DR HAMZA JAMAL

DR HAMZA JAMAL https://t.me/drhamzajemal
Medical Doctor | Advocate For Global Health and Education |Associate Professor of Sergey. |

Haasaa daqiiqaa 34 erga waliin haasoftan booda, dubartiin takka dhiira bultiidhaaf tahu adda baaftee beekuufii isheef ta...
09/08/2026

Haasaa daqiiqaa 34 erga waliin haasoftan booda, dubartiin takka dhiira bultiidhaaf tahu adda baaftee beekuufii isheef tahuufii tahuu dhabuu murteessuu dandeessi.

Faayidaalee fuudhuun fayyaafii jireenya keenyaaf qabu.********************************************1. Amaloota badoo ta'a...
09/08/2026

Faayidaalee fuudhuun fayyaafii jireenya keenyaaf qabu.
********************************************
1. Amaloota badoo ta'an fi araada gara garaa namarraa nama ittisa(Farsho, Sijaaraa...)
2. Carraa dhibee faalij (stroke)n qabamuu ni hir'isa.
3. Namootni gaa’ila keessa jiran/turan carraan dhibee sammuu baratamoon (mukuu, dhiphuu, yaaddoo) qabamuu isaanii hir'ataadha. Yoo qabamanis dafanii dandamatu.
4. Umrii ni dheeratu, keessattuu dhiirti fuudhe kan hin fuune caalaa umrii akka dheeratuudha kan qorannoon agarsiisu.
5. Namootni gaa'ila keessa jiran dafanii yaala baqasanii yaaluu irraa dandamatu.
6. Hirriba ga'aa rafu.
7. Carraan dhibee onneetiin qabamuu isaanii ni hir'ata.
Kana malees qarshii qusachuu(waliinii), hariiroo namaa wajjin qaban ballisuu, balaa fi yakka hir'isuu irrattillee ga'ee ni qaba jedhu. Hiikoo fi dhimma jireenyaallee namaaf kenna.
Anuu nan fuudhaa me waa natti barbaadaa!! Isinis fuudhaa! Warrii fuutan bultii gaarii!
Ulfaadhaa! Fayyaa dayaa!

Qaamni saala dubartootaa qaama baay'ee ajaa'ibsiisaa ta'eedha. Sababni isaas, dheerinni fi bal'inni isaa namaa namatti q...
09/08/2026

Qaamni saala dubartootaa qaama baay'ee ajaa'ibsiisaa ta'eedha. Sababni isaas, dheerinni fi bal'inni isaa namaa namatti qofa osoo hin taane, kan namuma tokkooyyuu yeroo yeroodhaan akka barbaadutti of jijijjiruu waan danda'uufi. Fknf, yeroo marsaa laguu, walqunnamtii saalaa, da'umsaa fi kkf akka barbaadetti of jijijjiira. Kana jechuun, sababa jijjiiramuu hormoonii qaamaatiin yeroo garagaraatti kuni jijjiiramuu danda'a jechuudha. Asirritti wannin jechuu barbaade ilaalchi dogoggoraa hawaasa keessatti bal'inni qaama saalaa dubartootaa bal'ina afaan isaanitiin wal qixa jedhanii odeessaan sirrii akka hin taane akka hubattan jechuun barbaada.

Faayidaalee Ganamaan Ka'uu: ******************************************* Sammuu tasgabbeessa, Yaada bilchaataa akka burqi...
09/08/2026

Faayidaalee Ganamaan Ka'uu:
******************************************
* Sammuu tasgabbeessa, Yaada bilchaataa akka burqisuufnu nu taasisa.
* Hojiif yeroo gahaa akka qabaannu/guyyaan keenya akka barakhatu taasisa.
* Dhiphina fi yaaddoo hir’isa.
* Fayyaa qaamaafii sammuu keenya cimsa.
* Amala itti gaafatamummaa, of kabajuufii ofitti anamummaa guddisa.
* Burjaajjii balleessa. Guyyaa keenya gammachuun akka dabarsinu taasisa.
* Ciree/Faxara nyaachun fayyaa qaamafii sammuu keenyatiif bu'aa guddaa qaba.

Ganamaan ka’uun jireenya sirraa ibsa Yeroo ganamaa sirnaan fayyadamuun guyyaa milkiifii gammachuu akka qabaattu si taasisa. Karoora kee sirnaan akka raawwattu si taasisa.

Ulfaadhaa! Fayyaa dahaa!
©️ Dr. HAMZA JAMAL

Namoonni walquunnamtii saalaa torbaanitti yeroo 1 raawwatan gammachuu guddaa kan argatan yoo ta'an, warri guyyaa tokkott...
09/08/2026

Namoonni walquunnamtii saalaa torbaanitti yeroo 1 raawwatan gammachuu guddaa kan argatan yoo ta'an, warri guyyaa tokkotti yeroo 7 raawwatan ammoo faallaa kanaatiin gadda, dhiphina, rakkoo sammuufii rakkoowwan fayyaa hedduuf saaxilamoodha.

Faayidaa ganama garaa duwwaatti bishaan dhuguun qabu.***********************************1. Dhukkuba bowwuu mataa.2. Dhuk...
09/08/2026

Faayidaa ganama garaa duwwaatti bishaan dhuguun qabu.
***********************************
1. Dhukkuba bowwuu mataa.
2. Dhukkuba onneef.
3. Dhibee nama kuffiisuuf(gaggabdoof).
4. Furdina gar malee.
5. Biroonkaayitiif.
6. Asmiif.
7. Dhibee sombaa.
8. Garaachaaf.
9. Dhibee ijaa fi gurraa.
10. Dhibee funyaanii fi qoonqoo irraa nu baraara.

Akkaataa fayyadamaa;
» Yeroo hunda ganama ganama utuu ilkaan hin rigatiin bishaan liitira 1 dhuguu
» Kana booda ilkaanii fi afaan erga qulqulleeffatanii booda daqiiqaa 45f waan nyaatamuu fi dhugamu ala turuu.

Hubadhaa;
Namootni umriin isaanii dabale(ol siqe) bishaan burcuqqoo 4 al tokkoon dhuganii fixuun waan itti cimuuf suuta suuta of shaakalsiisuu qabu!
Ulfaadhaa!! Fayyaa dahaa!
©️ Dr. Hamzaa Jamaal

Qaamota Dhalaa Miira Walquunnamtii Saalaa Itti Kakaasan ***********************************1. Fiixee Harmaa - Fiixeen Yk...
07/08/2026

Qaamota Dhalaa Miira Walquunnamtii Saalaa Itti Kakaasan
***********************************
1. Fiixee Harmaa - Fiixeen Ykn Mataan Harmaa Bakka erogenous zone tahee Fi Yeroo Tuqamu Fedhiin Wal-quunnamtii saalaa Itti Kahuudha.
2. Morma - Mormi Bakka Bayyee Sensitive (miira'aa) taheedha, Bakki Kun Yeroo Hafuurri Ho'aan Ykn Dhungatamu, Miira Waalqunnamtii Saalaa keessa Seenaniidha.
3. Afaanii Fi Hidhii - Bakki Kun Bakka Heedduu Beekamaa Fi Filatamaa Taheedha, Akkasumas Erogenous zone Bakka Taheefi dhungachuun Miira walquunnamtii Saalaa Keessaa Ariitiin Seensisuuf Gargaara.
4.Qaamota Saalaa Shamarranii Keessaa Bakkoota A-spot Fi G-**ot Jedhaman Bakka Nerve Ending Jedduun Itti Argamanii Fi Erogenous zone taheedha. Bakki Kun Qaama Saalaa Shamarranii keessaa Gara Oliitti Kan Argamuudha.
5, Clitoris/qinxira - Bakki kun fiixee gara alaa qaama saalaa shamarraniitti kana argamuudha. Bakka highly sensitive taheedha. Bakka kana caalaa miira walqunnamtii saalaa keessa kan seensisu hin jiru.
Halkan gaarii isiniif haa ta'u!!!
Galatoomaa!!!
Fayyaan faaya!!!!
Fayyaa ta'aa!!!

Address

Adama

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when DR HAMZA JAMAL posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share