26/02/2022
Hanni-Aada maleedha!
Himtamtoonni 1ffaa Birhaanuu Tasfaayee kan jedhamu shakkamaa yeroof hin too'atamne Fiqaaduu Darajjee jedhamu waliin ta'un gaafa 21/5/2014 Go/sha/bahaa Aanaa Gumbichuu Ganda Lamlam caffee bakka addaa kotobee jedhame waamamutti baadhina hin malle argachuuf jecha halkan 5:00-6:00 yommuu ta'u Horii shan 1ffaa qabeenyuma isaa kan Misfine Girmaa ta'e Qotiyyoo Bifa Daalachaa tilmaamam qarshii 50,000 baasu,2ffaa Qabeenyumman isaa kan Sh*ttoo Girmaa ta'e 1ffaa Qotiyyoo bifa Magaalaa tilmaaman qarshii 50,000 baasu, 2ffaa Qotiyyoo bifa Gurraacha Burree tilmaaman qarshii baasu 40,000,3ffaa Qabeenyummaa isaa kan Girmaa jimaa ta'e 1ffaa Qotiyyoo bifa Gurracha tilmaaman qarshii 28,000 baasu, 2ffaa Weffana bifa Gurraacha tilmaaman qarshii 30,000 baasu walumatti qabeenya tilmamaan qarshii 198,000 baasu mooraadha yaasee hate fudhachuun gara Go/shawaa kaabaa Aanaa Qinbiibit
Gabaa Asoo geessun gaafa 23/5/2014 1ffaa Qotiyyoo bifa Magaalaa qarshii 21,500 ,2ffaa Qotiyyoo bifa Gurraacha qarshii 16,000 ,3fffaa Weffana bifa Gurrachaa qarshii 18,000 walumatti qarshii 55,500 gurguruun Qotiyyoo bifa Daalachaa fi Gurrachaa burree Gabaa Asootti irra bitamu didan oofee,Qarshii Qotilee itti gurgure 39,600 ta'u immoo qabatee gaafa guyyaa 24/5/2014 Aanaa jiddaa ganda Goglee Naasirii godeetti iddoo addaa xaxxee jedhamutti harkatti yommuu qabu,Himatamaa 2ffaa Sisaay Asheetuu kan jedhamus himatama 1ffaa kana waliin Qotilee hataman kana dhoksuuf oofaa osoo jiru waan argameef Abbaan Alangaa himatamaa 1ffaa S/Y bara 1996 bahe kewt 669/3/B/ jalatti ,himatama 2ffaa immoo S/Y bara 1996 bahe kewt 682/3/ jalatti himannaa irratti dhiyeesseera.Himatamtoonnis dhaddachatti dhiyaatanii gocha ittin himatamaan guutummatti waan amananiif manni murtii Aanaa jiddaa dhaddacha gaafa guyyaa 11/6/2014 ooleen himatamaa 1ffaa Adabbii hidha cimaa waggaa 10n ,himatamaa 2ffaa Adabbii hidhaa salphaa ji'a 3n adabee jira.