16/01/2024
Sammuun Akka Iddoo Biqiltuuti 🪴|
❍ Mul'ata kee namoota Ijaarama sammuu guddataa fi qajeelaa qabaniif qoodi malee namoota sammuu Ego fi ijaarama sammuu guddina hin argisiifne qabaniif hin qoodin!
» Yoo akka gaariitti misoomsite daraaraan miidhagaa, namatti kan tolu ija godhachuuf kan daraaru ta'a. Garuu yoo tuffatte margi hin barbaachifnee fi qoraattiin bakka isaa biqiluu danda'a.
» Yaadni kee akka sanyii ati facaaftu ti. Yaada gaarii yoo facaafte bu’aa gaarii argatta. Garuu yaada gadhee yoo facaafte, waan hamaa qofa haammatta. Filannoon kan keeti.
» Gammachuun waan ari’amu yookiin horachuu danda’an miti. Duraan si keessa jira. Itti fayyadamuuf Laayiyeroota isa haguuganii jiran balleessuu qabda.
» Milkaa’inni dhugaa, qabeenya yookiin aangoo kuufachuu osoo hin taane, jireenya hiika qabu kan ofis, namoota biroos fayyadu jiraachuudha.
» Of beekuun guddina dhuunfaa fi jijjiirama dhuunfaaf furtuudha. Yaada, miiraa fi amala keenya caalaatti yommuu hubannu, jireenya keenya irratti jijjiirama gaarii gochuu jalqabuu dandeenya.