07/02/2026
Fuudha irratti fuudha fi seera yakka Itoophiyaa (biyya keenya)
Fuudha irratti fuudha jechuun “namni ga,illa seeraan qabeessa akkaata amantaa ,aadaa fi mana qopheessaan raga,e jiru osoo qabu nama biraa wajjiin gaa,illa raawwachuudha.
Heerrii mootumma feedaraalaa dhimma maatii keessatti gahee seeroota amantaa fi aadaatiif beekamtii kenne garuu ,fuudha irratti fuudhii kallattiin heyyamama ykn dhoorka ta,uu ifaan hin keenye.
Hata,u malee heerrii mootummaa kwtn 9 heerrii mootummaa seera ol,aanaa fi seeroonnii kamiyyuu barmaatileen aadaa kamiyyuu heera kana faalleessuu fudhatama akka hin qabne tumeera.
Heera mootummaa Feedaralaa itoophiyaa kwt.34(4) fi heera mootummaa naannoo oromiyaa kwt.34(4) haaluma walfakkaatuun “Keewwata 34 Mirgoota Fuudhaafi Heerumaa Nama Dhuunfaafi Maatii 1) Dhiiraafi dubartiin umurii fuudhaafi heerumaaf seeraan murtaayera gahan sanyiidhaan, sabaan, sabl-ammiidhaan yook iin amantiidhaan yookaan sababa biraan garaagarummaan otoo isaanirratti hin godhamiin fuudhuu-heerumuufi maatii hundeef fachuudhaaf mirga qabu. Raawwannaa fuudhaa heerumaa, yeroo fuudhaafi heerumni ragga’ee jiruttiifi yeroo hiikkaattis mirga wal qixa ta’e qabu. Yeroo hiikkaas seeronni mirgaafi dantaan ijoollee akka kabajamu godhan ni tumamu. 2) Fuudhaafi heerumni, hayyama bilisaafi guutuu warra wal fuudhanii irratti hundaa’a. 3) Maatiin ka’umsa bu’uura uumama hawaasaati. Hawaasichaafi Mootummaarraa eegumsa argachuuf mirga qaba. 4) Akkaataa addaan bahee seeraan tareeffamuun, fuudhaafi heeruma sirnoota amantii yookiin aadaarratti hundaa’anii raawwatamaniif seerri beekkumsa kennuuf bahuu ni danda’a jechuun tumeera.
Seeroota fuudhaa fi heerumaaf beekamtii kennan keessaa seerrii maatii feedaraalaa itoophiyaa kwt.11 namnii fuudhaa fi heeruma seeraan ragga,e qabu tokko nama biraa wajjiin fuudhaa fi heerumaa biraa hanga fuudhaa fi heerumni jalqabaa jiruti raawwachuu akka hin dandeenye tuma.
Seerrii maatii feedaraalaa kun fuudha irratti fuudhaaf beekamtii hin kennine.
Hata,u malee Naannoolee Itoophiyaa hunduu dhimma maatii irratti seera baafachuu akka danda,an heerrii mootumma feedaraalaa itoophiyaa Naannoolee angeesseera.
Bu’uura kanaan akka Naannoo Oromiyaati seera maatii oromiyaa lakk.69/1995 keessatti fuudha irratti fuudha raawwachuu ilaalchiisee ifaatti wantii tumame jiraachuu dhabuun hiikkoo garagara waan hordofsiiseef dhimma kana ifaatti murteessuun waan barbaachiiseef seera maatii oromiyaa labsii lakk.69/1995 n fooyyeessuu labsii fooyya,iinsa seera maatii oromiyaa lakk.83/1996 kwt 30 jalatti fuudha irratti fuudha raawwachuu ifaan dhoorkeera.
Dabalataan fuudhaa fi heeruma irratti fuudhaa fi heerumni biroo raawwatame yoo argame walfuutota fuudhaa fi heeruma duraa keessaa tokkoon ykn walfuutota fuudhaa fi heeruma duuba ykn booddee raawwatame keessaa nama miidhame jedhuun ykn Abbaa Alangaatiin gaaffiin yoo dhiyaate fuudhaa fi heerumni booddee ykn duuba akka diigamu akka taasiifamu ykn ta,u seerrii maatii oromiyaa ifaan tumeera.
Seera yakka keessatti yakka jechuun gocha seeraan dhoorkamee raawwatani argamuun seeraan kan adabsiisu yoo ta,eefi seerii gochiicha yakka taasiisee tume yeroo gochiichi raawwatamutti hojjirra yoo jiraatedha.
Seera yakkaa Itoophiyaa keessatti boqonnaa 2 jalatti yakkoota maatii irratti raawwatamaan jechuun kwt. 646-653 kan jirani tumamaani jiran keessaa Fuudhaafi Eeruma Irratti Fuudhaafi Eeruma Raawwachuu isa tokko akka ta,e seera yakka keenya kwt.650 (1,2,3) guutumatti yoomu ilaalamu
Namni kamiyyuu fuudhaafi eeruma seeraan ragga’ee duraan jiru osoo qabuu fuudhaafi eerumni kun digamuu yookiin haqamuu isaatiin dura fuudhaafi eeruma biroo kan raawate yoo ta’e;
hidhaa salphaan; yookiin dubbichi ulfaataa yoommuu ta’u keessumattuu balleessichi haala dhugaa ofiisaa dhoksuun nama fuudhaafi eeruma lammaffaa isa waliin raawwate beekaa kan dogoggorse yoo ta’e; hidhaa cimaa waggaa shan hincaalleen ni adabama.
Namni hinfuune kamiyyuu namni biroon fuudhaafi eeruma ragga’e qabaachuu isaa osoo beekuu nama kana waliin fuudhdaafi eeruma kan raawwate yoo ta’e;
hidhaa salphaan ni adabama.
Fuudhaafi Erumaa lamaan keessaa tokko hanga diigamutti yookiin haqamutti lakkaa’amuun darbiinsa yeroo himannaa yakkichaa dhorkamee ni tura.
Haala addaatiin kwt 651
Fuudhaafi eeruma irratti fuudhiifi eerumni kan raawwatame bu’uura fuudhaafi eeruma seera rogummaa qabuun haala addaatiin sirnoota amantii yookiin aadaa irratti hundaa’anii raawwataman beekamtiin kennameefiin yoo ta’e yakkaan akka hin adabamne ka,eera.
seerrii dhimma fuudhaa fi heerumaatiif rogumma qabu seera maatiiti akka Naannoo oromiyaatti seeraa maatii oromiyaa fooyya,e bahe labsii lakk. 83/1996 kwt 30 fuudha irratti fuudha raawwachuu guutumatti hanbifanna tokko malee dhoorkeera.