22/12/2022
Guyyaa 13/04/2015
Jiilli waajjira afyaa'ii fi mana marii magaalaa shaashamannee kabajamoo Obboo Amaan Maarqoosiin Durfamu waljijjiirraa muuxannoo Mana marii Godina Wolaayittaa fi Mana marii Magaalaa sooddoo woliin gaggeesse.
Haaluma kanaan afyaa'iin Godina Wolaayittaa Aaddee Kaasach Eliyaas Haala walii gala hojii Mana marii Godina isaani ibsuun raawwii hojii gaarii koreen dhaabbii,manaajimanti, Mana marii akkaataan hojiin gaariin ittin hojjatamee fi qindoomina isaanii ibsuun muuxannoo gaari isaan bira jiru nuuf qoodanii jiru. Itti aansuun waan ifa hin taane gaafi fi yaadaan akka gabbifimu carraa laatameen hoggansii fi ogeeyyiin Mana marii magaalaa Shaashamanne waan itti dhagahame irraa erga dubbatanii booda kabajamoon Afyaa'iin Aadde kaasach Eliyaas gaafilee dhiyaataniif deebi erga laatanii booda kabajamoon Obboo Amaan Maarqoos haala walii gala magaalaa shaashamannee fi raawwii hojii irraa baratamuu qabu ibsanii, muuxannoo nu qoodaniif galata galchuun waltajjichi goolabamee jira.
Itti Aansuun waare booda gara mana marii Magaalaa Sooddoo kan imalamee yoo ta'u haaluma wal fakkaatuun kabajamoon Aaddee Taalgooree Taddasaa Afyaa'iin magaalaa sooddoo fi wolitti qabaan koree dhaabbii dhimma Diinagdee Mana marichaa haala sochii walii gala hojii isaanii muuxannoo ta'uu danda'an nuuf ibsaniiru. Haaluma kanaan jiillii Mana marii magaalaa Shaashamanne waan ibsame irratti gaafi fi yaada erga kaasanii booda ibsi laatamee jira. Dhuma irratti kabajamoon Obboo Amaan Maarqoos haala walii gala magaalaa shaashamannee fi hojii muuxannoo ta'uu danda'u ibsuun muuxannoo Arganneef galata galchuun waltajjichi goolabame.