Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Ciroo

Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Ciroo Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Ciroo, Legal, Chercher, Ch'erch'er.

Adooleessa 27/2018Duula Ashaaraa MagariisaaWaajjira Abbaa Alangaa Aanaa Ciroo
03/08/2026

Adooleessa 27/2018
Duula Ashaaraa Magariisaa
Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Ciroo

31/07/2026
26/07/2026

𝙁π™ͺπ™ͺ𝙑𝙖 𝙝𝙖𝙖𝙧𝙖𝙬𝙖 π™Ÿπ™šπ™˜π™π™ͺπ™ͺ𝙣 𝙩𝙀'π™–π™˜π™π™ͺπ™ͺ𝙣 𝙣𝙖𝙒𝙖 𝙩π™ͺπ™§π™¨π™žπ™žπ™¨π™ͺπ™ͺ𝙣 π™’π™žπ™§π™œπ™€π™€π™©π™– π™‘π™–π™’π™’π™žπ™‘π™šπ™šπ™£ 𝙗π™ͺπ™‘π™žπ™¨π™ͺ𝙒𝙒𝙖𝙖𝙣 𝙣𝙖𝙖𝙣𝙣𝙖'π™ͺπ™ͺ𝙛 π™¦π™–π™—π™–π™£π™ž π™›π™ž π™’π™žπ™§π™œπ™€π™€π™©π™– 𝙗π™ͺπ™‘π™žπ™¨π™ͺ𝙒𝙒𝙖𝙖 π™π™šπ™šπ™§π™– π™ˆπ™π˜Ώπ™π™„ π™—π™šπ™šπ™ π™ π™–π™’π™©π™žπ™ž 𝙦𝙖𝙗𝙖𝙣 π™¬π™–π™Ÿπ™Ÿπ™žπ™žπ™£ π™–π™ π™ π™–π™’π™žπ™©π™©π™ž π™žπ™‘π™–π™–π™‘π™–π™’π™–?
β€Ž===================================
β€ŽπŸ’«Akkuma beekkamu yeroo adda addaatti qaamooleen nageenyaa sakkatta'insa taasisan namoota sababa adda addaaf imalan fuula haarawa jechuun to'achuun tursiisuu dabalatee hanga faaydaa hin malle gaafachuutti darbee darbee ni mullata, ofii waraqaa eenyummaa osoo hin qabaanne deemuun yakkaan nama ni gaafachiisaa? Eenyumma nama qulqulleessuuf dirqama namni to'atamuu qabaa? Kan jedhuufi kan biroo Akka armaan gadii kanatti waliin haa Ilaalluu πŸ‘‡
β€ŽπŸ’«Namoota haaraya gara naannoo kenyaatti dhufan adda baasuun eenyummaa isaanii qulqulleessun nageenya hawaasaa ballaa eeguuf barbaachisadha kanuma bu'uura godhachuun Seerri yakkaa MFDRI biyya keenyaa keewwata 807 jalatti namni kamiiyyuu maqaa isaa yookiin eenyummaa isaa akka himu, hojii yookiin ogummaa, bakka jireenyaa, teessoo yookiin haala dhuunfaa isaa kan ilaallatu dhimmoota kan biroo tarreessuun akka ibsu; sanadoota qabate, meeshaalee imalaa yookiin wantoota shakkisiisaa ta’an kamiyyuu akka sakattaasisu yookiin ajaja kana fakkaatu kan biroo kamiyyuu akka raawwatu hojjetaa mootummaa dirqama hojii isaa bahaa jiruun yommuu gaafatamu yookiin ajajamu hayyamamaa kan hintaane yoo ta’e; yakkaan akka gaafatamuus ni tuma kana irraa wanti hubannu namoota haaraya dhufan sakkatta'insa taasisuun namoota dhimma nageenyaa naannoo irratti dhibbaa ni uuma jechuun ifatti hin dhakkisiifne yeruma sanatti qulqulleessun gadi dhiifamu akka qabaniidha haa tahuu malee namoonni yeroo qorataman kanatti meeshalee nageenya Ummataa booreessan qabatanii jiran akkasumaas waraqaa eenyummaa sobaa qabatan, gareewwan seeran ala sochoo'an waliin hidhata qabaachuu isaanii, Karoora, qophii, yookaan deeggarsa gocha shororkeessummaaf kan taasisan tahuun isaa yoo jiraate ragaa gahaa irratti hundaahuun bu'uura SDFY keewwata 51 ajajaa mana murtiin alatti to'atamuu akka danda'uu fi bu'uura Heera MFDRI keewwata 19 fi SDFY tiin sa'a 48 keessatti Mana murtiitti akka dhiyaachu qabu seerri ni tuma.
β€ŽπŸ’₯Heerri MFDRI keewwata 32 jalatti lammileen biyya kamiyyuu bilisaan iddoo barbaadetti akka sochoo'u ni tuma.
β€ŽπŸ’«32. Mirga Bilisummaa Naannawuu
β€Žβš‘1. Lammiiwwan Itiyoophiyaa yookiinsi Lammiin biyya alaa biyyattii keessatti karaa seerummaa qabuun argamu kamiyyuu biyyatti keessaa iddoo filate naannawuu fi iddoo jireenyaas hundeeffachuu akkasumas yeroo barbaadetti keessaa bahuf mirga qaba.
β€Žβš‘2. Lammiin Itiyoophiyaa kamiyyuu gara biyya isaatti deebi'uuf mirga qaba.
β€ŽJechuun kan tume jirudha.
β€ŽHeera Mootummaa MFDRI keewwata 17 jalatti
β€ŽπŸ’«17. Mirga Bilisummaa
β€Žβš‘1. Namni kamiyyuu dhiiras ta'e dubartiin, sirna seeraan tumameen alatti bilisummaa isaa/ishee/ hin dhabu/hin dhabdu/.
β€Žβš‘2. Namni kamiyyuu sirna seeraan tumameen alatti too'atamuu, osoo himatni
β€Žitti hin dhihaatiin yookiin itti hin murtaa'iin hidhamuu hin danda'u.
β€ŽπŸ’ͺHaala faallaa seeraa ta'een mirgoota bu'uura lammiilee Heera Mootummaan mirkanaa'ee jiru bifa faalleessuun namoota sababa hojiiniis tahee sababa biroofiis naannoo tokko irraa gara naannoo tokkotti, Godina tokko irraa gara godina tokkotti, Aanaa tokko irraa gara Aanaa birootti sochoo'u eenyumma isaa, teessoo isaa fi wantoota biroo bu'uura godhachuun lammilee qulqulluu sochii yakkaa Kam irrayyuu bilisa tahan shakkii dhama qabeessaan alatti fuula haarawa jechuun qabanii hidhuun, tursiisuu fi mirga lammileen bu'uuran qaban ugguruun faallaa heeraa fi seeraa qofa osoo hin taane seera yakkaa keewwata 423 yakka kara seeraan alaatiin nama qabuu yokaan hidhuun hanga hidhaa cimaa waggaa 10 nama adabsiisu kan danda'uu fi Labsii Yakkoota malaamaltumaatiinis kan nama gaafachisu waan taheef qaamni olaantummaa seeraa kabachiisuuf hoojjetu ofiifiis olaantummaa seeraa kabajuun dirqama tahuu hubatee mirgoota lammileen bu'uuran qaban kabachiisuu irratti haa hoojjetuun dhaamsa keenya.
β€Ž
✍️ Yaada keessaan nuuf qoodaa!
Maddii Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Dadar

Hubannoo Seeraa Jirattoota Araddaa Luugoo Baceessaaf KennameGuyyaa 16/11/2018 A.L.I, Godina Harargee Lixaa, Aanaa Ciroo,...
24/07/2026

Hubannoo Seeraa Jirattoota Araddaa Luugoo Baceessaaf Kenname

Guyyaa 16/11/2018 A.L.I, Godina Harargee Lixaa, Aanaa Ciroo, Araddaa Luugoo Baceessaatti jirattoota araddichaa hirmaachisuun sagantaan hubannoo seeraa bal’aan gaggeeffameera.

Sagantaa kana irratti dhiironni Abbootii amantii fi Abbooti garee dabalatee 152, dubartoonni Haadholii Siinqee, qindeessitoota dhimma dubartii fi haadholii garee dabalatee 163, walumaagalatti namoonni 315 hirmaataniiru.

Hubannoon seeraa kun ogeeyyii Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Ciroo fi Poolisii Aanaa Ciroo waliin ta’uun kan kenname yoo ta’u, mata dureewwan armaan gadii irratti xiyyeeffateera.

Yakkoota daa’immanii fi dubartoota irratti raawwataman, kanneen akka Gudeeddi, Buttaa, fuudhaa heeruma umrii malee, kittannaa dubartootaa fi yakkoota biroo, akkasumas adabbii seeraan isaanii hordofsiisu.
Yakka fuudhaaf fuudhaa (fuudhaa seeraan alaa) fi adabbii seeraan isaa hordofsiisu.
Godaansa seeraan alaa, miidhaa inni geessisuu fi ittisa isaa, akkasumas adabbii seeraan tumame.
Mirgoota Dubartootaa, keessumaa qoodinsa qabeenyaa, mirga isaanii kabachiisuu fi eegumsa seeraa argachuu irratti ibsa bal’aa.

Sagantaan hubannoo kun hawaasni seera beekee kabaju, yakkoota hawaasa miidhan irraa of qusachuu, akkasumas mirgaa fi dirqama isaa hubachuun nageenya fi mootummaa seeraa cimsuuf shoora olaanaa akka qabu irratti hubannoo bal’aa uumeera.

19/07/2026
17/07/2026

Address

Chercher
Ch'erch'er
WA

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Ciroo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share

Category