26/01/2026
Manni barumsaa maqaa Harmee Prf. Gabbisaa Ejjetaan mogga'e eebbifamee jira.
Godina Shawaa Lixaa Aanaa Ejersa Lafootti Manni Barumsaa Sadarkaa 2ffaa Yaadannoo Harmee Looret Pirofeeser Gabbisaa Ejjetaa 'Mootuu Ayyaanoo’ jedhuun moggaafame eebbifamee jira.
Manni barumsaa sadarkaa lammaffaa maqaa harmee pirofeeser Gabbisaa Ejjetaan moggaafame kun birrii miiliyoona 60 oliin kan ijaarame tahuun isaa ibsamee jira.
Pirofeesar Gabbisaan gama isaaniitiin ammoo dhaloonni barumsarratti xiyyeeffachu akka qaban dhaamani kan jiru yemmu tahu, manni barumsaa kun maqaa harmee isaaniitiin moggaafamuti gammadanii jiraachu ibsanii jiru.
Pirof. Gabbisaa Ejjetaa ALI bara 1950 qe’ee baadiyyaa Holonkomii jedhamutti dhalatanii kan guddatan hoggu tahu, hayyichi kun shanyii bishingaa diqaalome kan hongeefi waagii hamaa dandamatu qorannoon argatanii turan.
Pirofeesar Gabbisaa Ejjetaa shanyii Bishingaa diqaalome argachu isaaniitiin badhaasa Nyaataa Addunyaa (World Food Prize) bara 2009 ti badhaafamanii jiru.
Pirofeesarichi seena jireenya isaanii keessatti namoonni kallattiin jireenya isaanii akka jijjiiramuuf dhiibaa taasisaa turan hedduun jiraatanis garuu qoonni harmee isaanii adda duree akka tahe yeroo gara garaati ibsanii turan.
Hawaasni naannichaa Manni barumsaa ammayya'aan qulqullina qabuufi sadarkaa isaa eeggate ijaaramuufitti haalaan gammadanii kan jiran tahu himanii jiru.