05/05/2025
R
Guyyaa -----------
Mana Murtii ---------------------------- tiif
-------------------- Himataan:Obboo--------------------------------------
Teessoo----------------------------------------
Himatamaan:Obboo -------------------------------- Teessoo---------------------------------------
Himanni kun waaโee falmii lafaa taโee himatamaan qabiyyee koo balโinni isaa---- taโe seeraan ala na jalaa qabate gadi lakkisiisuuf kan dhihaateedha.
1.Manni Murtii kun himannaa kana ofitti fuudhee ilaalee murteessuuf aangoo ni qaba.
2.Ani himataan falmii kiyya abukaatoon falmadha,kan himatamaa hin beeku.
3.Himataa fi himatamaan dandeettii seeraa ni qabna.
4.Himanni kun ulaagaa seera deemsa falmii hariiroo hawaasaa keewwattoota 222 fi 223 tiin guutamee kan
dhihaateedha.
5.Waraqaan waamichaa himatamaaf karaa Bulchiinsa Ganda----- tiin haa dhaqqabu.
Himannaa kana dhiheeffachuu kan dandaโeef,himatamaan kun qabiyyee lafa kiyya taโe Aanaa---Ganda -- keessatti argamu balโinni isaa ----- taโe daangaan isaa Bahaan fi Kaabaan ---,Lixaan fi Kibbaan--- jidduutti argamu sirna mootummaa-----keessa bara --- hiroodhaan mootummaa irraa argadhee itti fayyadamaa osoo jiru guyyaa ----seeraan ala waan na jalaa qabateef,Bulchiinsa Gandaatti iyyadhee jaarsolii bitaa mirgaa nu filachiisee jaarsolii filannee turre lafti falmii kaase kun qabiyyee lafa dhuunfaa kiyya taโuu buโaa jaarsaa gaafa -----mallattaaโeera.Haa taโu malee,himatamaan buโaa jaarsolee irratti amane lafa kiyya gadi naaf lakkisuu dideef,himatamaaf waamichi taasifamee dhiyaatee qabiyyee koo daangaa fi balโina isaa armaan olitti ibsame akka gadi naaf lakkisuu fi baasiif xaarii durgoo abukaatoo dhibbeentaa-----waliin akka naaf kanfalu akka naaf murtaaโu kabajaan gaafachaa,himanni kun dhugaa taโuu buโuura SDFHH keewwata 92
tiin nan mirkaneessa.
Maqaa --------------, Mallattoo---------