15/10/2026
𝐋𝐚𝐛𝐬𝐢𝐢 𝐇𝐚𝐚𝐫𝐚𝐚
•••
Manni Maree Bakka Bu’oota Ummata walgahii addaa 1ffaa gaggeesseen Wixinee Labsii Gurmaa’insa, Aangoo fi Hojii Qaamolee Raawwachiiftuu Federaalaa fooyyeessuuf dhiyaate irratti erga mari’atee booda Labsii Lakk. 1440/2019 taasisuun raggaasisee jira.
Labsii haaraa kana keessatti jijjiiramni bu’uuraa taasifame kan hin jirre yoo ta’ellee ministeerota lama irratti jijjiiramni moggaasaa taasifamuu fi lama immoo bifa haaraan akka gurmaa’an godhameera.
Haaluma kanaan, akka haaraatti ministeerota hundaa’an keessaa duraan "Ministeera Aadaa fi Ispoortii" jedhamee kan beekamaa ture maqaa haaraa "Ministeera Aadaa fi Turiizmii" jedhamee akka gurmaa’u ta’eera. Gurmaa’insi kun Minsteera duraan "Ministeera Turiizmii" jedhamee Aaddee Salaamaawiit Kaasaatiin hoogganamaa ture ofitti hammachuun dhabamsiisee jira.
Dabalataanis, duraan "Ministeera Karooraa fi Misoomaa" jedhamee beekamaa kan ture "Ministeera Tarsiimoo Biyyaalessaa" jedhamuun, akkasumas "Ministeera Geejjibaa fi Loojistikii" kan ture "Ministeera Loojistikii" jedhamuun moggaasni isaanii jijjiiramuun isaa ibsameera.
Maddi: Gonfaa Atoomaa..