14/02/2026
Labsii Balfa Jajjaboo Bulchuuf Bahe Labsii Lakk 1383/2017::::::::::::////::::::::::::::::::::::::::////::::::
Miidhaa balfi jajjaboon naannoo , fayyaa fi nageenya dhala namaa irratti fidaa jiru yeroo gara yerootti guddachaa waan dhufeef kana to'achuuf ykn salphisuuf sirna gahumsa qabu kan balfa jajjaboo walitti qabuu, geejjibsiisuu, kuusuu, irra deebi’ee itti fayyadamuu, deebi’ee fayyadamuu, fi gatu qopheessuun barbaachisaa ta'ee waan mul'ateef akka biyya keenyatti xiyyeeffannaa itti kennuun labsiin balfa jajjaboo bulchu ykn to'atu kan bahe yoo ta'u,kanumaan osoo gara adabbitti hin darbiin hubannaa uumuun barbaachisa waan ta’eef..dhoorkii fi adabbii labsiin kun hammate akka armaan gaditti isiniif tarreessa...labsii 1383/2017 kew 9(1) Namni kamiyyuu balfa jajjaboo bakka murtaa’een alatti gatuu hin qabu.akkasumaas labsuma kana kew 10(1) jalatti akkana jedha namni kamiyyuu naannoo isaa qulqulleessuun fi balfi mana isaa irraa meetira digdamii(20m) fagachuu akka qabu ibsa.akkasuma kew 10(2) jalatti Dhaabbanni tajaajilaa ykn daldalaa kamiyyuu bakka isaa irraa meetira shantama(50m) fageessuu fi naannoo isaa balfa irraa qulqulleessuu qaba jedha akkasumaas kew 13(1) jalatti Pilaastika yeroo tokkotti fayyadamu kamiyyuu oomishuuf, gabaaf dhiyeessuun, galchuun, kuusuun, gurguruun ykn itti fayyadamuun dhorkaadha.Akkasumaas kew 25(1) jalatti namni dhuunfaa kamiyyuu:
a) Boorsaa pilaastikii kan fayyadame yookiin fayyadamuuf kan yaade yoo ta’e, adabbii maallaqaa birrii kuma lamaa(2000) gadi hin taanee fi birrii kuma shan(5000) hin caalleen ni adabama.
b) Daldalaaf boorsaa pilaastikii kan oomishe, kan galche, kan raabse, kan gurgure, kan kuuse, kan qabate yoo ta’e, adabbiin maallaqaa birrii kuma shantama (50,000)gadi hin taanee fi Birrii kuma dhibba lama(200,000)hin caalle, waliin hidhaa cimaa waggaa shan(5) hin caalleen ni adabama.