Mana Murtii A/Cooraa

Mana Murtii A/Cooraa Buno bedele zone
, chora Woreda court

28/05/2025
10/04/2025

๐Š๐š๐š๐ฒ๐ฒ๐จ๐จ ๐๐š๐ฃ๐ž๐ž๐ฅ๐Ÿ๐š๐ฆ๐ข๐œ๐ก๐š๐š
โ€ขโ€ขโ€ข
Seerri kamuu yeroo bahu kaayyoo milkeessuu qabu giddugaleessa godhatee akka ta'e ni beekama.

Qajeelfamni Sirnaa fi Naamusa Hojii Dhaddachaa Manneen Murtii Oromiyaa (lakk.16/2014) tibba kana bahes kaayyoowwan gurguddoo lama (2) milkeessuu irratti akka fuulleffate keewwata 5 jalatti ibsameera.

a) Haala naamusa, iftoominaa fi wal fakkaattummaa qabuun hojii dhaddachaa gaggeessuun amantaa uummataa horachuu dandeessisuu, fi

b) Sirna hojii dhaddachaa keessatti qaamoleen hirmaatan hundi akka beekanii fi milkaaโ€™ina isaaf akka tumsan taasisuu dha.
โ€ขโ€ขโ€ข
Dhaddachi iddoo falmiin haqaa itti gaggeeffamu, murtiin haqaa itti kennamu bakka kabajamaadha. Seexaa fi kabajni isaa kabajamee bakka falmiin haqaa itti gaggeeffamee haqummaan xumuramu gochuuf sirni ittiin hoogganamu haala iftoomina qabuun diriiree hojiirra yoo oolee dha. Qajeelfamichis kanuma bu'uureffatee kan qophaa'eedha.
โ€ขโ€ขโ€ขโ€ข
๐˜ฟ๐™–๐™–๐™ฎ๐™ž๐™ง๐™š๐™ ๐™ฉ๐™ค๐™ง๐™š๐™š๐™ฉ๐™ž๐™ž ๐˜ฟ๐™๐™ž๐™ข๐™ข๐™ค๐™ค๐™ฉ๐™– ๐™†๐™ค๐™ข๐™ช๐™ฃ๐™ž๐™ ๐™š๐™š๐™จ๐™๐™ž๐™ฃ๐™ž๐™ž ๐™ˆ๐™ˆ๐™’๐™Š

10/04/2025

'AMU YOOMI โ“ FI MIRGA HOJJATTOOTAA.
โœ๏ธ Yeroo heddu hojjattootni mootummaa yeroo sababa tokkon maleetti hojii irraa dhoorkamanii fi seeraan wallaaluun mirga isaanii osoo hin kabachiisifannee fi hin gaafanne callisanii turan ni argina kun ta'u hin qabu. Akkasumaas Mirga isaani kanneen hin beeknees hedduudha kanaafuu akka nama mirga hin qabneetti callisu.
โœ๏ธ Hojjattaan mootummaa hojii irraa dhoorkamee kan turuu danda'u sababa armaan gadii kun yoo jiraateedha. Yoo kanneen hin jirre seeraanalummaa waan ta'uuf yakka kanaafuu qaamni hojii irraa dhoorke san yakka malaammaltummaan gaafatama.

โœ๏ธ Sababnii itti dhoorgamuu danda'uus isaan armaan gadii kana :-
โžก๏ธ1๏ธโƒฃ.Hojjataa mootummaa kamiyyuu hojii irraa dhorkuun tursiisuun kan danda'amu:

.Ragaalee dhimma itti shakkame waliin qunnamtii qaban balleessuu,dhoksuu yookiin dhabamsiisuun qorannicha ni gufachiisa jedhamee yoo tilmaamame;
.Qabeenya irratti miidhaa dabalataa ni geessisa jedhamee yoo tilmaamame;
.Haala ulfaatina badii ittiin himatame waliin wal qabatee hamilee hojjattoota biroo kan tuqu yookiin ummanni Mana hojii itti tajaajilamu irratti amantaa qabaachuu qabu ni faalleessa jedhamee yoo tilmaamame;fi
.Balleessaan raawwatame jedhamu hojii irraa ni gaggeessa jedhamee yoo tilmaamame hojjetaa hojiirraa dhorkuun tursiisuun(suspension of civil servant from duty) ni danda'ama.
โžก๏ธ2๏ธโƒฃ.Hojjataan mootummaa hojii fi mindaa irraa akka dhorkamee turu kan taasifamu,yeroon hojii irraa dhorkame turuu fi sababa hojii irraa dhorkameef hoogganaa ol'aanaa Mana hojichaa ykn bakka bu'aa isaatiin barreeffamaan akka ibsamuuf Biirichis garagalchaan akka beeku ni taasifama.
โžก๏ธ3๏ธโƒฃ.Hojjataan tokko hojii fi mindaa irraa dhorkamee turuu kan danda'u yeroo ji'a lama(2) hin caalleefidha.
โžก๏ธ4๏ธโƒฃ.Hojjataan sababa balleessaa naamusaa ittiin himatameen hojii irraa akka gaggeeffamu yoo itti murtaa'een alatti,mindaan yeroo dhorkaa keessatti hin kanfalaminiif hafe dhala malee ni kanfalamaaf.
โžก๏ธ5๏ธโƒฃHojjataan sababa hojii isaarraa dhoorkamuu isaatiin raawwatiinsa mirgootaa fi dirqamootaa biroo dhorkamu isaatiin wal hin qabanne hin hambisu.
โžก๏ธ6๏ธโƒฃ.Hojjataan hojii fi mindaa irraa dhorkamee ture hojii irraa akka gaggeeffamu ykn mindaan isaa akka kanfalamuu fi gara hojiitti akka deebi'u osoo hin taasifamin yeroon turtii dhorkaa yoo xumurame:-
,sababa turtii himannaa naamusaatiin himanni isaa adeemsi qulqulleessuu walxaxaa yoo ta'e,mindaan walakkaa hojjaticha mootummaa kafalamaafi;yookiin
,sababni turtii hojjetichuma mootummaa yoo ta'e,kafaltii mindaan ala;dhorkiin hanga ji'a tokkootti akka dheeratu murteessuun ni danda'ama.

๐Ÿ‘‡ :
๐Ÿ‘‰1๏ธโƒฃ.Hojjataan balleessaa adabbii naamusaa salphaa geessisu kan raawwate guyyaa balleessaan isaa beekamee irraa eegalee hanga ji'a jahaa(6) tti yoo tarkaanfiin itti fudhatamuu baate darbiinsa yerootiin waan daangeeffamuuf naamusaan itti hin gaafatamu.
๐Ÿ‘‰2๏ธโƒฃ.Hojjetaan balleessaa adabbii naamusaa cimaa geessisu raawwate guyyaa balleessaan isaa beekamee irraa eegalee hanga waggaa tokkootti yoo tarkaanfiin itti fudhatamuu baate naamusaan gaafatamaa hin ta'u.
๐Ÿ‘‰3๏ธโƒฃ.Hojjataan kamiyyuu mirgoota maallaqaan wal qabatan bara baajataa mirga itti argate keessatti qaama ilaallatuuf dhiheessuu yoo baate darbiinsa yerootiin ni hafa,Labsii Lakkoofsa 215/2018 keewwata 73(4).Dhimmootni naamusa hojjataatiin walqabatan kallattiin Mana Murtii idileetti hin dhihaatan.

๐Ÿ‘‰ :
1๏ธโƒฃ.Hojjettoonni Warshaa fi Jaarmayaalee tajaajila kennan sadarkaa itti gaafatamummaa murtaa'e gadi kan jiran haalli hojii isaanii hayyamuuf waldaan gurmaa'uuf mirga qabu.
2๏ธโƒฃ.Hojjattoonni mootummaa haala hojii fi diinagdee isaanii fooyyeeffachuudhaaf waldaan gurmaa'uuf mirga qabu.
3๏ธโƒฃ.Qotee bultoonni,hojjattoonni qonnaa fi hojjattoonni baadiyyaa kan biraa sadarkaa itti gaafatamummaa murtaa'e gadi kan jiranii fi haalli hojii isaanii eeyyamuuf haala hojii fi diinagdee isaanii fooyyeeffachuuf waldaan gurmaa'uuf mirga qabu.
4๏ธโƒฃ.Dubartoonni hojjattoota ta'an hojii wal fakkaataadhaaf kafaltii wal fakkaataa argachuuf mirgi isaanii eegamaadha.
5๏ธโƒฃ.Hojjattoonni akkaataa sirrii ta'een kan murteeffaman sa'aatii hojii,boqonnaa,yeroo bashannanaa,guyyoota boqonnaa yeroo yeroodhaan kanfaltii wajjiin kennaman,ayyaanota ummataa mindaan itti kanfalamu argachuuf mirga qabu.
6๏ธโƒฃ.Hojjattootni Naannawa hojii fayyaaqabeessaa fi balaa hin dhaqqabsiisne argachuuf mirga qabu.
7๏ธโƒฃ.Mirgoota kanniin hojiirra oolchuudhaaf,heera mootummaa keewwata 42(1)n mirgoota beekumsa argatan osoo hin hir'isin seeronni kan akka Labsii hojjattoota mootummaa,fi Labsii hojjataa fi hojjachiisaa bahanii argamu.

Maddi:-M/teyib Nure Law Office:Seeraa fi Haqaa
Galatoomaa

Join my telegrame channel
https://t.me/binimoslawyer

20/10/2023

DHAALTOTA DHAALTUMMAA KEESSAA BUQQISUU: HAALA ISAA FI BU'AA SEERAA HORDOFSIISU
===
๐—ฆ๐—˜๐—˜๐—ก๐—ฆ๐—”
Duuti akkuma dhalootaa adeemsa uumamaati. Namni akkuma dhalatu ni du'a. Akka aadaa uummata biyya keenyatti namni gaafa dhalatu maatii fi hawaasni naannoo ni gammada; ni ililcha; gaafa du'u immoo bo'ee boochisee gaggeessa. Gaafa lafa kanarra jiraachaa turettis kan qabeenya guddaa horatu jira; kan homaa osoo hin horatin jiraatee darbus akkasuma.

Inni gaafa lafa kanarra ture qabeenya horate waantota baay'ee itti dhiphatu keessaa tokko ergan du'ee booda qabeenyi koo akkam ta'a? dhaaltotni koo akkamitti qoqqooddachuu danda'u?kan jedhuu dha.

Seera Hariiroo Hawaasaa Itoophiyaa jabana Hayila Sillaasee keessa (bara 1952) tumame bahe kitaaba 2ffaa Mata Duree (Title) 5ffaa jalatti akkaataa mirgii fi dirqamni nama du'ee tokko gara dhaaltota isaatti darbu ilaalchisee tumaalee adda addaa tumee jira.

๐—ช๐—”๐—”'๐—˜๐—˜ ๐——๐—›๐—”๐—”๐—Ÿ๐—ง๐—จ๐— ๐— ๐—”๐—”
Mirgii fi dirqamni du'aa sababa du'iitii isaatiin addaan hin citne dhaaltummaadhaan dhaltota du'aatti kan darban ta'uu seera kana keewwata 826 jalatti tumamee jira. Seerichi dhaaltummaa gosa lamaaf beekamtii kan kenne ta'uunis tumaalee kitaabichaa irraa ni hubatama. Isaanis dhaaltummaa dhaamoon taasifamu (testate succession) fi dhaaltummaa dhaamoo malee (intestate succession) dha.

Tumaalee seera dhaalaa kana cuunfinee yoo ilaallus dhaalchisaan gaafa lubbuun jiru erga inni du'ee booda qabeenyi isaa akkamitti akka dhaalamuu qabu dhaamoo kaa'ee kan du'e yoo ta'e fedhiin isaa kun dursa argatee raawwatamuu kan qabu ta'uun ni hubatama. Haa ta'u malee dhaalchisaan dhaamoo osoo hin taasisin yoo du'e ykn dhaamoon taasifame bu'uura seerri barbaaduun osoo hin taasifamin sababa hafeef fudhatama kan hin qabne yoo ta'e akkaataa seerichi tumeen qabeenyi du'aa dhaaltota isaatti kan darbu ta'a.

Du'aan dhaamoo taasisu keessatti eenyu qabeenya isaa dhaaluu akka qabu; eenyu dhaaluu akka hin qabne (eenyu dhaaltummaa keessaa buqqa'uu akka qabu) fi kkf tumuu ni danda'a. Dhaalchisaan mirga qabeenya isaa nama barbaadeef dhaamuu kan qabu ta'us akkuma barbaadetti taasisuu hin danda'u; daangaan seerichaan irratti gatame ni jira. Kanneen keessaa tokko ulaagaaalee dhaamoon taasifamu tokko guutuu qabu tarreessuudha; kunis dhaalchisaan akka feeteen dhaamoo akka hin taasisne dhorkuu fi ulaagaalee seerri barbaadu hordofee akka taasisu kan godhuu dha. Kana malees dhaalchisaan dhaamoodhaan qabeenya isaa nama barbaadeef dhaamuu danda'us gocha isaa kanaan dhaaltota isaa asii gadi lakkaa'aman akka feeteen dhaaltummaa keessaa baasuu hin danda'u.

๐——๐—›๐—”๐—”๐—Ÿ๐—ง๐—จ๐— ๐— ๐—”๐—” ๐—ž๐—˜๐—˜๐—ฆ๐—ฆ๐—”๐—” ๐—•๐—จ๐—ค๐—ค๐—œ๐—ฆ๐—จ๐—จ
Dhaaltummaa keessaa buqqisuu jechuun maal jechuudha? Kana jechuun dhaalchisaan namoota seeraan mirga dhaaluu qaban qabeenya isaa akka hin dhaalle sirna itti taasisu jechuu dha.

Sirni dhaaltuun asii gadi lakkaa'aman (descendants of the deseased) itti dhaaltummaa keessaa buqqifaman kan dhaaltota asii ol lakkaa'aman (ascendants) irraa adda akka ta'e tumaalee seerichaa irraa ni hubatama.

๐——๐—ต๐—ฎ๐—ฎ๐—น๐˜๐—ผ๐˜๐—ฎ ๐—”๐˜€๐—ถ๐—ถ ๐—š๐—ฎ๐—ฑ๐—ถ ๐—Ÿ๐—ฎ๐—ธ๐—ธ๐—ฎ๐—ฎ'๐—ฎ๐—บ๐—ฎ๐—ป ๐—•๐˜‚๐—พ๐—พ๐—ถ๐˜€๐˜‚๐˜‚:tumaan seerichaa ifatti akka mul'isutti, dhaalchisaan dhaaltota isaa asii gadi lakkaa'aman (jechuunis ijoollee isaa ykn ilmaan ijoollee isaa) akka barbaadetti dhaaltummaa keessaa buqqisuu hin danda'u. Daangaan qixa kanaan dhaalchisaa irra kaa'ame sababa murtii kana irra gahuu isa dandeessise dhaamoo taasisu keessatti ibsuun kan wal qabatuu dha. Haaluma kanaan gocha dhaaltuun sun raawwate ykn raawwachuu dhabe ibsamee dhaamoo keessatti ibsamuu qaba jechuu dha. Sababni dhaalchisaan ilmoo ykn ilmoo ilmaan isaa dhaaltummaa keessaa buqqisuuf dhaamoo keessatti ibse gahaadha moo miti ijoon jedhu Mana Murtiitiin kan madaalamu ta'uunis tumameera (SHH keewwata 938). Dhaalchisaan sababa gahaa dhaamoo keessatti osoo hin ibsin ijoollee isaa ykn ijoollee ilmaan isaa buqqisuu hin danda'u jechuu dha.

๐——๐—ต๐—ฎ๐—ฎ๐—น๐˜๐—ผ๐˜๐—ฎ ๐—”๐˜€๐—ถ๐—ถ ๐—ข๐—น ๐—Ÿ๐—ฎ๐—ธ๐—ธ๐—ฎ๐—ฎ'๐—ฎ๐—บ๐—ฎ๐—ป ๐—•๐˜‚๐—พ๐—พ๐—ถ๐˜€๐˜‚๐˜‚: dhaalchisaan ijoollee kan hin qabne ykn ilmaan ijoollee isaa kan hin jirre yoo ta'e qabeenya isaa nama barbaadeef dhaamoo waliigalaa taaaisuun dabarsuu ni danda'a (daangeffamni seerota lafaatiin wal qabatan jiraachuun akkuma jirutti ta'ee). Akkaataa kanaan qabeenya isaa dhaamoodhaan nama biraaf dhaamuun dhaalchisaa, dhaaltota asii oltti lakkaa'aman (abbaa ykn haadha ykn akaakayyuu fi akkawoo fi kanneen biroo gara oliitti lakkaaโ€™aman) dhaaltummaa keessaa buqqisuu isaa akka agarsiisu seericha keewwata 939 (1) jalatti tumameera. Yommuu akkaataa kanaan dhaaltota sadarkaa 2ffaa, 3ffaa ykn 4ffaa dhaaltummaa keessaa buqqisu sababa isaa ibsuuf hin dirqamu; nama qabeenya isaa fudhachuu qabu dhaamoo keessatti ibsuu qofti gahaa ta'a.

Haa ta'u malee dhaalchisaan yommuu haala kanaan qabeenya isaa nama tokkoog dhaamutti ijoolleen ykn ilmaan ijoollee isaa kan jiran yoo ta'e namni qabeenyichi dhaamuun akka kennamuuf jedhame qabeenyicha guutuu isaa fudhacuuf mirga hin goonfatu; mirgi inni argatu akka ilmoo dhaalchisaatti ilaalamee qabeenya isaa akka dhaaltuu sadarkaa 1ffaa tti ijoollee du'aa waliin qixa qooddachuu dha.

๐—•๐˜‚'๐—ฎ๐—ฎ ๐—ฆ๐—ฒ๐—ฒ๐—ฟ๐—ฎ๐—ฎ ๐——๐—ต๐—ฎ๐—ฎ๐—น๐˜๐˜‚๐—บ๐—บ๐—ฎ๐—ฎ ๐—ž๐—ฒ๐—ฒ๐˜€๐˜€๐—ฎ๐—ฎ ๐—•๐˜‚๐—พ๐—พ๐—ถ๐˜€๐˜‚๐˜‚๐—ป ๐—›๐—ผ๐—ฟ๐—ฑ๐—ผ๐—ณ๐˜€๐—ถ๐—ถ๐˜€๐˜‚
Dhaalchisaan akkaataa ulaagaalee seerri kaaโ€™u hordofee nama tokko dhaaltummaa keessaa buqqise haa jennu. Yoo akkas taโ€™e buโ€™aan seeraa inni hordofsiisu maal? Gaaffiin jedhu kaโ€™uu hin oolu.

SHH keewwata 937 (2) jalatti akka tumametti namni dhaaltummaa keessaa buqqifame akka waan dhaalchisaa dura duโ€™eetti fudhatamee dhaaltummaa keessaa baha, kanneen biroo hin buqqifamne dhaalchisaa kan dhaalan taโ€™a jechuu dha.
โ€ขโ€ขโ€ขโ€ข
๐—ง๐˜‚๐—ฟ๐˜๐—ถ๐—ถ ๐—š๐—ฎ๐—ฎ๐—ฟ๐—ถ๐—ถ!

27/08/2022

Mirga Lafa Mana Jireenyaa Argachuu:

โš–Lafa Mana jireenyaa argachuun mirga qabeenya horachuu heera Mootummaa keewwata 40 jalatti tumame waliin kan wal qabatuudha.Namni tokko qabeenya horachuuf mirga akka qabu heericha irraa ni hubatama.Miseensonni Waldaa nama waan ta'aniif akkaataa heerichi beekamtii kenneen qabeenya horachuu fi ittiin jiraachuuf mirga guutuu qabu jechuudha.Bu'uuruma kanaan:-
Jiraattonni Magaalaa akkaataa fedhii fi dandeettii kaffaltii isaaniitiin walitti gurmeessanii waldaadhaan Mana jireenyaa ijaarrachuu akka danda'an Labsii Lakk.231/2013 keewwata 19(1) jalatti tumeera.
Hojjattoonni Mana hojii tokko keessa jiranii fi walbeekan yookiin Manneen hojii adda addaa keessaa walitti dhufuun fedhii manaa walfakkaatuu fi dandeettiin isaanii kan walsimu waliin gurmaa'uun Lafa Mana jireenyaa argachuu akka danda'an Labsichi ifaan tumeera.

Waajjirri Bulchiinsaa fi Itti Fayyadama Lafa Magaalaa: 1ffaa,lafa waldaa Ijaarsa Mana jireenyaatiif oolu qopheessee waldaaf kennuuf dirqama qaba; 2ffaa,lafa murtaa'ee qophaa'e guyyaa hojii kudhan(10) keessatti sanada qabiyyee lafaa qopheessee harkaan gahuun qaama gurmeesseef beeksisuuf dirqama qaba;
3ffaa,Ijaarsi Mana jireenyaa waldaa bu'uura pilaanii hayyamameen ijaaramee %50 xumuramuun isaa yeroo mirkanaa'u,ragaa abbaa qabeenyummaa maqaa Waldichaatiin jiru maqaa tokkoo tokkoo miseensaatiin qopheessee kennuuf dirqama akka qabu Labsicha keewwata 78(5) jalatti tumeera.
Manni Qopheessaa Bulchiinsi Magaalaa Waldaa Mana jireenyaa gurmeessuun galmeessee qaama seerummaa kennuuf dirqama akka qabu Labsicha keewwata 77 jalatti tumeera.

Seeraan Ala Dhimma Lafarra Harkisuu:-
Hojjataan Mootummaa kamiyyuu sababa itti gaafatamummaa yookiin hojii isaan dhimma dhihaateef irratti nama miidhuuf jecha seeraan yookiin Dambii yookiin Qajeelfama hojii yookiin hojimaata baratameen ala sababa gahaa malee kan hin murteessine yookiin kan turse yookiin abbaa dhimmaa kan dhamaase yoo ta'e,hidhaa cimaa waggaa dheeraan adabamuu akka qabu Labsii Lakk.881//2005,jalaati tumame jira. Adabbi yakka qofa osoo hin taanee, adabbi bulchinsaa adabamuun, Hariiroo hawwasaan himatame beenyaa kaffaluu akka qabu labsii lakk 881/2015 kewwata 7 jalaati tumame jira.

08/07/2022

(1)(a) fi Murtiilee DhIF)
โ†ช๏ธ Yakki ajjeechaa cimaa yakka lubbuu namaa irratti raawwatamu taโ€™ee mirga lubbuun jiraachuu heera mootummaa keewwata 25 jalatti tumame kan dhabsiisuu dha.

โœ… Haala raawwii keewwata kanaatiin walqabatee oggeeyyii seeraa jidduu himannaa banuu hanga murtii kennuutti
hubannoon fi hiikkaan garagaraa kennamaa waan jiruuf keessattuu Seera Yakkaa keewwata 540 jalatti kan tumame
ajjeechaa dasiibaa waliin yeroo waljala dabarsan ni mulโ€™ata.

Kanaafuu yakka ajjeechaa cimaa S/Y kwt 539(1)(a) qofa ilaalchisee rakkoolee mulโ€™atan murtiilee dhaddacha ijjibbaataa
faana kan ilaallu taโ€™a.

โœ๏ธ Seera Yakkaa keewwata 539(1(a) jalatti namni kamiiyyuu nama ajjeesuuf yaadni yookiin sababni inni duraan qabu, meeshaan yookiin tooftaan itti fayyadame, haalli ajjeechaa yookiin ajjeechaan itti raawwatame sababni
waliigalaa adabbii cimsu (keewwata 84) yookiin sababni biroo /keewwata 86/yommuu ilaalamu ajjeesaan
keessumattuu garajabeessa, suukanneessaa, yookiin balaafamaa taโ€™uu isaa haala ibsuun itti yaadee kan raawwate yoo taโ€™e keewwata kana jalatti akka gaafatamu kaaโ€™a.

โ†ช๏ธ Ulaagaalee keewwata kana jalatti kaaโ€™aman yeroo ilaallu:

โœ…1ffaa raawwataan gocha ajjeechaa cimaa raawwachuuf dursee itti yaaduun (premeditation) gochicha haala garajabeenyummaa of keessaa qabuun, karaa suukanneessaa taโ€™een yookiin
haala balaafamaa taโ€™een raawwachuu qaba. Kunis dursee karoorsuu, haalota raawwiif tolan mijeessuu of keessaa qaba.

โœ…2ffaa sababni raawwataan gocha yakkaa kun miidhamaa kana ajjeesuuf inni duraan qabu (motives) gochicha akka raawwatu kan isa taasise gochichas haala garajabeenyummaa of keessaa qabuun, karaa suukanneessaa taโ€™een yookiin haala balaafamaa taโ€™een raawwachuu qaba. Fkn faayidaa, jibba,
walitti buโ€™iinsa ture haaloo qabachuun taโ€™a.

โœ…3ffaa Meeshaan gocha yakkaa raawwachuuf himatamaan fayyadame (weapon) kan duโ€™a geessisuu dandaโ€™u taโ€™ee meeshaa balaafamaa taโ€™uu akka qabu agarsiisa.

โœ…4ffaa Malli ykn tooftaan (means) gochaan yakkaa kun ittiin raawwatame haala sukanneessaan, garajabeenyummaa of keessaa qabuun.

โœ…5ffaa Haalli gocha ajjeechaa yakkaa kun itti raawwatames haala suukanneessaa yookiin garajabeenyumaa of keessa
qabuun taโ€™uu qaba. Fkn haalli kunis yeroo gochaan raawwatu ykn erga gochaan raawwatameen booda tarkaanfiiwwan
garajabeenyummaa ykn hammeenyummaa of keessaa qaban
fudhachuu ni dabalata.

โœ…6ffaa Inni biraan gochi yakkaa kun haalota waliigalaa yookiin sababa addaa adabbii cimsan (kwt.84 ykn 86) haala of
keessatti hammateen kan raawwatame taโ€™uu akka qabu seerichi ni tuma.

โœ๏ธkanaafuu himanni kamuu keewwata kana jalatti yeroo dhiyaatu ulaagaa yakkicha hundeessan keessaa tokko qabiyyee himatichaa taasisuun dhiyaachuu qabu. Ragaaleen dhiyaatanis firii dubbii kana mirkaneessuuf dirqama qabu jechuu dha.
Gama kanaan ogeessota seeraa jidduutti ejjannoowwan sadiitu calaqqisa.

๐Ÿ‘‰ Ejjannoon 1ffaan keewwaticha jalatti ulaagaleen kaaโ€™aman hundi isaanii iddoo tokkotti guutamanii argamuu qaba.

๐Ÿ‘‰Ejjannoon 2ffaan keewwaticha jalatti ulaagaaleen kaaโ€™aman kophaa kophaa yoo argamanis gahaa dha. Haa taโ€™uu malee ulaagaalee hunda jalatti gochichi haala garajabeenyummaa of keessaa qabuun, karaa suukanneessaa taโ€™een yookiin haala balaafamaa taโ€™een raawwatamuu qaba.

๐Ÿ‘‰Ejjannoon 3ffaa-ejjannoo 2ffaa waliin kan walfakkaatu taโ€™ee yaada duraan qabu ilaalchisee keessattuu haalonni
garajabeenyummaa, suukanneessaa fi balaafamaa jedhan ulaagaa biroof kan kaaโ€™aman waan taโ€™aniif nama ajjeesuuf
dursanii itti yaaduun qofti ajjeechaa cimaa raawwachuuf gahaa dha jechuun kaaโ€™u. Dursanii itti yaaduun isaanii qofti gahaadha jedhu.

โœ๏ธ Manni murtii waliigala Federaalaa Dhaddacha Ijibbaataa Jiildii 10ffaa lakk.Galmee 45927 taโ€™e irratti murtii dirqisiisoo kenneen namni tokko S/Y kwt 539(1) jalatti yakka ajjeechaa cimaatiin
gaafatamuuf gochichi taโ€™e jedhamee itti yaadamee irratti qophaaโ€™uun taโ€™ee raawwataan gochicha haala
garajabeenyummaa of keessaa qabu, karaa suukanneessaa fi balaafamaa taโ€™een kan raawwate yoo taโ€™eedha jechuun kaaโ€™eera.

Galmeelee ajjeechaa hedduu irratti kan mulโ€™atu gochi tokko yaada ajjeechaa raawwataan duraan qabuu fi qophii taasise faana ajjeechaan taasifame haala suukanneessaa taโ€™een kan
raawwatame yoo taโ€™e keewwata kana jalatti itti gaafatamummaa akka qabu murtiin kennamaa jira. Gama kanaan yaadni ajjechaa raawwataan yakkichaa duraan qabu haaloo qabaachuun isaa yoo mirkanaaโ€™e ykn ragaan ibsu yoo
jiraate garuu haalli ajjeechaa isaa suukanneessaa yoo hin taane fknf yeroo tokko cubeedhaan waraanuu ykn yeroo tokko meeshaa waraanaatiin dhukaasuun yoo ajjeesse maal taโ€™a kan jedhu ilaaluun barbaachisaa dha.

Kunis nama ajjeesuuf yaadni ykn sababni inni duraan qabu;
meeshaa ykn tooftaan itti fayyadame; haalli ajjeechaan itti raawwatame; sababni waliigalaa adabbii cimsu (keewwata 84) ykn sababni biroo/Keewwata 86/ kan jedhan ulaagaaleen
kunniin kophaatti of dandaโ€™anii kan dhaabatan taโ€™uu isaanii agarsiisa.

Gama kanaan Murtiileen dhaddacha ijjibbaataa kan agarsiisan (jildii 17ffaa lakk.Galmee 97203) ulaagaleen kunniin kophaa kophaatti ilaalamuu kan qaban taโ€™uu isaanii agarsiisa.

Kanaafuu gochi yakkaa tokko raawwataan yakkichaa haaloo osoo qabaachuu baatees haalli raawwii yakkichaa suukanneessaa ykn garajabeenyummaa kan of keessaa qabu
taโ€™uu isaa agarsiisuun yoo dandaโ€™ame gochichi S/Y kwt 539(1) jalatti itti gaafatamummaa kan qabu taโ€™a.

โœ… Gama biraatiin ulaagaaleen kanneen osoo jiraatanuu raawwataan yakkichaa garajabeessa, suukanneessaa, yookiin
balaafamaa taโ€™uu isaa agarsisuun dirqama moo?miti? qabxii jedhu ilaaluun barbaachisaadha. Muuxannoon biyyoota
kanneen akka Ameerikaa ,Engiliizii fi Faransaay kan agarsiisu yakkichaaf dursanii itti yaaduun(premeditation) ykn haaloo qabachuun qofti yakka ajjeechaa cimaa(aggravated homicide) hundeessuuf gahaa dha.

โœ… Dhaddachi Ijjibaataa Jiildii 24 irratti murtii kenneen ulaagaleen keewwata S/Y 539(1) jalatti kaaโ€™aman kophaa kophaatti ilaalamuu kan qaban taโ€™uu isaa ibsuun keessumattuu ragaan dhiyaatu yaada ajjeesuu raawwataan yakkichaa duraan qabu ykn haaloo qabaachuun isaa agarsiisuun yoo dandaโ€™ame yakkicha hundeessuuf gahaa akka taโ€™e kaaโ€™eera. Kaโ€™umsa dhimma galmee kana irraa yeroo ilaallu duโ€™aa ajjeesuuf raawwataan yakkicha itti yaadee mataa duโ€™aa yeroo tokko dhakaadhaan darbatee erga dhahee booda kan ajjeese yoo taโ€™u haala raawwii yakkichaa fi meeshaan
fayyadame yeroo ilaalamu waan adda taโ€™e kan hin qabne taโ€™uu isaa agarsiisa. Kanaafuu dursee itti yaaduun isaa yoo
mirkanaaโ€™e gahaa dha kan jedhudha. Galmee kana irratti murtiin sagalee caalmaattin kan kenname taโ€™us sagaleen
xiqqaas ulaagaa irratti osoo hin taโ€™in dursee itti yaaduun isaa ragaadhaan hin mirkanoofne kan jedhuudha. Kunis yakkichi kan raawwatame dursee itti yaaduun ykn haaloo qabachuun taโ€™uun isaa yoo mirkanaaโ€™e haala ajjeechaa isaa ilaaluun osoo hin barbaachisin himanni isaa kwt 539(1) jalatti taโ€™uu akka qabuu fi murtiinis sanuma jalatti kennamuu akka qabu kaaโ€™a.

โœ… Haa taโ€™uu malee duโ€™aa fi ajjeesaa jiddutti wallolli osoo jiraateyyuu gochi yakkaa yeroo raawwatamutti sababa duโ€™aan kakaaseef ajjeechaan kan raawwatame taโ€™ee gochichis akka tasaa wallola uumameen yoo taโ€™e, dursa wallolli jiraachuun ykn haaloo waliin qabaachuun isaanii waan jiruuf qofa(hanga raawwiin yakkichaa cimaa hin taaneetti) gochicha ajjeechaa cimaa kan taasisuu miti. Kanaafuu yeroo akkanaa keewwanni
rogummaa qabu S/Y kwt 540 taโ€™a.

Kanaafuu yaada ajjeesuu raawwataan yakkichaa duraan qabu ykn haaloo qabaachuu fi ajjeechaa yeroo sanatti raawwatame jidduutti sababnii fi
buโ€™aan jiraachuu isaa mirkaneessuun dirqama taโ€™a.
โœ๏ธ Eliyaas Kaasaatiin
Horaa bulaa.
Galatoomaa

Address

Bedele

Opening Hours

Monday 02:30 - 11:30
Tuesday 02:30 - 13:30
Wednesday 02:00 - 11:30

Telephone

+251473370073

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Mana Murtii A/Cooraa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Mana Murtii A/Cooraa:

Share

Category