Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Booree

Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Booree Ignorance of law have no defense. Similarly no man is above the law. Law is made by the man, but ignored by the man itself.

01/06/2018 Hubannoon seera kenname!Aanaa Booree Ganda Ingiroo Dayyaasoo¿👩‍👦👩‍👧‍👧
08/02/2026

01/06/2018 Hubannoon seera kenname!
Aanaa Booree Ganda Ingiroo Dayyaasoo¿👩‍👦👩‍👧‍👧

Hubannoo seera fi Ofi Eeggannoo barbaadu Daldaltoota fi Uummata Aanaa Booree HundaafKaraxitii Pilaastikii(plastic bag) K...
23/01/2026

Hubannoo seera fi Ofi Eeggannoo barbaadu Daldaltoota fi Uummata Aanaa Booree Hundaaf

Karaxitii Pilaastikii(plastic bag) Kamiiyyuu Oomishuun, Gurguruu fi Fayyadamuun Amajjii 23 Bara 2018 Irraa Eegalee Seeraan Dhoorkame.

Amajjii 13/2018- Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Booree Itiyoophiyaa keessatti karaxitii pilaastikiitti fayyadamuun, oomishuu ykn biyya alaatii galchuun adabbii maallaqaa fi hidhaa akka adabsiisu Abbaan Tayitaa Eegumsa Naannoo oromiyaa xalayaa gaafa guyyaa Amajjii Gaafa Guyyaa 05/05/2018 Godinaalee 21 fi magaloota 23f barreesseen beeksise jira. kana beekuun daldaltootni aanaa booree jala jirtanuufi uumatni aanaa booree baldhaan Ammajjii 23/2018 irraa eegalee Feestaala ykn pilastika kamiiyyuu kuusuu, geejjibsiisuu fi qabatanii argamuun yakka tarkaaffii qabatamaa akka fudhatus dabalataan cimsee beeksisee jira. kanuma Bu'uura godhachuun waajjirri abbaa alangaa Aanaa booree Dursee uummataaf Hubannoo seera kennuun Dursee yakka kanaaf akka ofi hin saaxille cimsinee isin Beeksisna.

👎

Labsii Oomish*tootaa, Fayyadamtootaa fi Dhiyeessitoota Korojoo /Qabee Peestaalii/ to'achuuf bahe lakk. 1383/2017 keewwata 25 jalatti adabbiin isaas akka armaan gadiitti ibsamee jira.
➡️ Namni kamiiyyuu Korojoo Pilaastikii /Plastic Bag/ ykn Feestaalii fayyadame, ykn fayyadamuuf harkatti qabatee argame adabbii Maallaqaa qarshii 2000- 5000 ta'ee ni Adabama.
➡️ Namni kamiyyuu Korojoo Pilaastikii /Plastic Bag/ ykn Feestaalii Oomishee, alarraa biyya keessaa fi alaa galchee, gurguruufi kuusee argame, ykn gurgurtaaf dhiyeesse qarshii 50,000 hanga 100,000 fi Adabbii hidhaa cimaa hanga waggaa 5 ta'uun ni Adabama.
➡️ Dhaabbilleef gaafa ta'u adabbiin maallaqaa olitti ibsame dachaa sadi baayyifamee kan adabaman ta'a.

Labsichi Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataatiin raggaasifamee hojiirra ooluu isaatiin namni dhuunfaa fi jaarmiyaa kamiyyuu dambii haaraa kana akka kabajamu Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Booree ergaa isaa cimsuun dabarsee jira.

Namni seera haa beekuu
seerris nama haa beekuu
yeroosan daangaa waliif eeguu

Waajjira abbaa alangaa Aanaa Booree

Daballiin gatii meeshaalee ayyaana sababeeffachuun taasifamu seeraan nama gaafachiisu ta'u Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa...
05/01/2026

Daballiin gatii meeshaalee ayyaana sababeeffachuun taasifamu seeraan nama gaafachiisu ta'u Waajjirri Abbaa Alangaa Aanaa Booree ibsee jira!

Mudde 27/04/2018- Sababa Ayyaanaafis ta’ee sababa kamiinuu Gatii meeshaalee dabaluun Adabbii yakkaan nama Gaafachiisa jedhame.

kanaanis daballii Gatii sababa ayyaana fuuldura kan jiruun taasifamun wal qabatee dhimmoota daldala seeraan alaa, gatii seeraan alaa dabaluun, meeshaalee daldalaa bu'uuraa dhoksuun, kuusuun, daangeessuun, marii dabaa gaggesssuun gatii seeraan alaa dabaluun dhoorkaa ta'uu fi gochoota armaan olitti ibsaman kana fi kkf karaa baldhaan kennameera.

Gochoota asiin olitti tuqame kana raawwachuun adabbii bulchiinsaa fi yakkaan kan nama gaafachiisu tahuu fi kanaan duras namoota gatii dabalani seeratti dhiyeessa turuun keenna ni yaadatama Hawaasni keennas kanuma bu'uura godhachuun gochoota akka kanaa hordofuu eeruu kennuu fi daldala seeraan alaa saaxiluu fi qaamolee haqaa fi koree tasgabbii gabaatiif eeruu kennuu akka qaban itti Gaafatamaan waajjira abbaa Alangaa Aanaa Booree obbo Damisee Qilxaa Kolombaa himan jiru.

Gibiraa, taaksii fi ashuura kaffaluun dirqama lammii biyyaa tahuu fi kana gochuu dhabuun immoo adabbii inni hordofsiisu, Labsii Oomishaalee Qonnaa Naannoo Oromiyaa Lakk.234/2013 fi Labsii Lakk.813/2006 irratti fi daldalaan daangaa seeraan taa'e keessatti daldaluu akka qabu fi gatii gara malee dababuunis itti gaatamummaa seeraa akka hordofsiisu cinsuun Obbo Damiseen ergaa isaan cimsan dabarsani jiru.

Kolbaa Aanaa Booreef naannoo ishee hundaaf Ayyaana gaarii isiin hawwa!!
Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Booree irraa!

murtii Barsiisaadha!
26/12/2025

murtii Barsiisaadha!

👉Adabbii Barsiisaa Waajjira Abbaa Alangaa Godina Gujii irraa
Himatamtoonni Seera Yakkaa Bara 1996 Bahe keewwaata 32(1) fi 539 (1) (A) irra darbuun Yakka Ajjeechaa Namaa Cimaa waliin ta’anii raawwatan Adabbii Hidhaa Cimaan adabaman
👉Himatamtoonni maqaan isaanii Lammaa Sallii Duubee fi Nageessaa Sallii Duubee jedhaman Abbaa isaanii Ajjeesuuf itti yaadanii gaafa guyyaa 30/10/2017tti Halkan keessaa tilmaamaan sa’aatti 4:00 yoo ta’u, Godina Gujii Aanaa Booree Ganda Haroo Milkii iddoo addaa Sokoree jedhamutti, du’aa Abbaa isaanii Sallii Duubee jedhamu haadha keenya ajjeesee jira jechuun haaloo itti qabatanii dhugaatii obaasanii macheessun harka Bitaaf Mirgaa isaa qabanii deemuun Morma du’aa qabanii hudhanii battalumatti waan ajjeesaniif yakka ajjeechaa lubbuu namaa Cimaa waliin ta’anii raawwataniiru kan jedhu yoo ta’u,
👉Kanaan booda, himannaan gama WAA Godina Gujiitiin Mana Murtii Ol’aanaa Godina Gujiitti dhiyaatee, Manni Murtiis Bitaa fi Mirga erga Wal-falmisiiseen booda himatamtoonni tumaa Seera Yakkaa himannaan irratti dhiyaate jalatti Balleessaa qabu jechuun Murtii Balleessummaa erga kennee booda, Dhaddacha gaafa Guyyaa 15/04/2018tti ooleen himatamaa 1ffaa sababa Umurii isaatiin Adabbii Hidhaa Cimaa Waggaa 10 fi Himatamaa 2ffaa Adabbii hidhaa Cimaa Waggaa 18tiin Adabee jira.

👉Yakka Raawwachuun Nama Adabsiisa !!!
👉Jiruuf Jireenya Hawaassummaa irraas adda nama baasa !!!
👉Waliin taanee Yakka haa ittifnu !!!
👉Kom. WAA Godina Gujiitu Gabaase

Address

Bore

Telephone

+251942426960

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Booree posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Booree:

Shortcuts

Share