08/07/2022
(1)(a) fi Murtiilee DhIF)
โช๏ธ Yakki ajjeechaa cimaa yakka lubbuu namaa irratti raawwatamu taโee mirga lubbuun jiraachuu heera mootummaa keewwata 25 jalatti tumame kan dhabsiisuu dha.
โ
Haala raawwii keewwata kanaatiin walqabatee oggeeyyii seeraa jidduu himannaa banuu hanga murtii kennuutti
hubannoon fi hiikkaan garagaraa kennamaa waan jiruuf keessattuu Seera Yakkaa keewwata 540 jalatti kan tumame
ajjeechaa dasiibaa waliin yeroo waljala dabarsan ni mulโata.
Kanaafuu yakka ajjeechaa cimaa S/Y kwt 539(1)(a) qofa ilaalchisee rakkoolee mulโatan murtiilee dhaddacha ijjibbaataa
faana kan ilaallu taโa.
โ๏ธ Seera Yakkaa keewwata 539(1(a) jalatti namni kamiiyyuu nama ajjeesuuf yaadni yookiin sababni inni duraan qabu, meeshaan yookiin tooftaan itti fayyadame, haalli ajjeechaa yookiin ajjeechaan itti raawwatame sababni
waliigalaa adabbii cimsu (keewwata 84) yookiin sababni biroo /keewwata 86/yommuu ilaalamu ajjeesaan
keessumattuu garajabeessa, suukanneessaa, yookiin balaafamaa taโuu isaa haala ibsuun itti yaadee kan raawwate yoo taโe keewwata kana jalatti akka gaafatamu kaaโa.
โช๏ธ Ulaagaalee keewwata kana jalatti kaaโaman yeroo ilaallu:
โ
1ffaa raawwataan gocha ajjeechaa cimaa raawwachuuf dursee itti yaaduun (premeditation) gochicha haala garajabeenyummaa of keessaa qabuun, karaa suukanneessaa taโeen yookiin
haala balaafamaa taโeen raawwachuu qaba. Kunis dursee karoorsuu, haalota raawwiif tolan mijeessuu of keessaa qaba.
โ
2ffaa sababni raawwataan gocha yakkaa kun miidhamaa kana ajjeesuuf inni duraan qabu (motives) gochicha akka raawwatu kan isa taasise gochichas haala garajabeenyummaa of keessaa qabuun, karaa suukanneessaa taโeen yookiin haala balaafamaa taโeen raawwachuu qaba. Fkn faayidaa, jibba,
walitti buโiinsa ture haaloo qabachuun taโa.
โ
3ffaa Meeshaan gocha yakkaa raawwachuuf himatamaan fayyadame (weapon) kan duโa geessisuu dandaโu taโee meeshaa balaafamaa taโuu akka qabu agarsiisa.
โ
4ffaa Malli ykn tooftaan (means) gochaan yakkaa kun ittiin raawwatame haala sukanneessaan, garajabeenyummaa of keessaa qabuun.
โ
5ffaa Haalli gocha ajjeechaa yakkaa kun itti raawwatames haala suukanneessaa yookiin garajabeenyumaa of keessa
qabuun taโuu qaba. Fkn haalli kunis yeroo gochaan raawwatu ykn erga gochaan raawwatameen booda tarkaanfiiwwan
garajabeenyummaa ykn hammeenyummaa of keessaa qaban
fudhachuu ni dabalata.
โ
6ffaa Inni biraan gochi yakkaa kun haalota waliigalaa yookiin sababa addaa adabbii cimsan (kwt.84 ykn 86) haala of
keessatti hammateen kan raawwatame taโuu akka qabu seerichi ni tuma.
โ๏ธkanaafuu himanni kamuu keewwata kana jalatti yeroo dhiyaatu ulaagaa yakkicha hundeessan keessaa tokko qabiyyee himatichaa taasisuun dhiyaachuu qabu. Ragaaleen dhiyaatanis firii dubbii kana mirkaneessuuf dirqama qabu jechuu dha.
Gama kanaan ogeessota seeraa jidduutti ejjannoowwan sadiitu calaqqisa.
๐ Ejjannoon 1ffaan keewwaticha jalatti ulaagaleen kaaโaman hundi isaanii iddoo tokkotti guutamanii argamuu qaba.
๐Ejjannoon 2ffaan keewwaticha jalatti ulaagaaleen kaaโaman kophaa kophaa yoo argamanis gahaa dha. Haa taโuu malee ulaagaalee hunda jalatti gochichi haala garajabeenyummaa of keessaa qabuun, karaa suukanneessaa taโeen yookiin haala balaafamaa taโeen raawwatamuu qaba.
๐Ejjannoon 3ffaa-ejjannoo 2ffaa waliin kan walfakkaatu taโee yaada duraan qabu ilaalchisee keessattuu haalonni
garajabeenyummaa, suukanneessaa fi balaafamaa jedhan ulaagaa biroof kan kaaโaman waan taโaniif nama ajjeesuuf
dursanii itti yaaduun qofti ajjeechaa cimaa raawwachuuf gahaa dha jechuun kaaโu. Dursanii itti yaaduun isaanii qofti gahaadha jedhu.
โ๏ธ Manni murtii waliigala Federaalaa Dhaddacha Ijibbaataa Jiildii 10ffaa lakk.Galmee 45927 taโe irratti murtii dirqisiisoo kenneen namni tokko S/Y kwt 539(1) jalatti yakka ajjeechaa cimaatiin
gaafatamuuf gochichi taโe jedhamee itti yaadamee irratti qophaaโuun taโee raawwataan gochicha haala
garajabeenyummaa of keessaa qabu, karaa suukanneessaa fi balaafamaa taโeen kan raawwate yoo taโeedha jechuun kaaโeera.
Galmeelee ajjeechaa hedduu irratti kan mulโatu gochi tokko yaada ajjeechaa raawwataan duraan qabuu fi qophii taasise faana ajjeechaan taasifame haala suukanneessaa taโeen kan
raawwatame yoo taโe keewwata kana jalatti itti gaafatamummaa akka qabu murtiin kennamaa jira. Gama kanaan yaadni ajjechaa raawwataan yakkichaa duraan qabu haaloo qabaachuun isaa yoo mirkanaaโe ykn ragaan ibsu yoo
jiraate garuu haalli ajjeechaa isaa suukanneessaa yoo hin taane fknf yeroo tokko cubeedhaan waraanuu ykn yeroo tokko meeshaa waraanaatiin dhukaasuun yoo ajjeesse maal taโa kan jedhu ilaaluun barbaachisaa dha.
Kunis nama ajjeesuuf yaadni ykn sababni inni duraan qabu;
meeshaa ykn tooftaan itti fayyadame; haalli ajjeechaan itti raawwatame; sababni waliigalaa adabbii cimsu (keewwata 84) ykn sababni biroo/Keewwata 86/ kan jedhan ulaagaaleen
kunniin kophaatti of dandaโanii kan dhaabatan taโuu isaanii agarsiisa.
Gama kanaan Murtiileen dhaddacha ijjibbaataa kan agarsiisan (jildii 17ffaa lakk.Galmee 97203) ulaagaleen kunniin kophaa kophaatti ilaalamuu kan qaban taโuu isaanii agarsiisa.
Kanaafuu gochi yakkaa tokko raawwataan yakkichaa haaloo osoo qabaachuu baatees haalli raawwii yakkichaa suukanneessaa ykn garajabeenyummaa kan of keessaa qabu
taโuu isaa agarsiisuun yoo dandaโame gochichi S/Y kwt 539(1) jalatti itti gaafatamummaa kan qabu taโa.
โ
Gama biraatiin ulaagaaleen kanneen osoo jiraatanuu raawwataan yakkichaa garajabeessa, suukanneessaa, yookiin
balaafamaa taโuu isaa agarsisuun dirqama moo?miti? qabxii jedhu ilaaluun barbaachisaadha. Muuxannoon biyyoota
kanneen akka Ameerikaa ,Engiliizii fi Faransaay kan agarsiisu yakkichaaf dursanii itti yaaduun(premeditation) ykn haaloo qabachuun qofti yakka ajjeechaa cimaa(aggravated homicide) hundeessuuf gahaa dha.
โ
Dhaddachi Ijjibaataa Jiildii 24 irratti murtii kenneen ulaagaleen keewwata S/Y 539(1) jalatti kaaโaman kophaa kophaatti ilaalamuu kan qaban taโuu isaa ibsuun keessumattuu ragaan dhiyaatu yaada ajjeesuu raawwataan yakkichaa duraan qabu ykn haaloo qabaachuun isaa agarsiisuun yoo dandaโame yakkicha hundeessuuf gahaa akka taโe kaaโeera. Kaโumsa dhimma galmee kana irraa yeroo ilaallu duโaa ajjeesuuf raawwataan yakkicha itti yaadee mataa duโaa yeroo tokko dhakaadhaan darbatee erga dhahee booda kan ajjeese yoo taโu haala raawwii yakkichaa fi meeshaan
fayyadame yeroo ilaalamu waan adda taโe kan hin qabne taโuu isaa agarsiisa. Kanaafuu dursee itti yaaduun isaa yoo
mirkanaaโe gahaa dha kan jedhudha. Galmee kana irratti murtiin sagalee caalmaattin kan kenname taโus sagaleen
xiqqaas ulaagaa irratti osoo hin taโin dursee itti yaaduun isaa ragaadhaan hin mirkanoofne kan jedhuudha. Kunis yakkichi kan raawwatame dursee itti yaaduun ykn haaloo qabachuun taโuun isaa yoo mirkanaaโe haala ajjeechaa isaa ilaaluun osoo hin barbaachisin himanni isaa kwt 539(1) jalatti taโuu akka qabuu fi murtiinis sanuma jalatti kennamuu akka qabu kaaโa.
โ
Haa taโuu malee duโaa fi ajjeesaa jiddutti wallolli osoo jiraateyyuu gochi yakkaa yeroo raawwatamutti sababa duโaan kakaaseef ajjeechaan kan raawwatame taโee gochichis akka tasaa wallola uumameen yoo taโe, dursa wallolli jiraachuun ykn haaloo waliin qabaachuun isaanii waan jiruuf qofa(hanga raawwiin yakkichaa cimaa hin taaneetti) gochicha ajjeechaa cimaa kan taasisuu miti. Kanaafuu yeroo akkanaa keewwanni
rogummaa qabu S/Y kwt 540 taโa.
Kanaafuu yaada ajjeesuu raawwataan yakkichaa duraan qabu ykn haaloo qabaachuu fi ajjeechaa yeroo sanatti raawwatame jidduutti sababnii fi
buโaan jiraachuu isaa mirkaneessuun dirqama taโa.
โ๏ธ Eliyaas Kaasaatiin
Horaa bulaa.
Galatoomaa