19/05/2026
Luke 15:17
Yaada naanneffachuu ykn Qalbii jijjiirrachuu!
Kutaa kana keessatti ilma mana abbaa isaatii bahee gara biyya fagootti bade tokko argina. Erga bahee booda wanti inni yaade akka inni yaade tahuufii hin dandeenye. Jireenya bareedaa fi gammachuun guute waan jiraatu se'e, gruu gammachuun isarraa fagaate, beelaan waadame, qofaatti hafe, waan garaa isaatti nyaatullee dhabe, mana abbaa isaa keessa gruu quufa, gammachuu, jireenya gad hin hir'annetu,.... jira ture.
Gurbaan kun garuu filannoo hundumaa erga ilaalee fixeen booda, bakka jiru ofii isaayyuu of bare. Jireenya keessaa, eebba keessaa, quufa keessaa,... akka gad of baase of bare. Kana booda yaada isaa naanneffatee gara abbaa isaatti deebi'uuf murteesse.
■ Yaada naanneffachuu keessa qabxiiwwan 4tu jiru.
1. Of beekuu, of baruu
When he came to him self...!
Inni yeroo of beeketti..
2. Waan godhan beekuu, murteeffachuu
I will arise and go to my father..!
Ka'een gara abbaa kootii deema..
3. Gad of buusuu, of xinneessuu- fuula Waaqayyoo duratti
I am no more worthy to called thy son...!
Kana booda Ilma kee jedhamuun anaaf hin malu...
4. Garaa fi murtoo dhugaan gara Waaqayyootti deebi'uu.and He arose and came to his father..!
Inni ka'ee gara abbaa isaatii ni deeme..!
Obboleessa koo, obboleettii koo kan amma ergaa kana dubbisaa jirtu, haala akkamii keessa akka jirtu situ beeka. Akka ilma isa angafaa mana abbaa kee keessa jiraachaa jirta yoo ta'e gammadi. Qormaata si mudatu kamiifuu harka hn laatin. Hamma dhumaatti jabaadhuu dhaabbadhu.
Akka ilma amgafa sanaa mana abbaa kee keessaa, yaada isaa fi jaalala isaa keessaa baddee jirta yoo ta'e immoo deebi'i. Biyyi lafaa kan yerooti, yeroof nama goyyomsiti. Gammachuu dhugaan biyya lafaa keessaa hn argamu. Waan ati qabdu sirkaa fixxee dabarsitee du'atti si laatti. Mana abbaa kee siif wayya. Achi keessa waan gaarii hundumaatu jira. Adaraa yaada kee naanneffadhu. Akka ilma gowwaa sanaa hn ta'iin. Jaalladhuu jaalalaan mana abbaa keetti deebi'i, Waaqayyo si simata!!!!