Bikila Law Office

Bikila Law Office Social Media is about z people Not about ur business. Provide 4 z people and z people will provide 4u

Daldalaan Hayyamaa Daldalaa Hin Qabne Mootummaaf Gibira kafaluuf ni Dirqama moo miti?Bu'uurasa Labsii Gibira Galii Lakk....
07/03/2026

Daldalaan Hayyamaa Daldalaa Hin Qabne Mootummaaf Gibira kafaluuf ni Dirqama moo miti?

Bu'uurasa Labsii Gibira Galii Lakk. 202/2009 keewwata 10tiin Namni galii kamiyyuu argate akkaataa Labsii kanaa fi Labsii Bulchiinsa Taaksiitiin dirqama gibira kaffaluu qaba. Kanaaf gibira kafaluuf ulaagaan ijoon galii argachuun mirkanoofnaan gibira kafaluuf ni dirqama jechuudha.

Daldalaan tokko hayyama daldalaa sababa hin qabneef yakka Hayyama malee daldaluutiin gaafatamuun akkuma jirutti tahee Sababa Hayyamaa daldalaa hin qabneef gibira hin kafalu jechuu akka hin dandeenye Labsii Seera Daldala Itoophiyaa Lakk 1243/2013 Keewwata 100 (1) irraatti tumee jira. [Namni daldalaa ta’e kamiyyuu bu’uura seera kanaatiin galmaa’uun osoo irra jiraatuu osoo hin galmoofne yoo hafellee akka daldalaatti lakkaa’amee itti gaafatamummaa ni daldalaan galmaa'e qabaatu ni qabaata.

Kanaaf akka waliigalaatti ulaagaan ijoon Mootummaaf Gibira kafaluuf nama dirqisiisu galii argachuun mirkanoofnaan gibira kafaluun dirqama tahuu ni hubatama garuu hayyama daldalaa qabaachuu dhabuun dirqama ittigaafatamummaa daldaldalaan hayyama hojii daldalaa qabu kamiyyuu daldalaan Hayyamaa hin qabnees kan qabu tahuu seerri daldalaa ifaan tumee jira waan taheef namni hayyama hin qabnees gibira kafaluuf kan dirqamu tahuun ifa.

Join us https://t.me/BikilaLawOffice

kennaa Nama biroof dabarsitee kennite guyyaa kennitee jalqabdee waggaa lama keessatti Yoo gaabbite deebifachuu dandeessa...
18/01/2026

kennaa Nama biroof dabarsitee kennite guyyaa kennitee jalqabdee waggaa lama keessatti Yoo gaabbite deebifachuu dandeessa.

Join us our telegram channel https://t.me/BikilaLawOffice

                              haqa yakkaa keessatti mirgi himatamaan akka nama qulqulluutti ilaalamuu fi dirqamni gocha ...
15/12/2025



haqa yakkaa keessatti mirgi himatamaan akka nama qulqulluutti ilaalamuu fi dirqamni gocha yakkaa mirkaneessuu walitti dhufeenya guddaa qaba. Kunis himatamaan yeroo jalqaba yakkaan himatamu akka nama qulqulluutti mirga ilaalamuu kan qabuu fi yakka ittin himatameen balleessaa jedhamuuf akkaatuma himannaa isaatiin abbaan alanga jalqaba ragaa dhiyeefachuun dirqama mirkaneessuu qaba jechuudha.

qajeeltoo seera ragaatti dirqama ragaa dhiyeessuu jechuun gareen wanti tokko jiraachuu isaa ibsuun falmu jiraachuu wanta kanaa ilaalchisee dirqama ragaa dhiyeessuu akkasumaas ragaa dhiyeessu kanaan dirqama jiraachuu wanta kana gita mirkaneessa ragaa barbaadamuun hubachiisuu fi mana murtii amansisuu jechuudha.

mirkaneessa ragaa jechuun dhimma tokko mirkaneessee injifachuuf hanga ragaa himataan dhiyeessuun irraa eegamu jechuu dha. Kunis dhimma yakkaa ilaalchisee biyyaa fi biyyatti garaagarummaa haa qabaatuu malee gitni mirkaneessa ragaa shakkii dhama qabeessa olitti (beyond reasonable doubt) kan hojiirra oolaa jiruudha.

abbaan alangaatis himata yakkaa himatamaa irratti dhiyeese kana shakkii dhama qabeessaa olitti yokiin haala gahaa fi amansiisaa ta’een erga irratti mirkaneessee booda himatamaan ragaa ittisaa dhiyeefachuun ofirra ittisuuf mirga qaba jechuudha.

immoo ragaa ittisaa dhiyeefachuun yeroo ofirraa ittisu kana akka abbaa alangaatti gita mirkaneessa shakkii dhama qabeessa olitti akka yakkicha hin raawwatin kan mirkaneessu osoo hin ta’in ragoonni ittisaa himatamaa haala himatamaan kun yakka kana raawwateera moo hin raawwannee jedhamee nama shakkisisuun ragaa abbaa alangaa irratti shakkii kan uume yoo ta’e himatamaan shakkii ragaa abbaa alangaa irratti uumame kana irraa fayyadamaa ta’uun bilisa baha jechuudha.

kanaan abbaan alangaa himatamaan balleessaa jedhamuuf yakkicha raawwachuu isaa shakkii dhama qabeessa olitti dirqama mirkaneessuu kan qabu yoo ta’e himatamaan yakka ittin himatamee ilalchisee ittisaa addaas ta’e kan waliigalaa kan kaafatu yoo ta’e manni murtii akka ittisni himatamaan kaafate kun hin jiretti tilmaama kan fudhatu fi himatamaan ittisa kaafate kana jirachuu isaa fi tilmaama mana murtichaa fashaleesuuf dirqama ragaa dhiyeessu qaba jechudha. Kanas himatamaan yeroo himatamu manni murtii himatamaan akka ittisa hin qabnetti tilmaamaa waan fudhatuuf abbaan alangaa ittisni himatamaan kaafate kun kan hin jirre ta’uu mirkaneessuuf dirqama hin qabu.

ittisa (defense) yakka ittin himatame waliin walqabatu kamiyyuu kan kaafatu yoo ta’e ittisa kaafate kana ragaa dhiyeefachuun mirkaneessu qaba. Fakkeenyaaf himatamaan haaloota yakka irraa guutuman guututti yokiin walakkaan itti gaafatamumaa yakkaa irraa ala isa taasisu bu’ura seera yakkaa keewwata 48 fi 49 tiin kan kaafatu yoo ta’e manni murtii akka himatamaan itti gaafatamummaa qabutti tilmaama fudhata (Responsibility is presumed by court). Akkasumas, himatamaan shakki dhama qabeessaa olitti walakkaan yokiin guutumaan guututti itti gaafatamummaan ala ta’uu isaa mirkaneessuu qaba jechuudha.

himatamaan haala kanaan mirkaneefatee booda immoo abbaan alangaa himatamaan haala guutumaan yokiin walakkaan itti gaafatamummaa ala isaa taasisu keessatti yakka akka hin raawwitin fashalesuu ykn haala kana keessatti himatamaan dhugumaan yakka raawwachuu fi dhabuu isaa haala ragaa himatamaan dhiyeeffate irratti shakkii uumuun kan mirkaneessu yoo ta’e ittisni himatamaan haala kanaan kaafate kun kufaa ta’e himatamaan kan adabamu ta’a jechuudha.
Dhuma irratti dhimmi biraa kanan ummata kootiif dhaamu Rabbi (Waaqayyo) yakka raawwachuu fi adabamuu irraa isin haa oolchu jecha yoo akka tasaa yakka raawwatanii abbaa alangaatin mana murtitti himatamtan gorsa asii gadii kana sirriitti akka naaf hubatan.

jalqaba mana murtitti dhiyaatanii falmiin jalqabamu himannaa abbaan seeraa siif dubbisu siritti caqasi.
Erga himannaa siratti dhiyaate dhaggeeffattee booda yoo kan siif hin galle ta’e abbaa seeraatiin irra naaf deebi’i jedhinii himannaa sirratti dhiyaate siritti hubadhu.

sirratti dhiyaate sirriitti dhaggeeffattee hubachuun gocha yakkaa raawwatame akkaataa itti rawwaatame, yeroo fi iddoo itti raawwatame akkasumaas dhugumaan gocha ati raawwwatte tahuu fi dhabuu isaa addaan baafachuuf si gargaara.

himanni siif galee siritti hubatee booda yoo dhugumaan yakkicha raawwattee jiraatte fi abbaan alangaa ragaa yakka kana mirkaneessu qabachuu isaa beekte waakkachuun waan tokkoollee si hin fayyadu. Amanuu qabda. Sababni isaa himannaa sirratti dhiyaate guutummaan guututti kan amantu yoo ta’e gulantaa adabbii tokko sii hir’isee adabbii sirraa waan salphisuufi.

keenya yeroo yakkaan himatamaan rakkoon guddaan isan qaban maal akka ta’e beektaa?
Yeroo himanni abbaa alangaa isaaniif dubbifameef irraa jalqabee hanga murtiin adabbii kennamutti yakka ittin himataman kana hin raawwanne jedhanii osuma waakkatanii (haalanii) haaloota yakka itti raawwatanii fi sababoota adabbii isaan irraa salphisu kan osoo silaa kaafatanii adabbii isaan irratti murtaa’uu malu walakkaa ol isaan irraa salphisu danda’uu of dhorgan! Kanaafuu yeroo yakkaan himatamtan yakka raawwattan amantanii haaloota yakka itti raawwatanii fi sababoota adabbii isin irraa salphisu kaafachuun falmattanii adabbiin isin irra yoo salphate isiniif wayya.

yakka ittin himatamte raawwachuu amantee haalota yakkicha itti raawwatte fi sababa yakkicha raawwachuuf si kakase keessattuu sababa miidhamaan aarii hamaa keessa si galcheef yakkicha kan raawwatte yoo ta’e bu’uura seera yakkaa keewwata 82 (1d) tiin akka sababa adabbii salphisu tokkotti gulantaa tokko siif hir’isee adabbiin sirraa kan salphatu ta’a kunis sadarkaa gulantaatti adabbii ji'a lamaa gadi siif hir’isa.

araarfadhu kunis adabbii gulantaa tokko siif hir’isa. Yakka raawwachuu keetiif akka gaabbite mana murtiitif ibsi. miidhamaas ararsi yoo miidhaa irraan geesse mana yaalaa (haakima) geessi kun inumaa manni murtii akka adabbii sirraa dangeessu gochuu danda’a. Na jalaa hin gowwoomin yaa obbolessa/tti koo!

kee irraas hin hafin. Dhaddacha irrattis amala gaarii agarsiisi, irra caalatti kanaan dura yakka akka hin raawwatinii fi yakka raawwatte kanaaf immoo hedduu akka gaabbitee fi kanaan booda gonkuma gocha yakkaa irraa akka fagaatuu fi nama hawaasa isaa keessati kabaja qabu ta’uu mana murtii hubachiifadhu.

ani yakka kana hin raawwane jechuun dirree gogoggaa osuma waakkatanii yakka raawwatan ragaan abbaa alangaa si irratti mirkaneessee adabamuu irra yakka rawwatte amantee haala yakka itti raawwatte fi sababoota yakkicha raawwachuuf si kakase akkasumaas sababoota adabbii si irraa salphisu kanneen biroo kaafachuun mana murtiitti himattee ragaanis kan mirkaneeffatte yoo ta’e haalooni hanga dhumaatti akkaatuma seeraatiin adabbii irraa bilisa si taasisuu fi adabbiin sirraa itti danga’u kan jiru fi akkasumaas adabbiiwwan filannoon jiran keessa adabbii irra salphaa ta’e akkaataan itti adabamtu bu’ura seeraatiin kan jiru tahuu isaa naaf hubadhaa.

GALATOOMAA!!

Join https://t.me/BikilaLawOffice

Bikila Birhanu Geremu

  Manaa haadha Manaa lama kan qabu yoo ta'e,yeroo gaa'elli diigamu qoodinsa qabeenyaa ilaalchisee hiikoo seeraa Dhaddach...
20/07/2025

Manaa haadha Manaa lama kan qabu yoo ta'e,yeroo gaa'elli diigamu qoodinsa qabeenyaa ilaalchisee hiikoo seeraa Dhaddachi Ijibbaataa kenne maal jedha?
--------------------------------------------------------
?? Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Lakk.219887 ta'e irratti dhaddacha guyyaa 25/04/215 ooleen "dhiirri tokko dubartii lama fuudhee qaba yoo ta'e,gaa'elli du'aan ykn karaa biraa seera qabeessa ta'een kan diigame yoo ta'e,dubartoota lachuu keessaa takka adeemsa qabeenya horachuu keessatti shoora addaa(guddaa) taphattee xaarte ta'uu yoo mirkaneessite,qabeenya horatame keessaa walakkaa isaa qooddachuu akka dandeessu,fi dubartiin ishiin lammaffaan abbaa Manaa waliin walakkaa hafe qooddatti" jechuun hiikoo kennee ture(Jildiidhaan hin maxxanfamne hiikoo haaraa).
--------------------------------------------------------
👉 MMWF Jildii 5ffaa Lakk.Galmee 24625 ta'e irratti "abbaan Manaa haadha warraa lama qabu yoo du'e,haati Manaa lameenuu qabeenyicha gahee walakkaa bakka lamatti qooddachuu akka qaban" murteessee ture.
--------------------------------------------------------
👉 Mana Murtii Waliigalaa Federaalaa Jildii 13ffaa Lakk.45548 ta'e irratti "dhiirri tokko dubartii lama fuudhee qaba yoo ta'e,gaa'elli kan diigame yoo ta'e,dubartoota lachuu keessaa takka adeemsa qabeenya horachuu keessatti gahee guddaa taphatte ta'uu mirkaneessite,turtii gaa'elaa keessatti hangi ishiin ifaajje yaada keessa galee qabeenya horatame keessaa walakkaa isaa qooddachuuf mirga akka qabdu;dubartiin(haati Manaa isheen lammaffaan) qabeenyi yeroo horatamu hin xaarre qabeenya hafe walakkaa abbaa Manaa waliin qooddachuu qabdi" jechuun hiikoo kennee ture.Dhaddachi Ijibbaataa Jildii 11ffaa Lakkoofsa Galmee 50489 ta'ee fi Galmeelee biroo irratti hiikoo walfakkaataa kennee ture.

Join us: https://t.me/BikilaLawOffice

09/07/2025

Real estate bituun dura

fuula barruu seeraa kana join godhaa hordofaa
09/07/2025

fuula barruu seeraa kana join godhaa hordofaa

09/07/2025

Ignorance of law is no excuse!

Madagascar tti Kan hojjetuuf Kan biraa. Kan taa'ee nyaatu Kan biraa Kan jedhan sun dhugumaa?
10/05/2025

Madagascar tti Kan hojjetuuf Kan biraa. Kan taa'ee nyaatu Kan biraa Kan jedhan sun dhugumaa?

22/04/2025

DH. I. M. M. W. F. Jildii 8ffaa Lakk.Galmee 37275 ta'een"qabeenyi Manaa gaa'elaan dura horatame tokko gurguramee maallaqa gurgurtaa irraa argameen Manni biroon gaa'ila keessatti yoo bitame Manni haaraa bitame kan dhuunfaa jedhamee hanga Mana Murtiitiin hin mirkanoofnetti qabeenya waliinii ta'a, kan dhuunfaa ta'ee itti fufuuf mirkanaa'uu ykn bifa jijjiirachuu
dhabuudha"jechuun hiikoo kennee ture.
Join https://t.me/BikilaFreeLegalAwareness

Address

Shambu
Welega

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Bikila Law Office posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Bikila Law Office:

Share