajaajilu keesson garuu Miseensota Waldaa jijjiirama kana fidan haala addaa addaatiin maqaa garaa garaa itti moggaasuudhaan kutaan,gandaan Godinaan gareef gooxiidhaan,Cilaattii siyaasaa itti booxuudhaan akka Waldichi hundee hin qabaanne irratti hojjechaa Oolu.Kanas Miseensumti waliin oolu waliin karoorsee hojjetu akka wal shakku,akka wal qoqqoodu,isa tokko isa tokkotti hamachuun adda baasuun waldichi akka laafuu fi miira dura ittiin ka'e irraa xiqqoo akka boodatti jedhu taasisuuf yaalaniiru.Hojii Waldaan duuka bu'oota Buunnoo Beddelleetti hojjete Osoo qajeelummaan jiraatee ifaadha Jibbamuun isaa qofti hojii isaaf ragaadha.Yeroo tokko tokko namoota lapheen isaanii jaamaa ta'een waan dubbatamu tokko Waldaan kun homaa hin buusne,homaa hin hojjenne jdhu Akka hin hojjenneef Harangamaa itti ta'aniitu harangamichuma keessa hulluuquun hojiin hojjetame garuu waan uummata jalaa hin dhokannedha.har'as Maqa balleessiin itti fufee warra barattoota guyyaa Dilbataa barsiisanitti,Luboota ijoollee Afuuraa qabatanii jiranitti,Xoodoowwan garaa garaa irratti Waldaa warra bataskaana diiguu dhufe,kopheedhaan bataskaana loxan,Alaabaa keenya morman,Amaara jibban eessattiyyuu akka hin simanneen itti fufee jira kun immoo Waldichaaf galtee cimaa fi kan tajaajilatti isa cimsudha.Ammas qaamonni Tajaajila kana jala dhaabattanii hojii diinummaa hojechaa jirtan jalaa siqaa tarii waan dhaabbistan,waan laaffistan isinitti fakkaatee kan dhamaatan hojii waaqayyo hin jaallanne kana dhiisaatii yaada dhoksaa keessa bahaatii Qajeelummaan