25/07/2026
🚨 Moosaad harka Qofa Osoo Hin Taane, Miilli Isaas Dheeraadha! 🕵️♂️🔥
Moosaad yoo barbaade hojjettuu mana keessaa, ykn hiriyyaa hojii sossobuun, ykn empayara biizinasii guddaa uumuun, ykn odola Epistiini (Epstein's Island), darbee darbee biiroo hooggantoota biyyattii seenuuf, hojii mafiyaa isaa itti fufsiisuuf wanta hundumaa ni raawwata.
♟️ Seenaa Haaraa fi Karoora Xaxamaa
Ammallee dhiyoo kana haala haaraan mul'ateera. Abbaan alangaa Mana Murtii Yakkaa Addunyaa (ICC), Kariim Kaan, Biibi (Binyamiin Netaniyaahuu) fi ministeera ittisa biyyattii irratti ajaja hidhaa yeroo baasetti, mootummaan Israa'el tarkaanfii adda addaa fudhateera:
* Isa kadhatan
* Isa sodaachisan
* Faayidaan isa sossoban
* Namichi garuu giggim jedhee (didde).
Sana booda karoora biraatti seenan! Shamara hojii leenjii irra jirtu tokko (intern) akka isatti dhihaattu godhan. Isheenis namichi bakka deeme hundatti hordofaa walitti dhufeenya cimaa uumte.
* "Guyyaa dhalootaa gaarii jaalallee kiyya, ati yoo hin jiraanne maaltu ta'a?" jechuun guyyaa dhalootaa isaaf qopheessitiif.
* Yeroo aaru "Hin yaadda'in ani siif jira" jechuun jajjabeessiti.
Walumaa galatti adeemsaan hiriyyaa hojii amanamtuu fi dubartii dhihoo taate. bifa kanaan walitti dhihaataniis; garuu walitti dhufeenyi isaanii w/q saalaa hin raawwanne (akka isheen CNN irratti dubbatetti).
🔍
Isaafis, biiroo isaatiifis, abbaa warraa isheetis homaa utuu hin dubbatin turtee, garuu hiriyyaa ishee durbaa takkaan. "Na rakkisaa jira" jechuun iyyatte. Qorannooniis akka jalqabamu taasifame; garuu homaa hin argamne.
* bilbilaan yemmu walitti haasawan "Akkam bulte jaalallee kiyya?" jetti, yeroo haasa'an bilbilaan sagalee waraabdi turte.
* Sana booda Ameerikaanii fi Israa'el qorannoon Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii (UN) akka gaggeeffamu biyyoota tokko tokko amansiisan. Qorannoon gaggeeffame.
* Dhimmoonni naamusa hojii irratti hin eeggamne tokko tokko raawwatamu argatanillee, ragaa amansiisaa ta'e hin arganne jedhan.
Dubartiin kiyyoo keessa Isa galchite turte sun miidiyaa addaddaarratti dhihaattee wanta isaa waliin dabarsite haasawu jalqabdee.
🎯 Xumura irratti sababa quubsaa hin taane kanaan
Har'a miseensonni biyyoota ICC walgahanii namicha aangoo irraa buusan. Israa'el gammachuun choobbee dhaabdee. Moosaadis ergama isaa milkaa'inaan xumure.
> Addunyaan keenya Kun iddoo hunda jechuu baannuuf sadarkaa biyyaatti fi gadi buunee sadarkuma biroottiis akkanuma keessa jirti!
>
.