Leta Roba Law office

Leta Roba Law office Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Leta Roba Law office, Legal, Adama.

Services we deliver for you Legal advice and consultancy, advocate service, preparing legal documents like contract agreement ,business organisation memorandum of stabilisation, regulations pileding!

"Heerri Heera kan Lammiin waliin guuttetu seeraa!" Jedha Sabni keenya! Tuulama keessaa gadaan muudana guyyoota 15 darbe ...
20/06/2025

"Heerri Heera kan Lammiin waliin guuttetu seeraa!" Jedha Sabni keenya! Tuulama keessaa gadaan muudana guyyoota 15 darbe kana sirna guddaan fi murteessa irratti argama! Sirnoota kana keessa inni ijoon sirna tumaa seerati! Wixnee seeraa Luba gadaa kanan lallabamuu kana irratti miseensi goggeessa muudana sirritti erga irratti walfalmanii qeeqanii booda miseensi gadaa muudanaa hundinuu gosaa fi balbala isaan hawwasaa bal'aa bultoo irratti waamee seera Caffee tumaatti lallabamee kana hawwaasaf ergaa lallabanii booda hawaasni bal'aanis qe'ee isaatti wixinee seerichaa irraa komii fi qeeqa yoo qabatee erga lallabatee booda bara dhufuu warri ammaa goodanee hundinuu handoodee tumaa (dhaka koratti ) deebi'uun dhimmotaa hawwasnii qeeqa irratti kaasee bakka tokkotti fiduun erga foyyeesanii booda wixinee sana seera gochuun labsuun mirkaneessu! Qaarominnii kana caale akka biyya kanatti osoo hin taanee akka Addunyattuu hawasni qabu baayyee xiqqaadha!

07/05/2025

Seera Ragaa: Jechi amantaa SDFY kwt, 35n kenname dirqama malee bilisaan kan kenname ta’uun akkamitti mirkanaa’a?==============================
Namni yakkaan shakkame tokko jechi adeems qorannoo yakkichaa keessatti mirgoota ijoo qabu keessaa tokko mirga ogeessa seeraa qunnamuu fi hangasitti mirga caldhisuu yoo ta’u dirqama tokko malee jaalatee fi itti amanee bilisummaa guutuun jecha isaa W/ra Poolisii dhimmicha qoratutti akkaataa SDFY kwt 27(2) kennuu akka danda’u tumaalee heeraa fi SDFY rogummaa qaban irraa nihubatama.
Akkasumas jecha amantaa W/ra Poolisiitti kenne sana Mana Murtiitti dhiyaatee akkaataa SDFY kwt, 35n yoo kenne booddee himannaa irratti dhiyaatuuf ragaa akka irratti ta’u ibsamee jira. Jechi amantaa SDFY kwt, 27(2) kenname ragaa biroon yoo deeggarame malee ofii isaatti yakka raawwatame jedhameef shakkamaa ykn himatamaa balleessaa gochuu akka hindandeenye saayinsiin seera ragaa waliigalaa kan akeeku ta’uu caalaayyuu Dh Ijib MMWF yeroo hedduu hiikkoo dirqisiisaa itti kennee jira. Gama biraan jechi amantaa akkaataa SDFY kwt, 35n kenname yeroo himannaan dhiyaatutti himatamaan dirqamee fedhii koo malee kan kennedha yoo jedhe fedhii isaatiin kan kenne ta’uun ykn kan hindirqisiifamne ta’uu fi dhiisuun akkamitti mirkanaa’a, qabxiin jedhu garuu hedduu falmisiisaa ta’ee mula’ta. Qabatama jiruunis ejjannoon adda addaa kan jiran yemmuu ta’u sana keessaa lama hedduu kan beekamudha.
Ogeeyyiin hedduun jecha mantaa akkaataa sdfy kwt, 35n Mana Murtii duratti kenname abbaan seeraa ulaagaalee seeraa guutuu isaa mirkaneessee, fedhii fi bilisa ta’ee shakkamaan kennuu isaa qulqulleefatee, dubbisee fi mallatteessisuun kan fuudhu waan ta’eef yeroo falmiin ka’etti jechichi bilisummaadhaan dirqama tokko malee kan kenname akka ta’etti tilamaamni kan fudhatamnu ta’uu fi garuu immoo himatamaan dirqamee kenne kan jedhu yoo ta’e dirqamee kennuu isaa ragaadhaan hubachisuu akka qabu falmu.
Gama biraan ogeeyyiin biroo immoo jalqabumaayyuu dirqamni balleessaa himatamaa mirkaneessuu

23/04/2025

Namoonni tokko tokko mallaqaa fi oduudhaf malee eenyummaa fi ogummaa isaanitif kabajaa hin qaban !maalif garuu

23/07/2022

DHIMMOOTA DHADDACHA IJIBBAATAAF DHIYAACHUU HIN DANDEENYE
(Hubannoof)
••••
Bu’uura Labsii Gurmaa’ina, Aangoo fi Hojii Manneen Murtii Oromiyaa Irra Deebiin Murteessuuf Bahe Labsii Lakk. 216/2011 tiin dhaddachi ijibbaataa MMWO dhimma heera mootummaatiin naannichaaf kenname irratti dogongorri bu’uura seeraa yoo uumame ilaalee murti kennuu ni danda’a (labsicha keewwata 25(2) (f) ilaaluun ni danda’ama).

Tumaa keewwata kanaa irraa hubachuun kan danda’amu dhimmi hunduu dhaddacha kanaaf dhiyaachuu kan hin dandeenye ta’uu dha. Jecha biraatiin, dhimmi dhaddacha kanaaf dhiyaachuu qabu jalqaba dhimma naannoo ta’uu qaba; itti aansee murti dhumaa kan argate ta’uu qaba; dabalataanis murtiin dhumaa sun dogongora seeraa cimaa kan seerichi ‘dogongora seeraa isa bu’uuraa’ jedhee ibse kan keessatti raawwatame ta’uu qaba.

Murtiin dhumaa tokko dogongora seeraa isa bu’uuraa qaba kan jedhamu immoo murtichi: 1) dogongora hiikaa ykn duudhaa seeraa yoo qabaate, ykn seera ifatti tumame cabsee yoo argamee fi kun immoo dhiibbaa hin malle mirga namaa ykn sirna seeraa irratti kan hordofsiise yoo ta’e; 2) seeraan ala bilisummaa fi mirga namoomaa bu’uuraa (fundamental human rights and freedoms) kan dhabsiise yoo ykn dhiphise yoo ta’e; 3) Gar-malee haqa kan jallise ykn dhabamsiise yoo ta’ee dha (labsicha keewwata 26 (2) ilaalaa). Kanaaf, namni ykn qaamni iyyata isaa gara dhaddacha ijibbaataa MMWO tti dhiyeeffachuu barbaadu murtiin dhumaa dhimma naannoo irratti kenname dogongoroota bu’uuraa seeraa sadan labsichaan ibsaman kanneen keessaa yoo xiqqaate tokko jiraachuu isaa agarsiisuu qaba jechuu dha.

Dhimmootni dhaddacha ijibbataa MMWO tiif dhiyaachuu qaban kanneen akkaataa kanaan dogongora bu’uura seeraa qaban yoo ta’e kanneen armaan gadii immoo dhaddachichaaf dhiyaachuu hin danda’an (labsicha keewwata 26 (3) ilaalaa).

1) Dhimmoota federaalaa (akkaataa heera mootummaa federaalaa fi seerota biroon addatti Manneen Murtii Federaalaaf kennaman). Dhimmootni kunneen daangaa naannich

28/04/2022

Lafa_Magaalaa :
"Lafa Magaalaa" jechuun Lafa daangaa Bulchiinsa Magaalaa keessatti argamu jechuudha.
"Liizii" jechuun sirna qabiyyee Lafaa mirgi itti fayyadama lafa Magaalaa waliigaltee daangaa yeroon murtaa'eetiin itti argamuudha.
"Waraqaa ragaa mirkaneessa abbaa qabiyyummaa" jechuun nama karaa seera qabeessa ta'een mirga itti fayyadama Lafaa argateef yookiin qabiyyee seeraan beekamtiin kennameefiif waraqaa ragaa mirkaneessa galmeessa mirga qabiyyee Lafa magaalaaf kennamu jechuudha.
"Qabiyyee Durii Waraqaa Abbaa Qabiyyummaa Hin Qabne" jechuun qabiyyee akkaataa seeraatiin qabamee Manni irra jiru,yookiin lafa tajaajila Mana jireenyaaf qotee bulaan ykn horsiisee bulaa ykn gamisa horsiisee bulaan qabamee Manni irra jiru sababa babal'ina Magaalaan ykn Magaalichi qaama seerummaa argachuun Lafa Magaalaa ta'ee qaama dhimmi ilaalu irraa ragaa abbaa qabiyyummaa kennamu kan hin qabne jechuudha.
"Ijaarsa seeraan alaa" jechuun qabiyyee Lafa Magaalaa hayyama qaama naannicha keessatti Lafa bulchuuf aangoo qabuun ala qabame irratti ykn Lafa seeraan hayyamame ta'ee hayyama ijaarsaa qaama aangoo qabuun kenname osoo hin qabaatiin Ijaarsa raawwatame ykn raawwatamaa jiru kamuu jechuudha.
"Qabiyyee Seeraan Alaa" jechuun qabiyyee Lafa Magaalaa qaama aangoo qabuun osoo hin hayyamamiin qabame jechuudha.
Lafti qabiyyee mootummaa fi ummataati,heera mootummaa keewwata 40(3).
Mirgi itti fayyafama Lafa Magaalaa argamuu kan danda'u liiziidhaan yookiin bu'uura waliigaltee yeroo irratti daanga'eenidha,Labsii Lafa Magaalaa Bulchuuf Bahe Lakkoofsa 721/2011 keewwata 2(1).
Lafti Magaalaa kamiyyuu kan kennamu ykn darbu pilaanii Magaalaa irratti hundaa'een seera liiziitiiniidha,Dambii Lafa Magaalaa Lakkoofsa 182/2008 keewwata 5(1).
Lafti Magaalaa Liiziin kan kennamu caalbaasiidhaan ykn ramaddiidhaan qofa,Dambii keewwata 5(2).
Magaalota bu'uura Labsicha keewwata 5(4) tiin yeroo murtaa'eef sirni Liizii irratti hin raawwatamne keessatti Lafti Magaalaa kan hayyamamu caalbaasii fi ramaddii Sirna kiraatiin ta

Bu'ura heera mootummaa FDRI kewwata 44 tin namnii kamiyyuu mirga naannoo qulqulluu fi fayya qabeessa jiraachuu kan qabuu...
18/03/2022

Bu'ura heera mootummaa FDRI kewwata 44 tin namnii kamiyyuu mirga naannoo qulqulluu fi fayya qabeessa jiraachuu kan qabuu fi mootummaan hojiilee misoomaa hojjetu naannoo irratti dhiibbaa kan qabu yoo ta'ee haawwasa naannawa sana jiraatuuf beenyaa gahaa kaffaluun naannoo qulqullinnii fi fayyummaan isaa eegmetti qubachiisuf dirqamni itti kennamee jira! Haa ta'u malee biyya keenya keessatti industiriiwwan tokko tokkoo maqaa investment fi mootummaa gibira kaffalan jedhuun ka'uusuma irraa teekinolojin isaan fayyadaman osoo hin qoratamin waanuma investment jedhamaniif qofa haawwasa irrattii aaraa fi dhangala'aa summaa naannoo irratti gadhiisuun haawwasaa fi beeyladoota dhukkuboota garaagaraatif saaxilutti argamu! Akka fakeenyatti magaala Bishooftuu ganda Qaajimaaf dhibaayyuu keessatti waarshaa gommaa konkolataa moofaa baqsuun deebisanii tajajila biraaf olchuu jedhuu irratti bobbaa'ee ummataa naannawa sana jiratuu dhibee asmiifii dhukkuboota garaagaraatif saaxilaa jira kana bira taree namoonni harganuu dadhabanii kufuun hospitaala galaa jiru!investment akkasii bu'aan isaan hawwaasaf buusan caalaa rakkoon isaan qaqqabsisaan dhalootaa dhalootaatti kan darbuu waan ta'eef qaamoleen dhimmi ilaalu idustiriiwwan akkasii seerafis seenafis jedhaa hawwaasa irraa dhaabsisaa!

17/03/2022

♠️ :
(Credit to:-M/teyib Nure)
✅Guyyaa dhagahaaf beellamame (guyyaa falmii afaaniitiif qabame) bitaa mirgi(himataa fi himatamaan) yoo hin dhihaanne,Manni Murtii galmee ni cufa,ol'iyyannoo immoo ni haqa,seera deemsa falmii hariiroo hawaasaa keewwata 69(2).

9ffaa lakkoofsa galmee 43410 ta'e irratti "guyyaa falmii afaaniitiif beellamame himataa fi himatamaan yoo hin dhihaanne,galmeen cufamuu akka qabu" seera deemsa falmii hariiroo hawaasaa keewwata 69(2) wajjiin wal qabsiisuun murteessee ture.

✅Galmeen bu'uura seera deemsa falmii hariiroo hawaasaa keewwata 69(2) tiin cufame,himataan bu'uura seera deemsa falmii hariiroo hawaasaa keewwata 71 tiin kanfaltii abbaa seerummaa irra deebi'ee kanfalee fi Kisaaraa kanfalee galmee banachuu(sochoofachuu) danda'a.
✔Himataan kan beellama irraa hafe sababa gahaatiin yoo ta'e,kana Mana Murtiitti dhiheessuun kanfaltii abbaa seerummaa fi Kisaaraa osoo hin kanfalin,galmee cufamee ture sochoofachuu ni danda'a.
✔Seera deemsa falmii hariiroo hawaasaa keewwata 71 jalatti seerichi abbaa dhimmaa akka deebii itti kennu hin tumu,abbaa seeraatu murteessa jechuudha.
✔Guyyaa dhagaha duraa himataan dhihaatee himatamaan yoo hin dhihaanne,bu'uura seera deemsa falmii hariiroo hawaasaa keewwata 70 tiin akka haala isaatti dhimmi bakka himatamaan hin jirretti akka itti fufu yookiin waraqaa waamichaa 2ffaa akka ergamu ajajuu yookiin falmiin beellama biraatiif dabarsuu ni danda'a.
✔Himatamaaf waamichi sirnaan dhaqqabee guyyaa dhagaha duraa yoo hafe,galmeen bakka inni hin jirretti dhimmichi ilaalama,seera deemsa falmii hariiroo hawaasaa keewwata 70(A) fi 246(2).Dhaddacha ijibbaataa lakkoofsa galmee 14184 fi 15835.
✔Guyyaan deebiif beellamamee fi guyyaan dhagahaaf(falmiif) beellamame gara gara.
✔Himatamaan yeroo beellamame keessatti deebii yoo hin dhiheeffanne,mirga deebii isaa barreeffamaan dhiheeffachuu(kennachuu) bira darbama malee falmii ✔Balleessaa yookiin dagannoo himataatiin waraqaa waamichaa himatamaaf hin geenye yoo ta'e,himatamaa waamichi hin geenye(hin qaqqabne) irratti galmeen irraa cufama,seera deemsa falmii hariiroo hawaasaa keewwata 70(D),ol'iyyannoon ni haqama.
✔Garuu,himatamaan waraqaa waamichaa osoo isaaf hin gahin guyyaa dhagahaa yoo dhihaate galmeen hin cufamu yookaan hin haqamu.
✔Himannaa keessatti bu'uura seera deemsa falmii hariiroo hawaasaa keewwata 70(d) tiin galmeen yoo cufame himataan haallan bu'uura seera

Anis beekkumsaa fi  ogummaan qabuun tajaajila Abukatummaa gorsa seeraa ummata koof kennuu cinaatti hubannoo seeraa gama ...
07/03/2022

Anis beekkumsaa fi ogummaan qabuun tajaajila Abukatummaa gorsa seeraa ummata koof kennuu cinaatti hubannoo seeraa gama fuula Facebook kanan isinin gahuuf fuula haaraa kana banee beekkumsaa hubannoo koo isiniif qoduun isin tajajiluuf Asumaa qophaa'ummaa koo isin beksisaa Fuula kana jalachuu fi qooduun na deeggarsa keessan natti akka agarsiiftan Abdiin qaba!

Address

Adama

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Leta Roba Law office posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Leta Roba Law office:

Share

Category