11/05/2025
?
==================
➡️Namoonni sababa garaaraatiin imala, wal-gayii, leenjii kkf yeroo deemaan hoteelatti siree qabatanii buluun kan baratameedha. Akka seeraatti, hariiroo kana keessa mirgaa fi dirqamoota akkamiitu jira laata? Hoteela bultanii meeshaan keessan yoo isin jalaa bade eenyutu itti gaafatama? Hangamiif? Warri abbaa hoteelaa itti gaafatamummaa jalaa kan bahu danda’an yoomiidha? Qabxii jedhu seera rogummaa qabu waliin haa ilaallu.
-------------------
➡️ Maamilli siree qabachuuf gara hoteelaa/mana ciisichaa dhaqe tokko guyyaa sa’a 6:00 hanga bariituu isaa guyyaa irraa sa’a 6:00tti mana ciisichaa sana turuuf mirga qaba. Sa’aatii kana darbaa yoo ture guyyaa itti aanufis siree akka qabatetti lakkaa’ama [SHH kwt 2654, 2655].
-------------------
➡️ Yeroo turtii maamilaa kana keessatti abbaan hoteelaa nageenyaas ta’ee qabeenya maamilaaf eegumsa gochuuf dirqama qaba. Keessattuu, abbaan hoteelaa nyaataa fi dhugaatii maamila isaaf kan dhiyeessu yoo ta’e, nyaannii fi dhugaatii inni dhiyeessu qulqullinna kan qabuu fi fayyaa maamilaa irraan miidhaa kan hin geenya ta’uu qaba. Akkasumas meeshaaleen maamilli qabatee gara hoteelaa deemes akka maamila jalaa hin banne eeguuf dirqama ni qabaata. Sababa nyaataa fi dhugaatii hoteelli dhiyeesseef miidhaa maamila irra gahuuf akkasumas meeshaan maamilli qabatee gara hoteelichaa deeme kan jalaa bade yoo ta’e abbaan hoteelaa itti gaafatamummaa ni qabaata [Seera Hariiroo Hawaasaa kew.2657, 2658 fi 2663].
-----------------
➡️ Haa ta’u malee meeshaan maamilli qabatee gara hoteelaa dhaqe yoo jalaa bade abbaan hoteelaa hangamiif itti gaafatamuu danda’a? yoo maal godhe itti gaafatamummaa jalaa bahuu danda’a? kan jedhu ilaaluun murteessaadha. Akka qajeeltootti, itti gaafatamummaan abbaa hoteelaa murtaa’aa (limited) dha. Kana jechuun meeshaan maamila jalaa bade hanga fedhes yoo ta’e hangi itti gaafatamummaa abbaa hoteelaa Qr. 500 (dhibba shan) qofaadha [Seera Hariiroo Hawaasaa kew. 2664].
-----------------
➡️ Haala addaatiin (as an exception) abbaan hoteelaa tilmaama meeshaa maamila jalaa bade guutuu isaa kaffaluuf dirqama kan qabaatu:
i) miidhaan kan gahe badii abbaa hoteelichaa ykn maatii isaa ykn hojjataa isaatiin yoo ta’e [kew. 2665(1)];
ii) maamilli meeshicha adaraadhaan abbaa hoteelaatti kenneera yoo ta’e [kew.2665(2);
iii) abbaan hoteelaa meeshicha adaraadhaan akka kaa’u gaafatamee sababa gahaa malee dideera yoo ta’e hangi itti gaafatamummaa abbaa hoteelichaa kan hin murtoofne (unlimited) ta’a [kew. 2666(1)].
-------------
➡️ Gama biraatiin, abbaan hoteelaa guutumaan guutuutti itti gaafatamummaa jalaa bahuu kan danda’u:
i) meeshaan kan baduu danda’e sababa balleessaa maamilaatiin yoo ta’e;
ii) meeshichi kan bade sababa humnaa ol ta’een (force majeure) yoo ta’e;
iii) Maamilli meeshaan jalaa baduu isaa akkuma beekeen battalatti yoo beeksisuu baate;
iv) Itti gaafatamummaa hambisuu ykn xiqqeessuuf waliigalteen yoo jiraate abbaan hoteelaa guutumatti itti gaafatamummaa jalaa bahuu ni danda’a [SHH Kew. 2667, 2668, 2669].
--------------------
Kanaafuu, meeshaa gurguddaa kan akka laaptooppii, warqii faa isin jalaa hachisiisanii Qr. 500 fudhaa akka hin jedhamne of eeggannoo godhaa jechumaafidha.
𝐒𝐞𝐞𝐫𝐚 𝐛𝐞𝐞𝐤𝐮𝐮𝐧 𝐧𝐚𝐦𝐚 𝐟𝐚𝐲𝐲𝐚𝐝𝐚!
𝐆𝐚𝐚𝐟𝐚 𝐤𝐚𝐫𝐚𝐚 𝐝𝐞𝐞𝐦𝐭𝐚𝐧 𝐨𝐟 𝐞𝐞𝐠𝐠𝐚𝐧𝐧𝐨𝐨 𝐚𝐤𝐤𝐚 𝐠𝐨𝐨𝐭𝐚𝐧𝐢𝐢𝐟𝐢𝐝𝐡𝐚!
Hubannoo seeraa biroof Gola seeraa fi Galma Seenaa follow, share godhaa hordofaa