Ibsaa diin

Ibsaa diin Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Ibsaa diin, Legal, Finfinnee, Addis Ababa.

Hin heyyamu     Kolleejjii nabii kootii     Isa gaafa ganamaa          (A S W)     Asirraa nu leenjisan     Bar rasuulli...
10/06/2023

Hin heyyamu

Kolleejjii nabii kootii
Isa gaafa ganamaa (A S W)
Asirraa nu leenjisan
Bar rasuulli aalamaa
Iddoo leenjii sahaabaa
Burqaa aalimman hedduu
Iddoo rabbiin jaalatu
Masjida babbareedduu
Dachiinis kan rabbiiti
Uumee namootaf laate
Akka irra jiraatuf
Ilmi namaa qabatee
Kontiraata ta'uusaa
Si namni ma dagatee

Dachiif samii keessatti
Rabbiin wa takka jaje
Dachii masjidaa je'ee
Waame akkaan kabajee
Akka jaalatus himee
Haqa isaa jabeesse
Guyyaatti yeroo shanan
Akka dhaqnu murteesse
Bakka dhugaan himamu
Iddoo wal qixxummaa
Iddoo itti cimu
Gaaddisni tokkummaa
Nu jalaa diddiigu
Kunoo yeroo ammaa

Hin hayyamu ani
Lubbuu koon itti dhabaa
Waan rabbiin kooti jedhe
Eeguu dirqaman qabaa
Jibbaan diinii islaama
Maddi isaa hin qooruu
Aangoo itti kennanii
Diina nurratti sooruu
Kanaaf yeroo eeggatee
Onnee teenna madeessa
Qur'aanaf masjiidarra
Islaamni maal jabeessa

Iddoo hara galfii
Boqonnaa muslimaa
Namni yoo dhiphatu
Masjiduma deemaa
Achitti dagataa
Yaaddofii dararaa
Masjidaaf sagalee
Haa taanu adaraa
Masjida diigan malee
Dachiitu itti dhiphataa
Warra sammuun dhiphaatu
Waan dhiphinaa dubbataa
Haraqee fi biiratu
Masjida rabbii deege
Sareen masjida seene
Qur'aanarra nu fiige
Yaa amiirran islaama
Obsi nu mufachiise
Osoo kaleessa ta'ee
Eenyu rafa gacciisee
Obsis akka qabaa
Waan irratti obsamuu
Obsi hin jiraa kalee
Yoo masjinni diigamu
Kan har'aa kun raajidha
Qur'aannis yo dhiitamuu
Kan dhiitu mo kan laalu
Kan itti gaafatamu
Hin heyyamu an garuu
Ittan shahiida malee
Jireenya tana jibbee
Maali qabrii yoo galee
HIN HAYYAMU

As Wr wb obboleeyyan koo mee nama kanaaf Du'aii Godhaaf Rabbii haa Fayyisuu
07/06/2023

As Wr wb obboleeyyan koo mee nama kanaaf Du'aii Godhaaf Rabbii haa Fayyisuu

~Abuu hureyraan R.A ni jedhe Ergamaan Rabbiiο·Ί akkana jedhan, lafarraa iddoon rabbiin biratti irra jaalatamtuu taate masj...
05/06/2023

~Abuu hureyraan R.A ni jedhe Ergamaan Rabbiiﷺ akkana jedhan, lafarraa iddoon rabbiin biratti irra jaalatamtuu taate masjiida❣️
{Muslimtu gabaase!}

𝐁𝐚𝐫𝐚 πŠπšπ§πšβ€¦β—β—β—1.  𝖑𝖺𝗋𝖺 π–²π–Ίπ—€π–Ίπ–Ίπ—€π–Ίπ—…π—Žπ—†π—†π–Ίπ–Ίπ—‡ 𝖨𝗍𝗍𝗂 π–±π–Ίπ—„π–Ίπ—Œπ–Ύπ—π—π—‚,π–₯π—Žπ—Žπ–½π—π—Žπ—Ž/π–§π–Ύπ–Ύπ—‹π—Žπ—†π—Žπ—Žπ—‡ 𝖰𝖺𝖺𝗅𝗂𝗂 𝖳𝖺`𝖾.2.  𝖑𝖺𝗋𝖺 𝖑𝗂𝗅𝖻𝗂𝗅𝖺 π—€π–Ίπ—π—Žπ—Žπ—‡ π–£π—Žπ–»π—‹π—Žπ—†π—†π–Ίπ–Ί π–¦π–Ίπ—π—Ž...
05/06/2023

𝐁𝐚𝐫𝐚 πŠπšπ§πšβ€¦β—β—β—

1. 𝖑𝖺𝗋𝖺 π–²π–Ίπ—€π–Ίπ–Ίπ—€π–Ίπ—…π—Žπ—†π—†π–Ίπ–Ίπ—‡ 𝖨𝗍𝗍𝗂 π–±π–Ίπ—„π–Ίπ—Œπ–Ύπ—π—π—‚,π–₯π—Žπ—Žπ–½π—π—Žπ—Ž/π–§π–Ύπ–Ύπ—‹π—Žπ—†π—Žπ—Žπ—‡ 𝖰𝖺𝖺𝗅𝗂𝗂 𝖳𝖺`𝖾.

2. 𝖑𝖺𝗋𝖺 𝖑𝗂𝗅𝖻𝗂𝗅𝖺 π—€π–Ίπ—π—Žπ—Žπ—‡ π–£π—Žπ–»π—‹π—Žπ—†π—†π–Ίπ–Ί π–¦π–Ίπ—π—Žπ—Ž 𝖒𝖺𝖺𝗅𝖺𝗍𝗍𝗂 𝖭𝖺𝗆𝖺 π–Έπ–Ίπ–Ίπ–½π–½π–Ύπ—Œπ—Œπ—Ž.

3. 𝖑𝖺𝗋𝖺 π–°π–Ίπ—‹π—ˆπ—ˆπ—†π—‚π—‡π—‡π—‚ 𝖴𝖿𝖿𝖺𝗍𝖺 𝖒𝗂𝖼𝖼𝗂𝗍𝖺𝖺 π–₯𝗂 π–°π—Žπ—…π—…π–Ίπ–Ί π–£π–Ύπ–Ύπ—†π—Žπ—Žπ–½π—π–Ίπ–Ίπ—‡ π–¨π–»π—Œπ–Ίπ—†π—Ž.

4. 𝖑𝖺𝗋𝖺 𝖭𝖺𝗆𝗇𝗂 𝖑𝖾𝖾𝗄𝖺𝖺 𝖿𝗂 π–°π–Ίπ—‹π—ˆπ—ˆ π–©π–Ύπ–½π—π–Ίπ—†π—Ž 𝖦𝖺𝗅𝖺𝖺𝗇𝖺 𝖠𝗋𝖺𝖺𝖽𝖺𝖺𝗍𝗂𝗂𝗇 π–¨π–»π—Œπ–Ίπ—†π—Ž.

5. 𝖑𝖺𝗋𝖺 π–¨π—ƒπ—ˆπ—ˆπ—…π—…π–Ύπ–Ύπ—‡ 𝖣𝗁𝗂𝗂𝗋𝖺𝖺 π–¨π—ƒπ—ˆπ—ˆπ—…π—…π–Ύπ—†π–Ί 𝗍𝖺𝖺𝗍𝖾𝖾 π–³π–Ύπ–Ύπ—π—π—Ž. π–£π—π—‚π—‚π—‹π—Œπ–Ί 𝖳𝖺`π—Žπ—Žπ–Ώ π–ͺ𝖺 π–₯𝖾𝖽𝗁𝗂𝗂 𝖣𝗁𝖺𝖻𝖽𝖾.

6. 𝖑𝖺𝗋𝖺 π–£π—Žπ–»π–Ίπ—‹π—π—‚π—‚π—‡ 𝖧𝖺𝗋𝖺𝖺𝗆𝖺𝖺𝗇 π–΄π—…π–Ώπ—ˆπ—ˆπ–Ώπ—π–Ύ 𝖣𝗂𝗋𝗋𝖾𝖾 𝖑𝖺𝖺𝗍𝖾𝖾 𝖑𝖺𝖻𝗒 π–²π—π—ˆπ—π–Ύπ—‹π—‚π—‚π–Ώ 𝖴𝗆𝗆𝖺𝗍𝖺 𝖢𝖺𝗅𝗂𝗍𝗍𝗂 π–°π–Ίπ–»π–½π—Ž.

7. 𝖑𝖺𝗋𝖺 π–£π—Žπ–»π–Ίπ—‹π—π—‚π—‚π—‡ 𝖣𝗁𝗂𝗂𝗋𝖺 𝖨𝗍𝗍𝗂 𝖳𝖺𝖺𝗍𝖾𝖾, 𝖣𝗁𝗂𝗂𝗋𝗋𝗂 π–²π–Ίπ–½π–Ίπ—Šπ–Ίπ–Ί π–¨π—Œπ–Ίπ–Ίπ—‡ 𝖨𝗋𝗋𝖺𝖺 π– π—‹π—€π–Ίπ—π—Žπ—Žπ—‡ π–©π—‚π—‹π–Ίπ–Ίπ–Όπ—π—Žπ—π—π—‚ π–ͺ𝖺`𝖾.

8. 𝖑𝖺𝗋𝖺 π–­π–Ίπ—†π—Žπ—†π—†π–Ίπ–Ίπ—‡ 𝖰𝖺𝖻𝖾𝖾𝗇𝗒𝖺𝖺𝗇 π–¬π–Ίπ–½π–Ίπ–Ίπ—…π–Ίπ—†π—Ž.

9. 𝖑𝖺𝗋𝖺 𝖑𝖾𝖾𝗄𝖺𝖺𝗇 π–«π—Žπ—€π–Ίπ–Ίπ—†π–Ίπ—†π–Ύπ–Ύ, π–Άπ—ˆπ—…π—…π–Ίπ–Ίπ—…π–Ίπ–Ίπ—‡ π–£π—Žπ–»π–»π–Ίπ—π—Ž.

10. 𝖑𝖺𝗋𝖺 π–§π–Ίπ—π—π—Žπ—Žπ—‡ π–₯𝖺𝖺𝗋𝖿𝖺𝗆𝖾𝖾, π–ͺ𝖺𝗇 𝖲𝖺𝖺𝗆𝖺𝗆𝖾 𝖨𝗍𝗍𝗂 π– π–»π–Ίπ–Ίπ—‹π–Ίπ—†π—Ž

11. 𝖑𝖺𝗋𝖺 𝖲𝖺𝖺𝗅𝖿𝗂𝗂𝗇 𝖣𝖺𝖼𝗁𝗂𝗂 𝖨𝗋𝗋𝖺𝖺 π–¦π—ˆπ–½π–Ίπ–Ίπ—‡π–Ύπ–Ύ, 𝖲𝖺𝖺𝗅𝗅𝗂 𝖨𝗅𝗆𝖺𝖺𝗇 𝖭𝖺𝗆𝖺𝖺 π–ͺπ–Ύπ–Ύπ—Œπ—Œπ–Ίπ—π—π—‚ 𝖩𝗂𝗃𝗃𝗂𝗂𝗋𝖺𝗆𝖾.

12. 𝖑𝖺𝗋𝖺 π–ͺπ–Ίπ–Ίπ—…π—‚π—Šπ–Ί 𝖒𝖺𝖺𝗅𝖺𝖺, π–¬π–Ίπ—„π—…π—Žπ—Žπ—Šπ–Ί π–²π—ˆπ–½π–Ίπ–Ίπ–Όπ—π—Žπ—Žπ—‡ 𝖑𝖺𝖺𝗒’𝖺𝗍𝖾.

𝖑𝖺𝗋𝖺 π–ͺ𝖺𝗇𝖺 𝖧𝖺𝗇𝗀𝖺 π–«π—Žπ–»π–»π—Žπ—Žπ—‡ 𝖲𝗂 π–ͺπ–Ύπ–Ύπ—Œπ—Œπ–Ίπ–Ί π–‘π–Ίπ–Ίπ—π—Žπ—Žπ–Ώ, π–§π–Ίπ—Šπ–Ί 𝖰𝖺𝗅𝖽𝗁𝖺𝗍𝗍𝖾 π–°π–Ίπ–»π–Ίπ–½π—π—Žπ—Ž 𝖱𝖺𝖻𝖻𝗂𝗍𝗍𝗂 π–‘π–Ίπ—Šπ–Ίπ–½π—π—Ž.
🀲🀲🀲🀲🀲🀲🀲🀲

Masjiida lafarraa diiganiis Imaana onnee muslimtoota keessaa diiguun hin danda'amu🫰
04/06/2023

Masjiida lafarraa diiganiis Imaana onnee muslimtoota keessaa diiguun hin danda'amu🫰

Address

Finfinnee
Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Ibsaa diin posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category