Oromoo Law student's Association.

Oromoo Law student's Association. Wal hammessuf figuu irraa wal sirreessuf qaxxissu wayyaa lammiiwaan koo.

18/12/2025
18/12/2025

Shout out to my newest followers! Excited to have you onboard! Hawweetan Rabbiraa, Feyisa Eba Love, Fiqaadu Adunaa, Semu Marufa, Tolosa Feyisa, Yonas Lolashe, Abdu Selam Ahmed, Kabeta Berhanu, Fraol Tafa, Daree Jihad Ronan Jihad, Idosa Korsa, Kenesa Mamo Gabre, Nvr Give Up Adem

23/08/2025

Shout out to my newest followers! Excited to have you onboard! Alayu Worku, Shukuri Hirpo

09/07/2025

Shout out to my newest followers! Excited to have you onboard! Jilo Dadu, Edaso Bati, Yesus Mo'adha

25/06/2025

Shout out to my newest followers! Excited to have you onboard! Tamam Tamam, Salamoon Makuria, Takkee Beeñya Takkee Beenya, Gadisa Disasa

06/04/2024

❗️
✍️ Namni kamiyyuu seeraa gadi kanaafuu amantaa namaa kabajaa fi ulfina qaba. Namni maqaan isaa Kefyalewu Tufa irra deddeebi'uun haasawa jibbinsaa amantaa irratti gaafa dubbatu argina. Namoonni hedduniis sammuun fayyaa hin qabdu jechuun gaafa irraa ittisuuf yaalan argina garuu namni tokko sammuu fayyaa hin qabdu jechuuf xalayaa bu'aa mana yaalaa irraa sammuun fayyaa dhabuu ibsitu qabaachuu qaba , kanaafuu gochi inni godhaa jiru itti yaadee fi ajandaadhaaf amantaa namaa xureessaa jira kanaafuu seerratti dhiyaatee adabbii barsiisaa argachuu qaba.

Seeronni dhimma kanaaf bahan kanneen akka Labsii Haasawa jibbinsaa fi daddabarsa odeeffannoo sobaa too’achuu fi to'achuuf lakk.1185/2012 ifatti bahee fi Seera yakkaa Kew. 492 fi 493 fi kanneen biraas jalatti ulaagaa namoonni amantaa tuqan yakkaan itti adabaman tarreessee jira.
Amantaa namaa kabajun amantaa ofii kabajuudha. Amantaa walii waliif kabajuu caalaa bilchinni hin jiru. Ilma namaa erga taane;Bifa,amantaa,siyaasa fi ilaalcha garaagaraa qabna. Haa ta'u garuu,garaagarummaa keenya waliif kabajun mallattoo bilchinaati!

Nama kana gorsaa;Inni har'a amantaa Musilimaa arrabse,bor immoo amantaa kiristaanaa;Ortodoksii fi pirooteestaantii akkasuman amantaa Waaqeffannaa akka arrabsu hunduu baruu qaba!

Amantaa akka barbaaddaniitti Ajandaa godhannee itti fayyadamuu fi fedhii nama muraasaa milkeessuuf jennee amantaa nama kamiyyuu tuquun dhugaa safuudha.
Garuu Amantaa namaa Arrabsuun Amantaan isaanii waan guddatu itti fakkachuu mala garuu Amantaa namaa Arrabsuu fi Xureessuuf yaaluun gatii nama kafalchiisu hin agarre waan ta'eef amma akkuma namoota birootti seeratti dhiyaachuu qaba.

Labsii 1185/2012 kana keewwata 2(1) jalatti hiikni yeroo itti kennamu haassawa jechuun “jechaan,barreeffamaan,fakkii,bobbocaalee garagaraa fi karaalee kana fakkaatan kan birootiin ergaa dabarsuu jechuudha “jechuun kaa'ee jira. Haasawa jibbinsaa jechuun immoo eenyummaa nama dhuunfaa ykn garee murtaa’ e tokko miidhuuf sabaa,amantii, qomoo,saala yookiin qaama miidhamumma bu’uura godhachuun itti yaadamee miidhaa geessisuuf haasawa godhamu jechuu akka ta'e keewwata 2(2) jalatti taa’ee arganna.
Seeraaf dhiyaatee qorannoon yakkaa sirritti gaggeeffamee dhuguma yoo fuula fb kana irratti kan akkanatti maxxansaa jiraate seeraaf dhiyaachuu qaba.
Akkasumaas fakkaattootni isaas seeraaf dhiyaachuu qabu.


https://t.me/binimoslawyer

✍️

06/04/2024


✍️ Dhiheenya kana miidiyaa hawaasaa gubbatti yeroo garaagaraatti namoonni tokko tokko kabajaa fi ulfina Amantaa nama biroo bifa garaagaraan yoo xiqqeessanii fi Arrabsan argaa jirra kuniis yakkaan nama Adabsiisa.
➥ Seera yakkaa Kew. 492 jalatti ulaagaa namoonni amantaa tuqan yakkaan itti adabaman tarreessee jira inniis:-
✔️ Namni kamiyyuu itti yaadee ifatti:
➤ (a) sirna amantaa, adeemsa ayyaaneffannaa yookiin gocha amantii
hayyamame akka hin raawwatamne kan dhorke, kan jeeqe, yookiin kan tuffate yoo ta’e; yookiin
➤ (b) iddoo, fakkii yookiin mi’a sirna amantaaf tajaajilu kan xureesse yoo ta’e;
adabbii maallaqaa qarshii kuma tokko hin caalleen yookiin hidhaa salphaa waggaa
lama hin caalleen ni adabama.

🔴 Inni biraa seera yakkaa Keewwata 816. Jalatti Haasawaa Amantii Arrabsuufi Salphisuu ilaalchisuun
Namni kamiyyuu bu’uura seera yakkaa keewwata 492 fi 493 tiin haala adabsiisuun ala, iddoo ummanni arguufi dhagahuu danda’utti mallattoon yookiin haasawaan amantii, sirna amantii, mallattoolee yookiin tajaajiltoota amantii haala tuffachiisu kan agarsiise, kan arrabse, kan salphise yookiin haala miira yookiin waaqeffannaa nama biroo tuquun kan dubbate yoo ta’e;
adabbii maallaqaatiin yookiin hidhaa mana turmaataa ji’a tokko hin caalleen ni adabama.


✔️ Haasawa jibbinsaa fi daddabarsa odeeffannoo sobaa too’achuu fi to'achuuf labsiin lakk.1185/2012 ifatti bahee hojii irra jira.
Akkuma beekkamu sadarkaa addunyaattis ta’ee haala qabatama biyya keenyaatiin guddina teeknoolojiin wal-qabatee haasawaan jibbinsaa fi daddabarsi odeeffannoo sobaa haalaan dabaluu isaatiin waliin jireenya ummattootaa jeequu bira darbee soodaa nageenya biyyoolessaa ta'ee waan argameef balaa inni fidu kana qolachuuf labsiin lakk.1185/2012 bahuu danda’ee jira.

✔️ Labsii kana keewwata 2(1) jalatti hiikni yeroo itti kennamu haassawa jechuun “jechaan,barreeffamaan,fakkii,bobbocaalee garagaraa fi karaalee kana fakkaatan kan birootiin ergaa dabarsuu jechuudha “jechuun kaa'ee jira. Haasawa jibbinsaa jechuun immoo eenyummaa nama dhuunfaa ykn garee murtaa’ e tokko miidhuuf sabaa,amantii, qomoo,saala yookiin qaama miidhamumma bu’uura godhachuun itti yaadamee miidhaa geessisuuf haasawa godhamu jechuu akka ta'e keewwata 2(2) jalatti taa’ee arganna.
✔️ Odeeffannoo sobaa jechuun immoo odeeffannoo tokko abbaan odeeffannoo sana dabarsu carraa dhugummaa odeffannoo sanaa qulqulleeffachuu osoo qabuu osoo hin qulqulleeffatin odeeffannoo carraan jeequmsa ykn walitti bu’insa kaasuu isaa ol aanaa ta’e daddabarsuu jechuu akka tahe labsii kana keewwata 2(3) irraa hubachuun ni danda’ama.
✔️ Labsii kana keewwata 4 fi 5 irraa akka hubatamutti namni kamuu miidiyaalee ykn maxxansa hawaasummaatiin haasawa jibbinsaa fi odeeffannoo sobaa maxxansuun dhorkaa akka ta'e tumamee .

✔️ Nama dhoorkaawwan kana darbuun haasawa jibbinsaa kana facaase ykn dabarse adabbii hidhaa salphaa hanga waggaa 2 ykn adabbii maallaqaa qarshii 100,000 hin caalleen akka adabamu keewwata 7(1) irraa hubachuun ni danda’ama. Sababbii haasawaa jibbinsaa dabarfame kanaan nama dhuunfaa ykn garee irratti miidhaan qaqqabe yoo jiraate adabbiin isaa hidhaa salphaa waggaa tokkoo hanga shanii ta'uu akka danda’u keewwata 7(2) jalatti tumameera.

✔️ Yakka odeeffannoo sobaa dabarsuu namni raawwate immoo adabbii hidhaa salphaa hanga waggaa tokko ykn adabbii maallaqaa qarshii 50,000 hin caalleen kan adabbamu yemmuu ta’u yakka odeeffannoo sobaa kana kan dabarse fuula miidiyaa hawaasaa hordoftoota 5000 ol qabu ykn broadcastiin ykn maxxansa yeroo yeroon bahuun yoo ta’e adabbiin isaa hidhaa salphaa hanga waggaa 3 ykn adabbii maallaqaa hanga qarshii 50,000 ta'uu akka danda’u keewwata 7(3) fi 7(4) irraa hubachuun ni danda’ama.
✔️ Kanaaf haasawa jibbinsaa daddabarsuu fi odeeffannoo tokko dhugummaa isaa osoo hin mirkaneeffatin dabarsuun nageenya ummataa jeequu irraa of haa qusannuun dhaamsa keenya.
✍️ Amanta kamiifuu kabajaa ulfina kennuun dirqama kan walii walii keenya kabajuun dirqama hunda keenyaa haa ta'u


Join
https://t.me/binimoslawyer

16/03/2024
Dubbisa
11/03/2024

Dubbisa

Address

Galmaa Abbaa Gadaa
Adama

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Oromoo Law student's Association. posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Oromoo Law student's Association.:

Share