Doba Shibiro Shura

Doba Shibiro Shura Attorney And Legal consult

17/08/2025

Mirga Abbaa Qabiyummaa (Holding Right) Jechuun Maal Jechuudha? Maal Maal of Keessatti Qabata?
==================================
Qabiyyee lafaa ilaalchisee mirga abbaa qabeenyummaa kan ummataa fi mootummaa ta’uu fi namoonni ykn lammiileen dhuunfaa mirga abbaa qabiyummaa fi/ykn ittifayyadamaa qofa akka qabaatan Heera Mootummaa kwt 40(1-3) fi labsiileen qabeenya lafaa bulchuuf began keessattis tumamee argama.
Namni dhuunfaa mirgi qabiyyee lafaa irratti qabaachuu danda’u mirga abbaa qabiyyummaa (holding right) fi mirga ittafyyamuu (use right) qofa eega ta’ee Mormon kun maal akka ta’an immoo Seerota Lafa Bulchiinsa keessatti ibsamee argama.
Haaluma kanaan mirga abbaa qabiyyummaa jechuun gabaabumatti mirga laficha qabachuu ykn kan isaati jedhamuu yoo ta’u Innis fkn kanneen Labsii Lkk 248/2015 kwt 22 jalatti tareeffaman hammata.
Akka fakkeenyaattis;
Laficha haala karoora ittifayyadama lafaatiin misoomsuu fi ittifaayyadamuu ykn waan seera qabeessa ta’e kamiiyyuu irratti raawwachuu,
Seeraan Ala Lafa isaa irraa mirga buqqa’uu dhabuu fi faayidaa ummataaf kan barbaadamu yoo ta’es adeemsa seeraa hordofee dursa beenyaa gahaa argachuun qofa ta’uu ( isa dhiyeenya kana hooggansi wayii dubbate jedhamu otuu hintaane isuma seerri jedhu qofa dubbachaa jirra),
Mirga kireessuu, dhaalchisuu fi ykn kennaan dabarsuu,
Mirga yoo barbaade wabummaan qsbsiisee ittiin liqeefdachuu
Mirga qabeenya irratti horachuu, walitti aanfachuu, waljijjiiruu fi,
Mirga qabeenya laficha irratti horate akkaataa seeraan eeyyamameen dabarsuu fa’a kan of keessatti qabatudha.
Gaa’illi malee mirga itti fayyadamaa (use right) qofa namni qabu lafichatti tajaajilamuu irraan kan hafe mirgoota olitti tarreeffaman kanneen hunda kan hinqabne waan ta’eef mirgi abbaa qabiyyummaa fi mirga itti fayyadamaa garaagara akka ta’e kan agarsiisudha.
Mirgi itti fayyadamaa mirgoota abbaan qabiyyummaa hammatu keessaa isa tokko qofa akka ta’e hubatamuu qaba.
source:- Jemal Kumbi

Address

Batu
Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Doba Shibiro Shura posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share