30/07/2026
✅️Mancaatiin bosonaa Naannnicha keessatti uumamaa jiru jijjiirama qilleensaa, babal’ina. gammoojjummaa, dhiqamiinsa biyyoo, hanqina bishaaniifi oomisha midhaan nyaataa, beela, hiyyummaafi buqqa’iinsa hordofsiisaa kan jiru ta’uu waan hubatameef;
✅️Tarsiimoo diinagdee magariisaa sadarkaa biyyaaleessaafi Naannichaatti gaggeeffamaa jirugiddugaleessa godhateen misooma ariifachiisaafi ittifufiinsa qabu mirkaneessuuf qabeenyibosonaa gahee guddaa waan qabuuf;
✅️Qabeenya bosonaa sababa adda addaatiin manca’aa jiru hirmaannaa ummataa, abbootii qabeenyaa, dhaabbilee mootummaafi miti-mootummaatiin deebisanii misoomsuun haala. ittifufiinsa qabuun fayyadamuudhaan dhaloota dhufuuf dabarsuun dirqama lammummaa waan ta’eef;
✅️Misooma, bulchiinsaafi ittifayyadama qabeenya bosonaa keessatti sirna hirmaannaafi fayyadamummaa ummataa mirkaneessuu dandeessisu diriirsuun hojiirra oolchuun barbaachisaa ta’ee waan argameef; Caffeen Naannoo Naannoo Oromiyaa Labsii Misoomaa, Bulchiinsaafi Ittifayyadama Bosonaa Naannoo Oromiyaa Murteessuuf Qophaa’e,labsii Lakk.257/2016 tumee jira Labsichi bal'aa barreeffama kanaaf gochoota dhoorkaman fi adabbii yakkaa akka salphatti dhaqqabamaa tahuuf keessaa baasuun maxxanseen jira akka itti aanutti dubbisaa👇
👃1) Namni kamiyyuu:
(a) Gosa mukaa baduu irratti argaman yookiin eegumsi addaa taasifamuufii qaban kanneen akka Odaa, Birbirsaa, Heexoo, Waddeessa, Hoomii, Gaattiraa biyya keessaafi Qararoo (Guduba);
(b) Muka qaamni aangoo qabu eegumsi addaa taasifamuufii qaba jedhee
moggaasee; fi
(c) Uumamaan bosona mootummaa, hawaasaafi dhuunfaa keessatti biqilanii argaman muruun dhorkaadha.
✅️2) Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 1 jalatti kan tumame jiraatus, Abbaan qabiyyee
gosa mukaa baduu irratti argaman qabiyyee isaarratti ofiisaatii kan misoomse yoo
ta’e, Abbaa Taayitichaa hayyamsiisuun ittifayyadamuu ni danda’a.
✅️3) Namni kamiyyuu qabiyyee isaa irraa yoo ta’e malee, Abbaa Taayitichaa yookiin
Abbaa qabiyyee irraa hayyama barreeffamaan kenname osoo hin qabaatiin bosona
kamiyyuu keessa
👉🏼(a) Muka muruun;
👉(b) Cilee qopheessuun;
👉(c) Yeroof yookiin dhaabbiin bosona keessa qubachuun;
👉(d) Beeyiladoota dheeddichaaf bosona keessatti bobbaasuun;
👉(e) Adamoo gaggeessuun;
👉(f) Magaazii muka muru yookiin baqaqsuufi meeshaalee bosona mancaasuuf oolan biroo bosona keessatti qabatanii argamuun dhorkaadha.
✅️4) Sakkata’iinsa dhiibbaa naannoofi hawaasaa gaggeeffamee Abbaa Taayitichaaf dhiyaatee osoo hin mirkanaa’iin bosonaafi lafa bosonaa kamiyyuu pirojektii misoomaatiif kennuun dhorkaadha.
✅️5) Namni kamiiyyuu Abbaa Taayitichaafi qaama dhimmi ilaalu irraa hayyama osoo hin
argatiin bosona keessaa mala kamiiniyyuu albuuda baasuun dhorkaadha.
✅️6) Qabeenya bosona uumamaa ciranii buna, jimaafi warqee dhaabuun akkasumas hojii
qonnaa biroo gaggeessuun dhorkaadha.
✅️7) Namni kamiyyuu hayyama Abbaa Taayitichaatiin ala bosonicha balaa irraahambisuuf yookiin akkaataa baratama hawaasa naannawa sanaatti sirna woyyoomaa gaggeessuuf yoo ta’e malee, bosona woyyuu keessa seenuun dhorkaadha.
✅️8) Namni kamiyyuu biqiltuu, bineensa yookiin lubbu qabeeyyii hin mul’anneefi ilbiisota fayyaa namaa, bineensotaafi sirnakkoo irratti miidhaa geessisaniifi bosona keessatti hin hayyamamneefi hin beekamne bosona keessatti galchuu, horsiisuu, tursiisuu yookiin kuusuun dhorkaadha.
✅️9) Namni kamiyyuu bu’aa bosonaa hayyama malee geejjibuun akkaataa Qajeelfama bahuun dhorkaman mala geejjibaa kamiiniyyuu fe’ee bakkaa bakkatti sochoosuun yookiin geejjibsiisuun dhorkaadha.
✅️1) Namni kamiyyuu, akkaataa Labsii kanaafi Labsii kana raawwachiisuuf Dambiifi Qajeelfama bahuun yoo ta’e malee, bosona mootummaa, bosona hawaasaa, bosona waldaa yookiin bosona dhuunfaa keessaa hayyama abbaa qabeenyaa bosonichaan ala muka kan mure yookiin cilee kan qopheesse yookiin bu’aa bosonaa kan fudhate yookiin kan kuuse yookiin gocha kana kan deeggare yookiin bu’aa bosonaa karaa seeraan alaatiin argame haala kamiinuu qabatee kan argame yookiin kan ittifayyadame yoo ta’e, bu’aa bosonichaa dhaaluun akka eegametti ta’ee, hidhaa cimaa waggaa shan hin caalleefi adabbii maallaqaa qarshii 10,000.00 (kuma kudhanii) hanga 20,000.00 (kuma digdamaa) gahuun ni adabama.
✅️2) Namni kamiyyuu mallattoo daangaa bosonaaf taa’e kan balleesse, kan haqe yookiin kan jijjiire yoo ta’e hidhaa cimaa waggaa sadii hin caalleefi adabbii maallaqaa qarshii 10,000.00 (kuma kudhanii) hanga 30,000.00 (kuma soddomaa) gahuun ni adabama.
✅️3) Namni kamiyyuu ta’e jedhee ibidda qabsiisuun yookiin haala biroo kamiinuu bosona irratti miidhaa kan geessise yoo ta’e, hidhaa cimaa waggaa 10 (kudhanii) gadi hin taaneefi waggaa 15 (kudha shan) hin caalleen ni adabama.
✅️4) Miidhaan akkaataa Keewwata kana Keewwata Xiqqaa 3tiin dhaqqabedagannoodhaan yoo ta’e, hidhaa salphaa waggaa 1 (tokkoo) gadi hin taaneefiwaggaa 2 (lamaa) hin caalleen yookiin adabbii maallaqaa qarshii 5,000.00 (kuma shanii) hanga 10,000.00 (kuma kudhanii) gahuun ni adabama.
✅️5) Namni kamiyyuu bosonaafi lafa bosonaa daangeffame keessa kan qubate yookiin kan qote yookiin lafa qonnaa kan itti babal’ise yookiin ijaarsa kamiyyuu kan irratti gaggeesse yoo ta’e, qabiyyicha gadi lakkisiisuun akkuma eegametti ta’ee, hidhaa cimaa wagga 2 (lamaa) gadi kan hin taaneefi waggaa 4 (afur) hin caalleefi adabbii maallaqaa qarshii 10,000.00 (kuma kudhanii) hanga 40,000.00 (kuma afurtama) gahuun ni adabama.
✅️6) Namni kamiyyuu hayyama malee, bosonaafi lafa bosonaa daangeffame keessatti dheedhichaaf beeyilada kan bobbaase, magaazii muka baqaqsuufi meeshaalee. bosona mancaasuuf oolan biroo qabatee kan argame, hayyama Abbaa Taayitichaa yookiin qaama dhimmi ilaalu irraa osoo hin argatiin mala aadaatiin albuuda kan baase yookiin faallaa Labsii kanaatiin bosona woyyuu keessa kan seene yoo ta’e hidhaa salphaa ji’a 6 (jahaa) gadi hin taaneefi adabbii maallaqaa qarshii 10,000.00 (kuma kudhanii) gadi hin taaneen ni adabama.
✅️7) Namni kamiyyuu bu’aa bosonaa hayyama malee geejjibuun dhorkaa ta’an, hayyama osoo hin qabaatiin mala geejjibaa kamiiniyyuu fe’ee bakkaa bakkatti kan sochoose yookiin kan kuuse yoo ta’e, bu’aa bosonichaa dhaaluun akkuma eegametti ta’ee,hidhaa salphaa ji’a 6 (jahaa) gadi hin taaneefi waggaa 1 (tokko) hin caalleefi adabbi maallaqaa qarshii 5,000.00 (kuma shanii) hanga 10,000.00 (kuma kudhanii) gahuun ni adabama.
✅️8) Abbaan qabeenyaa bosonaa kamiyyuu bosona keessatti ilbiisonni yookiin aramaa yookiin dhibee weerartuun bosonaa muudachuu isaa osoo beekuu qaama dhimmi ilaaluuf hatattamaan kan hin beeksifne yoo ta’e, adabbii hidhaa salphaa ji’a 6 (jahaa gadi hin taaneefi waggaa 1 (tokko) hin caalleefi adabbii maallaqaa qarshii 1,000.0 (kuma tokkoo) hanga 5,000.00 (kuma shanii)) gahuun ni adabama.
✅️9) Abbaan qabeenya bosonaa biqiloota yookiin bineensota yookiin lubbu qabeeyyii xixiqqaa bosonatti galchuun hin hayyamamne galchee kan argame yoo ta’e adabbii. hidhaa cimaa waggaa 1 (tokkoo) gadi hin taaneefi waggaa 3 (sadii) hin caalleefi adabbii mallaaqaa qarshii 10,000.00 (kuma kudhanii) hanga 30,000.00 (kuma soddoma) gahuun ni adabama.
✅️10) Namni kamiyyuu gosa mukaa sanyiin isaanii badaa jiran jedhame yookiin eegumsa addaa taasifamuufii qaba jedhamee moggaafame qabiyyee dhuunfaa, mootummaa,waldaa yookiin hawaasaa irraa karaa seeraa alaatiin kan mure yookiin bu’aa isaa bakkaa bakkatti kan geejjibsiise yookiin kan kuuse yookiin gurgurtaaf kan dhiyeesse yoo ta’e, adabbii hidhaa cimaa waggaa 5 (shanii) gadi hin taaneefi waggaa (saddeet) hin caalleefi adabbii maallaqaa qarshii 15,000.00 (kuma kudha shanii hanga 20,000.00 (kuma digdamaa) gahuun ni adabama. Maddi barruu labsichuma KWT 34 fi 35
✍️