Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Sigimoo

Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Sigimoo Mul’ata (Vision) Waajjirichaa!

Bara 2022 tti, tajaajila Abbaa Alangummaa kennuun ol’aantummaa seeraa mirkaneessuun Waajjira Abbaa Alangaa akka Godina Jimmaatti fakkeenya ta’e arguudha.!🤝

Daldalaan Tokko SUUQII keessatti Meeshaalee Qulqullinni isaanii gad bu'ee fi yeroon isaanii irra darbe (Expired) yoo Nam...
12/08/2026

Daldalaan Tokko SUUQII keessatti Meeshaalee Qulqullinni isaanii gad bu'ee fi yeroon isaanii irra darbe (Expired) yoo Namatti gurgure Adabbii hidhaa waggaa 3 hanga waggaa 7 akka adabamu beektuu?

Seerri maal jedhaa?
Dhimma kana labsii dorgommii Daldalaa fi Eegumsa Mirga Shamaatotaa kan jedhu labsii lakk 813/2006 wajjin wal qabsiisnee ilaalla.
Akkaataa labsii kana Labsii dorgommii daldalaa fi eegumsa mirga shamaatotaa labsii 813/2006 keewwata 20 (10) jalatti tumamee jiruutiin; Meeshaa daldalaa fayyaa namaa fi nageenyaaf balaafamaa ta’ee, maddi isaa hin beekamnee,
sadarkaan qulqullina isaa gadi-kan bu’ee, kan summaa’ee, yeroon tajaajila isaa kan darbee, yookiin wantoota alagaa ta’an waliin kan makamee gurguruu yookiin gurgurttaaf dhiyyeesssuun dhorkaadha jechuun tumee jira. Egaa akkuma keewwata kana irraa hubachuu dandeenyutti waantonni dhorkaa ta'an;
1ffaa; Meeshaalee daldalaa fayyaa namaa fi nageenya namaaf balaafamaa ta'an gurguruun dhorkaadha.
2ffaa; Meeshaalee maddi isaanii hin beekamnee fi sadarkaan qulqullina isaanii gad bu'e daldaluun, namatti gurguruun dhorkaadha.
3ffaa; Meeshaa Summaa'e namatti gurguruun dhorkaadha.
4ffaa; Meeshaa barri tajaajila isaa darbe yookaan expard ta'an namatti gurguruun dhorkaadha jechuun labsichi tumee jira.
Dabalataan seerichi Labsichuma keewwata 43(3) jalatti Adabbii Daldalaa gochaa armaan oliitti tarreessine raawwatee argamuu yemmuu tumu immoo; Daldalaan kammiyyuu labsii kana keewwata 22(6) yookiin (10) darbee argamee adabbii maallaqaa galii gurgurtaa waggaa irraa 7%_10%gahuun fi hidhaa ciimaa waggaa 3_7 gahuun ni
adabamaa jechuun tumee jira.
Yaadaa fi gaaffii yoo qabaattan;
Comment, Share godhaa.
Galatoomaa

Ijaarsa Seeraan alaa Magaalaa keessaa yoo qabaattan Akkamittiin Seera Qabeessa taasifachuu akka dandeessan beektuu?Akkaa...
07/08/2026

Ijaarsa Seeraan alaa Magaalaa keessaa yoo qabaattan Akkamittiin Seera Qabeessa taasifachuu akka dandeessan beektuu?

Akkaataa Dambii Ijaarsa Seeraan Alaa; Dambiin Boodaa Lafa Magaalaa Sirna Qabsiisuuf Bahe Lakkoofsa 259/2018 keewata 7-9tiin Namni tokko ijaarsa Seeraan alaa isaa lafa qabsiifachuufAdeemsa armaan gadii kana hordofuu qaba. Adeemsichi Dambicha keewwata 7 jalatti tumamee jira.
Keewwatni 7 dambichaa akkas jedha; Adeemsa Sirna Qabsiisuun Itti Raawwatamu ljaarsi seeran alaa dambiin booda adeemsa armaan gadiitiin sirna kan qabatu ta'a:
1ffaa: Waajjirri lafaa sadarkaa magaalaa jiru yeroo iyyannoon itti dhiyaatu murteessuun beeksisa kan baasu ta'a.
2ffaa; Namni ulaagaa Dambii kanaan tumame guutu yeroo beeksisni Waajjira lafaa sadarkaa magaalaatti jiru baase kee ssatti ragaa qabu qabatee dhiyaachuun iyyata isaa Waajjirichatti kan dhiyeeffatu ta'a.
3ffaa; Waajjirichis nama ijaarsi seeraan alaa dambiin boodaa sirna akka qabatuuf iyyate ulaagaa Dambii kanaan tumame guutuu isaa mirkaneeffachuuf ogeessa isaa bakka ijaarsa seeraan alaa dambiin boodatti erguun XY koordineetii akka fudhatu kan taasisu ta'a.
4ffaa; Waajirichis bu'uura Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 3tiin XY koordineetii ‎fudhatame bu'ureffachuun suura saatalaayi erga mirkaneeffateen booda ulaagaa Dambii kanaan tumame guutuu isaa maanaajimantii isaatiin mirkaneeffachuun Mana Maree Bulchiinsa Magaalichaatti dhiyeessuun erga mirkanaa'een booda waraqaa ragaa ‎abbaa qabiyyummaa kan kennu ta'a.
5ffaa; Keewwata kana Keewwata Xigqaa 2 jalatti kan tumame akkuma eegametti ta'ee, namni ijaarsa seeraan alaa dambiin boodaa qabaachuun yeroo beeksisaa Waajjirichaan murtaa'e keessatti dhiyaatee hin galmaain hafe haala kaminiyyuu keessummaa'uu hin ‎danda'u.

Dambichuma keewwata 8 jalatti tumamee akka jirutti immoo;. Waraqaa Ragaa Abbaa Qabiyyummaa Kennuu Nama ijaarsa seeraan alaa dambiin boodaa raawwachuun ulaagaa Dambii kana Keewwata 6 jalatti tumame guutuun adeemsa Dambii kana Keewwata 7 jalatti tumame keessa darbeef Waraqaan ragaa abbaa qabiyyummaa yookiin kaartaan akkaataa armaan gadiitiin kan kennamuuf ta'a:
Adeemsichis;
1ffaa: Bal'inni qabiyyee seeraan alaa dambiin boodaa seera qabeessa akka ta'uuf kan murtaa'u qabiyyicha irra ijaarsa jiru bu'uureffachuun Pilaani misoomaa qeee magaalichaa irratti hundaa'uun ta'a.
2ffaa; Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 1 jalatti kan tumame akkuma eegametti ta'ee, magaalota Pilaanii nmisooma qe'ee hin qabne keessatti yoo ta’e pilaanii bư'uuraa irratti hundaa'uun ta'a.
3ffaa; Nama ulaagaa Keewwata kanaafi Dambii kana keessatti tumame guutee argameef istaandaardii shinshaanoo magaalichaa isa xiqqaa irratti hunda'uun waraqaan ragaa abbaa qabiyyummaa kan kennamuuf ta'a.
4ffaa; Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 3 jalatti kan tumame jiraatus, bal'inni lafichaa istaandaardii shinshaanoo magaalichaa isa xiqqaa ol yoo ta'eefi ofdanda'ee misoomuu kan hin dandeenye yoo ta'e hanga lafa qabiyyee istaandaardii isa xiqqaa ol qabatee of danda'ee hin misoomne ilaalchisee gatii ka'umsa caalbaasii wayitaawaan dabalatee waraqaan ragaa abbaa qabiyyummaa kan kennamuuf ta'a.
5ffaa; Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 3 fi 4 jalatti kan tumame akkuma eegametti ta'ee, ijaarsa seeraan alaa dambiin boodaa istaandaardii shinshaanoo magaalichaa isa xiqqaa irraa hafe kan ofdanda'ee misoomu yoo ta'e, qabiyyichi baankii lafaatti kan deebi'u ta'a.

Keewwata 9ffaa; Waraqaa Ragaa Abbaa Qabiyyummaa argachuudhaaf kanfaltiin isin kanfaluu qabdan immoo;
👉1. Namni ulaagaa Dambii kanaa Keewwata 6 - 8tti tumaman guutee argame Waraqaa Raga Ragaa Abbaa Qabiyyummaa argachuuf kaffaltiiwwan armaan gadii raawwachuu qaba:
A. Magaalota Sirna liiziin bulan keessatti gatii ka'umsa lizii magaalichaa sadarkaa
‎lafaa irratti hundaa'uun seeraan murtaa'ee jiru bu'uureffachuun kuufama kaffaltii liizii Amajii 24 Bara 2005 irraa eegalee hanga guyyaa waligaltee mallatteessuutti jiru gatii ka'umsa liizii hojiirra jiruun shallaguun kaffaluu;
B. Adabbii murtaa'aa bu'uura Dambii kanaan murtaa'e kaffaluu; fi

C. Kuufama kaffaltii gatii baaxifi gooroo.
🙏2 Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 1 jalatti kan tumame akkuma egametti ta'ee, Magaalaa sirna liizii keessa hin galle ilaalchisee kaffaltiiwwan armaan gadii kan ‎raawwatamu ta'a:
A. Gatii kiraa lafaa magaalichaa sadarkaa lafaa irratti hundaa'uun seeraan murtaa'ee jiru bu'uureffachuun kuufama kaffaltii kiraa Amajii 24 Bara 2005 irraa eegalee hanga guyyaa waliigaltee mallatteessuutti jiru gatii kiraa hojiirra jiruun shallaguun kaffaluu;
(B) Adabbii murtaa'aa bu'uura Dambii kanaan murtaa'e kaffaluu; fi
(C) Kuufama kaffaltii gatii baaxiifi gooroo.
🙏3) Adabbiin akkaataa Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 1 (b) fi 2 (b) tin kennamu kan murtaa'u walduraa duubaan kaffaltii gatii ka'unısa liizii yookiin kiraa lafichaafi kaffaltii gatii baaxiifi gooroo Amajji 24 Bara 2005 irraa eegaluun hanga guyyaa Dambiin kun mirkanaa'ee hojiirra ooleetti kuufamee jiru walitti ida'uudhaan gatii waliigalaa argamu irratti kaffaltii adabbii murtaa'aa dhibbantaa % 30 dabaluun herregamee kan kaffalamu ta'a.
👉‎4) Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 1-3 jalatti tumamee jiru akkuma eegametti ta'ee, waraqaan ragaa abbaa qabiyyummaa kan kennamu kaffaltiin bu'uura Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 1 fi 2 jalatti tumameen erga kaffalamee xumurameen booda ta'a.
Yaadaa fi gaaffii yoo qabaattan;
Comment, Share godhaa.
Galatoomaa

Gaa'ila Keessatti Dhiirri fi Durbi Wal quunnamtii saalaa seera qabeessa ta'e akka raawwataniif seerri akka ajaju beektuu...
06/08/2026

Gaa'ila Keessatti Dhiirri fi Durbi Wal quunnamtii saalaa seera qabeessa ta'e akka raawwataniif seerri akka ajaju beektuu?

Seerri maal jedhaa?
Seerichi akkas jedha; Abbaa warraa fi haati warraa qunnamtii saalaa gaa'ela keessatti barbaachisaa ta'e raawwachuu qabu jechuun tumee jira.

Dabalataanis, Seera Maatii Naannoo Oromiyaa labsii Lakkoofsa 83/1996 Keewwata 69 jalatti tumamee akka jirutti;
Mata duree guddaa keewwatichaa; Waliin Jiraachuu jedha;
1. Abbaa warraa fi haati warraa Waliin Jiraachuuf ni dirqamu.

2. Fayyaa isaaniitiif balaafamaa yoo ta'e malee, Abbaa warraa fi haati warraa qunnamtii saalaa gaa'ela keessatti barbaachisaa ta'e raawwachuu qabu.

3. Waliigalteen kana faalleessu kamiiyyuu bu'aa hin qabaatu.
Walumaagalatti Dhirsaa fi Niitiin gaayila keessatti Amma Saalquunnamtiin sun fayyaa isaaniif balaafamaa hin taanetti Walquunnamtii Saalaa Raawwachuu qabu.
Yaadaa fi gaaffii yoo qabaattan;
Comment, Share godhaa.
Galatoomaa

 ✔Yakkoonni guyya guyyaan raawwatamaa jiru raawwattoonni yakkaa gariin seeraaf dhiyaatee murtii argachaa jiraatuus yakko...
06/08/2026


✔Yakkoonni guyya guyyaan raawwatamaa jiru raawwattoonni yakkaa gariin seeraaf dhiyaatee murtii argachaa jiraatuus yakkoonni eeruun osoo hin dhiyaatin dhoysaan ganda keessatti hafuus hedduudha.

✔Yakki yeroo raawwatamu miidhaalee garagaraa akka hordofsiisuu beekamaadha.
miidhaa yakki hawaasummaa,Diinagdee akkasumaas fayyaa irratti qabuu fi erga yakki raawwatee fi osoo hin raawwatin qooda fudhattoota irraa maaltu eegama kan ja'u akka armaan gadiitti dhiheessuuf yaallee jirra


👉🏻Hojii Ummataa fi Mootummaa gufachiisuun hawaasni tajaajila mootummaa irraa argachuu qabu akka hin arganne taasisuu

👉🏻Raawwataa yakkichaa fi miidhamaa jiddutti hijaan ykn xiiqiin baballachuun diigamiinsa hawaasaa hordosiisuu danda’a

👉🏻Maatii raawwattootaa yakkaa fi miidhamtooota jiddutti yakki biroo akka raawwatuuf carraa ni uuma

👉🏻Faca’iinsa matiitiif sababa ni taha akkasumaas jeequmsa garaagaraaf karaa ni bana

👉🏻Yakkoota biroo kanneen akka qabeenya balleessuu akka raawwatamuuf karaa ni bana Fkn namni yeroo wal ajjeese maatiin namni irraa du'e tumsaan qabeenya maatii shakkamaa sanaa yeroo barbadeessan ni mullata


👉🏻Baasii hin malleef nama saaaxila keessattuu yaalaaf himannaafi kkf

👉🏻Namni yakka raawwatee mana sirreessaa gale galii silaa dalagaa jiraatee argatu ni dhaba

👉🏻Jeequmsi akka ka’u gochuun hojiileen tokko tokko akka gufatu gochuun galii ni hirissuu

👉🏻Qaama hirrisuun nama hojjatee bulu hiyyummaaf saaxiluu

👉🏻Miidhamaa fi raawwataan yakkichaas osoo himanni hin banamin dura himannaaf deddeebi’uun baasii adda addaaf saaxilamuu

👉🏻Raawwataan yakkichaa seera hariiroo hawaasaatiin himatame beenyaa yeroo gaafatamu maallaqa baayyee kafaluu danda’a

👉🏻keessattuu balaa tiraafikaan wal qabatee guyyatti namni baayyeen akka du'u taasisuun qabeenyi miliyoonaan lakkaawamu akka barbadaa'u taasisaa jira

👉🏻Qaala'iinsa jireenyaa hordofsiisuu danda'a FKn daldalaan tokko karaa seeraa alaan daldala seeraa alaa keessatti hirmaachuun duroomee daldalaan seeraan daldalu wajjiin dorgomee galii inni argatu dhabsiisuu danda'a waan taheef

👉🏻qabeenya nama dhuunfaa fi Mootummaa irraas miidhaa geessisuun guddina diinagdee biyyattii laamshessuu fi kkfn dha


👉🏻Miidhaa qaamaa cimaan yeroon booda du’a hordofsiisuu danda’u akka dhaqqabu taasisa

👉🏻Qaamaa hirrisuudhaan nama jajjabaa carraaqatu ykn dalagatu mana galchuu danda’a

👉🏻Dukkuboota biroo hordofsiisuu danda’a

👉🏻Miidhaa xiinsammuu cimaa hordofsiisuu danda’a FKN dubartiin ijoollummaan yakki gudeeddaa irra dhaqqabe yeroo guddattuus yakkicha sana yaadachuun gadda keessa seenti waan taheefi.

↪Hawaasni keenya yakki osoo hin raawwatin maal gochuu qabu ❓ erga yakki raawwatee hoo maal gochuu qabu ❓
✅Osoo yakkichi hin raawwatin waan gochuu qaban

👉🏻rakkoowwan dhalatan kan yakkaaf nama saaxiluu danda’an hunda Araaraan akkasumaas mariin furachuu

👉🏻Obsaa fi tasgabbiin miidhaa yakki hordofsiisu danda’u dursanii xiinxaluun of qabu

👉🏻Manguddoon gandaa namoota yakka raawwachuu danda’u jedhamanii shakkamaniif gorsa kennuun sirreessuu ummanniis Gorsa manguddoo fi abboottii amantaa dhagahuu

👉🏻Hawaasni keenya aadaa wal kabajuu wal dhagahuu duraan qaban tiiyfachuun yakka itttisuu qabu.

✅Erga yakkichi raawwate hoo maal gochuu qabu❓
👉🏻Yakka raawwate yo danda’ame fi kan seeraan hayyamamu yo tahe Mangudummatti araaraan fixachuu qabu

👉🏻Yakkoota seeraan araaraan dhumuu hin dandeenye yo tahe gama seeraa deemuun furmaata itti gochuu

👉🏻Namoota sababa yakki tokko raawwateef jecha yakka biroo raawwachuuf deeman qaama dhimmi ilaaluuf eeruu kennuun akka adabamu gochuu fkk niidha

✅yakka ittisuun wal qabatee Qaamolee mootummaa dhimmi ilaallatu irraa maaltu eegama❓
👉🏻Hawaasaa wajjiin qindaawuun ol’aantummaa seeraa mirkaneessuu

👉🏻Hawaasaaf yakki maal akka tahe fi miidhaa isaa akkasumaas adabbii isaa ilaalchisee hubannoo seeraa kennuun ummata hubannoo seeraa qabu uumuu dandahuu qabu

👉🏻Namoota harka qalleeyyiii yakki irratti raawwate bakka bu’uun himata banuun falmuun haqa mirkaneessuu (keessattuu kuni Abba Alangaa ilaallata)

👉🏻Yakkoota manguddummaan akka dhumatu seeraan hayyamame akka fixatan gorsuu

👉🏻Namoota balafamoo yakka adda addaa irratti hirmaataa ta’an saaxiluun ykn eeruu kennuun seeratti dhiheessuun nageenyaa fi tasgabbii hawaasaa mirkaneeysu.

Miidhaaleen yakki hordofsiisuu danda'u kanneen qofaa miti lakkaawanii xumuruun ni ulfaata nutiis hanguma dandeenyuu fi guyya guyyaan hojii idilee keessatti nu qunnaman barreessine waan ni hafe jettan itti dabalaa.

Seera wallaaluun itti gaafatamummaa seeraa jalaa nama hin baasu! Ignorance of law does not excuse!

Meeshaa tokko Suuqiidhaa Bittanii, yoo meeshaan isin bittan hanqina qabaate amma guyyaa 15tti qarshii ittiin bittan deeb...
03/08/2026

Meeshaa tokko Suuqiidhaa Bittanii, yoo meeshaan isin bittan hanqina qabaate amma guyyaa 15tti qarshii ittiin bittan deebisiifachuuf mirga akka qabdan beektuu?

Seerri maal jedhaa?
Akkaataa labsii dorgommii daldalaa fi eegumsa mirga shamaatotaa labsii 813/2006 keewwata 20 (2) A tiin; Shamaataa (namni meeshaa tokko suuqii bite) meeshaan inni bite hanqina qabaachuu isaa yoo arge, meeshaan daldaalaa akka jijjiiramuuf gatiin ittiin bite akka deebi'uuf yookiin hanqina kan tajaajilaa yoo ta'e tajaajilichi akka irra deebi'amee kennamuuf yookaan kaffaltiin tajaajilaa akka deebi'uuf bittaan erga raawwatamee guyyaa 15 keessatti nama meeshaa sana itti gurgure gaafachuu ni danda'a jechuun tumee jira.
Egaa akkuma labsii armaan olii irraa hubachuu dandeenyutti namni meeshaa tokko Suuqii tokkoo bite, yoo meeshaan sun hir'ina qabaata hanga guyyaa 15 keessatti nama irraa bite yoo beeksise, filannnoo lama qaba;
1ffaa Qarshii ittiin meeshaa sana bite deebisiifachuu;
2ffaa Meeshaa bite sana jijjiirrachuu
Seera fi qajeelfama beekaati mirga keessan kabachiifadhaa;
Yaadaa fi gaaffii yoo qabaattan;
Comment, Share godhaa.
Galatoomaa

 ✅️Mancaatiin bosonaa Naannnicha keessatti uumamaa jiru jijjiirama qilleensaa, babal’ina. gammoojjummaa, dhiqamiinsa biy...
30/07/2026


✅️Mancaatiin bosonaa Naannnicha keessatti uumamaa jiru jijjiirama qilleensaa, babal’ina. gammoojjummaa, dhiqamiinsa biyyoo, hanqina bishaaniifi oomisha midhaan nyaataa, beela, hiyyummaafi buqqa’iinsa hordofsiisaa kan jiru ta’uu waan hubatameef;

✅️Tarsiimoo diinagdee magariisaa sadarkaa biyyaaleessaafi Naannichaatti gaggeeffamaa jirugiddugaleessa godhateen misooma ariifachiisaafi ittifufiinsa qabu mirkaneessuuf qabeenyibosonaa gahee guddaa waan qabuuf;

✅️Qabeenya bosonaa sababa adda addaatiin manca’aa jiru hirmaannaa ummataa, abbootii qabeenyaa, dhaabbilee mootummaafi miti-mootummaatiin deebisanii misoomsuun haala. ittifufiinsa qabuun fayyadamuudhaan dhaloota dhufuuf dabarsuun dirqama lammummaa waan ta’eef;

✅️Misooma, bulchiinsaafi ittifayyadama qabeenya bosonaa keessatti sirna hirmaannaafi fayyadamummaa ummataa mirkaneessuu dandeessisu diriirsuun hojiirra oolchuun barbaachisaa ta’ee waan argameef; Caffeen Naannoo Naannoo Oromiyaa Labsii Misoomaa, Bulchiinsaafi Ittifayyadama Bosonaa Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Qophaa’e,labsii Lakk.257/2016 tumee jira Labsichi bal'aa barreeffama kanaaf gochoota dhoorkaman fi adabbii yakkaa akka salphatti dhaqqabamaa tahuuf keessaa baasuun maxxanseen jira akka itti aanutti dubbisaa👇


👃1) Namni kamiyyuu:
(a) Gosa mukaa baduu irratti argaman yookiin eegumsi addaa taasifamuufii qaban kanneen akka Odaa, Birbirsaa, Heexoo, Waddeessa, Hoomii, Gaattiraa biyya keessaafi Qararoo (Guduba);
(b) Muka qaamni aangoo qabu eegumsi addaa taasifamuufii qaba jedhee
moggaasee; fi
(c) Uumamaan bosona mootummaa, hawaasaafi dhuunfaa keessatti biqilanii argaman muruun dhorkaadha.

✅️2) Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 1 jalatti kan tumame jiraatus, Abbaan qabiyyee
gosa mukaa baduu irratti argaman qabiyyee isaarratti ofiisaatii kan misoomse yoo
ta’e, Abbaa Taayitichaa hayyamsiisuun ittifayyadamuu ni danda’a.

✅️3) Namni kamiyyuu qabiyyee isaa irraa yoo ta’e malee, Abbaa Taayitichaa yookiin
Abbaa qabiyyee irraa hayyama barreeffamaan kenname osoo hin qabaatiin bosona
kamiyyuu keessa
👉🏼(a) Muka muruun;
👉(b) Cilee qopheessuun;
👉(c) Yeroof yookiin dhaabbiin bosona keessa qubachuun;
👉(d) Beeyiladoota dheeddichaaf bosona keessatti bobbaasuun;
👉(e) Adamoo gaggeessuun;
👉(f) Magaazii muka muru yookiin baqaqsuufi meeshaalee bosona mancaasuuf oolan biroo bosona keessatti qabatanii argamuun dhorkaadha.

✅️4) Sakkata’iinsa dhiibbaa naannoofi hawaasaa gaggeeffamee Abbaa Taayitichaaf dhiyaatee osoo hin mirkanaa’iin bosonaafi lafa bosonaa kamiyyuu pirojektii misoomaatiif kennuun dhorkaadha.

✅️5) Namni kamiiyyuu Abbaa Taayitichaafi qaama dhimmi ilaalu irraa hayyama osoo hin
argatiin bosona keessaa mala kamiiniyyuu albuuda baasuun dhorkaadha.

✅️6) Qabeenya bosona uumamaa ciranii buna, jimaafi warqee dhaabuun akkasumas hojii
qonnaa biroo gaggeessuun dhorkaadha.

✅️7) Namni kamiyyuu hayyama Abbaa Taayitichaatiin ala bosonicha balaa irraahambisuuf yookiin akkaataa baratama hawaasa naannawa sanaatti sirna woyyoomaa gaggeessuuf yoo ta’e malee, bosona woyyuu keessa seenuun dhorkaadha.

✅️8) Namni kamiyyuu biqiltuu, bineensa yookiin lubbu qabeeyyii hin mul’anneefi ilbiisota fayyaa namaa, bineensotaafi sirnakkoo irratti miidhaa geessisaniifi bosona keessatti hin hayyamamneefi hin beekamne bosona keessatti galchuu, horsiisuu, tursiisuu yookiin kuusuun dhorkaadha.
✅️9) Namni kamiyyuu bu’aa bosonaa hayyama malee geejjibuun akkaataa Qajeelfama bahuun dhorkaman mala geejjibaa kamiiniyyuu fe’ee bakkaa bakkatti sochoosuun yookiin geejjibsiisuun dhorkaadha.


✅️1) Namni kamiyyuu, akkaataa Labsii kanaafi Labsii kana raawwachiisuuf Dambiifi Qajeelfama bahuun yoo ta’e malee, bosona mootummaa, bosona hawaasaa, bosona waldaa yookiin bosona dhuunfaa keessaa hayyama abbaa qabeenyaa bosonichaan ala muka kan mure yookiin cilee kan qopheesse yookiin bu’aa bosonaa kan fudhate yookiin kan kuuse yookiin gocha kana kan deeggare yookiin bu’aa bosonaa karaa seeraan alaatiin argame haala kamiinuu qabatee kan argame yookiin kan ittifayyadame yoo ta’e, bu’aa bosonichaa dhaaluun akka eegametti ta’ee, hidhaa cimaa waggaa shan hin caalleefi adabbii maallaqaa qarshii 10,000.00 (kuma kudhanii) hanga 20,000.00 (kuma digdamaa) gahuun ni adabama.

✅️2) Namni kamiyyuu mallattoo daangaa bosonaaf taa’e kan balleesse, kan haqe yookiin kan jijjiire yoo ta’e hidhaa cimaa waggaa sadii hin caalleefi adabbii maallaqaa qarshii 10,000.00 (kuma kudhanii) hanga 30,000.00 (kuma soddomaa) gahuun ni adabama.

✅️3) Namni kamiyyuu ta’e jedhee ibidda qabsiisuun yookiin haala biroo kamiinuu bosona irratti miidhaa kan geessise yoo ta’e, hidhaa cimaa waggaa 10 (kudhanii) gadi hin taaneefi waggaa 15 (kudha shan) hin caalleen ni adabama.

✅️4) Miidhaan akkaataa Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 3tiin dhaqqabedagannoodhaan yoo ta’e, hidhaa salphaa waggaa 1 (tokkoo) gadi hin taaneefiwaggaa 2 (lamaa) hin caalleen yookiin adabbii maallaqaa qarshii 5,000.00 (kuma shanii) hanga 10,000.00 (kuma kudhanii) gahuun ni adabama.

✅️5) Namni kamiyyuu bosonaafi lafa bosonaa daangeffame keessa kan qubate yookiin kan qote yookiin lafa qonnaa kan itti babal’ise yookiin ijaarsa kamiyyuu kan irratti gaggeesse yoo ta’e, qabiyyicha gadi lakkisiisuun akkuma eegametti ta’ee, hidhaa cimaa wagga 2 (lamaa) gadi kan hin taaneefi waggaa 4 (afur) hin caalleefi adabbii maallaqaa qarshii 10,000.00 (kuma kudhanii) hanga 40,000.00 (kuma afurtama) gahuun ni adabama.

✅️6) Namni kamiyyuu hayyama malee, bosonaafi lafa bosonaa daangeffame keessatti dheedhichaaf beeyilada kan bobbaase, magaazii muka baqaqsuufi meeshaalee. bosona mancaasuuf oolan biroo qabatee kan argame, hayyama Abbaa Taayitichaa yookiin qaama dhimmi ilaalu irraa osoo hin argatiin mala aadaatiin albuuda kan baase yookiin faallaa Labsii kanaatiin bosona woyyuu keessa kan seene yoo ta’e hidhaa salphaa ji’a 6 (jahaa) gadi hin taaneefi adabbii maallaqaa qarshii 10,000.00 (kuma kudhanii) gadi hin taaneen ni adabama.

✅️7) Namni kamiyyuu bu’aa bosonaa hayyama malee geejjibuun dhorkaa ta’an, hayyama osoo hin qabaatiin mala geejjibaa kamiiniyyuu fe’ee bakkaa bakkatti kan sochoose yookiin kan kuuse yoo ta’e, bu’aa bosonichaa dhaaluun akkuma eegametti ta’ee,hidhaa salphaa ji’a 6 (jahaa) gadi hin taaneefi waggaa 1 (tokko) hin caalleefi adabbi maallaqaa qarshii 5,000.00 (kuma shanii) hanga 10,000.00 (kuma kudhanii) gahuun ni adabama.

✅️8) Abbaan qabeenyaa bosonaa kamiyyuu bosona keessatti ilbiisonni yookiin aramaa yookiin dhibee weerartuun bosonaa muudachuu isaa osoo beekuu qaama dhimmi ilaaluuf hatattamaan kan hin beeksifne yoo ta’e, adabbii hidhaa salphaa ji’a 6 (jahaa gadi hin taaneefi waggaa 1 (tokko) hin caalleefi adabbii maallaqaa qarshii 1,000.0 (kuma tokkoo) hanga 5,000.00 (kuma shanii)) gahuun ni adabama.

✅️9) Abbaan qabeenya bosonaa biqiloota yookiin bineensota yookiin lubbu qabeeyyii xixiqqaa bosonatti galchuun hin hayyamamne galchee kan argame yoo ta’e adabbii. hidhaa cimaa waggaa 1 (tokkoo) gadi hin taaneefi waggaa 3 (sadii) hin caalleefi adabbii mallaaqaa qarshii 10,000.00 (kuma kudhanii) hanga 30,000.00 (kuma soddoma) gahuun ni adabama.

✅️10) Namni kamiyyuu gosa mukaa sanyiin isaanii badaa jiran jedhame yookiin eegumsa addaa taasifamuufii qaba jedhamee moggaafame qabiyyee dhuunfaa, mootummaa,waldaa yookiin hawaasaa irraa karaa seeraa alaatiin kan mure yookiin bu’aa isaa bakkaa bakkatti kan geejjibsiise yookiin kan kuuse yookiin gurgurtaaf kan dhiyeesse yoo ta’e, adabbii hidhaa cimaa waggaa 5 (shanii) gadi hin taaneefi waggaa (saddeet) hin caalleefi adabbii maallaqaa qarshii 15,000.00 (kuma kudha shanii hanga 20,000.00 (kuma digdamaa) gahuun ni adabama. Maddi barruu labsichuma KWT 34 fi 35
✍️

  karaa seera qabeeysaa tahetti deebifata? Waraqaan ragaa abbaa qabiymaa hoo akkamiin argachuu danda'a? Waraqaa abbaa qa...
27/07/2026

karaa seera qabeeysaa tahetti deebifata? Waraqaan ragaa abbaa qabiymaa hoo akkamiin argachuu danda'a? Waraqaa abbaa qabiyyummaa argachuuf kafaltiin kafalamu hoo ni jiraa? Waliin haa ilaalluu👇

⚖️Dambii Ijaarsa Seeraan Alaa Dambiin Boodaa Lafa Magaalaa Sirna Qabsiisuuf Bahe Lakkoofsa 259/2018 keewata 7-9
💥‎7. Adeemsa Sirna Qabsiisuun Itti Raawwatamu ljaarsi seeran alaa dambiin booda adeemsa armaan gadiitiin sirna kan qabatu ta'a:
✍️‎1. Waajirri lafaa sadarkaa magaalaatti jiru yeroo iyyannoon itti dhiyaatu murteessuur beeksisa kan baasu ta'a.

✍️‎2. Namni ulaagaa Dambii kanaan tumame guutu yeroo beeksisni Waajjira lafaa sadarkaa magaalaatti jiru baase kee ssatti ragaa qabu qabatee dhiyaachuun iyyata isaa Waajirichatti kan dhiyeeffatu ta'a.

✍️‎3. Waajjirichis nama ijaarsi seeraan alaa dambiin boodaa sirna akka qabatuuf iyyate ulaagaa Dambii kanaan tumame guutuu isaa mirkaneeffachuuf ogeessa isaa bakka ijaarsa seeraan alaa dambiin boodatti erguun XY koordineetii akka fudhatu kan taasisu ta'a.

✍️‎4. Waajirichis bu'uura Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 3tiin XY koordineetii ‎fudhatame bu'ureffachuun suura saatalaayi erga mirkaneeffateen booda ulaagaa Dambii kanaan tumame guutuu isaa maanaajimantii isaatiin mirkaneeffachuun Mana Maree Bulchiinsa Magaalichaatti dhiyeessuun erga mirkanaa'een booda waraqaa ragaa ‎abbaa qabiyyummaa kan kennu ta'a.

✍️‎5. Keewwata kana Keewwata Xigqaa 2 jalatti kan tumame akkuma eegametti ta'ee, namni ijaarsa seeraan alaa dambiin boodaa qabaachuun yeroo beeksisaa Waajjirichaan murtaa'e keessatti dhiyaatee hin galmaain hafe haala kaminiyyuu keessummaa'uu hin ‎danda'u.

💥‎8. Waraqaa Ragaa Abbaa Qabiyyummaa Kennuu Nama ijaarsa seeraan alaa dambiin boodaa raawwachuun ulaagaa Dambii kana Keewwata 6 jalatti tumame guutuun adeemsa Dambii kana Keewwata 7 jalatti tumame keessa darbeef Waraqaan ragaa abbaa qabiyyummaa yookiin kaartaan akkaataa armaan gadiitiin kan kennamuuf ta'a:
✍️‎1. Bal'inni qabiyyee seeraan alaa dambiin boodaa seera qabeessa akka ta'uuf kan murtaa'u qabiyyicha irra ijaarsa jiru bu'uureffachuun Pilaani misoomaa qeee magaalichaa irratti hundaa'uun ta'a.

✍️‎2. Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 1 jalatti kan tumame akkuma eegametti ta'ee, magaalota Pilaanii nmisooma qe'ee hin qabne keessatti yoo ta’e pilaanii bư'uuraa irratti hundaa'uun ta'a.

✍️‎3. Nama ulaagaa Keewwata kanaafi Dambii kana keessatti tumame guutee argameef istaandaardii shinshaanoo magaalichaa isa xiqqaa irratti hunda'uun waraqaan ragaa abbaa qabiyyummaa kan kennamuuf ta'a.
✍️‎4. Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 3 jalatti kan tumame jiraatus, bal'inni lafichaa istaandaardii shinshaanoo magaalichaa isa xiqqaa ol yoo ta'eefi ofdanda'ee misoomuu kan hin dandeenye yoo ta'e hanga lafa qabiyyee istaandaardii isa xiqqaa ol qabatee of danda'ee hin misoomne ilaalchisee gatii ka'umsa caalbaasii wayitaawaan dabalatee waraqaan ragaa abbaa qabiyyummaa kan kennamuuf ta'a.

✍️‎5. Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 3 fi 4 jalatti kan tumame akkuma eegametti ta'ee, ijaarsa seeraan alaa dambiin boodaa istaandaardii shinshaanoo magaalichaa isa xiqqaa irraa hafe kan ofdanda'ee misoomu yoo ta'e, qabiyyichi baankii lafaatti kan deebi'u ta'a.

💥‎9. Waraqaa Ragaa Abbaa Qabiyyummaa Kennuuf Kaffaltii Raawwatamu
👉1. Namni ulaagaa Dambii kanaa Keewwata 6 - 8tti tumaman guutee argame Waraqaa Raga Ragaa Abbaa Qabiyyummaa argachuuf kaffaltiiwwan armaan gadii raawwachuu qaba:

✍️‎a. Magaalota Sirna liiziin bulan keessatti gatii ka'umsa lizii magaalichaa sadarkaa
‎lafaa irratti hundaa'uun seeraan murtaa'ee jiru bu'uureffachuun kuufama kaffaltii liizii Amajii 24 Bara 2005 irraa eegalee hanga guyyaa waligaltee mallatteessuutti jiru gatii ka'umsa liizii hojiirra jiruun shallaguun kaffaluu;
✍️‎b. Adabbii murtaa'aa bu'uura Dambii kanaan murtaa'e kaffaluu; fi

✍️‎c. Kuufama kaffaltii gatii baaxifi gooroo.
👉‎2) Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 1 jalatti kan tumame akkuma egametti ta'ee, Magaalaa sirna liizii keessa hin galle ilaalchisee kaffaltiiwwan armaan gadii kan ‎raawwatamu ta'a:
✍️‎a. Gatii kiraa lafaa magaalichaa sadarkaa lafaa irratti hundaa'uun seeraan murtaa'ee jiru bu'uureffachuun kuufama kaffaltii kiraa Amajii 24 Bara 2005 irraa eegalee hanga guyyaa waliigaltee mallatteessuutti jiru gatii kiraa hojiirra jiruun shallaguun kaffaluu;
✍️‎(b) Adabbii murtaa'aa bu'uura Dambii kanaan murtaa'e kaffaluu; fi
✍️‎(c) Kuufama kaffaltii gatii baaxiifi gooroo.

👉‎3) Adabbiin akkaataa Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 1 (b) fi 2 (b) tin kennamu kan murtaa'u walduraa duubaan kaffaltii gatii ka'unısa liizii yookiin kiraa lafichaafi kaffaltii gatii baaxiifi gooroo Amajji 24 Bara 2005 irraa eegaluun hanga guyyaa Dambiin kun mirkanaa'ee hojiirra ooleetti kuufamee jiru walitti ida'uudhaan gatii waliigalaa argamu irratti kaffaltii adabbii murtaa'aa dhibbantaa % 30 dabaluun herregamee kan kaffalamu ta'a.

👉‎4) Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 1-3 jalatti tumamee jiru akkuma eegametti ta'ee, waraqaan ragaa abbaa qabiyyummaa kan kennamu kaffaltiin bu'uura Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 1 fi 2 jalatti tumameen erga kaffalamee xumurameen booda ta'a.
Haqaan haqaaf haa hoojjennu Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Gurawaatu katabe
Dabala Dambii ijaarsa seeraan alaa dambiin boodaa Magaaloota Naannoo Oromiyaa sirna qabsiisuuf bahe dambii lakk 259/2018 dubbisaa

Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Meettaa

HUBANNOO SEERAA================================LABSII BISHAANII FI ITTI FAYYADAMA BISHAANII MOOTUMMAA NAANNOO OROMIYAA L...
26/07/2026

HUBANNOO SEERAA
================================
LABSII BISHAANII FI ITTI FAYYADAMA BISHAANII MOOTUMMAA NAANNOO OROMIYAA Labsii Lakk. 256/2016.
1. KAAYYOO LABSICHAA
✅ Qabeenya bishaanii Oromiyaa eeguu fi kunuunsuu.
✅ Bishaan sirnaan misoomsuu fi fayyadamummaa isaa guddisuu.
✅ Bishaan haqa qabeessa ta'een uummataaf qooduu.
✅ Bishaan faalama irraa eeguu fi naannoo tiksuu.
✅ Walitti bu'iinsa bishaan irratti uumamu seeraan to'achuu.
✅ Mirga dhaloota har'aa fi dhaloota dhufuuf qabeenya bishaanii eegsisuu.
2. WANTOOTA DHORKAMAN
❌ Hayyama malee bishaan baasu ykn fayyadamuu.
❌ Bishaan faalu ykn xurii gara bishaanitti gad lakkisuu.
❌ Madda bishaanii balleessuu ykn miidhuu.
❌ Ya'a bishaanii seeraan alaa jijjiiruu.
❌ Bishaan qisaasessuu fi faayidaa hin qabneef oolchuu.
❌ Odeeffannoo sobaa kennuun hayyama argachuuf yaaluu.
❌ Ajaja qaama mootummaa bishaan bulchu diduu.
3. HAYYAMA KENNUU Hayyamni bishaanii kan kennamu qaama mootummaa aangoo qabu qofaan. Hayyamni kan kennamu:
• Kaayyoon itti bishaan fayyadaman yoo ifa ta'e.
• Madda bishaanii irratti miidhaan hin uumamne yoo ta'e.
• Ulaagaan seeraa yoo guutame.
• Faayidaan uummataa yoo eegame.
4. HAYYAMA HAQUU
Qaamni mootummaa hayyama ni haqa yoo:
🔹 Seerri cabsame.
🔹 Bishaan faalame.
🔹 Kaayyoo hayyamni itti kenname irraa ala fayyadame.
🔹 Odeeffannoo sobaa dhiyeesse.
🔹 Kaffaltii seeraan murtaa'e hin kaffalle.
🔹 Ajaja mootummaa didde.
🔹 Naannoo ykn uummata irratti miidhaa geessise.
5. ADABBIIWWAN
🟢 Keewwata 38(1): Eegumsa Burqaa Bishaanii
Namni:
• Biqiltuu bishaan baay'inaan xuuxu bakka mootummaa dhorketti dhaabu;
• Burqaa bishaanii, laga, haroo fi qarqara isaanii mancaasu;
• Biqiltuu burqaa bishaanii irraa ciruu ykn balleessu,
🔴 Adabbii:
• Hidhaa salphaa hanga ji'a 6
• Ykn adabbii maallaqaa Qarshii 10,000.
🟡 Keewwata 38(2): Daangaa Hayyamaa Darbee Bishaan Fayyadamuu Namni:
• Daangaa hayyama kennamee alatti lafa babal'ifatee bishaan fayyadamu;
• Ykn hojii ijaarsa bishaanii seeraan alaa raawwatu,
🔴 Adabbii:
• Hidhaa cimaa waggaa 1 irraa hanga waggaa 3
• fi adabbii maallaqaa Qarshii 20,000 hanga Qarshii 30,000.
🟠 Keewwata 38(3): Boolla Bishaanii Seeraan Alaa Foduu fi Bishaan Baasuu Namni:
• Waliigaltee ykn hayyama malee boolla bishaanii qotu;
• Qorannoo malee bishaan baasu;
• Hamma hayyamame caalaa bishaan fayyadamu,
🔴 Adabbii:
• Hidhaa cimaa waggaa 2 hanga waggaa 3
• fi adabbii maallaqaa Qarshii 25,000 hanga Qarshii 30,000.
🔵 Keewwata 38(4): Bishaan Daangaa Alatti Jallisiisuu Namni:
• Bishaan hayyamame alatti jallisiisu;
• Nama biraas akka jallisiisu taasisu;
• Ykn boolla qotuun bishaan baasu,
🔴 Adabbii:
• Hidhaa cimaa waggaa 3 hanga waggaa 5
• fi adabbii maallaqaa Qarshii 30,000 hanga Qarshii 50,000.
🟣 Keewwata 38(5): Hayyama Malee Bishaan Fayyadamuu Namni:
• Hayyama malee bishaan fayyadamu;
• Bishaan gurguru;
• Hojii ijaarsa bishaanii seeraan alaa raawwatu;
• Hayyama haqame ykn dhorkame fayyadamu,
🔴 Adabbii:
• Hidhaa cimaa hanga waggaa 5
• fi adabbii maallaqaa Qarshii 20,000 hanga Qarshii 50,000.

26/07/2026
DOGOGGORTANII Maallaqa Karaa MOBILE BANKING Lakkoofsa Acount Nama Biraatti yoo dabarsitan Akkamittiin Deebisiifachuu Akk...
25/07/2026

DOGOGGORTANII Maallaqa Karaa MOBILE BANKING Lakkoofsa Acount Nama Biraatti yoo dabarsitan Akkamittiin Deebisiifachuu Akka Dandeessan beektuu?
Akka qajeeltootti namni Maallaqa tokko Sababa kanfaluuf hin qabne yoo kanfale gaafatee deebisiifachuuf mirga akka qabu SHH keewwanni 2164 ifaan tumee jira. Haa ta'u malee, namni maallaqa nama biraaf dabarse Mana Baankiitti Maqaa nama maallaqni darbee fi sanaa fi lakkoofsa Account sanaa ofii isaatii barreessee yoo dabarseef, akka fedhii isaatiin dabarsetti waan lakkaa'amuuf maallaqa dabarse sana gaafachuu hin danda'u.

Haala addaatiin garuu, namni maallaqa gara lakkoofsa account nama biraatti dabarse, akka maallaqni sun isaaf deebi'uuf gaafachuu kan danda'u; sababoota armaan gadii kanaan ta'a. Isaaniis;
1. Maallaqa sana kan dabarse dogoggoraan yoo ta'e.
2. Maallaqa sana kan dabarse gowwoomfamee yoo ta'e
3. Maallaqa sana kan dabarse; dirqisiifamee yookaan sodaachifamee yoo ta'e, maallaqni inni namaaf dabarse sun akka deebi'uuf gaafachuu danda'a.
Dhaddachi Ijibbaataa Mana Murtii Waliigala Federaalaa Jiildii 26ffaa Lakk galmee 175660 ta'e irratti murtee dirqisiisaa kenneen; Namni Maallaqa account nama biraatti dabarse dogoggoraan dabarsuun isaa amma hin mirkanoofneetti, Akkasumaas dirqamni amma hinjirretti maallaqa lakkoofsa herreegaa nama biraatti dabarse akka deebi'uuf gaafachuu hin danda'u jechuun murteessee jira.
Walumaagalatti maallaqa yeroo lakkoofsa account tokko irraa gara lakkoofsa account biraatti dabarsinu of eeggannooo gochuu qabna. Of eeggannoo osoo hin taasisiin maallaqa gara lakkoofsa account nama biraatti yoo dabarsine dogoggoorri amma hin jiraanneetti, Maallaqa sana nama itti dabarsineen naaf deebisi jennee gaafachuu hin dandeenyu. Kana jechuun namni maallaqa lakkoofsa account isaa irraa gara lakkoofsa account nama biraatti dabarse akka waan fedhii isaatiin dabarseetti waan lakkaa'amuuf; amma dogoggorri hin jiraannetti maallaqa dabarse sana nama itti dabarseen naaf deebisi jedhee gaafachuu hin danda'u. Murtiin dhaddacha ijibbaataa lakkoofsi galmee armaan olitti caqasnes sanuma ibsa.

Namoota danuu bira akka gahuuf hubannoo akka irraa argataniif godhaa

Kan barreesse; Boonsaa Bareechaati

Address

Oromiyaa
Oromiyaa

Telephone

+251913206091

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Sigimoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Waajjira Abbaa Alangaa Aanaa Sigimoo:

Shortcuts

Share