Sagalee Haqaa -Voice of Justice -የፍትህ ድምፅ

Sagalee Haqaa -Voice of Justice -የፍትህ ድምፅ Striving for justice, Rule of law, equality and fair treatment!

Bara Hojii Gaarii Isiniifa ta'u. Kabajji ogeessotaaf qabdan itti fufuu qaba.  Abbootii Alangaa Ogeessota mufachiiftan   ...
24/04/2026

Bara Hojii Gaarii Isiniifa ta'u. Kabajji ogeessotaaf qabdan itti fufuu qaba. Abbootii Alangaa Ogeessota mufachiiftan tokko lama ni jiru, isaan immoo haafootu akka isiniif jedhan gaafanna.
Maalumaafuu kaasahoota ogeesoota jireenya wallaalchisanii abdii kutachiisan keessaa baga baatani.
Kabajamtuu waliin fuulduratti. ILQSOn foolii fi maqaa gaarii qabaataa dhiisanii irraa godaanuunis ni hafa abdii jedhu qabna.

Obbo Taaddasee Nugusee teessoo obbo Sulxaan dhiisan kan ILQSO ilaala jiru jedhani. Haa ilaalu, dorgommi miti maaltu isin...
23/04/2026

Obbo Taaddasee Nugusee teessoo obbo Sulxaan dhiisan kan ILQSO ilaala jiru jedhani.
Haa ilaalu, dorgommi miti maaltu isin galcheedha deebiin keenya.

22/04/2026

Manni Murtii Waliigala Oromiyaa Foyyee qaba jecha turre. Garuu adeemsa keessa tortoraa dhufeera.
Miindaa Hundaaf yeroo lama dabale dadhabina MMWO tiin yeroo lama Abbotii Seeraa jala dabarsa.
Suufii Qr.50,000 gale isallee waanuma T-Shert hinbinne dabalanii callisan
Gerjiba Abbotiin Seeraa Guyyattuu Qr. 100 ol baasn dabaluu dadhabanii J'atti Qr.300 hanga 500 kanfalaa jiru.
Durgoo oolmaa gonkuma Abbotii Seeraa hinfayyanne ,kan Namoota Muraasa higgansarra jiran kannee akka Muraasa Presedantii , KATS qofa fayyadu dhoksaan dabaltanii jiru.
Abbotiin Seeraa afuura isaanii dhiksatanii, otoo akka garbaatti hslkanii fi guyyaa bowinnaa tokko malee hojjechaa jiranii Mirga Hojjettota Mootummaa hundaaf eegamelle dhabanii jiru.
Judges has been denied their equality right in many respects 🙏

Abbootiin Alangaa Aanaa warri jijjiirraa Magaalotaa argattan baga milkooftani.Jijjiirraa kana ilaalchisee qabxii 2 irrat...
22/04/2026

Abbootiin Alangaa Aanaa warri jijjiirraa Magaalotaa argattan baga milkooftani.
Jijjiirraa kana ilaalchisee qabxii 2 irratti iftoomina barbaanna.
1. Shaggar irraa Shaggaritti dorgommiin jijjiiramuun maal jechuudha. Abboonash kan jedhu lakk.10ffaa ilaala.
2. Qabxii 70 eegataa kan 70 gadii darbee ramadameeru jira. Eeggataan Shaggariif jechuudha moo? Ishi Egatootni Magaalota Adaamaa fi Shaashamannee jedhamani addaan hin baane akkamiin hubannaa?

Seerri ba’uu fi fooyya’u akka kana duraa callisee osoo hintaane hirmaannaa fi beekamtii hawaasaa akka gonfatu taasifamee...
20/04/2026

Seerri ba’uu fi fooyya’u akka kana duraa callisee osoo hintaane hirmaannaa fi beekamtii hawaasaa akka gonfatu taasifameera jedhani Ministirri Haqaa Aadde Haannaa Arayaasillaasee gaaffii fi deebii Gaazexaa Bariisaa waliin Bitootessa 28 bara 2018 taasisan irratti.
Maal jechuudhaa? seerri biyya kana osoo isaan aangootti hin dhufiin dura bahe adeemsa seerrii keessaa darbee mirkanaa'u hin hordofne jechuu dhaa? Garuu kanaan dura kan jedhu kun daangaa hin qabu laataa? Ministeera ta'ee dura isaanii kan hojjetaa ture keessaa tokko abbaa warraa isaani ture.

17/04/2026

Warraa Magaala Ambootti dararamaan keessaa 1 akka itti ibsu kunoti.
Kaasayee Qananiisaa waliin namoitni 9 kaameeraa duuba akka jiran dhagaha. Warri gochi kun gocha nama dhuunfaa taasiftan ibsa. Dhugaan ni qalatti male hin cittu.

Kaasayee Qananiisa kan jedhamu kun hanga ammatti tohannoo jala hin oolle. Namootni tohatameera jechuun maxcansan dubbich...
16/04/2026

Kaasayee Qananiisa kan jedhamu kun hanga ammatti tohannoo jala hin oolle. Namootni tohatameera jechuun maxcansan dubbichaa dadhabsiisuufi.
Hooggansii BAAWO dhimmi kun qoratamee seeratti dhiyyaachu akka qabu ejjennoon amma qabdan gaaridha.
Garuu shakkiin keenye haala ijaarama garee kanaa irra kaane dubbii qabbaneessuuf ta'aa laataa?
Itti gaafatamaan AA Waajjira Abbaa Alangaa Magaalaa Amboos ofiifu miseensa dahininnetii kan ofiin jedhu malaammaltummaan hojii isaa kan ta'e kanaan dura ragaa waliin dhiyyeesinee qoratamee eegalee ukaanfame hafe. Namni akkasiitu gocha farra namoomaa fi qabeenyaa manootaa fi lafa maqaa shakkamaa kanaa fi garee isaan hawwaasaa fi namoota dhuunfaa irraa saamamee qoratee baasa kan jedhuu gaaffii qabna. Maalumaafuu waan ta'u walumaan hordofna.

15/04/2026

Hojiin olaantummaa seeraa Magaalaa Amboo keessatti dhabamuu irraa ka'uun olaantummaan garee namoota ijaaramanii mirgi dhala namaa akkasitti sarbamaa jira. Namni gocha dhala namaa dararuu raawwataa jiru kun mana dhoksaa gareen kun qabu keessatti. Maqaan nama kana Kaasayee Qananiisa jedhama.

Lafti mana jireenyaa akka kennamuuf yaada kenninee ture. Yaadni keenya milkaa'era.Gocha yakkaa ogeessaa Fayyaa Obbo Waaq...
12/04/2026

Lafti mana jireenyaa akka kennamuuf yaada kenninee ture. Yaadni keenya milkaa'era.
Gocha yakkaa ogeessaa Fayyaa Obbo Waaqoo Kadir irratti dargaggootaan rawwatame sababeeffachuun Godinaa Baalee Bahaatti Bulchiinsi Aanaa Raayituu Obbo Waaqoof lafa mana jireenyaa kaaree 400 bakka jilli abbootii gadaa Sikkoo Mandoo jiranitti kaartaa kenneefi jira.
Garuu waraqaa ragaa abbaa qabiyyummaa(kaarta) kanatti lakkoofsa, guyyaa fi suurrii ta'uu qaba.
Eergaa miidiyaa irratti darbaa humna qaba. Kan sodaattan osoodhuma isin diduu fudhadha.

Magaalaa Roobee buufata konkolaataa keessatti Gocha yakkaa Eebila 2/2018 maanguddoo Obboo Waaqoo Kadiir jedhaman irratti...
12/04/2026

Magaalaa Roobee buufata konkolaataa keessatti Gocha yakkaa Eebila 2/2018 maanguddoo Obboo Waaqoo Kadiir jedhaman irratti gareen dargaggootaatin rawwatamee miidiyaa hawwaasaan uummata bira gahe, Qamoleen nageenya, wajjirri poolisii fi waajjirri Abbaa Alangaa Magaalaa Roobee hordoffii taasisuun dargaggoota kana kan miliqee dabaluun to'annoi jala oolchuun galmee qorannoo yakkaa hundeessitanii hojii olaantummaa seeraa mirkaneessuuf hojii hojjetaniif galatooma.
Bulchinsi Magaalaa Roobee Manguddoo kanaaf lafa mana jireenyaa itti ijaaratuu kennuun gochi kun Magaala Roobee akka bakka hin buune hawwaasa hubachiisu qaba.
Baankii Awwaash nus ni galateeffanna.

Abboitiin Alangaa Maaliif gara Magaalitaa Metiroopoolii fi Reji'ootti jijjiirraa gaafachuuf fedhii dhabanii?  N_7 affeer...
07/04/2026

Abboitiin Alangaa Maaliif gara Magaalitaa Metiroopoolii fi Reji'ootti jijjiirraa gaafachuuf fedhii dhabanii? N_7 affeerraa moo dorgommiin galani jenna. Dhimma kana irratti abbootii Alangaa Magaalaa Shaggar dubbifnee sababoota amansiisaa fi ifaa ta'e 4 keessaa lama akka asii gaditti isiniif dhiyyeessineera.
1. Rakkoo kiraa Mana jireenya
Magaalaa Shaggar keessaa mana kutaa lama qar 15,000 hanga 20,000ti argata. Kan kanfalamu jiru qar.6800. kannf osoo hin jaalatiin miindaa argattu kiraa manaaf oolchita.
2. Rakkoo lafa mana jireenya
Waldaan gurmaa'ani lafa mana jireenya argachuun tabba dhiibu ta'e jira. Mana Viillaa irratti gurmaa'uuf gatiin ijaarsa kaaree 1 qar.17,125 waliigalli isaa mil 1.7 kana keessaa %30 gara qar.500,000ti. Amma immoo kunu hafee waldaan kan gurmaa'u gamoo waliinii ijaaruf qofa. Gatiin ijaarsa gamoo waliinii keessatti tilmaamni ijaarsa kaare 1 qar.24,007 gatiin waliigala abbaan ciisicha sadii qar. mil.2.6 oli. kana keessaa gurmaa'uuf %30 gara qar. 800,00tiiti.
Haala kanaan Abbaan Alangaa Shaggar keessaa jiraachuun hangam akka abdii nama kutachiisu ilaala. Fedhiin AA Magaalota kanatti jijjiiramu kanaaf abdi nama kutachisa.

Maraataan Maqaa Abbotii Alangaa fi Abbotii seeraa keessumaa gandaan qoodee ballessaa ture kun Adabamuu qaba.  Dhimmi isa...
29/03/2026

Maraataan Maqaa Abbotii Alangaa fi Abbotii seeraa keessumaa gandaan qoodee ballessaa ture kun Adabamuu qaba. Dhimmi isa adabsiisu hedduutu jira.Dhaddacha jeeqaa oola. Abbotii seeraa fi Abbotii Alangaa matta'aa isarraa hin fudhannee fi dhaddacha sirnaan kabachiisan sobaan Maqaa ballessa

Address

Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Sagalee Haqaa -Voice of Justice -የፍትህ ድምፅ posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category