Mana Murtii Aanaa Meettaa Roobii

Mana Murtii Aanaa Meettaa Roobii Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Mana Murtii Aanaa Meettaa Roobii, Legal Service, Meta, Ambo.

Namootni ulaagaa guuttan itti dhiyaadhaa carraa kanatti fayyadamaa.
16/02/2026

Namootni ulaagaa guuttan itti dhiyaadhaa carraa kanatti fayyadamaa.

Guyyaa 22/03/2018=====//////===================////==Manni Murtii Aanaa Meettaa Roobii guyyaa farra malaammaltummaa bara...
01/12/2025

Guyyaa 22/03/2018
=====//////===================////==
Manni Murtii Aanaa Meettaa Roobii guyyaa farra malaammaltummaa bara 2018 dhaadannoo "dhaloota safuun ijaaruuun, hojimaatan" jedhuun guyyaa har'aa kabajaa oolee jira. Barreffamni gabaabaa karaa O/seera Naamusaa fi Inispeekshiinii dhiyaate irratti erga marii'atamee booda hojjatoota naamusa gaarii qaban waraqaa beekamtii kenneeraf!
Malaammaltummaa kaaseerii sirna haqaa waan ta'eef ni balaaleffanna

Haala Naannoo Hojii Mana Murtii Aanaa Meettaa Roobii mijeessuun wal qabatee Kutaa Pirezidaantii, kutaa Dhaddacha Yakkaa,...
22/11/2025

Haala Naannoo Hojii Mana Murtii Aanaa Meettaa Roobii mijeessuun wal qabatee Kutaa Pirezidaantii, kutaa Dhaddacha Yakkaa, Dhaddacha Hariiroo Hawaasaa,Dhaddacha Maatii fi kutaalee mana hojii keenya biroo bifa nama hawwatuun bareechinee jirra!

Dhagaha Halaalaa(Video conference) Aanaa Meettaa Roobii Ganda Baakaa gandoota 7(torba) of jalaa qabutti guyyaa har'aa je...
19/11/2025

Dhagaha Halaalaa(Video conference) Aanaa Meettaa Roobii Ganda Baakaa gandoota 7(torba) of jalaa qabutti guyyaa har'aa jechuun gaafa guyyaa 10/03/2018 ifatti eegalchiisnee jirra!.

Waajjira Pirezidaantii Mana Murtii Aanaa Meettaa Roobii fi kutaalee Dhaddachaa hunda haala nama hawwatuun bareechaa jirr...
17/11/2025

Waajjira Pirezidaantii Mana Murtii Aanaa Meettaa Roobii fi kutaalee Dhaddachaa hunda haala nama hawwatuun bareechaa jirra.

Guyyaa 22/02/2018========/////========/////=========/////Manni Murtii Aanaa Meettaa Roobii bu'uuruma karoorfateen qulqul...
01/11/2025

Guyyaa 22/02/2018
========/////========/////=========/////
Manni Murtii Aanaa Meettaa Roobii bu'uuruma karoorfateen qulqulina tajaajila abbaa seerummaa foyyeessuuf jecha xiinxala dhimmoota oliyyannoon ilaalamanii diigaman,fooyya'anii fi qajeelfamaan gadi deebi'an abbootii seeraaf dhiyeessuun irratti mar'ateera. Xiinxala kanaanis harcaatiin gama Abbaa seeraa mana murtii keenyaan jiru adda bahee abbaan itti godhamee jira.
Itti dabalunis barreessitoota dhimma uummataafis leenjiin laatameera. Leenjii kana keessatti barreessitootni himannaa,deebii qulqullina qabu,sirna barreeffamaa fi seer-luga eeguun akka barreessan, himannaa sobaa barreessuu irraa akka of qusatanii fi ragaa barreeffamaa harkaan barra'ee gaafuma himannaa fi deebii barreessan barreeffama komputeeraatti jijjiiramee akka dhiyaatu kan jedhu irratti leenjiin bal'aan kennamee irratti marii'atamee jira.
Gama biraan Leenjii Naamusaa mata dureen isaa Hariiroo hin malle uumuu jedhuu qorannoo hariiroo hin mallee uumuu jedhu irratti hawaasa mana murtii hundaaf kennamee irratti marii'atamee jira.
Dhuma irratti leenjii qajeelfama addabbii haaraa bahe lakk.3/2017 jedhu irratti abbootii seeraa fi O/seeraaf kennamee jura.
walumaa galatti leenjiin olitti kenname kun qulqullina tajaajila abbaa seerummaa dabaluuf gahee guddaan kan qabu ta'uu fi fuulduratti yeroo yeroon kan itti fufu ta'uu pirezidaantii Mana Murtii Aanaa Meettaa Roobii ibsanii jiru.

Guyyaa 16/02/2018======/////=============//////========Manni Murtii Aanaa Meettaa Roobii Jaarsolii Murtii Aadaa fi Barre...
26/10/2025

Guyyaa 16/02/2018
======/////=============//////========
Manni Murtii Aanaa Meettaa Roobii Jaarsolii Murtii Aadaa fi Barreessitoota Mana Murtii Aadaaf leenjii daandeettii raawwachisummaa cimsu kenneeraaf. Leenjiin kunis mata duree Seeraa Aadaa fu Safuu jedhu fi Maloota Gaaddisni itti geeggeeffamu, Oliyyannoon itti kennamu fi oliyyannoon itti ilaalamu kan jedhu ta'ee, barreeffamni gabaabaan dhiyaate irratti mari'atamee jira. Jaarsolii Mana Murtii Aadaa fi barreeaaitootni leenjii kanaan hubannoo guddaa arganne jedhaniiru. Pirezidaantii Mana Murtii Aanaa Meettaa Roobii Yaadaa kennaniin jaarsoliiin naamusa dhuunfaa isaanii irratti cimanii hojjachuu, leenjii har'a fudhatan qabatamaatti hojiitti akka hiikaan gaafatanii jiru.

Guyyaa 29/01/2018**********************************Manni Murtii Aanaa Meettaa Roobii Karoora BIX kan bara 2018 qooda fud...
10/10/2025

Guyyaa 29/01/2018
**********************************
Manni Murtii Aanaa Meettaa Roobii Karoora BIX kan bara 2018 qooda fudhattoota kanneen akka, Bulchaa Aanaa, AA, Waajjira Poolisii , koree dhaabbii Mana maree, Af-yaa'ii , barreesitoota dhimma uummataa, Bulchitoota Gandaaf dhiyeesse irratti mari'ateera.
Karoora kana keessatti Haala xiinxala waliigalaa Raawwii bara 2017 hanqinoota, cominoota turan, tarkaanfilee bu'aa giddu galaa Arfan keessatti karoorfaman jalatti dhimmoota raawwatamuu qaban, Cuunfalee bu'aa giddu galaa jala jiran gadi fageenyaan qooda fudhattootaaf dhiyeesse irratti mari'atee jira. Qooda fudhattootni KBIX Mana murtii keenya kan bara 2018 irratti yaada bilchina qabu kaasanii jiru. Dabalataan Mana murtii waliin hojjachuuf murannoo fi kaka'umsa kan qaban ta'uu mirkaneessanii jiru.
Dabalataan Maanuwalii 2(lama) fi dambii Deeggarsa Seera lakk.12/2017 ilaalchisee Hawaasa Mana murtii fi qooda fudhattootaaf leenjiin laatamee jira!

Guyyaa 27/01/2018Waltajjii marii walharkaa fuudhinsa Karooraa Mana Murtii Aanaa Meettaa Roobii=========///=========//===...
07/10/2025

Guyyaa 27/01/2018
Waltajjii marii walharkaa fuudhinsa Karooraa Mana Murtii Aanaa Meettaa Roobii
=========///=========//==========///====
Manni Murtii Aanaa Meettaa Roobii Karooraa BIX kan bara 2018 karaa pirezidaantii Mana Murtichaan hawaasa Mana murtiif erga dhiyaate booda Haala xiinxala bara darbee jalatti hanqinaalee fi ciminaaleen jiran ,Bu'aalee eeggamanii fi tarkaanfilee fudhataman, akkasumas agarsiistuuwwan bu'aa Battallee jala jiran haala bilchina qabuun hawaasa Mana waliin irratti mari'atamee jira. Dhuma irratti karoorri kun sadarkaa nama dhuunfatti akka bahu erga kallattiin kennamee booda Adeemsolii Mana Murtii keenya sirni waliin wal harkaa fuudhinsa karooraa taasisamee jira. Barichi bara itti waan karoorfanne itti milkeessinu nuuf haa ta'u.

Guyyaa 16/1/2018=≈===========/========/Manni Murtii Aana Meettaa Roobii bajaata isaaf ramadame irraa baratoottota harka ...
26/09/2025

Guyyaa 16/1/2018
=≈===========/========/
Manni Murtii Aana Meettaa Roobii bajaata isaaf ramadame irraa baratoottota harka qaleeyyii ta'ani baay'inaan 100 ol ta'aniif baruulee bitee qoodeefi jira. Barattootni harka qaleeyyii sababa hiyyummaatii akka barnoota adda hin kutneef Manni Murtii keenya deeggarsa kana cinatti fulduraafis barattoota kana cinaa kan dhaabbatu ta'uu isaa Pirezidaantii Mana Murtii Aanaa Meettaa Roobii obbo Eebbisaa Mul'ataa dubbatanii jiru

Address

Meta
Ambo

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Mana Murtii Aanaa Meettaa Roobii posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category