Waldaa Abbootii Alangaa Oromiyaa የኦሮሚያ ዓቃቢያን ህግ ማህበር

Waldaa Abbootii Alangaa Oromiyaa የኦሮሚያ ዓቃቢያን ህግ ማህበር waldaan abbootii alangaa hirmaannaa abbootii alangaa fedhii qabu hundaan hin hundaa'in gamoo bu'uura

23/02/2023

Boorana😪

Sagaleen keenya maal jechaa jira? Hiriyaa beeksifni kun isa ilaallatu qaba fakkaata😂 waan hundaafu carraa namaa cufanii ...
18/05/2022

Sagaleen keenya maal jechaa jira? Hiriyaa beeksifni kun isa ilaallatu qaba fakkaata😂 waan hundaafu carraa namaa cufanii carraa argame gubuun maqaa abbichaa qofaaf osoo hin ta'in kan mana hojichaatu ni miidha. Dhugumatti Abbaan carraa kun carraa kana gubuu kan barbaade sababa barumsa eegalef too ta'e durumarraawu namni dhuunfaatti barachuu danda'u(kan humna ykn hayyama qabu) isa kana dorgomuun maalif isa barbaachise? Carraa nama biraa maalif cufe? Kun waan fudhatama hin qabne waan ta'ef beeksisichi sirriidha nama jechisiisa. Hundaa'ol carraan kun kan argame deeggarsaan hanga ta'etti carraa kan gubuun deeggarsa keessan hin barbaadnu fakkeessa.

06/01/2022

Hordoftoonni Amantaa kiristaanaa baga Ayyaana Qiilleetin isin gahe!
Ayyaana Gaarii!
Merry Christmas!

Baga Geessan! kan jaalalaa ka tokkummaa nuuf haa ta'uAyyaana gaarii!
02/10/2021

Baga Geessan! kan jaalalaa ka tokkummaa nuuf haa ta'u
Ayyaana gaarii!

"The Right person at the right place" jechuun kana! Manni hojii keenya reefu nama anniisaa, kaka'umsaafi miira tajaajilt...
25/09/2021

"The Right person at the right place" jechuun kana!
Manni hojii keenya reefu nama anniisaa, kaka'umsaafi miira tajaajiltummaa isa sirrii qabu argate, nuuf haa tursiisu Jenna
Hojiin keessan jalqabaa hoggantootaafi itti gaafatamtoota yaadaafi sammuu dulloomaan naannoo, godinaafi aanaa hogganan iddoo qabsiisun qacaleewwan naamusaafi dandeetti qabaatanii awwaalamanii turan itti-gaafatamummaatti dhufanii biyyaafi lammii isaani tajaajila akka fuulduratti fiddan abdii qabna.
Kana booda ulaagaan Itti-gaafatamummaa qorumsa dandeettiifi naamusaa qofa akka ta'uus ni abdanna
Carraa gaarii!

Bu'aa Qormaata barreeffamaa abbaa alangummaa federaalaafHub. Kun bu'aa qoramtoota damee Dirree Dawaa qofaati kan finfinn...
22/08/2021

Bu'aa Qormaata barreeffamaa abbaa alangummaa federaalaaf
Hub. Kun bu'aa qoramtoota damee Dirree Dawaa qofaati kan finfinnee ni hafa
👉Ijoollee keenyaaf carraa gaarii hawwina!

Ergaa keessoo kibba lixa shawaa irraa nu qaqqabe:-Nagaa jirtuu akkam waldaan abbootii Alangaa dhaabbachuu oduu isaa dhag...
17/06/2021

Ergaa keessoo kibba lixa shawaa irraa nu qaqqabe:-

Nagaa jirtuu akkam waldaan abbootii Alangaa dhaabbachuu oduu isaa dhageenyeerra
Garuu otoo miseensi guutuun akka Godina Godinaatti irratti hin mariyatiin gatii Galmee jechuun qarshiin 1000,1000 kun maali? yoom irratti dubbanne?

Ergaa keessoo kibba laxa shawaa irraa nu qaqqabe:-Nagaa jirtuu akkam waldaan abbootii Alangaa dhaabbachuu oduu isaa dhag...
17/06/2021

Ergaa keessoo kibba laxa shawaa irraa nu qaqqabe:-

Nagaa jirtuu akkam waldaan abbootii Alangaa dhaabbachuu oduu isaa dhageenyeerra
Garuu otoo miseensi guutuun akka Godina Godinaatti irratti hin mariyatiin gatii Galmee jechuun qarshiin 1000,1000 kun maali? yoom irratti dubbanne?

14/06/2021

Ergaa keessoo shawaa kaabaa irraa nu qaqqabe:-

Abbaa Alangaa ta'e hundeeffama waldaa abbootii alangaa kan jibbu ykn kan itti hin tolle ni jira jedhee namni ykn qaamni yaadu yoo jiraate mataansaa rakkoo qaba❗

Adeemsawwan waldichi itti hundaa'e qeequn ykn beekkamtii dhorkuun arraa waldaa cimaa abbootii alangaa qofa bu'ureffate hundeeffachuu irraa kan madde malee araada mormiiti jedhamee bira darbuunis dogongora

Haa xiqqaatu Galmi, kaayyoonfi mul'ata waldichaa, qabiyyeen hindeeffamaafi ittin bulmaata waldichaa maal akka ta'e osoo hin beekin lafaa ka'ameetuma koottu waldaa siif ijaarree jirra ji'a ji'aan hangana kaffali siffayyada yoo naan jette sin dhagaha?

Miseensi waldichaa hoo eenyu? Abbaa alangaa maqaan isaa MHAWO jiru marti gaaffii tokko malee isin miseensota jedhamnetimo? Erga hundaa'ee haraatti warri fedhii qabu galmaa'e miseensummaa argataa? Maali wanti harkaa miila hin qabne kun?

Ani maatii firan qaba ji'a ji'atti kan miindaa kiyya taa'ee eegu faayidaafi miidhaan waldicharraa argattu kana jettee osoo naaf hin ibsiin fidi yoo naan jette sittin kennaa maatii kiyya situ naaf guddisaa? gowwaa waanuma akka barbaadan oofan isaanitti fakkaannaayi? Hangi maallaqaa miindaa kiyya irraa muramu meeqa akka ta'e eenyutu murteessuu qabaa? Jarjarri kun dhugumatti ana fayyaduufimoo qaama muraasa fayyaduufi? Jarjarri keessanuu waa nama shakkisiisa.
Dhumarratti dhuguma waldaa abbootii alangaa oromiyaa guututti bakka bu'u ijaarrachuu yoo barbaaddan waan hunda iccitii gootanii socho'uurra ifaafi bilisaan yaada bilchaatee gabbate as baasaa irratti haa daballu kan hir'atus keessaa haa baafnu irratti haa mari'annu jarjara keessaa baha tasgabbaa'a borus iftaanis ni dhaqaba dura galma keessan adda baafadhaa daandii galmichaa qulqulleessaa waldaa fakkeenya ta'u hundeessaa kanuma.

👉Yaadota qabdan keessaan nuuf ergaa gulaallee maxxansina! godina keessan caqasuu hin dagatinaa

Waldaan AAO kaleessa hundaa'era jedhame maalif fudhatama dhaba❓1. Waldaan tokko ijaaramuf ulaagaa isa bu'uuraa kan ta'e ...
06/06/2021

Waldaan AAO kaleessa hundaa'era jedhame maalif fudhatama dhaba❓

1. Waldaan tokko ijaaramuf ulaagaa isa bu'uuraa kan ta'e miseensonni hundii ykn bakka bu'aan isaan filatan waan hin hirmaannef❌

2. Hoggantoonni waldichaa haala abbootii alangaa godinaalee hundaa bakka bu'uu danda'anin kan hin ijaaramne ta'uu caalaa namoonni yeroof jedhamanii filatamanis kaadreen eeramani formaalitiif kan filataman waan ta'ef dantaa kaadree malee kan keenya kan hin kabachiifne ta'u ifa waan ta'ef❌

3. Abbootin alangaa hundaa'u waldichaaf ganamaa galgala bakka qaama dhimmi ilaallatu hundatti qaamaan argamuun ykn karaa adda addaatin dhama'aa turan dubbii jalaa jal'isanii akka sareetti waajiraalee irraa ari'amaa turan bakka hin argamneettifi yaada isaan burqisiisanin abbaa itti ta'anii mul'achuun fulduraafis dhugummaafi haqummaa waldichaa irratti kan gaaffi kaasisu waan ta'ef❌

4. Yaadonni bibilchaatoo dhugummaan dantaa abbootii alangaa kabachiisu danda'an ka'anii mariin irratti gaggeeffamee osoo hin mirkanaa'in yaada garee tokkoon ykn namoota dhuunfaa bicuun waldaan ijaaramu fayyaalummaa waan hin qabnef❌

Walumaa-galatti waldaan kun adeemsa hundeeffama waldaa tokkoo kan hin eegnefi qajeeltowwan bu'uuraa ijaarsa waldaa tokkoo kan hin guunne waan ta'ef fudhatama hin qabu. Kun dhimma dhaabbata cimaa ijaaruu osoo hin ta'in dhimma miiraafi mirqaanaan yerootin wan raawwatamedha waan ta'ef, yaadni gaari kun miira gaarin haala tasgabbiifi bilchina qabuun yaadaan gabbatee waltajjiitti bahuu osoo qabu akka iccitiitti goola keessatti xummurame miseensi isa ilaallatu waltajjii irratti beeksisun dhimmichi miiraan ykn shiraan malee dhugaaf dhugaan akka hin jalqabamne agarsiisa waan ta'ef fudhatama hin qabu❗

05/06/2021

MHAAWtif
Waldaan Abbootii Alangaa kaadreen hin ijaaramu!

Akkuma beekamu abbootiin alangaa oromiyaa waldaa of danda'e kan dantaafi fedhii iisaanii kabachiisu danda'u bifa dhaabbata(institution) ta'en akka ijaaramu bara dheeraaf nuffii malee gaafachaa turan

Haata'u malee oduu qabatamaa nu gaheen maqaa wal-gahii yaa'ii abbootii alangaa jedhun abbootiin alangaa hundi bakka hin hirmaannetti ykn bakka bu'aa isaanii hin erganneetti waldaan kun hundaa'uf karoorri qabamuu dhageenye.

Kun gonkumaa fudhatama kan hin qabneefi yoo kan ijaaramu ta'es abbootii alangaa oromiyaadhaan beekkamtii kan hin arganne ta'uu beektanii of-eggannoo barbaachisaa ta'e akka gootan hubachiifna.

Bakka abbootiin alangaa haqaafi dhugaan ijaaramuu waldichaaf qabsa'aa turan, gahumsaafi dandeetti ol'aanaa qaban hin argamneetti abadan waldaan keenya kaadreen hin ijaaramu!

Waaldaan abbootii alangaa hirmaannaa abbootiin alangaa hundaan ykn namaa isaan bakka buufatanin malee ergamtuufi kaadreen qofaan ijaaramu safu!

Address

Finfinnee
Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waldaa Abbootii Alangaa Oromiyaa የኦሮሚያ ዓቃቢያን ህግ ማህበር posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share