29/08/2026
🟢Qarshii dogoggoraan gara herrega baankii keessaniitti darbe haalota akkamitiin deebisuun danda'ama?
➡️Qarshiin dogoggooraan gara herrega baankii nama tokko irraa gara isa biraatti yoo dabarfame haalota sadii(3) keessatti maallaqni sun akka deebifamu ta'uu danda'a. Haalotni ykn haal dureewwan kunis:
1. Yoo namni maallaqni gara herrega isaa irratti darbe sun deebisuuf fedhii qabaate.
2. Baankiin qarshii sana dabarse ykn transaction sana raawwate battaluma dogoggora raawwate sana beekee herrega namicha irratti dabarfamee irraa gara jalqabaatti gaafa deebisuu fi.
3. Ajaja mana murtiin qofadha jechuudha
Haalota sadan kana keessaa tokko yoo uumame qofadha jechuudha namni tokko qarshii gara account ykn herrega baankii isaa irratti darbe abbaa isaaf deebisuu kan danda'u.
➡️Waan dubbistaniif galatoomaa.
✌️Credit: A/Alangaa Biniam Wakjira Bedasa irraa.