Ebisa Negashu begna

Ebisa Negashu begna Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Ebisa Negashu begna, Sululta.

Har’a koo ilaalee miti
Feetu boru naaf darbaa
Lafti ani irra ijajjuyyuu
Nan shaka akka hallayyaa
Amanee itti of hin kennu
Natti hin fakkaatu fayyaa
Takka ofirra quuphanee
Taa’een shokokii eega
Taa’uunis immoo fafa
Namatti fida deega

21/08/2025

Shout out to my newest followers! Excited to have you onboard! Abulu Safu Man, Boki Ayela

AMALA 5NAMOONNI SITTI HIN HIMANE1. Daqiiqaa tokko Barfachuun ji'a tokkoof hojii cimaa & naamusa balleessuu danda'a.2. Du...
29/05/2025

AMALA 5

NAMOONNI SITTI HIN HIMANE

1. Daqiiqaa tokko Barfachuun ji'a tokkoof hojii cimaa & naamusa balleessuu danda'a.

2. Dureeyyiin of mul'isuuf maallaqa hin fayyadaman. Dureeyyiin qarshii isaanii qarshii dabalataa argachuuf itti fayyadamu.

3. Osoo raftu maallaqa argachuun kaayyoo isa dhumaa ti.

4. Gonkumaa of hin agarsiisin dhuunfaatti mo'achuu itti fufi. Namni hundi akka ati injifattu arguu hin barbaadan.

5. Namoonni sammuu walfakkaataa qaban kanneen akka gaariitti si ilaalan tapha jijjiirraa dhugaati.

Abbaa murtii abshaala"~~~~~~~~~~~~~~~~Yeroo tokko namni tokko hiriyyaa isaa tokkoof qarshii liqeesse. Garuu hiriyaan kun...
16/05/2025

Abbaa murtii abshaala"
~~~~~~~~~~~~~~~~
Yeroo tokko namni tokko hiriyyaa isaa tokkoof qarshii liqeesse. Garuu hiriyaan kun boodarra maallaqa kana akka liqeeffate haale. Kanaaf namichi hiriyyaa isaa mana murtiitti himate.

Abbaan murtiis namicha liqeesseen "ragaa qabdaa?" jedhanii isa gaafatan. Namichis "hin qabu. Maallaqa sana dhoksaadhaanin kenneef" jedhee deebiseef. Abbaan murtiis, "Ergasii bakka qarshii sana itti kennite dhaqi, akkan gaafadhuuf biyyoo abootteedhaan achi irraa naaf fidi" jedheen.

Namichis ajaa'ibsiifatee, akkuma qajeelfama abbaa murtii irraa fudhatetti bakka sana irraa biyyee ammaaree fiduuf deeme.

Abbaan murtiis erga namichi liqeessee ba'ee, namicha liqeeffatetti garagalee : "Iddoon biyyoo sana dafeetu ga'a jettee yaaddaa?" jedhanii isa gaafatan. Namichis dafee, ``Lakki. Bakki sun as irraa fagoodha" jedhee deebiseef. Abbaan murtiis kolfee, "Akkamitti bakki sun fagoo ta'uu beekta... yoo achi dhaqxee qarshii fudhatte malee?" Jechuun abbaan murtii namichi liqii akka kaffalu murteesse. Soba isaatifis adabbiin itti murame jedhama.

Dhugaa hin dhoksiin. Namni hin argu jettee waan namattis waaqayyottis hin tolle hin raawwatiin.Aduun dhugaa hin lixxu.

Address

Sululta

Telephone

+251913871513

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Ebisa Negashu begna posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Ebisa Negashu begna:

Share