10/03/2022
RAGAA SOBAA FI HAALA ITTIIN TO’ATAMU
••••
Rakkoowwan yeroo ammaa sirna haqaa keenya (keessumattuu kenniinsa tajaajila abbaa seerummaa Manneen Murtii Oromiyaa) qoraa jiran keessaa tokko ragaa sobaati.
Ragaan sobaa jecha ragaa namaa dhugaa hin ta’in (testimony that is untrue), sanada sobaa ykn sanada fakkeeffamee qophaa'u (forgery), yaada ogummaa sirrii hin taane, ragaa qabatamaa fi dhugaa hin taane ta'ee falmmii seeraa irratti mirga hin mallee of gonfachiisuuf ykn nama biraa gonfachiisuuf ykn itti gaafatamummaa jalaa of baasuuf ykn kan biraa baasuuf kan dhiyaatuu dha.
Madda isaatiin wal qabatees, ragaan sobaa namoota dhuunfaa, qaamoolee mootummaa fi/ykn dhaabbilee dhuunfaa garaagaraa biraa ta'uu ni danda'a.
Ragaan sobaa dhimmoota armaan gadii ka’uumsa godhatee dhiyaachuu akka danda’u qabatamaatti mul’achaa jira:
•Wal gargaaruuf ykn wal miidhuuf;
•Bu'aa maallaqatti shalagamu ykn kan biraa argachuuf;
•Dhiibbaa ala irraa dhufu (external influence);
•Dhimma ofi ykn nama biroo cimsuuf yaaduu (hubannoo seeraa dhabuun irraa);
•Ilaalcha ol’aantummaa argisiisuu ykn ittiin sodaachiisuuf, fi kkf.
Ragaan sobaa miidhaa heddu qaqqabsiisuu kan danda’u yoo ta’u kanneen itti aananii tarraa’an isaan ijoo dha.
1. Haqa Dabsuu: Namni badii hin qabne yakkamaa akka ta’u ykn kan yakka raawwate itti gaafatamummaa yakkaa jalaa akka bahu, kan dhugaa hin qabne dhugaa akka argatu ykn kan dhugaa qabu haqni isaa akka jalaa jallatu taasisuu;
2. Amanamummaa Dhabsisuu: Qaamoleen murti kennan kan akka Manneen Murtii guduunfaan ragaa sobaa irra dhaabbachuun irra gahan ykn murtiin kennan naanna’ee naanna’ee qulqulluu waan hin taaneef uummata biratti amanamummaa akka hin qabaanne isaan taasisa.
3. Walitti hidhamiinsaa fi hariiroo gaarii hawaasa gidduu jiru laaffisuu;
4. Yakka babal’isuu;
5. Duudhaa hawaasni qabu xureessuu fi kkf dha.
Ragaa sobaa akkamitti to’achuun danda’ama?
•Hawaasni sobaan ragaa baatota irratti tarkaanfiilee adda addaa karaa afooshaalee fi duudhaa qabuun akka fudhatu kutaalee hawaasaa dhagahama qaban kan akka Abbootii Gadaa, jaarsota biyyaa fi abbootii amantaa fayyadamuun irratti hojjachuu;
•Miidhaa ragaan sobaa haqaa fi sirna haqaa irratti hordofsiisu irratti hubannoo hawaasaa cimsuuf miidiyaalee fi maloota biroo fayyadamuun ciminaan irratti hojjachuu;
•Sobaan ragaa baatota ykn qaamolee mootummaa fi kanneen biroo ragaa sobaa barreeffamaan kennan irratti akkaataa seera yakkaa biyyattii keessatti tumamee jiruun itti gaafatamummaa yakkaa hordofsiisuu fi
•Manneen Murtii sadarkaan jiran jecha ragaa fuudhuun duratti sirna kakuu akkaataa qajeelfama sirna dhaddachaatiin raawwachiisuu fi kkf ragaa sobaa to’achuuf hojiiwwan hojjatamuu qabanii dha.