Shukri Law Office

Shukri Law Office Fuula Facebook kana hordofaa hubannoo seeraa gahaa ogeessoota seeraa adda addaa irraa argatu

12/06/2026
03/05/2026

Murtii Barsiisaa
Himatamtoonni yakka gatii tajaajilamaa (tarifaa) dabaluun himatamanii adabbii hidhaa salphaa ji’a 6 fi adabbii maallaqaa qarshii kuma kudhan (10,000)tiin adabamaniiru.

Himatamtoonni maqaan isaanii:
1ffaa Usmaa’il Aliyyii Yuyyaa
2ffaa Mahammad Safii Alii Ibroo
Kanneen kunneen Godina Harargee Bahaa, Bulchiinsa Magaalaa Dadaritti, daandii Harawacaa deemuu irratti konkolaachistoota ta’anii konkolaataa fe’insa uummataa (Isuzu qixxii) dhaan Magaalaa Dirree Dhawaa irraa gara Magaalaa Harawacaatti osoo konkolaachisaa jiranii imaltoota tokko tokko irraa qarshii kuma tokko tokko (1,000) fudhataniiru.

Kanaaf, imaltoonni eeruu to’atoota tiraafikaatiif kennaniin, konkolaachistoonni kun qabamanii Waajjira Poolisii Bulchiinsa Magaalaa Dadaritti, kutaa qorannaa yakkaatti dhiyaatanii to’annoo jala oolaniiru. Galmeen isaanii erga qulqullaa’een booda, Abbaan Alangaa Aanaa Dadar galmee banuun Mana Murtii Aanaa Dadaritti dhiyeesse.
Dhaddachi gaafa guyyaa 24/08/2018 ooleen, adabbii fakkeenya isaanii barsiisuu fi akeekkachiisaa ta’u jedhuun, tokkoon tokkoon isaanii adabbii hidhaa ji’a jahaa (6) fi adabbii maallaqaa qarshii kuma kudhan (10,000) akka adabaman murteesseera.
Kominikeeshinii Qajeelcha Poolisii Godina Harargee Bahaa

28/04/2026



Qajeelfama Bulchiinsa Maallaqa Callaa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Fooyyessuuf Bahe Lakk. 30/2016 keewwata 17 Maallaqa mootummaa walitti qabuu.

Seericha kwt. 17 muraa 1, 2, 3, 4, fi 5) jalatti Namni maallaqa Mootummaa walitti qabu bakka bu'insa qabaachuu akka qabu, Qaama Aangoo Qabu irraa hayyamamuufii qaba, Namni haala kanaan aangefame nagahee muruu akka qabu, Dirqamni Hojjataa waajjira maallaqaas ibsameera, Keewwata 18 (2) jalatti Ammoo Namni haala olitti ibsame kanaan maallaqa sassaabe Guyyuma sassaabaa oole san galii gochuu akka qabuu fi yoo rakkoon humnaa olii jiraate borumtaa (guyyaa itti aanu) galii gochuu akka qabuu tumee jira kanarraa kan hubatamu maallaqa mootuummaa sassaabame of harka tursiisuun dhoorkaa tahuun ni hubatama.
Guutuu isaa Dubbisaa. 👇👇👇

20/04/2026

Dambii Gurmaa’insa, Aangoofi Hojii Qaamolee Raawwachiisaa Bulchiinsa Aanaaleefi Gandoota Mootummaa Naannoo Oromiyaa Lakkoofsa 250/2016 keewwata 39 jalatti Aangoofi Hojii Waajjira Misooma Diinagdee Gandaa Tumee jira.

1) Hogganaan Diinagdee Gandaa Galiiwwan Gandichi seeraan yookiin bakka bu’iinsaan akka sassaabu aangeffame walitti ni qaba; akkaataa seeraatiin galii ni taasisa;

2) Hogganaan Diinagdee Gandichaa Hojiirra oolmaa seerota gibiraafi taaksii irratti rakkoo akka Gandichaatti mul’atu adda baasuun qaama ilaallatuuf ni dhiyeessa; tarkaanfiin sirreeffamaa akka fudhatamu ni taasisa.

4) Hogganaan Diinagdee Gandaa Galii keessoo Gandichaa maddoota seeraan hayyamaman irraa akkaataa seeraatiin walitti ni qaba; hojimaata Biiroon Maallaqaa diriirsuun hojiirra ni oolcha.

Dimshaashatti keewwattoota kanneen irraa akka hubatamutti Itti Gaafatamtoonni Diinagdee Gandaa Galii Mootummaa Ganda Bulchan keessatti sassaabuu akka qaban, kan sassaaban akkaataa seeraatiin Galii Gochuu akka qaban, Yoo Galii sassaabameen wal qabatee rakkoon kan jiraate Tarkaanfii fudhachuu yoo humna isaa ol tahe akka tarkaanfiin fudhatamu taasisuuf dirqama akka qabu ifaan tumee jira.

DIRQAMA SEERAAN NAMATTI KENNAME BAHUU DHABUUN YAKKA.

Address

Addis Ababa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Shukri Law Office posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Shukri Law Office:

Share

Category