Mana Hojii Abbaa Alangaa Aanaa Ada'aa Bargaa

Mana Hojii Abbaa Alangaa Aanaa Ada'aa Bargaa share information to public

01/01/2025
01/06/2021

GAADDISA HAQAA.
Kana dubbisan yakka irraa of ittisan.
Aduun guyyaa sanaa lakkoofsa biyyaattin 08/09/2013 beekama.
Halkan keessa tilmaamaan sa’aatii 2:30 ture.
Himatamaan maqaan isaa Shallamaa Abdiisaa Lammeessaa jedhamu miiltoo isaa miidhamaa dhuunfaa nama maqaan isaa X jedhamuu waliin Aanaa Ada’aa Bargaa Magaalaa Mugar Ganda Birbirsa Lamaanii Bakka Buufata Konkolaataa Mana Dhugaatii Y jedhamuu osoo taa’anii waliin dhuganii;
Qabeenya miidhamaa dhuunfaa X kan ta’ee moobayilii Ifa Baattirii qabu bifa gurraacha X-INOVA jedhamuu tilaamaan qarshii 900(dhibba sagal) kan baasuu; Ifa isaa fayyadamee fincaan fincaa’a jedhe goyyomsee irraa fudhatee miliquun;
Gaafa guyyaa 12/09/2013 hordoffii godhameen Aanaa olitti ibsamee keessatti kan qabameen; Abbaan Alangaa Aanaa Ada’aa Bargaa Seera Yakka Bara 1996 Bahee Keewwata 692(1) bira darbuun yakka raawwatameedha jedhee Himata Mana Murtii Aanaa Ada’aa Bargaatti irratti banuun falmiin dhaddachaa erga gaggeeffamee booda; himatamaan dhaddacha gaafauuuuuu guyyaa 22/09/2013 ooleen addabbii isas ta’ee nama biroo barsiisu addabbii hidhaa waggaa tokkoof(1) baatii kudhaniin(10) adabameera.

Dhaamsa Mana Hojii Abbaa Alangaa Aanaa Ada’aa Bargaa
Uummatnii Aanaa Keenyaa Yakka ha Ittisnu, Yakka Raawwateef Eeruu ha kenninu, Haqii Hundaaf. 👍🙆🙆🙆🙆🙆🙆🙆‍♂️🙆‍♂️🙆‍♂️🙆‍♂️🙆‍♀️🙆‍♀️

GAADDISA HAQAA.                                           HAQNI HUNDAAF.                                                ...
11/05/2021

GAADDISA HAQAA.
HAQNI HUNDAAF.
Kana beektuu laata?
Himatamaan Tashoomaa Alamuu Dabalee jedhama. Godina Shawaa Lixaa Aanaa Ada’aa Bargaa Magaalaa Mugar Ganda 01 keessa jiraata. Badhaadhina isaaf hin mallee argachuuf yaadee gaafa guyyaa 30/08/2013 tilmaamaa sa’aati 5:00 yoo Ta’uu Aanaa Ada’aa Bargaa Ganda Dhakkuu Qarsaa Bakka Addaa Garee Dirree jedhamuu keessaa qabeenya miidhamaa dhuunfaa X Jedhamu Re’ee Tumaalessa Bifa Diimaa tilmaamaan qarshii kuma afur(4,000) baasuu dheedicharraa hatee fudhatee osoo deemaa jiruu harkaaf harkatti qabamuun Abbaan Alangaa Aanaa Ada’aa Bargaa Seera Yakkaa Bara 1996 Bahee Kewwata 665(1)tiin yakka hannaa raawwatameen himata gaafa guyyaa 03/09/2013 irratti banuun Mana Murtiitti dhiyeessee dhaddachaa gaafa guyyaa 03/09/2013 ooleen himatamaan adabbii hidhaa waggaa tokko(1) fi baatii jahaa(6) adabamee jira.
Uummati keenya qabeenya isaa akka eeggatuu fi yakkamaa seeratti akka dhiyeessu dhaamsa keenya.!

Manni Hojii Abbaa Alangaa Aanaa Ada'aa Bargaa Hawaasa Aanaa sana keessatti argamuuf hubannoo seeraa kennuu cimee itti fu...
27/01/2021

Manni Hojii Abbaa Alangaa Aanaa Ada'aa Bargaa Hawaasa Aanaa sana keessatti argamuuf hubannoo seeraa kennuu cimee itti fufee jira.
haaluma kanaan gaafa guyyaa 17/05/2013 mana barumsaa maaruu coobot sad. 1ffaatti mata duree maalummaa yakkaa fi addabbii isaa fi yakka dubartootaa fi daa'immaan irratti raawwatuu jedhuun hubannoon kennamee jira.
haaluma wal fakkaatuun gaafa guyyaa 18/05/2013 mana barumsaa reejjii sadarkaa 1ffaattis mata duraa godaansa seeraan alaa jedhu irratti hubannoon kennameera.
kana malees sadarkaa aanaatti namoota gandoota 34 fi bul. magaala 3 irraa walitti dhufaaniif labsii lafa baadiyaa lakk 130/1999 fi dambii 151/1999 irratti hubannoon kennameera.

25/01/2021

GAADDISA HAQAA.
kana beekaatii irraa baradhaa.
Godina Shawaa Lixaa Aanaa Ada'aa Bargaa Ganda Reejjii Mokodaa bakka addaa waarshaa Simmintoo Mugar jedhamee beekamuu keessattii gaafa guyyaa 13/04/2013 halkan keessaa tilmaamaan sa'aatii 6:00 yoo ta'uu himatamtonnii 1ffaa Seefuu Kabbabaa 2ffaa Naashaa Taaddasaa jedhaman badhaadhina hin mallee argachuuf yaadanii qabeenyaa waarshaa simmintoo mugar ta'ee sibiila jijjiirraa maashina doozeraa ta'ee lama(2) tokkoon isaa tilamaamaan qarshii 2,500 kan siibila lamaanii tilmaamaa qarshii 5,000(kuma shan)kan baasuu hatanii hordooffii godhameen waan qabamaniif, Abbaan Alangaa Aanaa Ada'aa Bargaa S/Y Bara 1996 bahe kew. 32(1)A fi 669(1,B)irra darbuun yakka hanna cimaa raawwataniiru kan jedhuun himannaa mana murtii Aanaa Ada'aa Bargaatti dhiyeessuun falmiin bitaaf mirgaa erga gaggeeffamaa turee booda dhaddacha guyyaa 22/04/2013 ooleen himatamtoota 1ffaa fi 2ffaa irratti addabbii hidhaa waggaa sadii sadii fi baatii torba torbaa tiin adabuun mana amala sirreessaa kan galan waan ta'eef uummannii keenya qabeenya isaa akka eeggatu, nama yakka dalaguus saaxiluun seeratti akka dhiyeessuu ergaa keenya dabarsineerra.
justice for all.

25/01/2021

justice for all.

Address

Ambo

Telephone

+251112860021

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Mana Hojii Abbaa Alangaa Aanaa Ada'aa Bargaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category