18/07/2021
"Dhimmoota Hariiroo Hawaasaa irratti daangaa seerri kaa'e keessatti himanni yoo hin dhihaanne darba yerootiin daangeeffama:
Maddi:- /teyib Nure
✅.Waraqaa ragaa dhaaltummaa sobaan fudhatame akka haqamuuf gaaffiin waggaa 10(kudhan) keessatti yoo hin
dhihaanne waggaa 10 booda dhihaachuu yookiin gaafachuu hin danda'u.
161650 ta'e irratti "waraqaa ragaa dhaaltummaa sobaan argame akka haqamuuf gaaffiin gaafatamuuf darbiinsi yeroo raawwatiinsa qabu
waggaa 10 akka ta'e" seera hariiroo hawaasaa keewwata 1677,1845,1846,fi seera deemsa falmii hariiroo hawaasaa
keewwata 358 fi 359 waliin wal qabsiisuun hiikoo dirqisiisaa kennee ture.
✅Qabeenyi dhaamoon argame waggaa kudhan(10) keessatti yoo hin gaafatamne darbinsa yerootiin waan daangeeffamuuf
waggaa 10 booda gaaffii akkanaa gaafachuun himannaa Mana Murtiitti dhiheessuu hin danda'u,yoo himannaa dhiheeffates kufaa jalaa ta'a,shh keewwattoota 1677(1) fi 1845.
✅.Mormiin dhaamoo taasifame irratti dhiyaatu dhaamoon dubbifamee jedhe beekee kaasee mormii isaa torbee lama(2) keessatti Qulqulleessituu dhaalaatiif erga ibseen booda yeroo
itti aanu ji'a sadi(3) keessatti yoo ta'ee,fi sababa kamiinuu,garuu waggaa shan(5) keessatti mormii yoo dhiheessine darbiinsa yerootiin waan daangeeffamuuf booda
dhiheeffachuu hin danda'u,shh keewwata 973 fi 974.
✅.Himataan(dhaaltuun) mirgaa fi qabeenya dhaalaa himatamaan qabame,qabeenyicha deebisiisuuf qabeenyichi himatamaan qabamuu beeke irraa eegalee waggaa sadi(3)
keessatti yoo himannaa hin dhiheessine darba yerootiin waan daanga'uuf waggaa sadi booda gaafachuu hin danda'u,shh
keewwata 1000(1).
✅.Qabeenya dhaalaa ilaalchisee falmiin dhaalaa fi garee sadaffaa yookiin nama dhaaltuu hin taane jidduu ka'u darbiinsi
yeroo raawwatiinsa qabu waggaa kudhaniidha.Himanni waggaatti kudhan booda dhiyaatu kufaadha jechuudha,shh
keewwata 1845.
✅.Qabeenya dhaalaa ilaalchisee falmii dhaaltota jidduu ka'uuf darbiinsi yeroo rogummaa qabu waggaa 3/sadiidha,shh
keewwata 1000(1).
✅Himataan qabeenyi dhaalaa himatamaan jalaa qabamuu beekes beekuu baates dhaalchisaan erga du'e yookiin himataan mirga isaa gaafachuu danda'e irraa eegalee waggaa kudha shan(15) keessatti yoo hin gaafanne waggaa 15 booda darbiinsa yerootiin hafaa waan ta'uuf gaafachuu hin
danda'u,shh keewwata 1000(2).
✅.Gahee qoodinsa qabeenya dhaalaa ilaalchisee qoodinsi qabeenyaa raawwatamuu erga beekee kaasee waggaa tokko(1) keessatti gaaffii yoo hin dhiheessine darba yerootiin waan
daangeeffamuuf waggaa tokko booda gaafachuu hin danda'u.Sababa kamiinuu dhaalchisaan erga du'ee kaasee
herregamu waggaa kudhan(10) keessatti gaaffii gahee isaatiif yoo hin dhiheessine darbiinsa yeroo seerri kaa'een waan
daangeeffamuuf waggaa 10 booda gaafachuu hin danda'u,shh keewwata 1080(3).
✅.Waliigalteen kennaa erga taasifameen(raawwatameen) booda raawwiif waggaa 10 keessatti gaaffii yoo hin dhiheessine darbiinsa yerootiin waan daangeeffamuuf namni kennaan qabeenya argate sana waggaa 10 booda akka raawwatamuuf gaafachuu hin danda'u,shh keewwata 1676(1),fi 1845.
✅.Abbaan mirgaa qabeenya irratti erga murtiin kennameen booda waggaa 10 keessatti akkaataa murtiitiin akka raawwatamuuf yoo hin gaafanne yookiin iyyata raawwii yoo hin dhiheeffanne waggaa 10 booda akkaataa murtiitiin
akka raawwatamuuf gaafachuu hin danda'u,sdfhh keewwata 384.
✅.Waliigalteen akka raawwatamu yookiin waliigalteen waan hin raawwatamneef miidhaa qaqqabeef namni Beenyaa gaafatu waggaa 10 keessatti himannaa Mana Murtii idileetti
yoo hin dhiheessine darbiinsa yerootiin waan daangeeffamuuf waggaa 10 booda gaafii Beenyaa akka kanfalamuuf gaafachuu hin danda'u,shh keewwata 1845.
✅.Waliigaltee imaanaa yeroo meeshaan deebi'u caqafame meeshaan himatamaa biratti kaa'ame hanqina qaba jedhamee gaafatamu waggaa tokko(1) keessatti himanni yoo hin dhihaanne waggaa tokko booda dhihaachuu hin danda'u,shh keewwattoota 2291,2292,fi 2298(1).
✅.Darbiinsi yeroo waggaa lamaa seera hariiroo hawaasaa keewwata 1810(2) jalatti tumame raawwatiinsa kan qabu"waliigaltee hanqina eeyyamaa yookiin dandeettii dhabuutiin raawwatame diigsisuuf dhihaatu qofa irrattiidha.
✅.Waliigaltee meeshaa yookiin qabeenya Geejjiba Galaanaa ilaalchisee meeshaa harkatti erga galfatee kaasee
waggaa tokko(1) keessatti himata yoo hin dhiheessine waggaa 1 booda gaafachuu hin danda'u,Seera Galaanaa keewwattoota 146,203,180,fi shh keewwattoota 1826,1828,fi 1829(A).
✅.Dhimma waliigaltee ilaalchisee darbiinsi yeroo ifa ta'ee seeraan yoo hin tumamne,darbiinsi yeroo waliigaltee waliigalaa keessatti tumame waggaa 10(kudhan) raawwatiinsa qaba.
✅.Wabii qabiinsa qabeenya hin sochoone(Mortgage) ilaalchisee mirgi hafaa kan ta'u(Lapse of Mortgage right)
guyyaa waliigalteen qabiinsa qabeenyaa(wabii) galmaa'e irraa
eegalee waggaa kudhan(10) darbuun dura mirga qabiinsaa fayyadamuu yoo hin eegalle darbiinsa yerootiin waan
daangeeffamuuf waggaa 10 yoo darbe gaafachuu hin danda'u,shh keewwata 3058(1)(3).
✅.Beenyaa waliigalteen alaatiin miidhaa qaqqabeef gaafatamu,guyyaa miidhaan qaqqabe irraa kaasee waggaa lama(2) keessatti yoo himanni hin dhihaanne darbiinsa yerootiin waan daangeeffamuuf waggaa lama booda
gaafachuu hin danda'u,shh keewwata 2143(1).
✅.Qabeenya tasgabbaa'aa irratti jeequmsi ka'e akka dhaabbatuuf himanni dhihaatu waggaa 2 keessatti yoo hin
dhiyaanne waggaa lama booda himata dhiheessuu hin danda'u,yoo dhiheesses kufaadha,shh keewwata 1149(2).
✅.Dhimmoota Hojjataa fi Hojjachiisaa ilaallatan kamiyyuu guyyaa balleessaan raawwatame irraa eegalee waggaa tokko
(1) keessatti himannaa dhiheessuu danda'a,woggaan tokko yoo darbe immoo himannaa dhiheessuu hin danda'u,Labsii
Hojjataa fi Hojjachiisaa Lakkoofsa 1156/2011 keewwata 189.
✅.Qabiyyee Lafa Baadiyaa Naannoo Oromiyaa himatamaan itti fufiinsaan kunuunsaa waggaa 12 ol itti
fayyadamaa ture,waliigaltee seeraan alaatiin qabiyyicha qabachuu hanga hin mirkanoofnetti himanni himatamaa irratti
dhihaatu darbiinsa yeroo waggaa 12 tiin waan daangeeffamuuf waggaa 12 booda himanni yoo dhiyaate kufaadha.Dambii
Lakkoofsa 151/2005 keewwata 32.
✅.Gareen murtii Mana Murtii Hawaasummaa Gandaa irratti komii qabu,guyyaa 10 keessatti garagalchi Murtii akka kennamuuf gaafatee guyyaa 15 keessatti murtichi garagalfamee kennameefi,erga garagalcha Murtii fudhatee irraa kaasee guyyaa 30 keessatti ol'iyyata isaa Mana Murtii
idilee Aanaatti yoo hin dhiheeffanne guyyaa 30 booda dhiheeffachuu hin danda'u,Labsii Lakkoofsa 128/1999
keewwata 34(2)(3).
✅.Sirna ariirii irratti ol'iyyannichi murtiin erga kennamee kaasee guyyaa 10 keessatti dhihaachuu/gaafatamuu
qaba.Yeroo seerri kaa'e keessatti ol'iyyanni yoo hin gaafatamne yeroon darbinaan ol'iyyannisaa fudhatama hin
qabu.
✅.Murtiin yookiin ajajni bakka ani hin jirretti kenname akka naaf ka'u jedhamee gaafatamu,erga murticha yookiin
ajajicha beekee kaasee guyyoota 30 keessatti yoo iyyata hin dhiheessine Baatii tokko booda dhiheessuu hin danda'u,sdfhh*keewwata 78(1).
✅.Dhimma hariiroo hawaasaa irratti murtiin erga kennameen booda ol'iyyanni guyyoota 60 keessatti yoo hin
dhihaanne(hin gaafatamne) ji'a lama(2) booda ol'iyyannoo gaafachuu hin danda'u,sdfhh keewwata 323(1).
✅.Falmii hojii irratti murtiin erga kennameen booda ol'iyyanni ijibbaataatti guyyoota 90 keessatti dhihaachuu
qaba,ji'a sadi booda immoo ol'iyyanni ijibbaataatti gaafachuu hin danda'amu.
:"
✅.Jildii 24ffaa Lakk.Galmee 161650,
✅.Jildii 8ffaa Lakk.Galmee 38152,
✅.Jildii 11ffaa Lakk.Galmee 53223,
✅.Jildii 6ffaa Lakk.Galmee 25664,
✅.Jildii 11ffaa Lakk.Galmee 52407,
✅.Jildii 6ffaa L.G. 20295,25567,26422,
✅.Jildii 20ffaa L.G.120841,
✅.Jildii 10ffaa L.G.40418,
✅.Jildii 10ffaa L.G.42691,
✅.Jildii 8ffaa L.G.35018,
✅.Jildii 8ffaa L.G.29363,fi 38935,
✅Jildii 22ffaa L.G.131151,
✅.Jildii 10ffaa L.G.48094,
✅.Jildii 19ffaa L.G.101675,
✅.Jildii 12ffaa L.G.55229,
✅.Jildii 12ffaa L.G.48012,
✅.Jildii 14ffaa L.G.80642,
✅.Jildii 17ffaa L.G.98358,
✅.Jildii 8ffaa L.G.34940,
✅.Jildii 14ffaa L.G.78444,
✅.Jildii 11ffaa L.G.34406,
✅.Jildii 6ffaa L.G.34406,
✅.Jildii 21ffaa L.G.13698 fi 134188,
✅.Jildii 22ffaa L.G.140538 ta'an odeeffannoo dabalataatiif dubbisuu dandeessu "
!!
Maddi:-
Maddi:- /teyib Nure