11/06/2025
Atileet waggaa baay’eedhaaf dhoksaatti boosse. Warra aangoo qabaniifi namoota beekamoo kaanitti rakkinashee himattus namni birmaatuuf hin turre. Hunduu gurra jalaa cufate. Utuu qabduu hiyyoomtee, utuu kabajamtuu salphattee, utuu fagoo geessuu golatti galtee teesse.
Waaqayyo inni haqa namaa hin dhoksine immoo Gemeda Olana Kebede keessa goree gara mana ishee deeme. Bakka isheen abdii kuttetti abdiin dhalateef! Gammadaan haqa kee Oromootti himadhu jedhee himachiise.
Har’a kunoo namni abbaa warraa fakkaatee ishee saame sun to’annoo seeraa jala ooleera. Galateen fira baay’ee argatteetti. Miidiyaan hunduu waa’eeshee dubbachaa jira. Kana booda imimmaanshee ni qoora!
Gammee, dhimmamtee - iyyaafattee gootittii haqa dhabuudhaan cabdee boossu kana uummatatti gadi baasuu keef guddaa galatoomi. Waaqayyo ammas dabalee si haa guddisu!
Hojii gaarii akkasii jabaadhuu itti fufi. Sababa miidiyaa keetiin jiruun namaa gedderamee, dhugaan namaa mul’atee arguu caalaa maaltu si gammachiisaree!
Gammadaa Show❤️