05/03/2025
🥹Loon Karra Guutuu Fixee Mana Sirreessaa Lixe.
Himatamaan Yakka Hannaa Raawwate Adabbii Hidhaa cimaan Adabame.
Godina Arsii Lixaa Aanaa Shaallaa Ganda Arjoo bakka addaa Waajjira Bishaan Aanaa Shaallaa Jedhamutti Gaafa guyyaa 26 /06/2017 guyyaa keessaa Saa'aa 7:00 yoo ta'u, Himatamaan Maqaan isaa jedhamu Teessoon isaa Aanaa Shaallaa Ganda Arjoo kan ta'e Badhaadhinna Isaaf hin malle argachuuf yaaduun, Qabeenya miidhaamaa dhuunfaa Obbo Musxafaa Galgaluu ta'e Loon Baayyinni isaanii Jaha(6)taa'anii fi qarshii kuma dhibba lamaaf kuma soddomii saddeet(238,000) baasu hatee fudhachuun Hordoffii taasifameen,battalumatti Ganduma kana keessatti osoo oofee deemuun harkaaf harkatti woliin qabamee jechuun Eeruun dhiyaatee, Galmeen qorannoo qulqullaa'ee Abbaa Alangaa Aanaa Shaallaatti hataattamaan erga darbee booda , Abbaan Alangaa Aanaa Shaallaas,seeraa yakkaa Bara 1996 bahe Kwt. 665(1) jalatti Yakka Hanna Raawwateera jechuun Ragaa namaa fi barreeffamatuin deeggaruun Mana murtii Aanaa Shaallaatti Himate. Himatamaan jecha waakkiif amantaa yoo Kennu, "Yakka ittiin Himatame Guutumatti Hambifata tokko malee waan Amaneef,kanumaan Manni murtiis Ragaa Abbaa Alangaa dhaggeeffachuun barbaachisummaa hin qabu jechuudhaan ,kwt. Ittiin Himatame jalatti balleessaa qaba erg jedhee booda,Dhaddacha gaafa guyyaa 26/06/2017 ooleen Himatamaa kan barsiisu, Adabbii hidhaa cimaa woggaa Sadiuf baatiu lama(3 fi baatii 2tiin) Akka Adabamu murteesseera.💊
humna osoo qabanii Qabeenya namaa seeraan Alaa horachuuf hawwuun yakka.kanaaf of haa qusannuu Jenna.