Gola seeraa fi Galma Seenaa

Gola seeraa fi Galma Seenaa Seeraanis seenaanis namni haqa argata!

"Garuu dhumarratti namni of ajjeesuu caalaa jiraachuuf hamilee guddaa isa barbaachisa". —Albart Camus  ━━━━━━━━━━━Dhumat...
13/05/2025

"Garuu dhumarratti namni of ajjeesuu caalaa jiraachuuf hamilee guddaa isa barbaachisa".

—Albart Camus
━━━━━━━━━━━
Dhumatuu gahe jechuudhaa?
Gola seeraa fi Galma Seenaa

"Yaadaan dulloomuurra qaamaan dulloomuu wayya!"Gola seeraa fi Galma Seenaa
12/05/2025

"Yaadaan dulloomuurra qaamaan dulloomuu wayya!"
Gola seeraa fi Galma Seenaa

"𝐁𝐨𝐟𝐭𝐢 𝐠𝐨𝐠𝐚𝐚 𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐦𝐚𝐥𝐞𝐞 𝐚𝐦𝐚𝐥𝐚 𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐣𝐢𝐣𝐣𝐢𝐢𝐫𝐫𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮 𝐡𝐢𝐧 𝐝𝐚𝐧𝐝𝐚'𝐮" kanaaf bofti bofuma, kanaaf, "𝐀𝐦𝐚𝐥𝐥𝐢𝐢 𝐟𝐢 𝐓𝐮𝐥𝐥𝐮𝐮𝐧 𝐡𝐢𝐧 𝐠𝐨𝐝𝐚𝐚...
12/05/2025

"𝐁𝐨𝐟𝐭𝐢 𝐠𝐨𝐠𝐚𝐚 𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐦𝐚𝐥𝐞𝐞 𝐚𝐦𝐚𝐥𝐚 𝐢𝐬𝐚𝐚 𝐣𝐢𝐣𝐣𝐢𝐢𝐫𝐫𝐚𝐜𝐡𝐮𝐮 𝐡𝐢𝐧 𝐝𝐚𝐧𝐝𝐚'𝐮" kanaaf bofti bofuma, kanaaf, "𝐀𝐦𝐚𝐥𝐥𝐢𝐢 𝐟𝐢 𝐓𝐮𝐥𝐥𝐮𝐮𝐧 𝐡𝐢𝐧 𝐠𝐨𝐝𝐚𝐚𝐧𝐮" jedhama!

 ?  ==================➡️Namoonni sababa garaaraatiin imala, wal-gayii, leenjii kkf yeroo deemaan hoteelatti siree qabata...
11/05/2025

?

==================
➡️Namoonni sababa garaaraatiin imala, wal-gayii, leenjii kkf yeroo deemaan hoteelatti siree qabatanii buluun kan baratameedha. Akka seeraatti, hariiroo kana keessa mirgaa fi dirqamoota akkamiitu jira laata? Hoteela bultanii meeshaan keessan yoo isin jalaa bade eenyutu itti gaafatama? Hangamiif? Warri abbaa hoteelaa itti gaafatamummaa jalaa kan bahu danda’an yoomiidha? Qabxii jedhu seera rogummaa qabu waliin haa ilaallu.
-------------------
➡️ Maamilli siree qabachuuf gara hoteelaa/mana ciisichaa dhaqe tokko guyyaa sa’a 6:00 hanga bariituu isaa guyyaa irraa sa’a 6:00tti mana ciisichaa sana turuuf mirga qaba. Sa’aatii kana darbaa yoo ture guyyaa itti aanufis siree akka qabatetti lakkaa’ama [SHH kwt 2654, 2655].
-------------------
➡️ Yeroo turtii maamilaa kana keessatti abbaan hoteelaa nageenyaas ta’ee qabeenya maamilaaf eegumsa gochuuf dirqama qaba. Keessattuu, abbaan hoteelaa nyaataa fi dhugaatii maamila isaaf kan dhiyeessu yoo ta’e, nyaannii fi dhugaatii inni dhiyeessu qulqullinna kan qabuu fi fayyaa maamilaa irraan miidhaa kan hin geenya ta’uu qaba. Akkasumas meeshaaleen maamilli qabatee gara hoteelaa deemes akka maamila jalaa hin banne eeguuf dirqama ni qabaata. Sababa nyaataa fi dhugaatii hoteelli dhiyeesseef miidhaa maamila irra gahuuf akkasumas meeshaan maamilli qabatee gara hoteelichaa deeme kan jalaa bade yoo ta’e abbaan hoteelaa itti gaafatamummaa ni qabaata [Seera Hariiroo Hawaasaa kew.2657, 2658 fi 2663].
-----------------
➡️ Haa ta’u malee meeshaan maamilli qabatee gara hoteelaa dhaqe yoo jalaa bade abbaan hoteelaa hangamiif itti gaafatamuu danda’a? yoo maal godhe itti gaafatamummaa jalaa bahuu danda’a? kan jedhu ilaaluun murteessaadha. Akka qajeeltootti, itti gaafatamummaan abbaa hoteelaa murtaa’aa (limited) dha. Kana jechuun meeshaan maamila jalaa bade hanga fedhes yoo ta’e hangi itti gaafatamummaa abbaa hoteelaa Qr. 500 (dhibba shan) qofaadha [Seera Hariiroo Hawaasaa kew. 2664].
-----------------
➡️ Haala addaatiin (as an exception) abbaan hoteelaa tilmaama meeshaa maamila jalaa bade guutuu isaa kaffaluuf dirqama kan qabaatu:
i) miidhaan kan gahe badii abbaa hoteelichaa ykn maatii isaa ykn hojjataa isaatiin yoo ta’e [kew. 2665(1)];
ii) maamilli meeshicha adaraadhaan abbaa hoteelaatti kenneera yoo ta’e [kew.2665(2);
iii) abbaan hoteelaa meeshicha adaraadhaan akka kaa’u gaafatamee sababa gahaa malee dideera yoo ta’e hangi itti gaafatamummaa abbaa hoteelichaa kan hin murtoofne (unlimited) ta’a [kew. 2666(1)].
-------------
➡️ Gama biraatiin, abbaan hoteelaa guutumaan guutuutti itti gaafatamummaa jalaa bahuu kan danda’u:
i) meeshaan kan baduu danda’e sababa balleessaa maamilaatiin yoo ta’e;
ii) meeshichi kan bade sababa humnaa ol ta’een (force majeure) yoo ta’e;
iii) Maamilli meeshaan jalaa baduu isaa akkuma beekeen battalatti yoo beeksisuu baate;
iv) Itti gaafatamummaa hambisuu ykn xiqqeessuuf waliigalteen yoo jiraate abbaan hoteelaa guutumatti itti gaafatamummaa jalaa bahuu ni danda’a [SHH Kew. 2667, 2668, 2669].
--------------------
Kanaafuu, meeshaa gurguddaa kan akka laaptooppii, warqii faa isin jalaa hachisiisanii Qr. 500 fudhaa akka hin jedhamne of eeggannoo godhaa jechumaafidha.

𝐒𝐞𝐞𝐫𝐚 𝐛𝐞𝐞𝐤𝐮𝐮𝐧 𝐧𝐚𝐦𝐚 𝐟𝐚𝐲𝐲𝐚𝐝𝐚!
𝐆𝐚𝐚𝐟𝐚 𝐤𝐚𝐫𝐚𝐚 𝐝𝐞𝐞𝐦𝐭𝐚𝐧 𝐨𝐟 𝐞𝐞𝐠𝐠𝐚𝐧𝐧𝐨𝐨 𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐠𝐨𝐨𝐭𝐚𝐧𝐢𝐢𝐟𝐢𝐝𝐡𝐚!

Hubannoo seeraa biroof Gola seeraa fi Galma Seenaa follow, share godhaa hordofaa

11/05/2025

𝐌𝐨𝐠𝐠𝐚𝐚𝐬𝐚/𝐌𝐚𝐪𝐞𝐞𝐟𝐟𝐚𝐦𝐚 𝐌𝐚𝐧𝐧𝐞𝐞𝐧 𝐇𝐨𝐣𝐢𝐢 𝐐𝐚𝐚𝐦𝐨𝐥𝐞𝐞 𝐇𝐨𝐣𝐢-𝐫𝐚𝐚𝐰𝐰𝐚𝐜𝐡𝐢𝐢𝐟𝐭𝐮𝐮 𝐌𝐨𝐨𝐭𝐮𝐦𝐦𝐚𝐚 𝐍𝐚𝐚𝐧𝐧𝐢𝐜𝐡𝐚𝐚!
Labsii 242/2014
👇👇👇👇👇👇👇👇👇
Qaamoleen Raawwachiiftuu Mootummaa Naannichaa bifa haraatin irra deebiin maqeeffamanii hundeeffamaniiru:
👉Waajjira Pirezidaantii;
👉Biiroo Abbaa Alangaa Waliigalaa;
👉Biiroo Qonnaa
👉Biiroo Misooma Magaalaafi Manneenii
👉Biiroo Maallaqaa;
👉Biiroo Pabliik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa;
👉Biiroo Barnootaa
👉Biiroo Fayyaa
👉Biiroo Bulchiinsaafi Nageenyaa
👉Biiroo Bishaaniifi Inarjii
👉Biiroo Lafaa
👉Biiroo Daandiiwwaniifi Loojistiksii
👉Biiroo Dhaabbilee Misoomaa Mootummaa
👉Biiroo Misooma Jallisiifi Horsiisee Bulaa
👉Biiroo Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa
👉Biiroo Kominikeeshinii;
Biiroo Daldalaa fi Misooma Gabaa
👉Biiroo Dhimma Hojjataafi Hawaasummaa
👉Biiroo Dhimma Dubartootaafi Daa’immanii
👉Biiroo Aadaafi Turizimii;
👉Biiroo Investimantii fi Industirii
👉Biiroo Galiiwwanii;
👉Biiroo Dargaggoo fi Ispoortii;
Komishinii KarooraafiMisoomaa
👉Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa
👉Komishinii Hooggansa Sodaa Balaa fi Kaafamtoota Misoomaa
👉Komishinii Turiizimii
👉Komishinii Poolisii
👉Komishinii Manneen Sirreessaa
👉Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo
👉Abbaa Taayitaa Saayinsiifi Teknolojii
👉Abbaa Taayitaa Konistiraakshinii
👉Abbaa Taayitaa Misooma Albuudaa
👉Abbaa Taayitaa To’annoo Galteewwanii fi Oomisha Qonnaa
👉Abbaa Taayitaa Zoonii Diinagdee Addaa Gadaa
👉Ejensii Babal’ina Waldaalee Hojii Gamtaa
👉Ejensii Geejjibaa
👉Ejensii Galmeessa Siivilii
👉Ejensii Bittaa fi Dhabamsiisa Qabeenyaa
👉Ejensii Mirkaneessa Gahumsa Ogummaa
👉Yunivarsiitii Naannoo Oromiyaa
👉Kolleejjii Poolisii Oromiyaa
👉Inistitiyuutii Leenjii fi Qorannoo Seeraa
👉Inistiitiyuutii Qorannoo Qonnaa
👉Inistiitiyuutii Pilaanii Magaalotaa
👉Inistiitiyuutii Qorannoo fi Qo’annoo Oromoo
👉Oromiyaa Biroodkaastiingi Neetworkii
👉Waajjira Milishaa
👉Giddugala Aadaa Oromoo

𝙃𝙚𝙚𝙧𝙖𝙖 𝙛𝙞 𝙎𝙚𝙚𝙧𝙤𝙩𝙖 𝙄𝙩𝙤𝙤𝙥𝙝𝙞𝙮𝙖𝙖𝙩𝙞𝙞𝙣 𝙣𝙖𝙢𝙤𝙤𝙩𝙖 𝙢𝙞𝙧𝙜𝙖 𝙖𝙙𝙙𝙖𝙖 𝙦𝙖𝙗𝙖𝙣, 𝙠𝙖𝙣𝙣𝙚𝙚𝙣 𝙢𝙞𝙧𝙜𝙖 𝙦𝙖𝙗𝙖𝙢𝙪𝙪 𝙛𝙞 𝙝𝙞𝙢𝙖𝙩𝙖𝙢𝙪𝙪 𝙙𝙝𝙖𝙗𝙪𝙪 𝙦𝙖𝙗𝙖𝙣:-1. Miseenso...
11/05/2025

𝙃𝙚𝙚𝙧𝙖𝙖 𝙛𝙞 𝙎𝙚𝙚𝙧𝙤𝙩𝙖 𝙄𝙩𝙤𝙤𝙥𝙝𝙞𝙮𝙖𝙖𝙩𝙞𝙞𝙣 𝙣𝙖𝙢𝙤𝙤𝙩𝙖 𝙢𝙞𝙧𝙜𝙖 𝙖𝙙𝙙𝙖𝙖 𝙦𝙖𝙗𝙖𝙣, 𝙠𝙖𝙣𝙣𝙚𝙚𝙣 𝙢𝙞𝙧𝙜𝙖 𝙦𝙖𝙗𝙖𝙢𝙪𝙪 𝙛𝙞 𝙝𝙞𝙢𝙖𝙩𝙖𝙢𝙪𝙪 𝙙𝙝𝙖𝙗𝙪𝙪 𝙦𝙖𝙗𝙖𝙣:-

1. Miseensota Mana Maree Bakka Bu'oota
2. Abbootii Seeraa
3. Hawaasa Dippilomaatotaa
4. Komishinaaroota Komishinii Marii Biyyoolessaa
5. Miseensota Hoggansa Boordii Filannoo
6. Kaadhimamtoota Filannoof Galmaa'an.
7. Kominishinaaroota Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaati.

Tokko tokkoon seera mirga kana isaan goonfachiisu irratti fi haalota addaa irratti barreeffama biraatiin kan walitti deebinu ta'a.

Fuula Gola seeraa fi Galma Seenaa hordofuun hubannoo seeraa dabalataa argadhaa!!

☑️𝗛𝘂𝗯𝗮𝗻𝗻𝗼𝗼𝗳:'𝗦𝗵𝗮𝗸𝗸𝗮𝗺𝗮𝗮, 𝗛𝗶𝗺𝗮𝘁𝗮𝗺𝗮𝗮 𝗳𝗶 𝘀𝗶𝗿𝗿𝗲𝗲𝗳𝗳𝗮𝗺𝗮𝗮𝗻 𝗲𝗲𝗻𝘆𝘂? 𝗚𝗮𝗿𝗮𝗮𝗴𝗮𝗿𝘂𝗺𝗺𝗮𝗮𝗻 𝗶𝘀𝗮𝗮𝗻𝗶𝗶 𝗵𝗼𝗼?                 🔴1️⃣.𝐒𝐡𝐚𝐤𝐤𝐚𝐦𝐚𝐚!Sha...
11/05/2025

☑️𝗛𝘂𝗯𝗮𝗻𝗻𝗼𝗼𝗳:'

𝗦𝗵𝗮𝗸𝗸𝗮𝗺𝗮𝗮, 𝗛𝗶𝗺𝗮𝘁𝗮𝗺𝗮𝗮 𝗳𝗶 𝘀𝗶𝗿𝗿𝗲𝗲𝗳𝗳𝗮𝗺𝗮𝗮𝗻 𝗲𝗲𝗻𝘆𝘂? 𝗚𝗮𝗿𝗮𝗮𝗴𝗮𝗿𝘂𝗺𝗺𝗮𝗮𝗻 𝗶𝘀𝗮𝗮𝗻𝗶𝗶 𝗵𝗼𝗼?

🔴1️⃣.𝐒𝐡𝐚𝐤𝐤𝐚𝐦𝐚𝐚!

Shakkamaa jechuun gocha Yakkaa raawwateera jedhamuun kan shakkame akkaataa Seera Adeemsa Falmii Yakkaa tiin poolisiin ykn qaama jecha fuudhuuf Aangoon seeraan kennameef ta'e Eeruun himannaa Yakkaa kan itti dhiyaate jechuudha.

#ተጠርጣሪ

ተጠርጣሪ ማለት የወንጀል ድርጊት ፈፅሟል ተብሎ የተጠረጠረ እና በወንጀል ሥነ ሥርአት ህጉ መሰረት ለፖሊስ ወይም በህግ ክስ ለመቀበል ስልጣን ለተሰጠው አካል የወንጀል ክስ አቤቱታ ወይም ጥቆማ የቀረበበት ማንኛውም ሰው ነው፡፡

🟢 2️⃣.𝐇𝐢𝐦𝐚𝐭𝐚𝐦𝐚𝐚!
Himatamaa jechuun nama gocha Yakkaatiin shakkamee Qorannoo Yakkaatiin yakka itti shakkame raawwachuu isaatiif ragaa ga'aa fi amansiisaa ta'e irratti kan argame Abbaa Alangaa tiin himannaan irratti dhiyaatee dhimmi isaa Mana Murtiin ilaallamaa kan jiru fi nama murtiin itti hin kennamne kamuu jechuudha.

#ተከሳሽ

ተከሳሽ ማለት በወንጀል ድርጊት ተጠርጥሮ በፖሊስ የወንጀል ምርመራ የተጠረጠረበትን የወንጀል ድርጊት ስለመፈፀሙ በቂ እና አሳማኝ ማስረጃ ተገኝቶ በዐቃቤ ህግ ክስ ተመስርቶበት ጉዳዩ በፍርድ ቤት እየታየ ያለ እና የፍርድ ውሳኔ ያልተሰጠበት ማንኛውም ሰው ነው፡፡

🔴3️⃣.𝐒𝐢𝐫𝐫𝐞𝐞𝐟𝐟𝐚𝐦𝐚𝐚
Bu'uura Labsii Komishinii Manneen Sirreessaa Federaalaa Lakk 1174/2012 kew.2(8) tiin sirreeffamaa jechuun Mana Murtiin Murtii itti murtaa'e Mana Sirreessatti raawwachaa nama jiru jechuudha.

ታራሚ

በፌደራል ማረሚያ ቤት አዋጅ ቁጥር 1174/2012 አንቀጽ 2(8) መሰረት ታራሚ ማለት በፍርድ ቤት የተወሰነበትን ፍርድ በማረሚያ ቤት ውስጥ በመፈፀም ላይ የሚገኝ ሰው ነው፡፡
Gola seeraa fi Galma Seenaa follow share godhaa!Gola seeraa fi Galma Seenaa

Address

Nekemte, Welega
Nek'emte

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Gola seeraa fi Galma Seenaa posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share

Category