Amanuel B Worku

Amanuel B Worku Odeeffannoo seeraan walqabatan kan irratti gadlakkifamuufi hubannoon seeraa kan irratti qoodamudha!

17/08/2024

ፍትህ!

የ7 ዓመት ህፃንን በአሰቃቂ ሁኔታ ደፍሮ ለገደለ ትክክለኛው #ቅጣት ምንድነው? #ጠማማው የወንጀል ህጋችንስ ስለፍትህ እና ቅጣት ምን ይላል?

በኔ መረዳት ፍትህ ማለት ሰዎችንና ፍጥረትን እግዚአብሔር በምፈልገው መንገድ ማስተናገድ ነው (Justice is a practice of treating human beings and nature in a way God wants them to be treated)::

እግዚአብሔር ከብዙ ሺ ዘመናት በፍት በስና ተራራ የዚህ አይነት ወንጀል የምፈጽሙ እንዲገደሉ ህግን ሰጠ (ዘጻ 21:14)::
በ20ኛው እና 21ኛው ክፍለ ዘሜን የተነሱ ጠማማ ምሁራን ከፈጣሪ በላይ እኛ ጥበበኞች ስለሆንን ነፍሰ-ገዳዮችን መንግስት አይግደላቸው ይልቁንስ አስሮ እየቀለባቸው ትምህርት ይስጣቸው አሉ:: አብዘኛዎቹ የሰለጠኑ የተባሉ ሀገራት መንግስታት ይህንን ፍልስፍና በመቀበል ከተበዳይ ይልቅ ለወንጀለኛው መብት ተቆርቋሪ በመሆን ከአመፀኛዎች ጋር ወገኑ:: ለሁሉም ወንጀል ቀለል ያለ ቅጣት ፈበረኩ::

ሀገራችን ኢትዮጵያም የዚህ የተሳሳተ አስተሳሰብ ሰለባ ሆነች :: የወንጀል ህጋችን በአንቀጽ 1 የወንጀል ህጉ "ዓላማና ግብ" በምለው ክፍል ወንጀለኛ የሚቀጣው ለላ ወንጀል ከመፈፀም እንዲቆጠብ ወይም ለሌሎች ማስተማርያነት ወይም እንድታረም በማድረግ ሌላ ወንጀል እንዳይፈጽም ነው ይላል:: እስር ቤቶቹ ማረሚያ ተብለው የሚጠሩትም በዚህ ምክንያት ነው:: በአጭሩ በኢትዮጵያ ወንጀለኛ የሚቀጣው አሁን ለፈፀመው ወንጀል ወይም ለወንጀል ተጠቂው ፍትህ ለመስጠት ሳይሆን ወንጀለኛውን አባብሎ እና እሹሩሩ ብሎ ለማስተማር ነው :: የወንጀል ህጋችን ከፍትህ ጋር የተፋታ ህግ ነው::

የፈረደበት ህዝብ ይህንንም ወንጀል ፈፃሚ ከሁላችን በሚሰበሰበው ግብር አስሮ እንደምቀልበው
ይገመታል:: ከነዚህ ልጃቸውን በግፍ ከተነጠቁ ወላጆች ጭምር በሚሰበሰብ ግብር ወንጀለኞች ይቀለባሉ::
ይህ ደግሞ ከተፈፀመው ወንጀል የማይተናነስ ግፍ ነው::

ህጋችን ልሻሻል ይገባል! በጠማማ ህግ የተቃና ፍርድ የለም !

14/08/2024

Waliigaltee Abukaatummaa keessatti Dirqama Abukaatoon Maamila Isaatiif Seenu (Qabaatu) Ykn Dirqama Dooktarri Fayyaa, Dhukkubsataa Yaaliin Fayyisuuf Fudhatu Dirqamoota Bu'aa Argamsiif Seenamu (Obligations of Result) Jalatti Ramadamumoo Dirqamoota Bu'aa Barbaadamu Argamsiisuuf Yaalii Taasifamuu Qabu Hunda Taasisuu (Obligations of Means) Jalatti Ramadama?

======✓✓✓=======✓✓✓✓========✓✓✓✓✓

Bu'uura SHH kwt 1711tiin, gareewwan waliigaltee qabiyyee (dhimma) waliigaltee isaanii bilisummaa guutuudhaan murteeffachuu danda'u. Seerri kun mata dureefi kwt 1711 keessatti gaalee "qabiyyee (dhimma) waliigaltee" jedhu (waraabbiin afaan Ingilishii 'The Object of Contracts', waraabbiin afaan Amaaraa immoo 'ስለውለታው ጉዳይ') haa fayyadamuyyuu malee hiikkoo isaa ifatti hin keenye.

Yaadni barreeffamaan tumaalee seera waliigaltee biyya keenyaa irratti kenname tokko:

"The object of a contract is the obligations undertaken by the parties, not the things to which these obligations relate" jedha. (Rene David, bara 1973 kan hiikame) Kunis kan agarsiisu qabiyyeen (object) waliigaltee wanta dirqamni irratti uumame osoo hin taane dirqamoota gareewwaniin seenameen kan wal qabatu ta'uudha.

Dirqamoonni kun immoo dirqamoota akkamiiti kan jedhu ilaalchisee seerichumti kwt itti aanu (1712) jalatti; dirqamoota kennuu (dirqama mirga abbaa qabeenyummaa guutummaatti ykn hanga tokko dabarsuu), dirqamoota hojjechuu (dirqama haala garee biroo fayyaduun waan tokko raawwachuu) fi dirqamoota gocha tokko raawwachuu irraa of qusachuu ta'uu danda'u.

Dirqamoota waa hojjechuutiin wal qabatee, yeroo itti namni tokko bu'aa addaa tokko nama biroodhaaf argamsiisuuf waliigalu ni jira. Kunis 'Obligations of result' jedhamee kan waamamu sanidha. Yeroo itti namni tokko tokko hanga danda'ameefitti (yaalii taasifamuu qabu hunda taasisuun) nama biroodhaaf waan isa fayyadu argamsiisuuf dhama'u ni jira. Dirqamni akkasii immoo yeroo baay'ee 'Obligations of means' jedhamee kan waamamu dha. Fakkeenyaaf, Dooktorri fayyaa fi abukaatoon, nama dhukkubsate fayyisuuf ykn maamila isaatiif mo'uuf dirqama hin fudhatan (keessa hin seenan). Bu'aa kana argamsiisuuf yaalii taasifamuu qabu hunda taasisuuf dirqama fudhatu. (Rene David, bara 1973 kan hiikame)

Hubachiisa: Yaadni kun Waa'ee dirqama waliigaltee irraa madduu qofa kan ilaallatudha.

By: Desalegn B.

07/08/2024

Itti fayyadama lafa baadiyyaa irratti aangoo seera baasuu kan qabu federaala moo mootummaa naannooti?? Labsii bulchiinsaa fi "itti fayyadama" lafa baadiyyaa lakk 248/2016 waliin akkamitti haa ilaaltu?

𝐌𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝐃𝐡𝐚𝐝𝐝𝐚𝐜𝐡𝐚 𝐈𝐣𝐢𝐛𝐚𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐇𝐚𝐚𝐫𝐚𝐰𝐚 𝐋𝐚𝐤𝐤𝐨𝐨𝐟𝐬𝐚 𝐆𝐚𝐥𝐦𝐞𝐞 232399 𝐓𝐚'𝐞 𝐈𝐫𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐌𝐮𝐫𝐭𝐚𝐚'𝐞🔴Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliig...
06/08/2024

𝐌𝐮𝐫𝐭𝐢𝐢 𝐃𝐡𝐚𝐝𝐝𝐚𝐜𝐡𝐚 𝐈𝐣𝐢𝐛𝐚𝐚𝐭𝐚𝐚 𝐇𝐚𝐚𝐫𝐚𝐰𝐚 𝐋𝐚𝐤𝐤𝐨𝐨𝐟𝐬𝐚 𝐆𝐚𝐥𝐦𝐞𝐞 232399 𝐓𝐚'𝐞 𝐈𝐫𝐫𝐚𝐭𝐭𝐢 𝐌𝐮𝐫𝐭𝐚𝐚'𝐞

🔴Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa lakkoofsa galmee 232399 ta'e irratti dhaddacha guyyaa 09/02/2016 ooleen namni qabeenya irratti miidhaan dhaqqabeef beenyaan akka naaf kaffalamu jechuun seerummaa gaafate gochi jedhame kun raawwatamuu ragaa isaatiin caalmaatti hubachiisuu qaba,yoo ragaan hin hubachiifne gaaffii beenyaa gaafate fudhatama hin qabu jechuun murteesee jira.

🔰𝑩𝒂𝒓𝒏𝒐𝒐𝒕𝒂𝒂 𝒇𝒊 𝑶𝒅𝒆𝒆𝒇𝒇𝒂𝒏𝒏𝒐𝒐 𝒅𝒉𝒊𝒎𝒎𝒐𝒐𝒕𝒂 𝒔𝒆𝒆𝒓𝒂𝒂𝒕𝒊𝒊𝒏 𝒘𝒂𝒍𝒒𝒂𝒃𝒂𝒕𝒂𝒏 𝒌𝒂𝒎𝒊𝒚𝒚𝒖𝒖 𝒂𝒌𝒌𝒂𝒔𝒖𝒎𝒂𝒂𝒔 𝒍𝒂𝒃𝒔𝒊𝒊𝒍𝒆𝒆, 𝒎𝒖𝒓𝒕𝒊𝒍𝒆𝒆 𝒅𝒉𝒂𝒅𝒅𝒂𝒄𝒉𝒂 𝒊𝒋𝒊𝒃𝒂𝒂𝒕𝒂𝒂,𝒌𝒊𝒕𝒂𝒂𝒃𝒐𝒐𝒕𝒂𝒂 𝒇𝒊 𝒃𝒂𝒓𝒓𝒆𝒆𝒇𝒂𝒎𝒐𝒐𝒕𝒂 𝒅𝒉𝒊𝒎𝒎𝒂 𝒔𝒆𝒆𝒓𝒂𝒂 𝒃𝒂𝒓𝒔𝒊𝒊𝒔𝒐𝒐 𝒊𝒕𝒕𝒊 𝒇𝒖𝒇𝒊𝒏𝒔𝒂𝒏 𝒂𝒓𝒈𝒂𝒄𝒉𝒖𝒖𝒇 𝒇𝒖𝒖𝒍𝒂 𝒕𝒆𝒍𝒆𝒈𝒊𝒓𝒂𝒂𝒎𝒊𝒊 𝒌𝒆𝒆𝒏𝒚𝒂𝒂 𝒍𝒊𝒊𝒏𝒌𝒊𝒊 𝒂𝒓𝒎𝒂𝒂𝒏 𝒈𝒂𝒅𝒊𝒊 𝒌𝒂𝒏𝒂 𝒋𝒐𝒊𝒏 𝒈𝒐𝒄𝒉𝒖𝒏 𝒉𝒐𝒓𝒅𝒂𝒇𝒂𝒂, 𝒌𝒂𝒏𝒏𝒆𝒆𝒏 𝒃𝒊𝒓𝒐𝒐𝒕𝒊𝒊𝒇𝒊𝒔 𝒒𝒐𝒐𝒅𝒂𝒂.
Credit to👉

06/08/2024

Address

Metu
Adama

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Amanuel B Worku posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category