22/01/2025
Qabsoo keessatti Icciitiin dhaalamuuti qabdi. Qabsaa'onni icciitii qabsoo dhaaluuti qabu. Icciitiin qabsoo akka annisaa qabsootti ilaalama. Garb-oomfataan si adams-uun dura icciitii kee adamsa. Icciitii kee erga adamsee of harkaan gahateen booda si adamsuu itti fufa. Utuu icciita kee of harkaan hin gahatiin adamootti hin seenu. Atoo icciita garboomfataa keetii adamsaa jirta moo akkanumaan ifaajja laata? Akkasumaan ifaajja taanan waree-gamni kee lakkaa'amee hin dhumu. Diin-a kee tuqxee dammaqsuun dura maal gochuu akka qabdu xiinxaluuti qabsa! Diin-ota kee weera-ruuf gaafa qophooftu eessarraan? Akkamittin? Qubsumni isaa eessa? Baay'inni lol-tuu isaa hangami? Meesh-aan isaa gosa akkamiti? Maal nyaata? Yoom nyaata? Reeshina gahaa qaba moo hin qabu? Uffanni isaa halluu akkamiiti?****jettee qorannoo geggeessuuti qabda. Qorannoon kee kan ragaan deggerame ta'uu qaba. Kana hunda argachuuf icciitiin itti adeemuutu sirraa eegama. Miseensi kee lol-tummaa, gootummaa, fi geggeessummaa qofa osoo hin taane icciita qabsoo isa akka sibiila boorrajjii irra jabaatu sirraa dhaaluuti qabu. Miseensi hooggana fakkaachuu, isa ta'anii argamuuti qabu. Israa'eelii fi Hamaas akka Adurr-ee fi Hant-uutti icciita walii adamsaa turan. Gareen basaa-saa Isra'el MOSAD fi SHIMBET icciita hooggantoota Hamaasii fi deggertoota isaanii booll-a seenee barbaadee IDFtti kennuun balaa-wwan gurguddaa irraan geggeesisaa ture. Hooggantoota ciccimoo dhaabichaas jalaa galaa-fataa ture. Ismaa'el Haanniyyeen kan ajjee-fame palastin keessatti miti, july 31, 2024 Iran keessattidha. Miseensi basaa-sa alaa Isra'el MOSAD hooggana siyaasaa cimaa kana hanga kutaa cisichaa isaa Teeran jiruutti hordofee galaa-fate. Isra'el balaa-wwaan gurguddaa Hamas irraan geessistuyyuu akka yaadde fi karoorsiteetti isheef hin milkoofne. Geggeessitoonni fi miseensonni Hamaas duguugg-aa irra hafuudhaaf icciita keessoo isaanii eeggataniru. Keessumaa meesh-aawwan elektrooniksii hundumaa ofirraa fageessuun xalayaan ergaa waliif gahaa turan!
Booj